Nabiyyicha Jaalatamaa

AMALA OL’AANAA NABIYYII KEENYA KABAJAMAA1

Allaahu ta’aalaan gaarummaa fi qananii Nabiyyii Isaa jaalatamaaf (sallallaahu alayhi wa sallam) kenne lakkaa’aa, onnee isaa eebbifamaa utuu jajjabeessuu: “Ati amala gaarii qabaattee uumamte” jedha.2

Aayata kabajamaa keessatti hiikaan: “Shakkii malee ati khuluq aziim irra jirta (ati amala guddaa qabda)” jedhameera. Khuluq aziim jechuun Allaahu ta’aalaa wajjin iccitii fi wantoota dhokataa qabaachuu, namoota gidduutti immoo amala gaarii qabaachuu jechuu dha. Ikrimaan akkana jedha: “Abdullaah bin Abbaas irraa dhaga’e: aayata kabajamaa kana keessatti ‘khuluq aziim’, jechuunis amaloonni gaggaariin, amala (akhlaaqa) Qur’aanni Kabajamaan beeksise dha.”

Namoonni baay’een amantii Islaamaa akka seenaniif amalli gaariin Ergamaa Rabbii sababa ta’e.

Dubbiin isaa baay’ee mi’aawaa ture; onnee namaa ni fudhata, ruuhiiwwanis ni harkisa ture. Sammuun isaa hammam guddaa ture: Walakkaa-odola Arabaa keessatti namoota gogaa fi mataa jabeeyyii gidduutti dhufe. Baay’ee gaariitti isaan bulche; cunqursaa isaanii obsee gara laafinaa fi ajajamuutti isaan fide. Baay’een isaanii amantii isaanii dhiisanii Muslima ta’an; karaa amantii Islaamaa irratti abbootii isaanii fi ilmaan isaanii wajjin lolan.

Isaaf jedhanii qabeenya isaanii fi biyya isaanii aarsaa godhanii, dhiiga isaanii dhangalaasan. Ta’us wantoota akkasiitti hin baramne turan. Amalli isaa gaariin, laafinni isaa, dhiifamni isaa, obsi isaa, gaarummaa fi kabajni isaa hamma nama hunda dinqisiisutti baay’ee ture. Warri isa arganii fi dhaga’an fedhiidhaan Muslima ta’u turan. Sochii isaa kamiyyuu, hojii isaa kamiyyuu fi dubbii isaa kamiyyuu keessatti yoomiyyuu fokkisaan yookaan hir’inni tokkollee hin argamne. Ofii isaatiif nama tokkollee irratti utuu hin mufatin, diinota amantii fi warra amantiitti arraba fi harka diriirsan irratti garuu jabaa fi cimaa ture.

Muhammad alayhis-salaam irraa mu’jizaawwan kumaatamaan lakkaa’aman mul’ataniiru; kana michuu fi diinni hundi dubbateera. Mu’jizaawwan kana keessaa isa gatii guddaa qabu naamusa qabeessa fi amala gaarii qabaachuu isaa ture. Abuu Sa’iid Khudrii akkana jedhe: “Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) horiif marga kenna ture. Gaala hidhaa ture. Mana isaa haxaawa ture. Hoolaa elmaa ture. Kophee isaa isa tarsa’e hodhaa, uffata isaa isa keessaa suphaa ture.3 Tajaajilaa isaa wajjin nyaata ture. Yeroo tajaajilli isaa dhagaa daakuu harkaa naannessuun dadhabu ni gargaara ture. Gabaa irraa waan adda addaa bitee korojoo keessa kaa’ee mana fida ture. Yeroo hiyyeessa, sooressa, guddaa fi xiqqaa wajjin wal argu, dursee salaama kenna ture. Isaan wajjin musaafahaa gochuuf harka isaa eebbifamaa dursee diriirsa ture. Garbicha fi abbaa isaa, nama ulfina qabu, gurraachaa fi adii walqixa godha ture. Namni kamiyyuu yoo ta’e, iddoo itti waamame ni deema ture. Waan fuuldura isaa kaa’ame, xiqqaa yoo ta’e illee, salphaa yookaan gadi aanaa godhee hin ilaalu ture.

Galgala irraa ganamaaf, ganama irraa galgalaaf nyaata hin kuusu ture. Amala gaarii qaba ture. Gaarii hojjechuu jaallata, nama hunda wajjin gaariitti jiraata ture. Fuula seeqaa fi dubbii mi’aawaa qaba ture; yeroo dubbatu hin kolfu ture. Gaddaa fakkaata ture; garuu qaraaba isaa walitti hin qabu ture. Gad of qabaa ture; garuu uumama gadi aanaa hin qabu ture. Haybaa qabeessa ture; kabajaa fi sodaa uuma ture, garuu gogaa hin turre. Garaa laafaa fi arjaa ture; garuu qisaasa hin godhu, iddoo faayidaa hin qabneetti waa hin kennu, nama hundaafis garaa laafa ture. Mataan isaa eebbifamaan yeroo hunda gara fuulduraatti gad jedhee ture. Nama tokko irraa waan tokkollee hin eeggatu ture. Namni gammachuu (sa’aadaa) fi tasgabbii barbaadu akka isaa ta’uu qaba.” Anas bin Maalik akkana jedhe: “Ergamaa Rabbii waggaa kudhan tajaajile. Al tokko illee ‘uf!’ naan hin jenne. Gonkumaa: ‘Kana maaliif akkas goote?’ yookaan ’Sana maaliif hin goone?’ naan hin jenne.”4 Abuu Hurayraan akkana jedhe: “Duula tokko keessatti, kaafiroonni akka balleeffamaniif du’aa akka godhu isa gaafanne. Innis: ‘Ani abaaruuf, namoonnis akka adabamaniif hin ergamne. Ani nama hundaaf gaarii hojjechuu fi namoonni tasgabbii akka argataniif ergame’ jedhe.”5 Allaahu ta’aalaan aayata kabajamaa 107ffaa Suuraa al-Anbiyaa keessatti hiikaan akkana jedha: “Nuti aalama hundaaf rahmataa fi gaarummaa godhinee si ergine.”

Abuu Sa’iid Khudrii akkana jedhe: “Qaaniin (hayaan) Ergamaa Rabbii qaanii shamarran durbaa Islaamaa caala ture.”6

Anas bin Maalik akkana jedha: “Ergamaan Rabbii yeroo nama tokko wajjin musaafahaa godhu, hanga namichi harka isaa hin harkifnetti harka isaa eebbifamaa isa irraa hin fudhatu ture.7 Hanga namichi fuula isaa hin garagalchinetti, fuula isaa eebbifamaa isa irraa hin garagalchu ture. Yeroo nama tokko bira taa’u, jilba isaa lamaan irra taa’a ture; isaaf kabaja argisiisuuf jilba isaa eebbifamaa ol dhaabee hin taa’u ture.”

Jaabir bin Samuraan akkana jedha: “Ergamaan Rabbii xiqqoo dubbata ture. Yeroo barbaachisaa ta’e yookaan yeroo wanti tokko gaafatamu dubbata ture.” Kana irraa akka Muslimni hundi dubbii faayidaa hin qabne dubbachuu dhiisee callisuu qabu hubatama. Dubbii isaa eebbifamaa keessa tartiilaa fi tarsiilatu ture; jechuunis baay’ee ifaa fi tartiibaan dubbata, salphaattis hubatama ture. Anas bin Maalik akkana jedhe: “Rasuula alayhis-salaam dhukkubsataa gaafachuu deema, janaazaa duukaa deema, iddoo itti waamame ni deema ture. Harree illee ni yaabbata ture. Duula Khaybar keessatti Rasuula alayhis-salaam arge. Harree luugamni isaa funyoo ta’e irra ture. Rasuula alayhis-salaam yeroo salaata Subhii booda ba’u, ijoolleen fi hojjettoonni Madiinaa qodaawwan isaanii bishaaniin guutaman fuuldura isaa fidanii, quba isaa eebbifamaa keessa akka cuuphu kadhatu turan. Ganna fi bishaan qabbanaa’aa yoo ta’e illee, gaaffii isaanii hin deebisu ture; onnee isaanii ni gammachiisa ture.”8

Ammas Anas akkana jedha: “Intalli xiqqoon tokko yoo harka Rasuula alayhis-salaam qabattee hojii tokkoof isa fudhatte, ishee wajjin deemee rakkoo ishee ni furaaf ture.”

“Shakkii malee ati khuluq aziim irra jirta (ati amala guddaa qabda)” Qalam: 4

Jaabir akkana jedha: “Rasuula alayhis-salaam irraa wanti tokko gaafatamee ‘hin jiru’ yommuu jedhu hin dhaga’amne.”

Nabiyyiin keenya kabajamaan qaanii (hayaa) qabaachuunis uumamtoota hunda caala ture. Waan hin malleef iji isaa akka waan cufamee ture. Nama tokkollee waan inni hin jaallanneen hin dubbisu ture.

Haati teenya Aa’ishaan akkana jette: “Sayyida keenya Ergamaa Rabbiitti yeroo namni tokko waan hin jaallatamne hojjechuun isaa himamu, maqaa isaa utuu hin dhahin, hiika waliigalaatiin: ‘Maaliif akkas godhu?’ jedha ture. Akkasiin nama sana hojii yookaan dubbii hamaa inni hojjete irraa dhoorka ture, maqaa isaas hin dhahu ture.”9

Anas bin Maalik akkana jedhe: “Guyyaa tokko namni tokko, kan fuula isaa irratti wanti halluu keelloo qabu maxxanee ture, Nabiyyii keenya kabajamaa bira seene. Homaa itti hin jenne. Waan isa gaddisiisu hin dubbanne. Yeroo inni ba’u: ‘Utuu isin itti himtanii, inni waan fuula isaa irra jiru dhiqatee silaa!’ jedhe.”10

Sayyida keenya Ergamaan Rabbii saboota walitti fida ture. Wal akka jibban hin godhu ture. Hangafa saba hundaa ni kabaja, iddoo ulfinaa irras ni taa’isa ture.

Nama tokkollee bifa isaa eebbifamaa arguu irraa hin dhoorku ture. Sahaabota isaa barbaada, warra hin dhufne ni gaafata ture. Warra bira taa’aniif gorsa kenna, qooda isaaniis ni kenna ture.

Haala inni itti dhihaatuun, akka inni nama tokko nama biraa caalaa jaallatu yaadni onnee nama tokkootti hin dhufu ture. Nama komachuuf bira dhufe ni obsa, ni dhaggeeffata ture.

Hanga namichi dhufe bira hin kaanetti, isa dhiisee hin deemu ture. Namoota hundaaf amala isaa gaarii fi naamusa isaa haala caalaatti gaarii ta’een dhiheessa ture. Isa biratti haqaa fi qajeelummaa keessatti namni hundi walqixa ture. Namni tokko nama biraa irratti ol’aanummaa yookaan addummaa hin qabu ture. Haati teenya Aa’ishaan akkana jette: “Nama akka Sayyida keenya Ergamaa Rabbii amala gaarii qabu gonkumaa hin argine. Yeroo Sahaabota isaa keessaa yookaan Ahlul-Bayt isaa keessaa namni tokko isa waamu, dhugumaan: ‘Abee, dubbadhu!’ jedhee deebisa ture.”11

Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Sahaabota isaa maqaa caalaatti bareedaan waama ture; dubbii nama tokkoos gidduutti hin kutu ture. Hanga namni inni waliin dubbatu dubbii isaa hin xumurinitti yookaan deemuuf hin kaanetti, dubbii isaa hin kutu ture. Waa’ee gaarummaa, kunuunsaa fi rahmata isaa irratti Allaahu ta’aalaan aayata kabajamaa 128ffaa Suuraa at-Tawbaa keessatti hiikaan akkana jedhe: “Rakkachuun keessan isa miidha, isa gaddisiisa. Isinitti baay’ee yaadda’a; mu’minootaaf baay’ee rahmata qabeessa dha, gaarummaa baay’ees isaaniif hawwa.”

Akkasumas aayata kabajamaa 107ffaa Suuraa al-Anbiyaa keessatti hiikaan akkana jedhe: “(Yaa Habiiba Koo!) Nuti aalama hundaaf rahmata qofa godhinee si ergine.”

Nabiyyiin keenya kabajamaan, wantoonni tokko tokko ummata isaatti akka rakkisaa ta’an yaaddoo qabuun, isaan salphisa ture. Akkana jedhe: “Utuu ummata kootti rakkoo fiduu baadhee, udhuu hunda irratti miswaaka akka fayyadaman isaan ajajan ture.”12 Waadaa eeguunis namoota keessaa namni Nabiyyii keenya kabajamaa caalu hin dhufne. Abdullaah bin Abil-Hamsaa akkana jedhe: “Utuu nabiyyummaan isaaf hin beeksifamin dura Nabiyyii keenya wajjin daldala hojjedheen ture. Herrega isaa irraa maallaqni hafaan tokko ture. Yeroo akkasii fi iddoo akkasii akka wal agarru waadaa itti galee irraanfadhe. Guyyaa sadii booda waadaa koo yommuun yaadadhu, battaluma gara iddoo sanaatti fiige. Inni guyyaa sadiif achitti na eegaa akka jiru yommuun argu, dinqisiifannaan dhagaa ta’ee hafe. Innis: ‘Yaa dargaggeessa, na dadhabsiifte! Ani guyyaa sadii guutuu asitti si eegaa jira’ naan jedhe.” Gad of qabuun Nabiyyii keenya kabajamaa hamma nama kamiyyuu keessatti, nabiyyii (alayhimus-salaam) kamiyyuu keessatti illee hin argamnetti guddaa fi kan fakkaataa hin qabne ture.

Of tuulummaan gonkumaa isa keessatti hin uumamne. Nabiyyiin keenya nabiyyii mootii ta’uu fi nabiyyii garbicha Rabbii ta’uu gidduutti filannoon yommuu kennamuuf, inni nabiyyii garbicha Rabbii ta’uu filate.13 Kana irratti Israafiil alayhis-salaam Nabiyyii keenya kabajamaatiin akkana jedhe: “Shakkii malee Allaahu ta’aalaan amala isin gad of qabuudhaan agarsiiftan sana illee isiniif kenneera. Sababni isaas Guyyaa Qiyaamaa isin ilmaan Aadam keessaa isa guddaa dha. Namni jalqaba qabrii isaa keessaa ka’u isin. Kan jalqaba shafaa’aa godhus isin.”

Nabiyyiin keenya kabajamaan haadha teenya Aa’ishaadhaan akkana jedhe:

“Dhagaa fi biyyeen Makkaa warqee akka ta’u naaf dhihaate. Ani: ‘Lakki, yaa Rabbii koo! Guyyaa tokko beela’ee, guyyaa tokko immoo quufee haan jiraadhu. Guyyaa beela’e Si kadhadhee du’aa Siif nan godha. Guyyaa quufe Si faarsee Si nan jaja’ jedhe.”14

Guyyaa tokko Jibriil alayhis-salaam Nabiyyii keenya kabajamaa bira dhufee akkana jedhe:

“Allaahu ta’aalaan salaama isiniif erga. Inni yoo fedhe, tulluuwwan kana isaaf warqee nan godha. Iddoo inni deemu hundatti tulluuwwan warqee sun isa wajjin ni deemu.”

Nabiyyiin keenya jaalatamaan akkana jedhe: “Yaa Jibriil! Addunyaan mana nama mana hin qabnee ti; akkasumas qabeenya nama qabeenya hin qabnee ti. Nama sammuu hin qabne malee namni ishee hin kuusu.”15 Kana irratti Jibriil alayhis-salaam: “Yaa Muhammad! Allaahu ta’aalaan jecha jabaataatiin (qawl-i saabit) isin jabeesseera” jedhe.

Haati teenya Aa’ishaan akkana jette: “Yeroo tokko tokko ji’a guutuu eeggachaa turre; mana keenya keessatti (nyaata bilcheessuuf) ibidda hin qabsiisnu turre. Timiraa fi bishaan qofatu ture.”

Ibn Abbaas akkana jedhe: “Sayyida keenya Ergamaan Rabbii fi Ahlul-Bayt isaa halkan baay’ee irbaata utuu hin nyaatin rafu turan. Galgala waan nyaatan hin argatan turan.” Haati teenya Aa’ishaan akkana jette: “Garaan Sayyida keenya Ergamaa Rabbii eebbifamaan gonkumaa nyaataan hin quufne. Kana irratti nama tokkotti illee hin komanne. Hiyyummaan isaaf sooromuu caalaa gaarii ture. Halkan guutuu beelaan yoo micciirame illee, kun soomana guyyaa irraa isa hin dhoorku ture.16

“Dhagaa fi biyyeen Makkaa warqee akka ta’u naaf dhihaate. Ani: ‘Lakki, yaa Rabbii koo! Guyyaa tokko beela’ee, guyyaa tokko immoo quufee haan jiraadhu. Guyyaa beela’e Si kadhadhee du’aa Siif nan godha. Guyyaa quufe Si faarsee Si nan jaja’ jedhe” Hadiisa shariifa

Utuu fedhee, Rabbii isaa irraa kuusaawwan lafaa hunda, nyaata ishee fi jireenya qananii ni kadhata ture. Nan kakadha, yeroon haala isaa kana argu, garaan naa laafee nan boo’a ture. Harka kootiin garaa isaa eebbifamaa haxaawaa akkana jedha ture:

‘Lubbuun koo isiniif haa wareegamtu! Addunyaa kana irraa faayidaa isin jabeessu tokko tokko utuu argattanii hin ta’uu?’

Innis: ‘Yaa Aa’ishaa! Ani addunyaa maal godhaa? Obboloonni koo nabiyyoota keessaa warri ulul-azmii ta’an, kana caalaa rakkoo cimaa obsaniiru. Garuu haala sanaan jireenya isaanii itti fufan. Rabbii isaanii bira ga’an. Kanaafuu Rabbiin isaanii deebii isaanii gara Isaatti baay’ee bareechee, mindaa isaanii dabaleef. Ani jireenya qananii jiraachuu nan qaana’a; sababni isaas jireenyi akkasii isaan duubatti na hambisa. Anaaf wanti caalaatti bareedaa fi jaallatamaa ta’e obboloota koo, michoota koo bira ga’uu fi isaanitti makamuu dha’ jedha ture.”

Haati teenya Aa’ishaan akkana jette: “Ergamaan Rabbii dubbii kana erga dubbatee gara ji’a tokko booda addunyaa kana irraa boqote.” Arjummaan Nabiyyii keenya kabajamaas afaan hundaan kan himamu ture. Amala gaarii kana keessattis namni tokkollee Nabiyyii keenya ga’uu hin dandeenye.

Ibn Abbaas akkana jedhe: “Sayyida keenya Ergamaan Rabbii gaarii hojjechuu keessatti namoota keessaa isa caalaatti arjaa ture. Ji’a Ramadaana ulfaataa keessa fi yeroo Jibriil alayhis-salaam wajjin wal argu, bubbee ganamaa caalaa arjaa ture.” Anas bin Maalik akkana jedha: “Rasuula alayhis-salaam wajjin deemaa ture. Inni burdi Najraanii, jechuunis uffata gubbaa huccuu Yamaniitii, uffatee ture. Namni baadiyyaa tokko duubaan dhufee, morma uffata sanaa hamma mormi uffataa morma isaa eebbifamaa xuruursee mallattoon itti hafutti harkise. Rasuula alayhis-salaam haala nama sanaatti kolfee, wanti tokko akka isaaf kennamu ajaje.” Rasuula alayhis-salaam ollaa jaartii tokko qaba ture. Isheen intala ishee Rasuula alayhis-salaam bira ergitee: “Salaata salaachuuf uffata ittiin of haguugu hin qabu. Uffata salaata keessatti ittiin of haguugu naaf ergaa” jettee kadhatte. Rasuula alayhis-salaam yeroo sanatti uffata biraa hin qabu ture. Qamiisa qaama isaa eebbifamaa irra ture baasee dubartii sanaaf erge. Yeroon salaataa yommuu ga’u, uffata malee masjiida deemuu hin dandeenye. Sahaabonni haala kana yommuu dhaga’an: “Rasuula alayhis-salaam hammas arjummaa godha, kan qamiisa malee hafee jamaa’aaf masjiida dhufuu hin dandeenye. Nutis waan qabnu hunda hiyyeeyyiif haa qoodnu” jedhan. Allaahu ta’aalaan battaluma aayata kabajamaa 29ffaa Suuraa al-Israa buuse. Jalqaba Habiiba Isaatiin hiikaan akkana jedhe:

“Harka kee morma keetti hin hidhin, guutummaattis hin diriirsin (qabeenya kee hin qabatin, kennuu hin didin)”, achiis immoo: “Qabeenya kee haala ofii keetiif waan tokkollee hin hambifne ta’een hin qoodin (hamma rakkoo keessa seentee salaata dabarsitee gadditu)! (Sadaqaa kennuu keessatti giddu galeessa ta’i.)”

Guyyaa sana salaata booda Aliyyi Ergamaa Rabbii bira dhufee: “Yaa Ergamaa Rabbii! Har’a nafaqaa maatii kootiif dirhama meetii saddeet liqeeffadhee ture. Walakkaa isaa isiniif nan kenna. Qamiisa ofii keessaniif bitadhaa” jedhe. Rasuula alayhis-salaam gabaa ba’ee dirhama lamaan qamiisa tokko bite. Dirhama lamaan hafaniin nyaata bituuf utuu deemuu, jaamaa tokko taa’ee arge; inni: “Rabbiin akka na jaallatuuf, uffata Jannataa argachuuf jedhee, eenyutu qamiisa naaf kenna?” jechaa ture. Qamiisa bite sana isaaf kenne. Jaamaan qamiisa harkatti yommuu qabatu, urgaa akka miskii bareedaa dhaga’e. Urgaan kun harka eebbifamaa Rasuula alayhis-salaam irraa akka dhufe hubate; sababni isaas wanti Rasuula alayhis-salaam al tokko uffate hundi, dulloomee yoo bittinnaa’e illee, kutaan isaa hundi akka miskii urgaa gaarii qaba ture.

Jaamaan du’aa godhee: “Yaa Rabbii! Kabaja qamiisa kanaatiif ija koo naaf bani!” jedhe. Iji isaa lamaanuu battaluma banaman. Rasuula alayhis-salaam achii deeme. Dirhama tokkoon qamiisa tokko bite. Dirhama isa dhumaatiin nyaata bituuf utuu deemuu, intala tajaajiltuu tokko boo’aa jirtu argee: “Yaa intala koo, maaliif akkas boossa?” jedhe. Intalli: “Ani tajaajiltuu Yahuudii tokkoo ti. Dirhama tokko naaf kennee: ‘Walakkaa dirhamaan qaaruuraa tokko, walakkaa dirhamaan immoo zayitii bitadhu’ naan jedhe. Isaan bitadhee deemaa utuun jiruu, harka koo keessaa kufan. Qaaruuraanis zayitiinis bade; amma waanan godhu wallaale” jette. Rasuula alayhis-salaam dirhama isaa isa dhumaa intalaaf kennee: “Kanaan qaaruuraa fi zayitii bitadhuutii mana geessi” jedhe. Intalli hiyyeettiin garuu: “Mana dhufuu waanan tureef Yahuudiin akka na rukutu nan sodaadha” yommuu jettu, Rasuula alayhis-salaam: “Hin sodaatin! Si wajjin dhufee akka waan tokkollee sitti hin goone isatti nan hima” jedhe. Mana ga’anii balbala rukutan. Yahuudiin balbala banee Sayyida keenya Ergamaa Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) yommuu argu, dinqisiifatee dhaabate. Ergamaan Rabbii waan ta’e Yahuudiitti himee, akka intalli sun waan tokkollee hin rakkannee shafaa’aa godheef. Yahuudiin miila Ergamaa Rabbii irratti kufee akkana jedhe: “Yaa Nabiyyii guddaa, gonfoo mataa namoota kumaatamaa, kan leenciin kumaatamni ajaja keessan raawwachuuf eeggatan! Tajaajiltuu tokkoof jettanii balbala nama hiyyeessa akka kootii dhufuu keessaniin kabajjan. Yaa Ergamaa Rabbii! Ulfina keessaniif jedhee intala kana bilisa baaseera. Iimaana, Islaamummaa na barsiisaa. Fuuldura keessanitti Muslima haan ta’u.” Rasuula alayhis-salaam Islaamummaa isa barsiise. Inni Muslima ta’e. Mana isaa seenee maatii isaatti hime. Hundi isaanii Muslima ta’an. Wanti kun hundi barakaa amala gaarii Ergamaa Rabbiitiin ta’e.

Muslimni hundi haala Ergamaa Rabbii kana ofii isaatiif fakkeenya godhachuu qaba. Muslima hundaaf amala Allaahu ta’aalaatiin of miidhagsuun barbaachisaa dha. Sababni isaas Sayyida keenya Ergamaan Rabbii: “Amala Allaahu ta’aalaatiin of amaleessaa!” jedhe. Fakkeenyaaf, sifaawwan Allaahu ta’aalaa keessaa tokko “Sattaar” dha. Jechuunis cubbuu kan haguugu Isa.

Muslimnis hir’inaa fi dogoggora obboleessa isaa amantii keessaa haguuguu qaba. Allaahu ta’aalaan cubbuu gabroota Isaa ni dhiisa. Kanaafuu Muslimoonnis hir’inaa fi dogoggora wal irraa dhiisuu qabu. Allaahu ta’aalaan Kariim fi Rahiim dha. Jechuunis tolli fi kennaan Isaa baay’ee, rahmanni Isaas guddaa dha. Muslimni arjaa fi rahmata qabeessa ta’uu qaba. Amaloonni gaggaariin hundis akkasuma.

“Eeyyee! Akka isin waan hunda hojjettan nan beeka. Garuu warra hojii hojjetan irraa adda ba’ee taa’uu hin barbaadu. Allaahu ta’aalaan nama hiriyyoota isaa irraa adda ba’ee taa’u hin jaallatu” Hadiisa shariifa

Amaloonni gaggaariin Rasuula alayhis-salaam baay’ee baay’ee dha. Muslimni hundi isaan baratee, akka isaanii of amaleessuu qaba. Akkasiin addunyaa fi Aakhiraa keessatti balaa fi rakkoo irraa baraaramuu fi shafaa’aa Sayyida Aalamota Lamaanii sanaa argachuun isaaf ni kennama.

Amaloota isaa gaggaarii keessaa tokko tokko:

1. Beekumsa, ma’rifaa (irfaana), hubannaa (fahma), mirkanaa’ummaa (yaqiina), amantii jabaa (iiqaana), sammuu, qaroomina, arjummaa, gad of qabuu, obsa laafaa (hilma), kunuunsa, obsa, carraaqqii, ofittummaa amantii (hamiyyaa), dhugummaa, amanamummaa, gootummaa, haybaa (mahaabaa), jabina, dubbii gaarummaa, qulqullina afaanii, hubannaa qaroo, namatti toluu (malaahaa), of eeggannoo (wara’a), qulqullummaa, arjummaa ol’aanaa, haqummaa, qaanii (hayaa), addunyaa tuffachuu (zuhda) fi taqwaa keessatti Ergamaan Rabbii (sallallaahu ta’aalaa alayhi wa sallam) nabiyyoota hunda caala ture.

2. Miidhaa fi rakkoo michuu fi diina isaa irraa argate ni dhiisa ture. Isaan keessaa tokkoofillee haaloo hin baasu ture. Lola Uhud irratti yeroo kaafiroonni boqoo isaa eebbifamaa dhiigsanii ilkaan isaa cabsan, warra kana godhaniif: “Yaa Rabbii! Isaaniif dhiisi! Wallaalummaa isaaniitiif isaaniif dhiisi!” jedhee du’aa godhe.

3. Kunuunsi isaa baay’ee ture. Horiif bishaan obaasa ture. Qodaa bishaanii harka isaatiin qabatee hanga isaan quufanitti eeggata ture. Fuula fi ija farda inni yaabbatu ni haqaaf ture.

4. Nama isa waame hundaaf “labbayk” (“abee”) jedhee deebisa ture. Nama tokko bira miila isaa hin diriirsu ture. Jilbeenfatee taa’a ture. 5. Ofii isaa nama tokko caalaa hin godhu ture. Imala tokko irratti, yeroo hoolaan tokko waadamuuf jedhu, namni tokko: “Ani nan qala” jedhe. Namni biraa: “Ani gogaa isaa nan baasa” jedhe. Kan biraa immoo: “Ani nan bilcheessa” jedhe. Ergamaan Rabbii: “Anis qoraan nan funaana” yommuu jedhu, isaan: “Yaa Ergamaa Rabbii! Isin aara galfadhaa! Nuti ni funaanna” jedhan. Innis: “Eeyyee! Akka isin waan hunda hojjettan nan beeka. Garuu warra hojii hojjetan irraa adda ba’ee taa’uu hin barbaadu. Allaahu ta’aalaan nama hiriyyoota isaa irraa adda ba’ee taa’u hin jaallatu” jedhe. Ka’ee qoraan funaanuu deeme. 6. Yeroo iddoo Sahaabonni isaa (radiyallaahu ta’aalaa anhum ajma’iin) taa’an dhufu, gara iddoo ulfinaa hin darbu ture. Iddoo duwwaa arge irra taa’a ture. Guyyaa tokko ulee harkatti qabatee daandiitti yommuu ba’u, warri isa argan ol ka’an. Innis: “Akkuma warri biroo kabajaaf waliif ka’an, anaaf hin ka’inaa! Anis akkuma keessan nama dha. Akkuma nama hundaa nan nyaadha. Yeroon dadhabu nan taa’a” jedhe.

7. Nyaata, uffata fi waan hunda keessatti tajaajiltoota isaa ofii isaa irraa adda hin baasu ture. Hojii isaanii irratti isaan gargaara ture. Nama tokko rukutee yookaan arrabsee gonkumaa hin argamne.

Anas bin Maalik, inni yeroo hunda tajaajila isaa keessa ture, akkana jedha: “Ergamaa Rabbii waggaa kudhan tajaajile. Tajaajilli inni naaf godhe tajaajila ani isaaf godhe caala ture. Akka inni natti mufate yookaan cimsee na dubbise gonkumaa hin argine.”17

8. Uffata isaa kan hodhaan irraa bahee fi tarsa’e ofii isaatiin suphaa, hoolota isaa ofii isaatiin elmaa, horii isaatiifis ofii isaatiin nyaata kenna ture. Waan gabaa irraa bite ofii isaatiin mana geessa ture. Imala irratti horii isaatiif nyaata kenna, yeroo tokko tokkos ni haxaawaaf ture. Kana yeroo tokko tokko kophaa isaa hojjeta, yeroo tokko tokko immoo tajaajiltoota isaa gargaara ture. 9. Yeroo tajaajiltoonni namoota tokko tokkoo dhufanii isa waaman, aadaa Madiinaa hordofee, harka wal qabatanii isaan wajjin deema ture.

10. Dhukkubsattoota ni gaafata, janaazaa irras ni argama ture. Onnee namaa mo’achuuf, dhukkubsattoota kaafirootaa fi munaafiqootaas ni gaafata ture. 11. Erga salaata Subhii salaachisee booda, jamaa’aatti garagalee taa’ee: “Obboleessi keenya dhukkubsate jiraa? Gaafachuuf haa deemnu!” jedha ture. Dhukkubsataan yoo hin jiraanne: “Namni du’aan isa mudate jiraa? Gargaaruuf haa deemnu!” jedha ture. Reeffi yoo jiraate, dhiquu fi kafana uffisuu irratti ni gargaara, salaata janaazaa isaa ni salaachisa, hanga qabrii isaattis ni deema ture. Reeffi yoo hin jiraanne: “Namni abjuu arge yoo jiraate haa himu! Haa dhaggeeffannuu, haa hiikkannu!” jedha ture.

12. Sahaabota isaa keessaa tokko guyyaa sadii yoo hin argin, isa ni gaafata ture. Yoo imala deemee jiraate du’aa gaarii isaaf godha, yoo magaalaa keessa jiraate immoo isa gaafachuu deema ture. 13. Muslima karaa irratti wal arge ofii isaatiin dursee salaama kenna ture. 14. Gaala, farda, gaangee fi harree ni yaabbata, yeroo tokko tokkos nama biraa duuba isaatti yaabbachiisa ture.

15. Keessummoota isaa fi Sahaabota isaa ni tajaajila ture; akkanas jedha ture: “Sayyidni saba tokkoo, inni isaan keessaa caalaatti ol’aanaan, isa isaan tajaajilu dha.”

16. Sagalee guddaadhaan yommuu kolfu gonkumaa hin argamne. Sagalee malee seeqa ture. Yeroo tokko tokko yeroo kolfu ilkaan isaa fuulduraa eebbifamoon ni mul’atu turan.

17. Yeroo hunda kan yaada keessa jiruu fi gaddaa fakkaata, xiqqoo dubbata ture. Seeqaadhaan dubbachuu jalqaba ture. 18. Waan hin barbaachifnee fi faayidaa hin qabne hin dubbatu ture. Yeroo barbaachisu, gabaabsee, faayidaa qabeessaa fi hiika ifaa qabu dubbata ture. Akka sirriitti hubatamuuf yeroo tokko tokko al sadii irra deebi’a ture.

19. Namoota alaa fi warra beekan, ijoollee, jaartiiwwanii fi dubartoota maatii isaa kanneen isaaf mahram ta’an wajjin qoosaa fi taphaa ture. Garuu kun yeroo tokkoof illee Allaahu ta’aalaa irraanfachuuf sababa isaaf hin ta’u ture.

20. Haybaa isaatiin namni tokkollee fuula isaa ilaaluu hin danda’u ture. Namni tokko dhufee fuula isaa eebbifamaa yommuu ilaalu ni hollate. Innis: “Hin dhiphatin! Ani mootii miti, cunqursaas miti. Ani ilma dubartii hiyyeettii foon gogaa nyaattuu ti” jedhe. Sodaan namichaa ka’ee, rakkoo isaa himuu jalqabe.

21. Eegdota fi warra balbala eegan hin qabu ture. Namni hundi salphaatti bira dhufee rakkoo isaa itti hima ture. 22. Qaaniin isaa baay’ee ture. Fuula nama inni waliin dubbatu ilaaluuf ni qaana’a ture.

“Sayyidni saba tokkoo, inni isaan keessaa caalaatti ol’aanaan, isa isaan tajaajilu dha” Hadiisa shariifa

23. Hir’ina nama tokkoo fuula isaatti hin himu ture. Nama tokkollee hin komatu, duuba isaattis hin hamatu ture. Yeroo dubbii yookaan hojii nama tokkoo hin jaallanne: “Namoonni tokko tokko maaliif akkas godhu laata?” jedha ture.

24. Jaallataa, rasuula fi kan fudhatamaa (maqbuula) Allaahu ta’aalaa ta’ee utuu jiruu: “Isin keessaa kan Allaahu ta’aalaa caalaatti beekuu fi Isa caalaatti sodaatu ana” jedha ture. Akkasumas: “Utuu waan ani argu argitanii, xiqqoo kolfitanii baay’ee boochu turtan”18 jedha ture. Yeroo samii irratti duumessa argu: “Yaa Rabbii! Duumessa kanaan adabbii nuuf hin ergin!” jedha ture. Yeroo bubbeen bubbisu: “Yaa Rabbii! Bubbee gaarii nuuf ergi!” jedhee du’aa godha ture. Yeroo kakawween dhaga’amu: “Yaa Rabbii! Dheekkamsa Keetiin nu hin ajjeesin, adabbii Keetiin nu hin balleessin; kana dura immoo fayyaa (aafiyaa) nuuf kenni!” jedha ture.

Yeroo salaataaf dhaabatu, akkuma nama boo’uun hafuura baafatuu, sagaleen qoma isaa keessaa ni dhaga’ama ture. Yeroo Qur’aana Kabajamaa dubbisus akkasuma ture. 25. Ciminni onnee isaa fi gootummaan isaa hamma nama dinqisiisuutti baay’ee ture. Lola Hunayn irratti, yeroo Muslimoonni bittinnaa’an, nama sadii yookaan afur wajjin hafee ture. Al muraasa kophaa isaa haleellaa kaafirootaa dura dhaabate, gonkumaa duubatti hin deebine. Isaan dura dhaabatee isaan baqachiise.

26. Baay’ee arjaa ture. Gaalotaa fi hoolota dhibbootaan lakkaa’aman kennaa godhee kenna ture, ofii isaatiif waan tokkollee hin hambisu ture. Kaafiroonni onnee jabaa qaban baay’een kennaa isaa kana arganii gara iimaanaatti dhufaniiru.

27. Yeroo wanti tokko isa irraa gaafatamu “hin jiru” akka jedhe gonkumaa hin dhaga’amne. Yoo jiraate ni kenna, yoo hin jiraanne immoo ni calla’a ture.

28. Allaahu ta’aalaan “Kadhadhu, siif nan kenna” jedhee utuu jiruu, inni qabeenya addunyaa hin kadhanne. Buddeena daakuu qamadii calalamee gonkumaa hin nyaanne. Yeroo hunda buddeena daakuu garbuu hin calalamne nyaata ture. Hanga quufutti akka nyaate hin argamne. Yeroo ji’a lama sadiif mana keessatti nyaanni hin bilchoofne, buddeenni hin tolfamne, timira qofa nyaatan ni ture. Guyyaa lama sadii waan tokkollee kan hin nyaanne yeroon itti ta’es ni ture.

29. Yeroo inni boqotu, uffanni sibiilaa isaa tokko garbuu kiiloo soddomaaf Yahuudii tokko bira qabsiifamee argame. 30. Nyaata tokko akka tuffate hin dhaga’amne. Kan jaallate ni nyaata, kan hin jaallanne hin nyaatu, waan tokkollees hin dubbatu ture. Guyyaatti al tokko nyaata ture. Yeroo tokko tokko ganama, yeroo tokko tokko galgala nyaata ture. Yeroo mana dhufu: “Nyaanni jiraa?” jedha ture; yoo “hin jiru” jedhame ni sooma ture. Nyaata isaa huccuu nyaataa, xabaqii, minjaala yookaan waan akkasii irra utuu hin taane, lafa irra kaa’ee, jilbeenfatee, waan tokkotti utuu hin hirkatin nyaata ture. Nyaata Bismillaahiin jalqaba ture. Harka isaa mirgaatiin nyaata ture. 31. Haadhotii manaa isaatiif fi tajaajiltoota isaa muraasaaf yeroo tokko tokko garbuu fi timira waggaa tokkoo adda baasa, isa irraas hiyyeeyyiif sadaqaa kenna ture.

32. Akkuma nabiyyoota biroo, qabeenya zakaa fi sadaqaa hin fudhatu ture. Kennaa ni fudhata ture. Yeroo baay’ee deebii isaa dabalataan kenna ture.

33. Sireen isaa gogaa duuffame kan keessi isaa qaccee muka timiraatiin guutame ture. Yeroo siree keessi isaa suufiin guutame itti fidan, hin fudhanne; akkanas jedhe: “Yaa Aa’ishaa! Allaahu ta’aalaan nan kakadha, utuu barbaadee, Allaahu ta’aalaan iddoo hundatti tuullaa warqee fi meetii na bira ni godha ture.” Yeroo tokko tokko afata, saanqaa, firaasha, afata suufiidhaan dhawame yookaan biyyee gogaa irra ciisa ture.

34. Salaata Ishaa’ii booda hanga walakkaa halkanii rafee, achiis hanga salaata Subhiitti ibaadaa godha ture. Cinaa isaa mirgaatiin ciisee, harka isaa mirgaa boqoo isaa jala kaa’ee, suuraawwan tokko tokko dubbisee rafa ture. 35. Tafaa’ula godha ture. Jechuunis waan jalqaba yookaan tasa arge gara gaariitti hiika ture. Waan tokkollee akka hamaa hin lakkaa’u ture.

36. Yeroo gaddaa areeda isaa qabatee yaada ture.

37. Yeroo gaddu battaluma salaata jalqaba ture. Mi’aa fi gammachuu salaataatiin gadda isaa balleessa ture. 38. Dubbii nama ghiibaa godhu, jechuunis nama duuba namaa hamatu, gonkumaa hin dhaggeeffatu ture.

39. Utuu deemuu gara cinaatti yookaan duubatti ilaaluun yoo barbaachise, qaama isaa guutuudhaan garagalee ilaala ture. Mataa isaa qofa garagalchee hin ilaalu ture. 40. Sodaan Nabiyyii keenya kabajamaa Allaahu ta’aalaaf qabu, Isaaf ajajamuun isaa fi ibaadaan isaa hamma namni tokkollee haala isaa kana danda’uu hin dandeenyetti baay’ee ture. Hanga miilli isaa eebbifamaan dhiitutti salaata salaata ture. Yeroo: “Yaa Ergamaa Rabbii! Dogoggorri keessan kan darbee fi kan dhufu hundi utuu isiniif dhiifamee jiruu, maaliif hammas of dadhabsiiftan?” jedhamuuf, innis: “Ani garbicha Allaahu ta’aalaa isa caalaatti galateeffatu hin ta’uu?” jedhee deebise.

Bulbulli lubbuu wardii tokko utuu hin dhaabatin hawwa;
Alagaa wajjin wal lolu akka hawwu hin yaadin.
Utuu hin dhaabatin naannoo ishee akka geengoo marsa,
Tasa immoo gara kophummaatti barrisuu ni hawwa.
Hubadhe: wardiin bareedduun sun iccitii ishee nama biraatti hin banne;
Akka wardii hin banamin, yeroo hunda bulbula hawwiti.
Bareedduun sun boqoo ishee alagaa irraa dhoksite,
Isaanis bilaashaan jaalala gogaa hawwu.
Yaa Zâtî! Karaa wal ga’uu irra akka Majnuun deema,
Of baqsee, Laylaa qofa hawwa.

“Ani garbicha Allaahu ta’aalaa isa caalaatti galateeffatu hin ta’uu?” Hadiisa shariifa