NABIYYII KEENYA KABAJAMAATIIN TAWASSULA GOCHUU
Nabiyyii keenya kabajamaatiin yeroo hundaa – utuu inni hin uumamin dura, erga uumamee booda, jireenya isaa addunyaa keessaa fi erga boqotee booda aalama barzakhii (qabrii) keessatti – tawassulli1 godhameera; Guyyaa Qiyaamaa erga kaafamanii booda, dirree Arasaat irrattii fi Jannata keessattis ni godhama. Wasiilaan wanta Allaahu ta’aalaan Isatti dhihaachuu fi fedhiiwwan raawwatamuuf sababa godhe hunda dha. Rasuula Kabajamaatiin tawassula gochuun, jechuunis Sayyida keenya Ergamaa Rabbii Allaahu ta’aalaa biratti wasiilaa godhachuu, gargaarsa isaa fi shafaa’aa isaa kadhachuun ni hayyamama. Kun waan Salaf-i saalihiin (Sahaabota, Taabi’iin fi Taba’ at-Taabi’iin), hayyoonnii fi Muslimoonni biroo godhan keessaa dha. Muslimoota keessaa namni tokkollee kana hamaa hin argine. Hanga ammaatti, warra amantii badaa qaban malee, namni kana hin fudhanne tokkollee hin argamne. Abbaan namootaa Aadam alayhis-salaam yeroo lafatti buufame Nabiyyii keenya kabajamaa wasiilaa godhate. Kana Nabiyyiin keenya jaalatamaan hadiisa shariifa keessatti akkana jedhee hime: “Aadam (alayhis-salaam) sababa dogoggora isaatiin Jannata keessaa erga baafamee booda: ‘Yaa Rabbii koo! Kabaja Muhammadiif dhiifama naaf godhi,’ jedhe. Allaahu ta’aalaan: ‘Yaa Aadam! Ani ammallee utuu isa hin uumin, Muhammad akkamitti beekte?’ jedhe. Aadam (alayhis-salaam): ‘Yaa Rabbii koo! Yeroo na uumtee lubbuu naaf kennite, ija koo banee yommuu ilaalu, qarqara Arshii irratti “Laa ilaaha illallaah, Muhammadun Rasuulullaah” jedhamee barreeffamee arge. Inni maqaa isaa maqaa Kee wajjin jaallatte isa dha,’ jedhe. Allaahu ta’aalaan: ‘Dhugaa dubbatte, yaa Aadam! Uumama Koo keessaa isa Ani hunda caalaa jaalladhu isa dha. Kabaja isaatiif dhiifama waan kadhatteef dhiifama siif godheera,’ jedhe.”2 Akka riwaayaa tokkootti immoo: “Inni nabiyyii sanyii kee keessaa dhufu dha. Utuu isa hin uumne, si fi ijoollee kee hin uumu ture. Isa shafaa’aa godhatte waan agarsiisteef dhiifama siif godheera, si araaramee jira,” jedhe.3
Waa’ee kanaa fakkeenyota kumaatamaatu jira. Isaan keessaa muraasni armaan gaditti fudhatamaniiru. Namni ija lamaanuu jaamaa ta’e tokko, akka ijji isaa banamuuf Sayyida keenya Ergamaa Rabbii irraa du’aa gaafate. Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam): “Yoo barbaadde du’aa nan godha. Garuu yoo obsitee dandeesse, kun siif caalaa gaarii dha,” jedhe. Namichi: “Obsuuf humni natti hin hafne. Akka du’aa naaf gootaniif isin kadhadha,” jedhe. Kanaan booda: “Yoos udhuu godhadhuutii du’aa kana dubbisi!” jedheen:
“Allaahumma innii as’aluka wa atawajjahu ilayka bi-Nabiyyika Muhammadin Nabiyyir-rahma. Yaa Muhammad! Innii atawajjahu bika ilaa Rabbii fii haajatii haazihii, li-tuqdaa lii. Allaahumma shaffi’hu fiyya.”
Hayyoota hadiisaa keessaa Imaam Nasaa’iin, yeroo namni sun du’aa kana dubbise, Allaahu ta’aalaan akka fudhatee fi ijji isaa akka banamte beeksisa. Waa’ee Sayyida keenya Ergamaa Rabbii wasiilaa godhachuu ilaalchisee, Usmaan bin Hunayf taatee kana hima: “Yeroo Usmaan bin Affaan khaliifaa ture, namni rakkoo guddaa qabu tokko, khaliifaa fuuldura dhihaachuuf waan saalfateef, dhiphina isaa natti hime. Anis: ‘Battaluma udhuu godhadhu! Masjid-i Sa’aadat dhaqi! Du’aa armaan olitti ibsame godhiitii waan barbaaddu himi,’ jedheen. Namichi hiyyeessi erga du’aa godhee booda, iddoo khaliifaan jiru dhaqee fuuldura isaatti dhihaate. Khaliifaan afata salaataa isaa irra isa taa’chisee, dhiphina isaa dhaggeeffatee gaaffii isaa raawwateef. Namichi hiyyeessi dhimmi isaa tasa akka raawwatame yommuu argu, gammadee gara koo dhufe: ‘Allaahu ta’aalaan si irraa haa jaallatu! Utuu ati khaliifaatti hin dubbatin, dhiphina irraa hin ba’u ture,’ jedhe. Ani khaliifaa wajjin akkan dubbadhe yaade.”
“(Yaa Aadam!) Inni nabiyyii sanyii kee keessaa dhufu dha. Utuu isa hin uumne, si fi ijoollee kee hin uumu ture. Isa shafaa’aa godhatte waan agarsiisteef dhiifama siif godheera, si araaramee jira” Hadiisa qudsii
Yeroo Umar khaliifaa ture, beelli ta’e. Sahaabota keessaa Bilaal bin Haaris qubbaa Ergamaa Rabbii dhaqee: “Yaa Ergamaa Rabbii! Ummanni keessan beelaan du’uuf jira. Roobni akka roobuuf wasiilaa akka taatan isin kadhadha,” jedhe. Halkan sana Sayyida keenya Ergamaan Rabbii abjuu isaa keessatti mul’atee: “Gara khaliifaa deemi! Salaamta koo itti himi! Du’aa roobaatiif haa ba’u!” jedhe. Umar yommuu du’aa roobaatiif ba’u, roobni roobuu jalqabe. Allaahu ta’aalaan kabaja warra Inni jaallatuutiif du’aa ni fudhata. Allaahu ta’aalaan Muhammad alayhis-salaam baay’ee akka jaallatu beeksiseera. Kanaafuu namni tokko: “Allaahumma innii as’aluka bi-jaahi Nabiyyikal-Musxafaa” jedhee du’aa yoo godhe, du’aan isaa hin deebi’u. Haa ta’u malee, dhimma addunyaa xixiqqaadhaaf Ergamaa Rabbii wasiilaa godhachuun kabajaaf hin malu. Burhaanuddiin Ibraahiim Maalikii akkana jedhe: “Namni hiyyeessi baay’ee beela’e tokko Hujra-i Sa’aadat dhaqee: ‘Yaa Ergamaa Rabbii! Ani beela’eera,’ jedhe. Yeroo xiqqoo booda namni tokko dhufee hiyyeessa sana mana isaatti geessee garaa isaa quubse. Hiyyeessi du’aan isaa akka fudhatame yommuu himu, namichi akkana jedhe: ‘Obboleessa koo! Haadha manaa fi ijoollee kee dhiiftee, karaa fagoo irraa rakkinaa fi dhiphina obsitee Ergamaa Rabbii ziyaaruuf dhufte. Daabboo kutaa tokkoof fuuldura Ergamaa Rabbii dhihaachuun ni malaa? Fuuldura ol’aanaa sanatti Jannataa fi qananii bara baraa kadhachuu qabda turte! Wanta asitti kadhatamu Allaahu ta’aalaan hin didu.’ Warri Ergamaa Rabbii ziyaaruudhaan ulfina argatan, akka inni Guyyaa Qiyaamaa shafaa’aa isaaniif godhuuf du’aa gochuu qabu.” Guyyaa tokko Imaam Abuu Bakr Muqrii, Imaam Xabaraanii fi Abush-Shaykh wajjin Masjid-i Sa’aadat keessa taa’aa turan. Guyyoota muraasa waan homaa hin nyaatiniif baay’ee beela’anii turan. Imaam Abuu Bakr obsuu dadhabee: “Beela’eera, yaa Ergamaa Rabbii!” erga jedhee booda golee tokkotti of fageesse. Sayyidoota keessaa namni tokko tajaajiltoota lama wajjin dhufee: “Obboloota koo! Akaakoo koo Ergamaa Rabbii irraa beela irratti gargaarsa gaafattaniittu. Akkan isin quubsu na ajaje,” jedhe. Waan fide walii wajjin nyaatan. Kan hafe isaaniif dhiisee deeme. Hayyoota Islaamaa keessaa Abuu Abdullaah bin Nu’maan Marraakushii Tilimsaanii (683 / 1284 A.L.A.), kitaaba isaa gatii guddaa qabu “Misbaah az-Zalaam” keessatti, Muslimoota dhibbootaan lakkaa’aman kanneen Sayyida keenya Ergamaa Rabbii wasiilaa godhachuudhaan fedhii isaanii argatanii fi du’aa isaan godhan bal’inaan barreessa. Warra Ergamaa Rabbii wasiilaa godhachuudhaan fedhii isaanii argatan keessaa tokko Muhammad bin Munkadir dha. Akkana hima: “Namni tokko warqii saddeettama abbaa koo bira kaa’ee gara jihaadaa deemee ture. ‘Kana eegi! Nama baay’ee rakkataa ta’eef illee ittiin gargaaruu dandeessa,’ jedhee ture. Madiinaa keessatti beelli ta’e. Abbaan koo warqii hunda warra beelaan dhiphataniif qoode. Abbaan warqii dhufee gaafate. Abbaan koo: ‘Halkan tokko booda kottu,’ jedheen. Hujra-i Sa’aadat dhaqee hanga ganamaatti Ergamaa Rabbii kadhate. Walakkaa halkanii namni tokko dhufee: ‘Harka kee diriirsi!’ jedhe. Korojoo warqii tokko itti kennee achii bade. Abbaan koo mana keessatti warqii lakkaa’ee saddeettama ta’uu isaa yommuu argu, gammadee battaluma abbaa isaatiif kenne.”
Abuu Abdullaah Tilimsaaniin kitaaba kana keessatti taatee isa mudate tokkos akkana hima:
“Bara 637 (1239 A.L.A.) gumii filatamaa wajjin masaraa Sadar irraa baane. Nu wajjin namni karaa nu qajeelchu tokko ture. Yeroo muraasa erga deemnee booda bishaan keenya dhume. Bishaan barbaaduu jalqabne. Anis yeroo sana fedhii koo raawwachuuf deeme. Yeroo sana hirribni sodaachisaan na qabe. ‘Yeroo ka’an akkamiinuu na dammaqsu,’ jedheen ofiin, mataa koo lafa irra kaa’e.
Yommuun dammaqu, ofuma koo gammoojjii gidduutti kophaa koo of arge. Hiriyyoonni koo na dagatanii deemanii turan. Kophummaa irraa kan ka’e sodaa guddaan na qabe. Gammoojjii keessa mirgaa fi bitaatti deemuu jalqabe. Eessa akkan jiruu fi eessa akkan deemu hin beeku ture. Naannoon hundi cirracha diriiraa ture. Yeroo xiqqoo booda dukkanaa’e. Qaafilaa nuti wajjin imalaa turre keessaa mallattoon tokkollee hin turre. Ani dukkana halkanii keessa kophaa koo ture. Sodaan koo caalaatti jabaate. Naasuu irraa kan ka’e ariifadhee deemuu jalqabe. Yeroo muraasa erga deemee booda, baay’ee dheebodhee, dadhabee fi humna dhabee lafatti kufe. Jireenya kootiif abdii kutadhee, du’i koo akka dhihaate natti dhaga’amuu jalqabe. Dhukkubbii ibsamuu hin dandeenye keessa ture; dhiphinni fi gaddi koo daangaa isaa isa dhumaa ga’ee ture. Tasa waan tokkotu sammuu koo seene. Dukkana halkanii keessatti humna koo hunda walitti qabadhee, dhugaa fi garaa guutuun al tokko isa dhumaa: ‘Yaa Ergamaa Rabbii! Gargaarsa! Hayyama Allaahu ta’aalaatiin akka na gargaartan isin kadhadha!’ jedheen aade. Utuun jecha koo hin xumurin, namni tokko akka na waamu dhaga’e. Gara sagaleen irraa dhufe yommuun ilaalu, dukkana halkanii keessatti nama naannoo isaatti ifa facaasu, uffata adii qulqulluu uffatee, nama hanga sanaatti tasumaa hin argin tokko akka na waamu arge. Gara koo dhufee harka koo qabe. Yeroo sana dadhabbiin koo fi dheebuun koo hundi bade. Akka waan irra deebi’ee dhaladhe ta’e. Onneen koo tasa isa jaallatte. Yeroo muraasaaf harka wal qabannee deemne. Yeroo jireenya koo keessaa isa hunda caalaa mi’aawaa tokko jiraachaa akkan jiru natti dhaga’ame. Yommuu tulluu cirrachaa tokko ceene, ifa qaafilaa ani wajjin imalaa ture argee sagalee hiriyyoota koo dhaga’e. Gara isaaniitti dhihaanne. Horiin ani yaabbadhu isa dhumaa ta’ee isaan hordofaa ture. Tasa dhufee fuuldura koo dhaabate. Yaabbii koo fuuldura koo yommuun argu, iyya gammachuu iyye. Yommuun iyyu, inni na wajjin dhufe harka isaa harka koo keessaa baase. Achiis harka koo qabee yaabbii koo irra na kaa’e. Achiis: ‘Nama waan tokko nu irraa kadhatee gargaarsa nu gaafatu harka duwwaa hin deebisnu,’ jedhee garagalee deeme. Yeroo sana inni Sayyida keenya Ergamaa Rabbii akka ta’e hubadhe. Yeroo inni deemu, ifni inni naannoo isaatti facaase dukkana halkanii keessatti gara samiitti ol ka’aa ture. Yeroo ija koo jalaa badu, tasa sammuun koo natti deebi’e. ‘Akkamitti harka fi miila Sayyida keenya Ergamaa Rabbii dhungachuu dadhabe!’ jedheen aade, garuu yeroon darbee, carraan jalaa bade.” Abul-Khayr Aqxa’ Madiinaatti guyyaa shan beela’ee ture. Hujra-i Sa’aadat bira dhufee Ergamaa Rabbiif salaamta kenne. Akka beela’e hime. Golee tokkotti of fageessee rafe. Abjuu isaa keessatti Ergamaan Rabbii akka dhufe arge. Mirga isaa irra Abuu Bakr as-Siddiiq, bitaa isaa irra Umar al-Faaruuq, fuuldura isaa immoo Aliyyi al-Murtadaa turan.
Aliyyiin dhufee: “Yaa Abal-Khayr! Ka’i, maaliif ciifte? Ergamaan Rabbii dhufaa jira!” jedhe. Battaluma ka’e. Ergamaan Rabbii dhufee daabboo guddaa tokko itti kenne. Abul-Khayr akkana jedha: “Baay’ee waanan beela’eef battaluma nyaachuu jalqabe. Yommuu walakkaan isaa dhumu dammaqe. Walakkaa hafe harka koo keessatti argadhe.”
“Namni waan tokkoon miidhame, udhuu guutuu godhatee salaata rak’aa lama haa salaatu! Achiis akkana haa jedhu: ‘Yaa Rabbii koo! Si kadhadha. Nabiyyii Kee Muhammad alayhis-salaam, isa aalamootaaf rahmata ta’e, wasiilaa godhadhee Si kadhadha. Yaa Muhammad! Akka Inni fedhii koo fudhatuuf Rabbii koo biratti si wasiilaa godhadha. Yaa Rabbii koo! Isa shafaa’aa naaf godhi!’” Hadiisa shariifa
Ammas kitaaba “Misbaah az-Zalaam” keessatti akkana jedhamee himama: Ahmad bin Muhammad Suufii akkana jedha: “Gammoojjii Hijaaz keessatti waan qabu hunda dhabe. Madiinaa dhufe. Hujra-i Sa’aadat biratti Ergamaa Rabbiif salaamta kenne. Golee tokko taa’ee rafe. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii mul’atee: ‘Yaa Ahmad, dhufteettaa? Harka kee bani!’ jedhe. Harka koo warqiin guute. Dammaqe. Harki koo warqiin guutamee ture.” Imaam Samhuudiinis kitaaba isaa “Seenaa Madiinaa” jedhamu keessatti taatee isa mudate tokko akkana hima: “Furtuu balbala koo kufaadhe. Hin arganne. Hujra-i Sa’aadat duratti dhufee: ‘Yaa Ergamaa Rabbii! Furtuu koo kufaadheera. Mana koo seenuu hin danda’u!’ jedhe. Yeroo sana mucaan tokko dhufe. Furtuu harka isaa jiru agarsiisee: ‘Kana argadhe. Tarii kan keessanii ta’innaa?’ jedhe.”
Kilisli Mustafa Işkî Efendi kitaaba seenaa isaa “Mevârid-i Mecîdiyye” keessatti akkana jedha: “Makkaatti waggaa digdama ture. Warqii jaatama walitti qabadhee, bara 1247ffaa Hijraa booda (1831 A.L.A.) haadha manaa fi ijoollee wajjin Madiinaa dhufne. Maallaqni karaa irratti dhume. Nama beeku tokko bira keessummaa ta’ee Hujra-i Sa’aadat dhufe. Ergamaa Rabbii irraa gargaarsa kadhadhe. Guyyaa sadii booda, mana nuti keessa jirrutti namni ulfaataan tokko dhufee mana naaf kireeffachuu isaa hime. Meeshaalee koo achitti geessise. Kiraa waggaa tokkoo kaffale. Ji’oota muraasa booda ji’a tokkoof dhukkubsadhee ciise. Mana keessatti nyaannis, wanti gurguramus hin hafne. Gargaarsa haadha manaa kootiin mana irra bahee, qubbaa Ergamaa Rabbii fuuldura dhaabadhee rakkoo koo himee gargaarsa kadhachuu barbaade. Yommuun harka koo ol kaasu, waan addunyaa kadhachuun na saalfachiise. Homaa jechuu hin dandeenye. Gara kutaa kootti gad bu’e. Guyyaa itti aanu namni tokko dhufee, namni ulfaataan fulaanaa warqii kana kennaa siif ergeera jedhe. Korojoo sana fudhadhe. Jireenyi keenya sirrii ta’us, dhukkuba irraa hin fayyine. Gargaarsaan Hujra-i Sa’aadat duratti dhufee Ergamaa Rabbii irraa fayyina kadhadhe. Masjiida keessaa ba’ee gargaarsa nama tokkoo malee gara mana kootti deeme. Yommuun mana seenu, dhukkubni koo tasumaa hin hafne. Ija hamaa irraa of eeguuf, guyyoota muraasa ulee irratti hirkadhee daandii ba’e. Garuu maallaqni dhumee ture. Haadha manaa fi ijoollee dukkana keessatti dhiisee Masjidun-Nabawii dhufe. Salaata Ishaa’ii booda rakkoo koo Ergamaa Rabbiitti hime. Karaa irratti namni ani hin beekne tokko dhufee korojoo tokko harka koo keessa kaa’e. Keessa isaa warqii afurtamii sagal, tokkoon tokkoon isaa kuruushii sagal kan gatii qabutu ture. Shamaa fi waan barbaachisu bitadhee mana dhufe.”
Kitaaba “Şakâyık-i Nu’mâniyye” hiikkaa isaa jildii lammaffaa keessatti akkana jedhama: Hayyichi Islaamaa guddaan Mawlaanaa Shamsuddiin Muhammad bin Hamzaa Fanaarii, shaykh al-Islaamii jalqabaa Mootummaa Ottomaanaa fi mujaddidi bara isaa, ijji isaa haguuggii qabatee arguu dadhabe. Halkan tokko Sayyida keenya Ergamaan Rabbii abjuu keessatti: “Suuraa Xaahaa tafsiira godhi!” yommuu jedhu, inni: “Akkuma fuuldura keessan ol’aanaatti Qur’aana Kabajamaa tafsiira gochuuf humna hin qabne, ijji koos hin argu,” jedhe. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii, ogeessi fayyaa nabiyyootaa, khirqaa isaa eebbifamaa keessaa jirbii xiqqoo baasee, hancufa isaa eebbifamaan jiisee ija isaa irra kaa’e. Mullaa Fanaariin dammaqee jirbii ija isaa irratti argatee kaasee arguu jalqabe. Allaahu ta’aalaa faarsee galateeffate. Foo’aa jirbii sanaa kuusee, yeroo du’u akka ija isaa irra kaa’amu dhaamsa godhe. Bara 834 (1431 A.L.A.) Bursaatti yommuu boqotu, dhaamsa isaa raawwatan.
Khaliifaan Abbaasiyyootaa Abuu Ja’far Mansuur Masjidun-Nabawii keessatti Imaam Maalik wajjin dubbachaa ture. Imaam Maalik akkana jedhe: “Yaa Mansuur! Kun Masjid-i Sa’aadat! Sagalee gadi qabaa dubbadhaa! Haqq ta’aalaan Suuraa al-Hujuraat keessatti, hiikaan: ‘Sagalee keessan sagalee Ergamaa Rabbii caalaa ol hin kaasinaa!’4 jedhee, garee tokko ceephe. Aayata kabajamaa ‘Warri Ergamaa Rabbii biratti sagalee isaanii gadi qabatan …’5 jedhuunis warra sagalee gadi qabanii dubbatan galateeffate. Erga boqotee booda Ergamaa Rabbii kabajuun, akkuma yeroo jiraataa turetti isa kabajuu ti.” Mansuur mataa isaa gad qabee: “Yaa Abaa Abdullaah! Gara qiblaatti garagalanii dhaabachuu qabaa, moo gara Qabr-i Sa’aadatitti?” jedhee gaafate. Imaam Maalik akkana jedhe: “Fuula keessan Ergamaa Rabbii irraa hin garagalchinaa! Nabiyyiin ol’aanaan sun (sallallaahu ta’aalaa alayhi wa sallam), shafaa’aa godhaan Guyyaa Qiyaamaa, Guyyaa Qiyaamaa isinii fi abbaa keessan Aadam alayhis-salaamiif baraaramuuf wasiilaa ta’a. Gara Qabr-i Sa’aadatitti garagaltanii, lubbuu eebbifamtuu Ergamaa Rabbiitti cichitanii shafaa’aa kadhachuu qabdu! Aayata kabajamaa 64ffaa Suuraa an-Nisaa keessatti, hiikaan:
“Warri lubbuu isaanii miidhan (ofii isaanii yakkan) gara kee dhufanii Allaahu ta’aalaa irraa dhiifama kadhatanii, Ergamaan Koos isaaniif dhiifama yoo kadhate, Allaahu ta’aalaa Toobaa Fudhataa fi Rahmata Qabeessa ta’ee argatu,” jedhame. Aayanni kabajamaan kun toobaan warra Ergamaa Rabbii wasiilaa godhatanii akka fudhatamu waadaa gala.” Kanaan booda Mansuur iddoo isaa irraa ka’ee Hujra-i Sa’aadat fuuldura dhaabatee akkana jedhee kadhachuu jalqabe: “Yaa Rabbii koo! Aayata kabajamaa kana keessatti toobaa warra Rasuula Kee wasiilaa godhatanii akka fudhattu waadaa galteetta. Anis fuuldura ol’aanaa Nabiyyii Kee ol’aanaa dhufee dhiifama Si kadhadha. Akkuma garboota yeroo inni jiraataa turetti dhiifama Si kadhatanii Ati dhiifama isaaniif goote, anas dhiifama naaf godhi! Yaa Rabbii koo! Nabiyyii Kee ol’aanaa, Nabiyy ar-Rahmaa wasiilaa godhadhee Si kadhadha. Yaa Muhammad alayhis-salaam, isa nabiyyoota hunda caalaa ol’aanaa! Isiniin tawassula godhee Rabbii koo kadhadhe. Yaa Rabbii koo! Nabiyyii ol’aanaa sana shafaa’aa naaf godhi!” Akkasiin, dugda isaa qiblaatti, fuula isaa immoo foddaa Muwaajaha-i Sa’aadat fuuldura godhee dhaabatee du’aa godhe. Minbar-i Nabawii gama bitaa isaa ture. Gorsi Imaam Maalik Khaliifaa Mansuuriif kenne, warri Hujra-i Sa’aadat duratti du’aa godhan baay’ee dammaqoo ta’uu akka qaban agarsiisa. Warri kabajaa fi ulfina iddoo sanaaf malu agarsiisuu hin dandeenye Madiinatul-Munawwaraatti yeroo dheeraa turuun sirrii akka hin taane jedhameera. Qonnaan bulaan Anaatoliyaa irraa dhufe tokko waggoota dheeraaf Madiinatul-Munawwaraatti jiraatee, achitti fuudhee, Hujra-i Sa’aadat keessatti tajaajila murtaa’e tokko argatee ture. Guyyaa tokko dhukkuba ho’aa qabu tokkoon qabamee, ayraanii hawwe. “Utuun ganda koo keessa jiraadhee, itittuu irraa ayraanii hojjechiisee nan dhuga ture,” yaada jedhu onnee isaa keessa dabarse. Halkan sana Ergamaan Rabbii abjuu keessatti Shaykh al-Haramiif mul’atee, hojiin namichi sun hojjetu nama biraatiif akka kennamu ajaje. Shaykh al-Haram: “Yaa Ergamaa Rabbii! Tajaajila sana ummata keessan keessaa namni fulaanaa hojjetaa jira,” yommuu jedhu, inni: “Nama sanatti himi, ganda isaatti deemee ayraanii haa dhugu!..” jedhe. Guyyaa itti aanu ajajni kun yommuu itti himamu, qonnaan bulaan sun: “Ajaja keessaniif ajajamaa dha!” jedhee gara biyya dhaloota isaatti deeme.
“Warri lubbuu isaanii miidhan gara kee dhufanii Allaahu ta’aalaa irraa dhiifama kadhatanii, Ergamaan Koos isaaniif dhiifama yoo kadhate, Allaahu ta’aalaa Toobaa Fudhataa fi Rahmata Qabeessa ta’ee argatu” Nisaa: 64
Yaadni onnee keessa qofa darbe tokko hammas miidhaa yoo fide, jechi hin malle, kolfaaf illee yoo jedhame, yookaan sochiin kabajaaf hin malle miidhaa hammam guddaa akka qabu – Rabbiin nu haa eegu – as irraa hubachuu qaba.
Onnee mu’mina isin jaallatuu keessatti iimaana isaa ti,
Gaddi tasumaa hin qabu, isin qoricha dhukkuba isaa ti,
Shafaa’aa keessan eega, isin ajaja onnee isaa ti,
Namni gargaarsa abdatu dhugumaan ni argata, yaa Ergamaa Rabbii.
Barbaachisummaa fi ulfina Sayyida keenya Ergamaa Rabbiif salawaata shariifaa dubbisuu
Yeroo maqaan Nabiyyii keenya kabajamaa dubbatamu, dhaga’amu fi barreeffamu, kabajaa fi ulfina ibsuuf salawaata shariifaa isaaf dubbisuun dirqamoota keenya hunda caalaa barbaachisoo keessaa tokko. Qur’aana Kabajamaa keessatti, aayata kabajamaa 56ffaa Suuraa al-Ahzaab keessatti, hiikaan:
“Dhugumaan Allaahu ta’aalaan fi maleykonni Isaa Nabiyyii irratti salaata ni buusu (ulfinaa fi sadarkaa isaa ol kaasuuf). Yaa warra amantan! Isinis isa irratti salaataa fi salaamta buusaa, garaa keessaniinis isaaf harka kennaa,” jedhame.
Hayyoonni tafsiiraa, jechi “salaata” aayata kabajamaa kana keessatti dubbatame, Allaahu ta’aalaa irraa rahmata, maleykota irraa dhiifama kadhachuu (istighfaara), mu’minoota irraa immoo du’aa jechuu akka ta’e beeksisaniiru. Hayyoonni Islaamaa hundi sagalee tokkoon akkana beeksisan: umurii keessatti al tokko salawaata dubbisuun farda dha. Yeroo hunda maqaa isaa dubbatan, dhaga’an, dubbisan yookaan barreessan al tokko dubbisuun waajiba dha; yeroo maqaan irra deebi’amu immoo mustahabba dha.
Namni Allaahu ta’aalaa irraa waan tokko kadhatu, jalqaba Allaahu ta’aalaa erga faarsee galateeffatee booda Sayyida keenya Ergamaa Rabbiif salaata dubbisuu qaba. Du’aan akkasii fudhatamuuf baay’ee mala. Du’aan salaata lama gidduutti (jalqabaa fi dhuma du’aa irratti) godhamu hin deebi’u. Abuu Xalhaan akkana hima: “Fuuldura Ergamaa Rabbii seene. Gammachuu fi itti tolinsa kanaan dura isa irratti tasumaa hin argin isa irratti arge. Sababa isaa yommuun gaafadhu: ’Akkamittan hin gammadu? Amma Jibriil (alayhis-salaam) bishaaraa fide: Allaahu ta’aalaan akkana jedha: ummata kee keessaa namni tokko yoo salawaata tokko siif dubbise, Allaahu ta’aalaan bakka isaatti salawaata kudhan isaaf buusa,’ jedhe.”6
Hadiisota shariifaa waa’ee kanaa keessaa tokko tokko kanneen armaan gadii ti:
“Namni maqaan koo isa biratti dubbatamee salaataa fi salaamta naaf hin buusne, funyaan isaa biyyee irratti haa sukkuumamu. Namni ji’i Ramadaan itti seenee utuu badiin isaa isaaf hin dhiifamin ba’e illee, funyaan isaa biyyee irratti haa sukkuumamu. Namni maanguddummaa haadhaa fi abbaa isaa ga’ee, jaalala isaanii argatee Jannata seenuu dadhabe illee, funyaan isaa biyyee irratti haa sukkuumamu.”
“Namni maqaan koo isa biratti dubbatamee salaataa fi salaamta naaf hin buusne, warra harka gogaa keessaa isa hunda caalaa harka gogaa dha.” Abuu Humayd Saa’idii akkana beeksisa: “Sahaabota keessaa tokko tokko Sayyida keenya Ergamaa Rabbii gaafatanii: ‘Yaa Ergamaa Rabbii! Akkamitti salaataa fi salaamta isiniif buusna?’ jedhan. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii akkana jedhe: ‘Allaahumma salli alaa Muhammadin wa azwaajihii wa zurriyyatihii kamaa sallayta alaa Ibraahiima wa baarik alaa Muhammadin wa azwaajihii wa zurriyyatihii kamaa baarakta alaa Ibraahiima innaka Hamiidun Majiid, jedhaa.’”7
Salawaatota shariifaa keessaa tokko tokko akkana:
“Alayhis-salaam”.
“Sallallaahu alayhi wa sallam”.
“Alayhis-salaatu was-salaamu wat-tahiyya”.
“Allaahumma salli alaa sayyidinaa Muhammad”.
“Allaahumma salli alaa Muhammadin wa alaa aalihii wa sahbihii ajma’iin”.
“Alayhi wa alaa jamii’i minas-salawaati atammuhaa wa minat-tahiyyaati aymanuhaa”.
“Allaahumma salli alaa Muhammadin wa alaa aali Muhammad, kamaa sallayta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiim…”
Namni tokko akkana hime: Hiriyyoota koo keessaa tokko xalayaa naaf erge keessatti, iddoo maqaan eebbifamaan Ergamaa Rabbii itti dubbatame hunda irratti “sallallaahu alayhi wa sallam tasliiman kasiiran kasiiraa” jedhee barreessee ture. Yommuun isa argee sababa isaa gaafadhu, akkana jedhe: “Yeroo dargaggummaa kootti kitaabota hadiisaa barreessaan ture. Yeroo maqaa eebbifamaa Ergamaa Rabbii barreessu hunda salawaata hin barreessu ture. Abjuu keessatti Sayyida Aalamootaa argee gara isaa deeme. Fuula isaa eebbifamaa na irraa garagalche. Gara gama isaa isa kaaniitti ce’e; ammas garagalche. Fuuldura isaa dhaabadhee: ‘Yaa Ergamaa Rabbii! Maaliif fuula keessan na irraa garagalchitu?’ jedheen. Innis: ‘Sababni isaas, yeroo kitaaba kee keessatti maqaa koo barreessitu salaata naaf hin buusne!’ jedhe. Yeroo sanaa jalqabee maqaa isaa eebbifamaa yeroo hundaa salaata wajjin barreessa.”
Hadiisota shariifaa keessatti akkana jedhame:
“Namni al tokko salaata naaf buuse, Allaahu ta’aalaan al kudhan salaata (rahmata) isaaf buusa, badii isaa kudhan dhiisaaf, sadarkaa isaas dachaa kudhan ol kaasa.”
“Guyyaa Qiyaamaa namni hunda caalaa natti dhihaatuu fi shafaa’aa kootiif hunda caalaa malu, isa hunda caalaa salaataa fi salaamta naaf buusu dha.” Haqq ta’aalaan Muusaadhaan akkana jedhe: “Yaa Muusaa, arraba keetiif dubbii kee caalaa, onnee keetiif yaada kee caalaa, qaama keetiif lubbuu kee caalaa, ija keetiif ifa isaa caalaa akkan sitti dhihaadhu ni barbaaddaa?” Inni: “Eeyyee, yaa Rabbii koo!” yommuu jedhu, Allaahu ta’aalaan: “Yoos Muhammadiif (sallallaahu alayhi wa sallam) salawaata baay’ee dubbisi,” jedhe. Achiis: “Yaa Muusaa, Guyyaa Qiyaamaa dheebuudhaan dhiphachuu dhabuu ni barbaaddaa?” jedhe. Inni: “Eeyyee, yaa Rabbii koo!” yommuu jedhu, Allaahu ta’aalaan: “Yoos Muhammadiif (sallallaahu alayhi wa sallam) salawaata baay’ee dubbisi,” jedhe.8
Nabiyyiin keenya kabajamaan akkana jedhe:
“Guyyaa Qiyaamaa iddoo hunda keessatti isin keessaa namni hunda caalaa natti dhihaatu, isa addunyaa keessatti salawaata baay’ee naaf dubbise dha. Namni guyyaa Jimaataa fi halkan Jimaataa salawaata dhibba tokko naaf dubbise, Allaahu ta’aalaan fedhii isaa dhibba tokko isaaf raawwata: torbaatama Aakhiraaf, soddoma immoo addunyaa kanaaf. Achiis Allaahu ta’aalaan salaatota kana maleykaa tokkoon gara qabrii kootti fichisiisa. Isaan akka kennaa isinitti dhufuu ti. Maleykaan sun maqaa, hidda dhalootaa fi gosa nama isaan ergee natti hima. Waraqaa adii na bira jiru irratti isa galmeessa. Beekumsi koo erga du’ee booda akkuma beekumsa koo yeroo jiraataa ture ti.”9
“Namni al tokko salaata naaf buuse, Allaahu ta’aalaan al kudhan salaata (rahmata) isaaf buusa, badii isaa kudhan dhiisaaf, sadarkaa isaas dachaa kudhan ol kaasa” Hadiisa shariifa
“Yeroo guyyaan Kamisaa ga’u, Allaahu ta’aalaan maleykota galmee meetii fi qalama warqee qaban erga. Isaan warra guyyaa Kamisaa fi halkan Jimaataa (halkan Kamisaa gara Jimaataatti) Nabiyyiif salawaata baay’ee buusan ni barreessu.” “Muslimoonni lama yoo wal arganii harka wal fuudhanii (musaafahaa godhanii) Nabiyyiif salawaata buusan, utuu addaan hin bahin cubbuun isaanii kan duraa fi kan boodaa ni dhiifamaaf.” “Tokkoon keessan yeroo masjiida seenu, Nabiyyiif salaama haa kennu; ‘Yaa Rabbii, sheyxaana irraa na eegi!’ haa jedhu!”10
Riwaayaa tokko keessatti: “Yeroo masjiida keessaa ba’u immoo: ‘Allaahumma innii as’aluka min fadlik’ haa jedhu” jedhameera.
Du’aan yoo jalqaba isaatti Allaahu ta’aalaa faarsuu (hamdii) fi Ergamaa Rabbiif salawaata buusuu hin qabaanne, golgaa duuba hafa. Du’aan jalqaba isaatti faaruu fi salawaata qabu ni fudhatama. Hanga Ergamaa Rabbii fi maatii isaatiif (Aal) salawaanni hin buufamnetti, du’aa fi samii gidduu golgaatu jira. Yeroo salawaata buusan golgaan kun ni ciccita, du’aanis gara samiitti ol ba’a. Yoo hin buusin, du’aan ni deebi’a.
Walga’ii tokko keessatti yoo Allaahu ta’aalaan hin yaadatamne, Ergamaa Rabbiifis salawaanni hin buufamne, namoota achi jiran irratti alangaatu jira: Inni yoo fedhe isaan adaba, yoo fedhe immoo isaaniif ni dhiisa.
“Namni gurri isaa bilbilu na haa yaadatu, salawaatas naaf haa buusu.”
“Namni hojii tokko hojjechuuf niyyate, waa’ee isaa haa mari’atu. Allaahu ta’aalaan hojii sana keessatti qajeelummaa (rushda) isaaf kenna. Namni tokko waan dubbachuu barbaadu yoo irraanfate, salawaata naaf haa buusu. Sababni isaas salawaata inni naaf buusu keessa dubbii isaatiif bakka bu’aatu jira. Akka inni isa yaadatu abdatama.”11
“Hojiin gaariin maqaa Rabbii fi salawaata naaf buusuun hin jalqabamne, hojii sana keessa khayriin hin jiru; barakaan isaa hundi irraa fudhatameera.”12 Gurguddoota Islaamaa keessaa tokko kan ta’e Abuu Hafs Kaaghidii erga boqotee booda, namni tokko abjuu keessatti isa argee: “Allaahu ta’aalaan maal sitti godhe?” jedhee gaafate. Innis: “Rahmataa fi dhiifama naaf godhee, Jannata na galche” jedhe. Namichi: “Sababa maaliitiin?” jedhee yommuu gaafatu, akkana jedhee deebise: “Maleykota gidduutti na dhaabe. Cubbuu koo fi salawaata ani Ergamaa Rabbiif buuse wal madaalanii herregan. Salawaanni koo akka baay’atu argatan. Kana irratti Allaahu ta’aalaan isaaniin: ‘Yaa maleykota Koo! Hojiin keessan xumurameera. Herrega biraa isa hin gaafatinaa. Gara Jannata Kootti isa geessaa!’ jedhe.”
Salaf keessaa namni tokko akkana jedha: “Hiriyyaan koo, kan wajjin hadiisa barachaa turre, boqote. Abjuu keessatti uffata Jannataa magariisaa (hullaa) uffatee isa arge. Sababa isaa yommuun gaafadhu: ‘Hadiisa hunda keessatti maqaa Ergamaa Rabbii bira sallallaahu alayhi wa sallam jedhee barreessaan ture. Haqq ta’aalaan mindaa isaa kanaan naaf kenne’ jedhe.”
Ammas salaf keessaa namni biraa akkana jedha: “Ollaan koo, kan barreessaa ture, boqote. Abjuu keessatti isa argee, Allaahu ta’aalaan maal akka isatti godhe gaafadhe. Allaahu ta’aalaan akka dhiifama isaaf godhe natti hime. Sababa maaliitiin akka ta’e yommuun gaafadhu: ‘Yeroo maqaa Ergamaa Rabbii barreessu hundumaa jecha sallallaahu alayhi wa sallam jedhus waliin waanan barreessaa tureef’ jedhee deebise.” Abuu Sulaymaan Daaraanii akkana jedha: “Yeroon hadiisa barreessu, maqaa isaa ulfaataa yeroon barreessu hunda sallallaahu alayh jedheen barreessa ture; jecha wa sallam jedhu garuu hin barreessu ture. Abjuu keessatti isa arge, innis akkana naan jedhe: ‘Yaa Abaa Sulaymaan! Yeroo hadiisa keessatti maqaa koo barreessitu, salawaata wajjin wa sallam jedhus barreessi. Inni qubee afur dha. Qubee isaa hundaaf mindaa kudhantu jira. Yoo hin barreessin, mindaa afurtama dhiifta jechuu dha.’”
Namni biraa tokkos barsiifata kana qaba ture. Ergamaan Rabbii abjuu isaa keessatti akkana jedheen: “Maaltu si qabe, salawaata naaf guutuutti hin barreessitu?”
Abuu Bakr as-Siddiiq akkana jedhe: “Namni irraanfachuu sodaatu, Ergamaa Rabbiif salawaata baay’ee haa buusu.”
Muhammad bin Sa’iid bin Muxarrif, gurguddoota warra gaggaarii keessaa tokko, akkana jedha: “Halkan hunda yeroon rafuuf jedhu salawaata baay’ina murtaa’e tokko nan buusa ture. Halkan tokko abjuu keessatti Ergamaan Rabbii dhufe. Kutaa koo seene, kutaan koos nuuraan guutame. Achiis gara koo dhufee: ‘Kottu, afaan kee kan salawaata baay’ee naaf buusu kana haan dhungadhu’ jedhe. Anis afaan koo dhiheessuu qaana’ee boqoo koo itti dhiheesse. Afaan isaa eebbifamaadhaan na dhungate. Gammachuudhaan dammaqe. Kutaan koo urgaa miskiitiin guutamee argadhe. Guyyaa saddeetiif urgaan gaariin sun boqoo koo irraa hin badne.” Gurguddoota salafaa keessaa Khallaad bin Kasiir yommuu boqotu, mataa isaa jalatti waraqaa akkana jedhu argatan: “Kun waraqaa bilisummaa Khallaad bin Kasiir kan Jahannam irraa ittiin baraaramu dha.” Firoota isaa: “Hojiin isaa maal ture?” jedhanii gaafatan. Isaanis: “Jimaata hunda salawaata buusaa ture” jedhan. Kitaaba Shaykh Aynii Zayn al-Majaalis jedhamu keessatti akkana barreeffameera: Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam): “Guyyaa Qiyaamaa gareen namootaa sadii Arshii jala, iddoo gaaddisni gaaddisa isaa malee hin jirre, ni argamu” jedhe. “Isaan eenyu?” jedhanii gaafatan. Innis: “Nama ummata koo rakkoo keessaa baasu, nama sunnaa koo jiraachisu fi nama salawaata baay’ee naaf buusu” jedhe.
Shaykh Abuu Muusaa Dariirii akkana jedha: “Galaana irratti obomboleettiin nu qabe. Namni hundi sodaa du’aatiin boo’aa ture. Haala sana keessatti hirribni na mo’e. Abjuu koo keessatti Rasuula Kabajamaa arge. Innis akkana jedhe: ‘Warra doonii keessa jiraniin himi, al kuma tokko haa dubbisan: Allaahumma salli alaa sayyidinaa Muhammadin wa alaa aali sayyidinaa Muhammad, salaatan tunjiinaa bihaa min jamii’il-ahwaali wal-aafaat, wa taqdii lanaa bihaa jamii’al-haajaat, wa tuxahhirunaa bihaa min jamii’is-sayyi’aat, wa tarfa’unaa bihaa indaka a’lad-darajaat, wa tuballighunaa bihaa aqsal-ghaayaat min jamii’il-khayraati fil-hayaati wa ba’dal-mamaat.’ Utuu al dhibba sadii illee hin dubbisin, obomboleettiin ni dhaabbate, nutis ni baraaramne.” Salawaanni kun hojii barbaachisaa hunda keessatti, akkasumas balaa hunda, rakkoo hunda fi sochii lafaa keessatti akka dubbifamu gorfameera.
Halkanii fi guyyaa arraba koo irra salaataa fi salaamni jira, ruuhii keessan eebbifamaaf, yaa Boonsa Ilmaan Namaa!
Kitaabota amanamoo keessatti, waa’ee akkaataa salawaanni itti buufamu, hadiisota afurtamaa ol ta’antu jira.
Isaan keessaa tokko akkana:
“Namni gurri isaa bilbilu na haa yaadatu, salawaatas naaf haa buusu” Hadiisa shariifa
Allaahumma salli alaa Muhammadin wa alaa aali Muhammad, kamaa sallayta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiim, wa baarik alaa Muhammadin wa alaa aali Muhammad, kamaa baarakta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiim, innaka hamiidun majiid.
Allaahumma salli wa sallim wa baarik warham alaa sayyidinaa Muhammadin huwa sayyidul-arabi wal-ajam.
Wa imaami Makkatil-mukarramati wal-Madiinatil-munawwarati wal-haram. Allamal-insaana maa lam ya’lam.
Asluhuu nuurun wa nasluhuu Aadam.
Ba’suhuu mu’akhkharun wa khalquhuu muqaddam.
Ismuhush-shariifu maktuubun alal-Lawhil-mahfuuzi biyaaquutil-qalam.
Wa jismuhush-shariifu madfuunun fil-Madiinatil-munawwarati wal-haram.
Yaa layta aktahilu turaabal-lazii tahtal-qadam.
Fa-tuubaa summa tuubaa liman da’aa wa tabi’ahuu wa liman aslama saahibash-shafaa’ati lil-aalamiin.
Qaa’ilan yaa Rabbii! Sallim ummatii, ummatii, waa ummataa yaa zal-luxfi wal-karam.
Fa-yunaadil-munaadii min qibalir-Rahmaan, qabiltu shafaa’ataka yaa Nabiyyal-muhtaram.
Udkhulul-jannata laa khawfun alaykum wa laa huznun wa laa alam.
Summa radiyallaahu ta’aalaa an Abii Bakrin wa Umara wa Usmaana wa Aliyyin zil-karam.
Wa sallallaahu alaa sayyidinaa Muhammadin wal-hamdu laka yaa Rabbal-aalamiin.
Bihurmati Sayyidil-mursaliin.
Yeroo bubbeen ganamaa rifeensa isaa tuqu,
Qilleensi urgaa miskii fi ambaraatiin guutama ture.
Ifa ilkaan isaa kan akka lu’ulu’aa sanaatiin halkan,
Lilmoon kufte illee ni argamti ture, yaa barsiisaa.
Ifa qoma isaa nuuraa irraatiin halkan dukkanaa’aa, dargaggoonnii fi jaarsoliin karaa deemu turan.
Yeroo jaalalleen Haqqaa sun quba isaatiin
Gara ji’aatti akeeku, ji’i bakka lamatti baqaqe.
Yoo dafqe, copha dafqa isaa hundi wardii ta’a ture;
Namoonnis gammachuudhaan wardii dafqa isaa irraa ni funaanu turan.
Mootiin aalamaa sun muka timiraa dhaabe;
Sa’aatuma itti dhaabe sanatti mukni sun ija godhate.
Mu’jizaawwan isaa hanga Mahsharaatti utuu hin dhaabbatin himamanis,
Mahsharri meeqa yoo dhufe illee, dhumni isaanii hin ga’amu.
Ibidda irraa baraaramuu yoo barbaaddan,
Jaalalaa fi gubaa onneetiin salawaata buusaa!
As-salaatu was-salaamu alayka yaa Rasuulallaah!
As-salaatu was-salaamu alayka yaa Habiiballaah!
As-salaatu was-salaamu alayka yaa Nuura Arshillaah!
