Nabiyyicha Jaalatamaa

HAJJII DHAAMMANNAA

Bara kurnaffaa Hijraa Nabiyyiin keenya kabajamaan hajjiif qophaa’ee, Muslimoonni Madiinaa jiranis hajjiif akka qophaa’an ajaje. Warra Madiinaa ala jiraniifis oduu erge. Kana irratti Muslimoonni kumaan Madiinaatti walitti qabaman. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii qalmaaf gaala dhibba tokko bite. Utuu karaa hin ba’in ghusla godhate. Rifeensa isaa eebbifamaa filatee, urgooftuu dibatee, izaara fi ridaa isaa uffate. Qophiin yommuu xumuramu, Nabiyyiin keenya jaalatamaan guyyaa 25ffaa ji’a Zul-Qa’daa, salaata Zuhrii booda, qaafilaa nama kuma soddomaa ol wajjin Madiinaa irraa ka’e. Karaa Shajaraatiin Zul-Hulayfaa ga’an. Achitti baay’inni Sahaabotaa kuma afurtamaa darbe. Halkan sana achi bulan. Nabiyyiin keenya jaalatamaan gaalota dhibba tokkoo of wajjin fudhate keessaa tokko fidsise. Mallattoo qalmaa akka ta’uuf gama mirgaa kurruphee isaa sararee dhiigsisee, morma isaatti kophee lama fannisee, Sahaabonnis akkasuma akka godhan ajaje. Salaata ihraamaa rak’aa lamaa salaate. Allaahu ta’aalaa erga faarsee galateeffatee booda, Hogganaan Uumamaa akkana jedhee du’aa godhe: “Yaa Rabbii! Kana hajjii fudhatamaa fi mabruura, kan keessatti of argisiisuun, of mul’isuun fi maqaa barbaaduun hin jirre naaf godhi!” Ihraama seenee, akkuma Jibriil alayhis-salaam itti beeksisetti, sagalee ol’aanaadhaan talbiyaa jechuu jalqabe. Sahaabonnis yommuu itti makaman, lafaa fi samiin iyya talbiyaatiin raafamuu jalqabe: “Labbayk! Allaahumma labbayk! Labbayk! Laa shariika laka labbayk! Innal-hamda wan-ni’mata laka wal-mulk, laa shariika lak!…”

Karaa Baydaa hordofanii gara Malal qajeelan. Sahaabonni akka lolaa duuba isaa yaa’an. Karaa irratti namoonni makamuu itti fufan. Sulula Rawhaa, kan nabiyyoonni gara torbaatamaa ta’an, Muusaa alayhis-salaam dabalatee, itti salaatan, yommuu ga’an, Sayyida keenya Ergamaan Rabbii: “Sululli kun sululoota Jannataa keessaa tokko dha” jedhe. Achitti salaatan. Achii gara Munsaraf ka’anii salaata Subhii Asaasaatti salaatan. Lahy Jamal yommuu ga’an dhukkubsatee, waraansa dhiigaa (hijaamaa) godhatee Suqyaatti qubatan. Abwaa’, iddoo haati isaa kabajamtuu Aaminaan itti boqotte, yommuu ga’an, qabrii ishee daawwatee boo’e. Warra isa wajjin turanis boochise. Itti aansee Xal’at al-Yaman, Juhfaa, Ghadiir Khumm, Qudayd fi sulula Usfaan ga’an. Asitti Nabiyyiin keenya kabajamaan Abuu Bakriin: “Huud fi Saalih alayhimas-salaam, mudhii isaaniitti uffata hodhaa furdaa maratanii, huccuu sarara qabu uffatanii, tokkoon tokkoon isaanii gaala dargaggeessa diimaa kan luugamni isaa haphii timiraatiin tolfame irra ta’anii, hajjiif talbiyaa jechaa asii darbanii turan” jedhe.1 Ghaniim, Marr az-Zahraan fi Sarif darbanii Zii Xuwaa ga’an. Achi bulanii, salaata Subhii erga salaatanii booda Hajuun darbanii, gaara Kadaatiin Makkaa seenan. Imala guyyaa 10 booda guyyaa 4ffaa Zul-Hijjaa Makkaa ga’an. Warri Yaman fi naannoowwan biroo irraa hajjiif dhufanis waan itti makamaniif, baay’inni Muslimootaa 90,000 darbe. (Riwaayaa tokkoon kuma dhibba tokkoo fi kudha afur, riwaayaa biraatiin immoo gara kuma dhibba tokkoo fi digdamaa turan.)

“Yaa Rabbii! Kana hajjii fudhatamaa fi mabruura, kan keessatti of argisiisuun, of mul’isuun fi maqaa barbaaduun hin jirre naaf godhi!” Hadiisa shariifa

Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Baytullaah yommuu argu akkana jedhee du’aa godhe:

“Yaa Rabbii! Ulfina, ol’aantummaa, sodaachisummaa fi kabaja Mana kanaa dabali. Warra hajjii fi umraadhaan isa kabajan illee ulfina, sodaachisummaa, kabajaa fi gaarummaa isaanii dabali.”

Achiis manaasika jalqabe. Yeroo hajjii hunda dunkaana Abtah keessa, kan Makkaa fi Minaa gidduutti dhaabame, ture. Nabiyyiin keenya jaalatamaan guyyaa 8ffaa Zul-Hijjaa (Guyyaa Tarwiyaa) Minaa, guyyaa 9ffaa (Guyyaa Arafaa) immoo Arafaat deeme. Gidduu sulula Arafaatitti sulula Uranaa dhufee dhaabate. Waaree booda gaala isaa Qaswaa jedhamu irra ta’ee Khuxbaa Dhaammannaa godhee Sahaabota (radiyallaahu anhum) wajjin wal dhaammate.2

ISIN BIRA DHUFE!
Yaa da’oo cubbamootaa, isinitti baqachuuf dhufe!
Dogoggora baay’een hojjedhe, isin kadhachuuf dhufe!
Iddoo dukkanaa’aatti jallate, dhoqqee keessa liqimfame,
Madda ifaa kan karaa qajeelaa ibsutti dhufe.
Lubbuu tokkon qaba kan ba’uuf jirtu, yaa lubbuu lubbuuwwan hundaa!
“Lubbuu koo wareeguuf dhufe” jechuun ni malaa?
Isin ogeessa fayyaa warra dhukkubsatanii ti, ani immoo onnee dhukkubsataa dha.
Madaa onnee kootiif qoricha argachuuf balbala keessan rurrukutuuf dhufe.
Balbala warra arjootaatti waa fiduun dogoggora dha;
Biyyoo isin irra ejjechuudhaan kabajjan dhungachuuf dhufe.
Cubbuun koo akka tulluu baay’ee dha, fuulli koo akka qaaraa gurraacha dha!
Ba’aa fi gurraachummaa kana jalaa guutummaatti ba’uuf dhufe.
Galaana tola keessanii irraa coqorsi tokko dhugumaan hunda qulqulleessa,
Akka fuula koo gurraacha ta’us, kitaaba hojii koo qabadhee dhufe.
Utuu balbala keessanitti fuula koo kaa’uu danda’ee, yaa jaallatamaa lubbuu koo caalaa!
Wanti bishaaniin hin raawwatamne, biyyoo saniin ni raawwatama!