Nabiyyicha Jaalatamaa

INJIFANNOO MAKKAA

Barri saddeettaffaan Hijraa ture. Waliigaltee nagaa Hudaybiyyaa keessaa keewwatni tokko akkana ture: “Gosoonni Arabaa kanneen gareewwan lamaan ala jiran garee barbaadan kamiyyuu eegumsa jala galuu ni danda’u; Muslimoota yookaan mushrikoota wajjin tokkummaa uumuuf bilisa ta’u.” Kanaaf gosti Khuzaa’aa, michuu Nabiyyii keenya kabajamaa kan ta’e, gama Muslimootaa; gosti Banii Bakr immoo gama mushrikootaa dhaabate. Gosti Khuzaa’aa fi Banii Bakr durii kaasee diina wal ta’anii, carraa yeroo argatan wal haleelaa turan. Akka nagaa Hudaybiyyaatti isaanis yeroo muraasaaf haleellaa isaanii dhaabanii turan. Haa ta’u malee Banii Bakr kana waggaa lama qofa eeguu danda’an. Ilmaan Bakr keessaa tokko walaloo Nabiyyii keenya jaalatamaa arrabsu tokko dubbate; dargaggeessi gosa Khuzaa’aa tokko kana dhaga’ee of qabuu dadhabee, rukutee mataa isaa baqaqse. Ilmaan Bakr kana carraa godhatanii gosa Khuzaa’aa, kan sababa waliigalteetiin balaa irraa nagaa ta’uu amanee jiru, haleelan. Mushrikoonni Quraysh meeshaa waraanaa kennuu fi dhoksaan namoota erguun haleellaa kana gargaaran; Haram ash-Shariif keessatti gosa Khuzaa’aa irraa namoota digdamaa ol ajjeesan. Yeroo wal lolaa sanaa Muslimoonni gosa Khuzaa’aa keessaa tokko tokko Nabiyyii keenya kabajamaa irraa gargaarsa gaafatan. Weerara halkanii gosa Khuzaa’aa irratti raawwatame kana keessatti, namoonni ilmaan Bakr gidduutti mushrikoota Quraysh argan illee turan.

Halkan sana Nabiyyiin keenya jaalatamaan Madiinaatti mana haadha teenya Maymuunaa keessa ture. Salaata salaatuuf ka’ee udhuu godhachaa utuu jiruu, hayyama Allaahu ta’aalaatiin, akka mu’jizaatti, Muslimoonni Makkaa gargaarsa isa irraa gaafachuu isaanii dhaga’e. Deebii isaaniif: “Labbayk! (Waamicha keessaniif deebii nan kenna!)” jedhe. Haati teenya Maymuunaan, utuu namni tokkollee isa bira hin jiraatin Nabiyyiin keenya kabajamaan akkas dubbachuu isaa yommuu argitu: “Yaa Ergamaa Rabbii! Namni isin bira jiraa?” jettee gaafatte.

Nabiyyiin keenya jaalatamaan taatee Makkaatti ta’e fi Qurayshoonni hojii kana keessatti hirmaachuu isaanii itti hime.

Mushrikoonni Quraysh Banii Bakr gargaaruun, gosa Khuzaa’aa haleelanii namoota isaanii ajjeesuun, keewwatoota waliigaltee nagaa Hudaybiyyaa faallaa hojjetanii, akkasiin waliigaltee sana cabsanii turan.

Nabiyyiin keenya jaalatamaan oduu kana battaluma sanatti beekee ture. Kana malees, taatee sana booda guyyaa sadiitti Amr bin Saalim, gosa Khuzaa’aa keessaa, abbootii fardaa afurtama wajjin Rasuula Kabajamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) bira dhufee haala ta’e itti hime. Haa ta’u malee hogganaan Quraysh Abuu Sufyaan, inni yeroo sana daldalaaf gara Shaam deemee ture, taatee kana irraa oduu hin qabu ture. Habiibullaah: “Yoo ilmaan Khuzaa’aa hin gargaarre, anis hin gargaaramin!” jedhee xalayaa tokko barreessise. Xalayaa mushrikoota Quraysh biratti ergame kana keessatti Nabiyyiin keenya jaalatamaan akkana jedhe: “…Yookaan tokkummaa ilmaan Bakr wajjin qabdan dhiiftanii of qusattu, yookaan gumaa (diyaa) warra ilmaan Khuzaa’aa keessaa ajjeefamaniif kaffaltu! Yoo wantoota ani jedhe kana keessaa tokko illee hin raawwanne, akka ani isin wajjin lola godhu isinitti nan beeksisa!…” Qurayshoonni gara-laafina kana illee hin hubanne; “Tokkummaa keenya hin cinnu, gumaas hin kaffallu! Lola qofa gochuu dandeenya” jedhanii oduu ergan. Haa ta’u malee waan akkas godhaniif yeroo kuma gaabbanii, sodaa isaaniitiin, waliigaltee haaromsuuf Abuu Sufyaan eeguu jalqaban.

“(Yaa Muslimoota Makkaa!) Labbayk! Waamicha keessaniif deebii nan kenna!” Hadiisa shariifa

Abuu Sufyaan Shaam irraa yommuu deebi’u, taatee sana itti himanii: “Kun dhimma dhugumaan sirreeffamuu qabu dha. Yoo hin sirreeffamin, Muhammad Makkaa keessaa nu ari’a!” jedhan. Abuu Sufyaan immoo: “Ani taatee kana irraa oduu hin qabaanne iyyuu, nagaa haaromsuu fi dheeressuuf ariifadhee deemuu qaba” jedhee battaluma gara Madiinaa ka’e.1 Utuu Abuu Sufyaan Madiinaa hin ga’in, Nabiyyiin keenya jaalatamaan dhufuu isaa Sahaabota isaatti beeksisee: “Akkan hubadhutti, Abuu Sufyaan nagaa haaromsuu fi yeroo nagaa dheeressuuf dhufaa jira. Haa ta’u malee hawwiin isaa hin milkaa’u; akkuma dhufe deebi’a!…” jedhe.

Abuu Sufyaan, inni ammallee Muslima hin taane, Madiinatul-Munawwaraa ga’e. Gara mana intala isaa Ummu Habiibaa (radiyallaahu anhaa), haadha manaa eebbifamtuu Nabiyyii keenya kabajamaa fi haadha mu’minootaa, deeme. Afata Nabiyyii keenya jaalatamaa irra taa’uu barbaade. Haati teenya Ummu Habiibaan utuu inni hin taa’in dafte afata sana ol fuute. Abbaan ishee kanatti baay’ee gaddee: “Yaa intala koo! Afata kana na dhowwattaa?” jedhee yommuu dinqisiifannaa isaa ibsu, haati mu’minootaa Ummu Habiibaan, ishee jaalala Ergamaa Rabbii waan hunda ol qabattu, abbaa isheetiin akkana jettee deebifte: “Afanni kun afata Rasuula Allaahu ta’aalaa ti. Mushrikoonni irra taa’uu hin danda’an! Isin mushrikaa fi najisa (xuraa’aa) dha! Afata kana irra taa’uun keessan gonkumaa isinii hin malu!”

Abbaan ishee: “Yaa intala koo! Mana koo erga gadhiiftee as wanti tokko si qunnameera!” yommuu jedhu, isheen: “Alhamdulillaah, Allaahu ta’aalaan Islaamummaa naaf kenne. Isin garuu ammallee taabotoota dhagaa irraa hojjetaman, kanneen hin dhageenyee fi hin argine, gabbaraa jirtu! Yaa abbaa koo! Nama akka keessanii, guddaa fi hangafa Quraysh kan ta’e, akkamitti Islaamummaa irraa fagaatee hafa?…” jette. Abbaan ishee baay’ee aaree: “Akkas kabaja malee na qunnamtee wallaalummaan na himatta! Egaa ani waan akaakileen koo waggoota dheeraaf gabbaraa turan dhiisee amantii Muhammad seenuu?!” jedhee achii ka’ee deeme.2

Hogganaan Quraysh Nabiyyii keenya jaalatamaa bira dhufee: “Ani waliigaltee nagaa Hudaybiyyaa haaromsuu fi yeroo isaa dheeressuuf dhufe. Kottu, waliigaltee gidduu keenya jiru kana barreeffamaan haa haaromsinu!” jedhe. Jaalalleen Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam): “Nuti waliigaltee nagaa Hudaybiyyaa faallaa homaa hin hojjennu; isas hin jijjiirru!” jedhe. Hogganaan Quraysh irra deddeebi’ee: “Waliigaltee haa jijjiirru! Haa haaromsinu!…” jedhus, Nabiyyiin keenya jaalatamaan deebii tokkollee hin kennineef. Hogganaan Quraysh carraaqqiin isaa hundi homaa akka hin fayyadne yommuu argu, Makkaatti deebi’ee haala jiru mushrikootatti hime. Mushrikoonni: “Egaa homaa utuu hin raawwatin deebite, laata?!…” jedhanii isa komatan. Isaaniif amma eeguu malee wanti godhan hin hafne.

Namni Masjidul-Haraamitti baqatu

Abuu Sufyaan Madiinaa irraa yommuu ka’u, Nabiyyiin keenya jaalatamaan Makkaa injifachuuf murteesse; sababni isaas Qurayshoonni waadaa isaanii eeguu dhiisanii waliigaltee cabsanii turan. Haa ta’u malee iccitii kana baay’ee dhoksaa ture: mushrikootaaf carraa qophaa’uu utuu hin kennin, Haram ash-Shariif keessattis dhiigni utuu hin dhangala’in Makkaa harka galfachuu barbaade. Kun tooftaa waraanaa ture. Sababni isaas, Makkaan yommuu injifatamtu namoonni hammam Muslima ta’uudhaan akka kabajaman eenyutu beeka! Dhimma kana Abuu Bakr fi hangafoota Sahaabota isaa keessaa muraasatti beeksise. Sahaabota isaa imala waraanaatiif akka qophaa’an ajaje, garuu eessa akka deemamu hin beeksifne. Sahaabonni jihaadaaf qophaa’uu jalqaban. Nabiyyiin keenya kabajamaan kana malees gosoota Muslimaa naannoo jiran keessaa Aslam, Ashja’, Juhaynaa, Husayn, Ghifaar, Muzaynaa, Sulaym, Damraa fi ilmaan Khuzaa’aatiif oduu erge. Oduu sana keessatti: “Warri Allaahu ta’aalaa fi Guyyaa Aakhiraatti amanan jalqaba ji’a eebbifamaa Ramadaanaa Madiinaa keessa haa jiraatan” jedhamee, lolatti hirmaachuuf affeeraman.

Habiibullaah (sallallaahu alayhi wa sallam), akka tarkaanfii of eeggannootti, karaawwan gara Makkaa geessan qabatee walqunnamtii akka kutu Umar ajaje. Umar battaluma karaawwan tulluu, karaawwan dhiphoo tulluuwwan gidduu darbanii fi mataa karaawwan biroo irratti eegdota dhaabee: “Nama gara Makkaa deemuu barbaadu hunda ni deebiftu!” jedhee ajaje.

Hojiin kun dhoksaan akka raawwatamuuf, Nabiyyiin keenya jaalatamaan akkana jedhee Allaahu ta’aalaa kadhate: “Yaa Rabbii koo! Hanga nuti tasa biyya isaanii geenyutti, basaastotaa fi ergamtoota Quraysh qabi; akka isaan hin argine, hin dhageenyes godhi. Tasa nu haa argan, nu haa dhaga’an!”

Akka gara mushrikoota kaabaa yookaan warra Bizaantiyemitti duulamu fakkeessuuf, Nabiyyiin keenya kabajamaan Abuu Qataadaa garee waraanaa wajjin gara kaabaatti, gara sulula Izaam erge. Yeroo kanatti Nabiyyiin keenya jaalatamaan, xalayaan qophii Madiinaa mushrikoota Makkaatti beeksisuuf ergame tokko akka jiru, akka mu’jizaatti beeksise. Aliyyi erguun xalayaa sana qabsiise.

Hanga guyyaa lammaffaa ji’a Ramadaanaatti gosoota naannoo irraa gargaarsi dhufee, qubata waraanaa eela Abuu Inabaa bira jirutti walitti qabaman. Baay’inni Sahaabotaa kuma kudha lama ga’e. Isaan keessaa kuma afur Ansaar, dhibba torba Muhaajiroota, warri hafan immoo gosoota Muslimaa naannoo irraa turan.3

Nabiyyiin keenya jaalatamaan Abdullaah bin Ummu Maktuum bakka bu’aa isaa godhee Madiinaatti dhiise.4 Zubayr bin Awwaam immoo garee abbootii fardaa dhibba lamaa irratti hogganaa godhee, akka garee qorannaatti dursee erge. Bara saddeettaffaa Hijraa, guyyaa kurnaffaa ji’a eebbifamaa Ramadaanaa, guyyaa Roobii, Sayyidni Aalamootaa, waraana isaa guddaa nama kuma kudha lamaa kan onneen isaanii jaalala Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaatiin guutame hogganee, maqaa Allaahu ta’aalaatiin Madiinaa irraa ka’e. Isaan gara Makkaa, biyya isaanii kan waggaa saddeet dura dararaa fi miidhaadhaan akka gadhiisan dirqamanii turan, deemaa turan. Ka’abaa guddoo, kan mana taabotaa taate, taabotoota irraa qulqulleessuuf deemaa turan…

Mushrikoota mataa jabina isaanii dhiisuu hin barbaanneef dhugaa, haqaa fi rahmata agarsiisuuf deemaa turan… Amantii Allaahu ta’aalaa babal’isuu fi namoonni achi jiran adabbii Jahannam bara baraa irraa akka baraaramaniif sababa ta’uuf deemaa turan. Yaa Rabbii koo! Kun rahmata akkam guddaa ture!… Waraanni Islaamaa Zul-Hulayfaa yommuu ga’u, adeera Nabiyyii keenya kabajamaa Abbaas, kan maatii isaa wajjin Makkaa irraa godaanaa ture, wajjin wal arge. Nabiyyiin keenya jaalatamaan dhufuu adeera isaatti baay’ee gammadee: “Yaa Abbaas! Akkuma ani nabiyyoota keessaa isa dhumaa ta’e, atis Muhaajiroota keessaa isa dhumaa ti” jedhee garaa isaa qabbaneesse. Meeshaalee Abbaas gara Madiinaatti erge. Abbaas Nabiyyii keenya kabajamaa bira turee Injifannoo Makkaa irratti hirmaate.5 Rasuula Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) Qudayd, iddoo Makkaatti dhihoo jiru, yommuu ga’u, Sahaabota isaa ulfina qabeeyyii tartiiba lolaatiin hiriirsise. Gosa hundaaf alaabaa (bandiiraa) adda addaa kenne. Alaabaawwan sanas baataa alaabaa gosa hundaatiif kenne. Alaabaa Muhaajirootaa Aliyyi, Zubayr bin Awwaam fi Sa’ad bin Abii Waqqaas (radiyallaahu anhum) baataa turan. Ansaar baattota alaabaa kudha lama, Ashja’ fi Sulaym tokko tokko, Muzaynaa sadii, Aslam lama, ilmaan Khuzaa’aa sadii, Juhaynaan immoo afur qabu turan.6 Madiinaa irraa ka’anii guyyaa kudhan ta’ee ture. Gara galgalaa Makkaatti baay’ee dhihaatanii, yeroo salaata Ishaa’ii Marr az-Zahraan ga’an. Nabiyyiin keenya kabajamaan Sahaabota isaa achitti akka dhaabatan ajaje. Kana malees Umar hojii kennee, mujaahidni hundi ibidda akka qabsiisu ajaje.7 Yeruma tokkotti ibiddi kuma kudhanii ol yommuu boba’u, Makkaan ifaan guutamte. Mushrikoonni Makkaa, kanneen homaa hin beekne, rifatanii burjaaja’an. Maal akka ta’e beekuuf Abuu Sufyaan ergan. Innis namoota muraasa of wajjin fudhatee, dhokachaa dhokachaa gara waraana Islaamaatti dhihaate. Yeroo kanatti Nabiyyiin keenya jaalatamaan Sahaabota isaa keessaa muraasaan: “Abuu Sufyaan eegaa. Dhugumaan isa ni argattu!” jedhe. Qurayshoonni hamma fuulduratti deemaniin dinqisiifannaan isaanii dabalaa, rifaatiin isaan qabaa ture. Naannoo Makkaatti loltoonni hammamii walitti qabamanii, ibidda hammamii qabsiisan!… Waa’ee kanaa wal dubbachaa, iddoo Araak jedhamu ga’an.

“Yaa Rabbii koo! Hanga nuti tasa biyya isaanii geenyutti, basaastotaa fi ergamtoota Quraysh qabi; akka isaan hin argine, hin dhageenyes godhi. Tasa nu haa argan, nu haa dhaga’an!” Hadiisa shariifa

Yeruma sana Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Abuu Sufyaan amma Araak jira” jedhe. Abbaasis battaluma gara Araak deemee of keessatti akkana jedhe: “Achitti dhugumaan nama tokko argadhee Makkaatti nan erga; waraanni Islaamaa isaan irratti dhufaa akka jiru akka isaanitti himuuf, warri Makkaas utuu lolli hin jalqabin Ergamaa Rabbii alayhis-salaam bira dhufanii nagaa (amaana) akka kadhataniif.” Achi naannoo sana nama barbaadaa utuu jiruu, Abbaas Abuu Sufyaan sagalee isaatiin beekee: “Yaa Abuu Hanzalaa!” jedhee waame. Abuu Sufyaanis isa beekee: “Yaa Abul-Fadl! Ati moo! Abbaan koo fi haati koo siif haa wareegaman!” jedhe. Achiis waliin gara qubata Islaamaatti deemuu jalqaban…

Karaa irratti Abuu Sufyaan Abbaasiin: “Oduun maali?” jedhee gaafate. Innis: “Yaa Abuu Sufyaan! Wayyoo siif! Rasuula alayhis-salaam waraana isin dura dhaabachuu hin dandeenyeen isin irratti dhufaa jira. Nan kakadha, haalli Qurayshootaa hamaa ta’a. Wayyoo isaaniif, waan isaan mudatuuf!” jedhe. Abuu Sufyaanii fi warri isa wajjin turan abdii guddaadhaan mujaahidoota gidduu darbanii Nabiyyii keenya jaalatamaa bira ga’an. Sulxaanni Uumamaa gaariidhaan isaan simate. Waa’ee warra Makkaa odeeffannoo isaan irraa fudhate. Hanga halkan dheeraatti erga isaan wajjin haasa’ee booda, gara Islaamummaatti isaan affeere. Hakiim bin Hizaam fi Budayl battaluma Kalima-i shahaadaa jechuun Muslima ta’an (radiyallaahu anhumaa). Haa ta’u malee shakkiin Abuu Sufyaan itti fufe. Ganama yommuu ta’u, Nabiyyiin keenya jaalatamaan, galaanni rahmataa: “Yaa Abuu Sufyaan! Wayyoo siif! Allaahu ta’aalaa malee gabbaramaan dhugaa akka hin jirre beekuuf yeroon ammallee hin geennee?” jedhe. Innis akkana jedhe: “Abbaan koo fi haati koo isiniif haa wareegaman! Amala lallaafaa, arjummaa fi mirga firootaa eeguu keessatti namni isin caalu hin jiru. Erga nuti rakkoo hammana isin irraan geessinee booda, isin ammallee karaa qajeelfamaa (hidaayaa) irratti nu affeertu. Abbaa arjummaa akkam gaarii taatan! Rabbii malee gabbaramaan dhugaa akka hin jirre amaneera… Utuu gabbaramaan biraa jiraatee, silaa na fayyada ture. Isinis Ergamaa Rabbii ti.” Akkasiin Sahaabota keessaa tokko ta’uudhaan kabajame, radiyallaahu anhu.8

Abbaas: “Yaa Ergamaa Rabbii! Abuu Sufyaaniif waan warra Makkaa biratti kabaja isa argamsiisu tokko hin kennitanii?” jedhe. Nabiyyiin keenya kabajamaan kana fudhatee: “Namni mana Abuu Sufyaan seenee itti baqate, nagaan (amaanni) kennameeraaf; ajjeefamuu irraa ni baraarama” jedhe. Abuu Sufyaan: “Yaa Ergamaa Rabbii! Xiqqoo dabaltanii hin bal’iftanii?” jedhee yommuu kadhatu, Nabiyyiin keenya jaalatamaan: “Namni Masjidul-Haraam seenee itti baqate, nagaan kennameeraaf! Namni balbala isaa cufatee mana isaa keessa taa’e, nagaan kennameeraaf” jedhe. Abuu Sufyaan sodaachisummaa fi baay’ina waraana Islaamaa argee mushrikoota Makkaatti akka himuuf, Rasuula Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) Abbaasiin: “Iddoo sululli itti dhiphatu, fardeen wal dhiibaa itti darban, karaa dhiphaa tulluu sanatti isa geessi. Ulfina Muslimootaa, ulfina waraana Allaahu ta’aalaa, haa argu” jedhe.

Abuu Sufyaan arguu qaba ture; akka waan arge mushrikootatti himuu fi namni mormu akka hin jiraanneef… Akkasiin Haram ash-Shariif keessatti dhiigni akka hin dhangala’neef… Abbaas Abuu Sufyaan wajjin gara karaa dhiphaa tulluu deemaa utuu jiruu, mujaahidoonni tartiiba lolaa qabatan. Gosti hundi alaabaa isaa diriirsee karaa dhiphaa sana keessa darbuu jalqabe. Tokkoon tokkoon isaanii uffata sibiilaa uffatanii meeshaa waraanaa hidhatanii turan. Gareen hundi yommuu darbu takbiira jedha ture. Abuu Sufyaan: “Isaan kun eenyu?” jedhee gaafata ture; Abbaasis: “Kun ilmaan Sulaym! Ajajaan isaanii Khaalid bin Waliid!”, “Kun ilmaan Ghifaar!”, “Kun ilmaan Ka’ab!…” jedhee deebisa ture. Iyyi “Allaahu akbar! Allaahu akbar!” lafaa fi samii guute; baay’inni mujaahidootaa fi calaqqeen meeshaalee waraanaa ija gubaa ture. Wanti Abuu Sufyaan caalaatti arguu hawwe Boonsa Aalamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) ture. Darbuu loltoota naannoo isaa jiranii baay’ee hawwaa, isaan warra kaan irraa adda akka ta’an tilmaamaa ture. Kanaaf irra deddeebi’ee: “Kun garee Ergamaa Rabbiitii?” jedhee gaafachuu irraa of qabuu hin dandeenye… Dhuma irratti Sulxaanni Nabiyyootaa, Sayyidni Aalamootaa, akka aduu nuura facaasaa gaala isaa Qaswaa irratti mul’ate. Naannoo isaa Muhaajiroota fi Ansaar turan. Tokkoon tokkoon isaanii mataa hanga qeensaatti uffata sibiilaa Daawuudii uffatanii, goraadee Hindii hidhatanii, fardeenii fi gaalota gosa filatamoo yaabbatanii dhufaa turan.

Abuu Sufyaan isaan yommuu argu, hawwiidhaan: “Isaan kun eenyu, yaa Abbaas?” jedhee gaafate. Innis: “Inni gidduu jiru Rasuula alayhis-salaam dha. Warri naannoo isaa jiran immoo Ansaarii fi Muhaajiroota jaalala shahiida ta’uutiin gubatan dha!…” jedhe. Nabiyyiin keenya jaalatamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) cinaa isaanii yommuu darbu, Abuu Sufyaaniin: “Har’a guyyaa Allaahu ta’aalaan ulfina Ka’abaa ol godhu dha. Har’a guyyaa Baytullaah uffanni itti uffifamu dha! Har’a guyyaa rahmataa ti… Har’a guyyaa Allaahu ta’aalaan Qurayshoota (Islaamummaadhaan) kabaja itti kennu dha” jedhe.

Abuu Sufyaan waan arguu qabu argee, waan dhaga’uu qabus dhaga’ee ture. “Ani mootummaa Qaysarii fi Kisraa argeera. Haa ta’u malee kan akkas ulfina qabu hin argine. Gonkumaa waraanaa fi tuuta akka har’aa hin qunnamne. Waraana akkanaa dura namni dhaabachuu danda’u hin jiru. Isaan mo’uu kan danda’u hin jiru” jedhee karaa Makkaa qabate…

“Namni mana Abuu Sufyaan seenee itti baqate, nagaan kennameeraaf; ajjeefamuu irraa ni baraarama… Namni Masjidul-Haraam seenee itti baqate, nagaan kennameeraaf! Namni balbala isaa cufatee mana isaa keessa taa’e, nagaan kennameeraaf” Hadiisa shariifa

Abuu Sufyaan Makkaa ga’ee, mushrikoota hawwiidhaan isa eegaa turaniitti Muslima ta’uu isaa erga labsee booda akkana jedhe: “Yaa ummata Quraysh! Muhammad alayhis-salaam waraana guddaa isin dura dhaabachuu hin dandeenye wajjin cinaa keessan ga’eera. Akkasumaan of hin gowwoomsinaa. Akka baraaramtaniif Muslima ta’aa. Ani waan isin hin argine argeera. Gootota, fardeenii fi meeshaalee waraanaa lakkoofsa hin qabne argeera. Namni isaan mo’uu danda’u hin jiru. Namni mana Abuu Sufyaan seene, nagaan kennameeraaf, ajjeefamuu irraa baraarameera. Namni Baytullaahitti baqate, nagaan kennameeraaf. Namni mana isaa seenee balbala isaa cufate, innis nagaan kennameeraaf.”9

Kana irratti mushrikoota hammeenyaan beekaman keessaa tokko tokko Abuu Sufyaan mormanii isa arrabsan. Waraana Islaamaa mormuuf ariitiin qophaa’uu illee jalqaban. Haa ta’u malee lakkoofsi isaanii baay’ee xiqqaa ture. Warri kaan utuu isaan hin dhaggeeffatin gara mana isaaniitti fiigan. Gariin immoo Masjidul-Haraamitti baqatan.

Hogganaan Aalamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) fi Sahaabonni ulfina qabeeyyiin (radiyallaahu anhum) sulula Zii Xuwaatti walitti qabaman. Sayyidni Aalamootaa ija isaa eebbifamaatiin Sahaabota isaa erga ilaalee booda, waggaa saddeet dura Makkaa irraa ba’uun isaa, Hijraan, yaada isaatti dhufe. Yeroo sana mushrikoonni naannoo mana isaa eebbifamaa marsuu isaanii, aayatoota kabajamoo Suuraa Yaasiin irraa dubbisaa ba’uu isaa, Abuu Bakr wajjin utuu namni tokkollee isaan hin argin holqa Sawr seenuu isaanii, daangaa Makkaa utuu hin gadhiisin yeroo dhumaatiif ishee ilaalee akkana jechuu isaa yaadate:

“(Yaa Makkaa!) Wallaahi, ani nan beeka: ati iddoowwan Allaahu ta’aalaan uume keessaa isa caalaatti gaarii dha. Rabbii koo birattis, ana birattis isa caalaatti jaallatamaa dha. Utuu humnaan si keessaa hin baafamin, gonkumaa si keessaa hin ba’u, si irraa adda hin ba’u ture.” Akkasumas, gadda isaa kana irratti Jibriil alayhis-salaam aayata kabajamaa 85ffaa Suuraa al-Qasas dubbisee yaada isaa eebbifamaa jajjabeessee, Makkatul-Mukarramaatti akka deebi’u oduu gammachiisaa itti himuu isaa; Sahaabota isaa muraasa qofa ta’aniin Badr, Uhud, Khandaq, Khaybar fi Mu’taa irratti diinota akkamitti mo’e yaadate. Amma Sahaabonni isaa kuma kudha lama akka billaachaa naannoo isaa naanna’anii, Makkaa seenuuf ajaja isaa tokko eegaa turan. Hogganaan Aalamaa, Allaahu ta’aalaa, Isa waan kana hunda isaaf kenne, miira galataa fi faarfannaa isa caalaatti gadi fagoon guutamee faarse. Gad of deebisuudhaan mataa isaa eebbifamaa gad qabe. Boonsi Uumamaa Sahaabota isaa gootota garee afuritti qoode. Ajajaa harka mirgaa godhee Khaalid bin Waliid, ajajaa harka bitaa godhee Zubayr bin Awwaam, hogganaa loltoota miilaa godhee Abuu Ubaydaa bin Jarraah, garee kaan irratti immoo Sa’ad bin Ubaadaa muude. Khaalid kibba Makkaa irraa seenee, mushrikoota keessaa nama mormu adabbii isaa kennee, tulluu xiqqaa Safaa irratti Boonsa Uumamaa wajjin wal argachuu qaba ture. Zubayr kaaba Makkaa irraa seenee, iddoo Hajuun jedhamutti alaabaa isaa dhaabee Hogganaa Aalamaa eeguu qaba ture. Dhiha irraa immoo Sa’ad bin Ubaadaan fuulduratti tarkaanfachuu qaba ture.10

“Har’a guyyaa Allaahu ta’aalaan ulfina Ka’abaa ol godhu dha. Har’a guyyaa Baytullaah uffanni itti uffifamu dha! Har’a guyyaa rahmataa ti… Har’a guyyaa Allaahu ta’aalaan Qurayshoota (Islaamummaadhaan) kabaja itti kennu dha” Hadiisa shariifa

Rasuula Kabajamaan ajajoota isaatiin: “Yoo isin irratti hin duulamne, gonkumaa nama tokkollee wajjin wal hin lolinaa. Nama tokkollee hin ajjeesinaa” jedhe. Haa ta’u malee warra maqaan isaanii ibsame keessaa namni qabame, haguuggii Ka’abaa jala dhokatus, mataan isaa ni muramaa ture.11

Haqni dhufe, sobni bade

Ikrimaa bin Abii Jahl, Safwaan bin Umayyaa fi Suhayl bin Amr, namoota Banii Bakr fi Banii Haaris keessaa muraasa wajjin, Khaalid bin Waliid dhufaa akka jiru yommuu dhaga’an, mataa karaa qabatanii eeguu jalqaban. Mujaahidoota keessaa kan dursee sochoo’e Khaalid bin Waliid ture. Kibba Makkaatiin jala tulluu Khandamaa yommuu ga’an, mushrikoonni Quraysh hammeenyaan beekaman xiyya isaan irratti roobsuu isaanii arge. Mujaahidoonni lama shahiida ta’an: tokko Kurz bin Jaabir, inni kaan immoo Habash bin Ash’ar ture. Khaalid loltoota isaa tartiiba lolaatiin dhaabataniin: “Warri mo’amanii baqatan qofa hin ajjeefaman” jedhee erga ajajee booda, fuulduratti utaalan. Yeruma tokkotti mushrikoota duubatti deebisanii hanga Masjidul-Haraamitti tarkaanfatan. Yeroo wal lolaa sanaa mushrikoonni torbaatamni ajjeefaman.12 Mushrikoota keessaa gariin gara mataa tulluuwwanii, gariin immoo gara mana isaaniitti baqatan.

Injifannoo Makkatul-Mukarramaa

Sahaabonni ulfina qabeeyyiin, kanneen kallattiiwwan biroo irraa Makkaa qulqulluu seenan, mormii tokkollee hin qunnamne. Warra akka ajjeefaman ajajame keessaa shan qabamanii adabbiin isaanii battaluma kenname. Warri kaan Makkaa irraa baqatan. Guyyaa digdammaffaa Ramadaanaa, guyyaa Kamisaa, mujaahidoonni hawwii guddaadhaan, garee garee walitti aananii, takbiira “Allaahu akbar! Allaahu akbar!” gidduun Makkaa seenan. Hogganaan Aalamaa (sallallaahu alayhi wa sallam), gaala isaa Qaswaa irratti Usaamaa bin Zayd duuba isaa yaabbachiisee, gad of deebisuu guddaadhaan Makkaa qulqulluu, magaalaa itti dhalate, seene. Allaahu ta’aalaa, Isa guyyoota kana isa argisiise, faarsaa, Suuraa al-Fath, kan injifannoo Makkaa oduu gammachiisaan beeksise, dubbise.

Boonsi Uumamaa gammachuu guddaa keessa ta’ee, Sahaabota isaa mo’attoota gidduutti gara Ka’abaa Mu’azzamaa deeme. Abuu Bakr mirga isaatti, Usayd bin Hudayr immoo bitaa isaatti ta’anii Ka’abaa Mu’azzamaatti dhihaate. Hajar al-Aswad erga nagaa gaafatee booda, talbiyaa fi takbiira jedhe. Sahaabonni isa hordofan; samiin Makkatul-Mukarramaa sagalee “Allaahu akbar! Allaahu akbar!” jedhuun raafamuu jalqabe. Mul’ata ol’aanaa kana duratti Muslimoonni imimmaan gammachuu dhangalaasaa turan; mushrikoonni Haram ash-Shariifitti baqatanii fi mana isaanii keessatti of cufan immoo sodaadhaan eegaa turan.

Achiis Sayyidni Aalamootaa fi Sahaabonni isaa ulfina qabeeyyiin xawaafa jalqaban. Marsaa torbaffaa erga xumuree booda, Nabiyyiin keenya jaalatamaan gaala isaa irraa bu’ee Maqaam Ibraahiim bira salaata rak’aa lamaa salaate. Achiis bishaan Zamzam Abbaas eela keessaa baase dhuge. Bishaan Zamzamiin udhuu godhachuu barbaade. Boonsi Uumamaa udhuu godhachaa utuu jiruu, Sahaabonni bishaan udhuu qaama eebbifamaa Nabiyyii keenya jaalatamaa tuqe utuu lafa hin bu’in qilleensa irratti wal irraa fudhachuu jalqaban. Mushrikoonni kana yommuu argan dinqifatanii: “Nuti umurii keenya keessatti mootii akkanaa hin argine, hin dhageenyes” jedhan. Hogganaan Aalamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) taabotoonni dhagaa fi muka irraa hojjetaman kanneen naannoo Ka’abaa jiran hundi akka diigaman barbaade. Aayata kabajamaa hiikni isaa “Haqni yommuu dhufu sobni ni bada; sobni yeroo hunda kan badu dha”13 ta’e dubbisaa, ulee harka isaa eebbifamaa keessa jiru gara taabotootaatti diriirse. Taabotni uleen tuqe hundi tokko tokkoon fuula isaatiin lafatti kufe. Taabotoonni dhibba sadii fi jaatama lafa wajjin walqixa ta’an.14 Yeroon salaata Zuhrii yommuu seenu, Rasuula Kabajamaan Bilaal Ka’abaa irratti azaana Muhammadii akka azaanu ajaje. Innis battaluma hojii qulqulluu kana raawwate. Utuu azaanni azaanamaa jiruu, onnee mu’minootaa keessatti gammachuun daangaa hin qabne uumamaa ture; mushrikoonni immoo dhukkubbii fi gadda guddaadhaan gubachaa turan.15

Nabiyyiin keenya jaalatamaan furtuu Ka’abaa gaafate. Furtuu isaaf fidan. Fakkiiwwan keessa jiranii fi taabotoota diigaman hunda erga baasisee booda, Ka’abaa seene.

Isa wajjin Usaamaa bin Zayd, Bilaal fi Usmaan bin Xalhaa turan. Nabiyyiin keenya kabajamaan keessatti balbala duuba isaatti godhee salaata rak’aa lamaa salaate. Golee hunda keessatti takbiira jedhee du’aa godhe. Khaalid bin Waliid balbala dura dhaabatee namoonni achitti akka hin tuuramne dhoowwuuf yaalaa ture.

“Haqni yommuu dhufu sobni ni bada; sobni yeroo hunda kan badu dha” Israa: 81

Sulxaanni Uumamaa harka isaa eebbifamaa lamaaniin qoodama balbala Ka’abaa lamaan qabatee ture. Qurayshoonni hundi Masjidul-Haraam guutanii, abdii sodaa wajjin makameen Nabiyyii keenya jaalatamaa ilaalaa turan. Sababni isaas isaan Nabiyyii keenya kabajamaa arrabsanii, rukutuu yaalanii, lubbuu isaa irratti ka’anii turan! Sahaabota isaa dararaa gosa hundaa irraan ga’anii turan. Morma isaaniitti funyoo hidhanii harkisanii turan. Ibiddatti darbatanii gubuu yaalanii turan. Dhagaa gurguddaa ho’aa laphee isaanii irra kaa’anii hanga of wallaalanitti dararanii turan. Sibiila qara qabu kan ibiddaan diimeesse qaama isaaniitti waraananii turan. Waggaa sadiif beela’aa fi dheebotaa naannoo tokko keessatti isaan hidhanii waan hundumaa dhowwatanii turan. Miila isaaniitiin gaalotatti hidhanii, gara kallattii adda addaatti harkisuun isaan cicciranii turan. Kana hunda caalaa immoo biyya isaanii keessaa isaan baasanii turan. Kun akka gahaa hin taaneetti, guutummaatti isaan balleessuuf yeroo meeqa lola itti banan! Haa ta’u malee kana hunda iyyuu abdii qabu turan. Sababni isaas fuuldura isaanii galaanni rahmataa, kan aalamootaaf rahmata ta’ee ergame, jira ture. Nabiyyiin keenya jaalatamaan yeroo muraasaaf erga isaan ilaalee booda: “Yaa ummata Quraysh! Amma ani maal isin godha jettanii yaaddu?” jedhe. Isaanis: “Nuti si irraa gaarii eegna, gaarii abdanna. Sababni isaas ati obboleessa arjaa dha. Ilma obboleessa keenya arjaa fi gaarii hojjetuu ti. Nu mo’atteetta. Si irraa gaarummaa abdanna” jedhan. Rasuula Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) isaanitti seeqatee akkana jedhe: “Haalli koo fi haalli keessan akkuma waan Yuusuf (alayhis-salaam) obboloota isaatiin jedhe sanaa ti. Akkuma isaa anis nan jedha: ’Har’a waan hojjettaniif amma isin hin gaafadhu (dogoggora keessan fuula keessanitti hin himu). Allaahu ta’aalaan isin haa araaramu.’16 Deemaa. Isin bilisa dha; deemuu dandeessu.”

Rahmanni guddaan kun onnee jajjaboo lallaafsee, jibba jaalalatti jijjiire. Sayyidni Aalamootaa yommuu gara Islaamummaatti isaan affeeru, Muslima ta’uuf walitti qabaman.

Nabiyyiin keenya jaalatamaan tulluu xiqqaa Safaa, iddoo itti nabiyyummaa isaa Qurayshootatti beeksisee jalqaba gara Islaamummaatti isaan affeere, ol ba’e. Achittis waadaa bay’aa warra Makkaa hundaa, xiqqaa fi guddaa, dubartootaa fi dhiirotaa fudhate. Akkasiin Qurayshoonni Muslima ta’anii Sahaabota keessa galuudhaan kabajaman. Dhiirota wajjin erga waliigalee booda, dubartoota irraas dhimmoota tokko tokko irratti waadaan fudhatame.17 Allaahu ta’aalaatti waa qindeessuu dhiisuu, Nabiyyii keenya kabajamaaf ajajamuu diduu dhiisuu, hatuu dhiisuu, qulqullinaa fi ulfina ofii eeguu, maqaa nama balleessuu (buhtaana) dhiisuu fi ijoollee durbaa ajjeesuu dhiisuu – kunneen isaan keessaa turan. Dubartoonni Nabiyyii keenya kabajamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) bira turanis kana hunda fudhatanii, dubbiidhaan qofa waadaa galan. Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) du’aa gaarii isaaniif godhee dhiifama isaaniif kadhate.

Hind (radiyallaahu anhaa), haati manaa Abuu Sufyaan fi haati Mu’aawiyaa (radiyallaahu anhumaa), isaan keessa turte; hogganaa isaanii illee turte. Waadaa dubartootaa (bay’at an-nisaa) kana keessatti maqaa dubartootaatiin isheetu dubbatte. (Sababa waadaa ishee kanaa fi du’aa dhiifamaa (istighfaara) kana argachuu isheetiin, akka baraaramte abdiin guddaan ni jira. Dubartoota Muslimaa keessaa kamiyyuu sharxiiwwan kana fudhattee yoo itti hojjette, waliigaltee kana keessatti ni lakkaa’amti, du’aa kana irraas ni fayyadamti.) Warri Muslima ta’an hundi taabotoota mana isaanii keessa jiran hunda caccabsan. Gosoota naannootti gareen waraanaa ergamanii, taabotoonni achi jiranis lafa wajjin walqixa ta’an. Akkasiin, dhufuu haqaatiin sobni hiddaan buqqa’e.

Warra du’aan itti murtaa’e

Jalqaba Islaamummaa kaasee hanga bara saddeettaffaa Hijraatti yakkoota adda addaa raawwataniin namoonni akka ajjeefaman itti murtaa’e turan. Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) maqaa isaanii (dhiirota kudha tokkoo fi dubartoota jahaa) dubbatee: “Namoota kana bakka argitan hundatti ajjeesaa” jedhee ajaje. Dhiironni murtiin itti darbe: Ikrimaa bin Abii Jahl, Wahshii bin Harb Habashii, Abdullaah bin Abii Sarh, Habbaar bin Aswad, Safwaan bin Umayyaa, Ka’ab bin Zuhayr, Abdullaah bin Ziba’raa, Abdul’uzzaa bin Khaxal, Huwayris bin Mu’aaz, Miqyas bin Subaabaa fi Haaris bin Xulaa turan. Dubartoonni immoo: Hind bint Utbaa, Qariitaa, Qariitee, garbittii Ibn Hanzalaa kan biraa, Saaraa, garbittii Banii Abdulmuxxalib, fi Ummu Sa’ad turan.

Warra rahmata argatan

Hind bint Utbaa: dubartoota Muslima ta’an keessa Hind, haati manaa Abuu Sufyaan, kan maqaan ishee tarree warra ajjeefamuu qabanii keessa ture, ni turte. Haa ta’u malee Nabiyyiin keenya jaalatamaan, inni aalamootaaf rahmata ta’e, isheefis dhiifama godhee ture. Isheen Muslimoota dararaa fi rakkisaa turte. Dararaan Hamzaa fi shahiidota Uhud kaan irratti raawwatame kakaasa isheetiin raawwatame. Guyyaa Makkaa Boonsi Aalamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) tulluu xiqqaa Safaa irra ba’ee taa’e. Umar al-Faaruuq immoo isa gadi xiqqoo taa’e. Jalqaba dhiironni, achiis dubartoonni tokko tokkoon dhufanii Muslima ta’an. Dubartoota keessa Ummu Haanii, obboleettii Aliyyi, fi Hind, haati Mu’aawiyaa, turan. Isheen Ergamaa Rabbiitiif waadaa bay’aa kennite. Maqaa dubartootaatiin Ergamaa Rabbii wajjin waliigaltee raawwatte. Du’aa gaarii argachuudhaan eebbifamte.

Ikrimaa bin Abii Jahl: ilma Abuu Jahl ture. Inni illee dhiirota rahmata argatan keessaa tokko ture. Guyyaa injifannoo Sahaabaa tokko shahiida godhee gara Yaman baqate. Oduun kun Ergamaa Rabbii yommuu ga’u, ni seeqate. Sahaabonni sababa isaa yommuu gaafatan: “Ikrimaa fi namni inni shahiida godhe harka wal qabatanii Jannata keessa deemu” jedhe. Haati manaa isaa Ummu Hakiim bint Haaris bin Hishaam waadaa bay’aa dubartootaa irratti Muslima taatee, Ergamaa Rabbii irraa Ikrimaaf nagaa (amaana) kadhattee turte. Ikrimaan Ummu Hakiim wajjin Makkaatti deebi’e; Ergamaa Rabbii bira dhaqee dhiifama kadhate. Ergamaan Rabbiis harka isaa ol qabatee dhiifama isaaf kadhate. Ikrimaan (radiyallaahu anhu) erga amanee booda carraaqqii fi tattaaffii guddaa godhe. Sahaabota keessaa goota tokko ta’e. Umaan fi Yamanitti jihaada godhee Lola Yarmuuk keessatti shahiida ta’e.

Wahshii bin Harb Habashii: Lola Uhud keessatti Hamzaa (radiyallaahu anhu) shahiida godhe. Muslimoonni isa ajjeesuu baay’ee hawwaa turan. Uhud irratti Ergamaan Rabbii kaafiroota muraasa abaaree ture. “Maaliif Wahshii hin abaartan?” jedhanii yommuu gaafatan: “Halkan Mi’raajaa Hamzaa fi Wahshii irree wal qabatanii waliin Jannata seenaa jiran arge” jedhe. Guyyaa Injifannoo Makkaa Wahshiin baqate. Gaabbee, warra Xaa’if wajjin Madiinaatti masjiida dhufee salaamta kenne. Ergamaan Rabbii salaamta isaa deebise. Ni amane; dhiifama argate. Haa ta’u malee gara naannoo Yamaamaa akka deemu ajajame. Ergamaa Rabbii duratti baay’ee qaana’ee, mataa isaa gad qabatee jiraate. Lammata Madiinaa hin dhufne. Yommuu amanu guutummaatti qulqullaa’e. Awliyaa hunda caalaa ol ta’e.

“Haalli koo fi haalli keessan akkuma waan Yuusuf (alayhis-salaam) obboloota isaatiin jedhe sanaa ti. Akkuma isaa anis nan jedha: ‘Har’a waan hojjettaniif amma isin hin gaafadhu (dogoggora keessan fuula keessanitti hin himu). Allaahu ta’aalaan isin haa araaramu’ (Suuraa Yuusuf: 92). Deemaa. Isin bilisa dha; deemuu dandeessu” Hadiisa shariifa

Bara kudha tokkoffaa Hijraa Yamaamaatti murtaddoota (warra amantii irraa deebi’an) wajjin lolli baay’ee jabaan godhame. Waraana Musaylimaa keessaa namoonni kuma digdama, loltoota Khaalid bin Waliid keessaa immoo kuma lama du’an. Jalqaba Muslimoonni burjaaja’an. Achiis Wahshiin gootummaadhaan haleelee, eeboo ittiin Hamzaa shahiida godhe sanaan Musaylimaa al-Kazzaab ajjeese.18 Muslimoonni kana yommuu argan haleellaa jalqaban; injifannoonis argame. Akkasiin, Ergamaan Rabbii bara sana Wahshii gara naannoo Yamaamaa erguun isaa mu’jizaa guddaa akka ture ifa ba’e. Lola Yarmuuk, kan bara kudha lammaffaa Hijraa godhame, irrattis hirmaatee, Ruumota irratti gootummaa guddaa agarsiise. Himsitti qubatee, bara Usmaan achitti boqote.

Dhiifama warra yakkanii araaraa fi tolaan ni fudhata ture,
Amala guddaa, gara-laafinaa fi jaalala qabu, madda arjummaa sana.
Qabeenya hin jaallatu ture; hiyyummaa jaallatee itti boona ture,
Hiyyeeyyii obboloota isaa godhata ture, madda arjummaa sana.
Uffata isaa irratti kutaa huccuu hodhatee, kophee salphaa uffata ture,
Dhukkubsataa hunda dhaqee fayyina itti fida ture, madda arjummaa sana.
Hojii maatii isaa ofii isaatii gammachuudhaan hojjeta ture,
Rakkoo hunda salphisa ture, madda arjummaa sana.
Buddeena garbuu fi shoorbaa misiraatiif iyyuu yoo ta’e,
Yoo affeerame keessummaa ta’ee dhaqa ture, madda arjummaa sana.
Yeroo gaala, yeroo farda, yeroo gaangee yookaan harree yaabbata ture,
Yeroo tokko miila duwwaa deema ture, sulxaanni sun, madda arjummaa sana.