Nabiyyicha Jaalatamaa

XALAYAALEE AFFEERRAA

Xalayaalee moototaaf ergaman

Nabiyyii Ulfaataan (sallallaahu alayhi wa sallam) Hudaybiyyaa irraa erga deebi’ee booda, Islaamummaan addunyaa guutuu irratti akka babal’atu, namoonnis adabbii Jahannam irraa oolanii gammachuu dhugaa akka argatan fedhe. Inni uumama hundaaf rahmata ta’ee ergamee ture. Kanaaf ergamtoota mootota biyyoota naannoo jiranitti erguun Islaamummaatti isaan affeeruuf murteesse. Dhuma ji’a Zul-Hijjaa bara jahaffaa Hijraa, jalqaba ji’a Muharram bara torbaffaa keessa, Amr bin Umayyaa (radiyallaahu anhu) mootii Habashaatti, Dihyaa Kalbii (radiyallaahu anhu) mootii Ruumitti, Haaxib bin Abii Balta’aa (radiyallaahu anhu) immoo mootii Masriitti ergan. Ergaa wal fakkaataa kanaan Abdullaah bin Huzaafaa (radiyallaahu anhu) mootii Faarisitti, Shujaa’ bin Wahb (radiyallaahu anhu) Ghassaanitti, Saliix bin Amr (radiyallaahu anhu) Yamaamaatti, Alaa Hadramii immoo Munzir bin Saawii, ameera Bahreenitti ergan.1 Ergamtoonni kun Sahaabota keessaa warra caalaatti filatamoo turan; bifa isaanii fi dubbii isaanii keessatti warra caalaa bareedaa turan. Mootii hundaaf tokko tokkoon xalayaan Islaamummaatti affeeru barreeffame. Nabiyyiin keenya jaalatamaan xalayaalee kana gad-jala isaanii chaappaa dhagaa qubeelaa meetii isaa irra jiruun chaappaa’e; chaappaan sun sarara sadiitiin, gadi irraa gara olitti, “Muhammad, Rasuul, Allaah” jedhee barreeffame ture. Ergamtoonni mootota biratti ergamuuf jiran ganama itti aanu ka’anii, mu’jizaa Nabiyyii keenya kabajamaatiin afaan biyya itti ergamanii beekan.2

Xalayaa Najaashii Ashamaatti ergame

Amr bin Umayyaa, kan Habashaatti ergamuuf jiru, Najaashii Ashamaa irraa Sahaabota duraan achitti hijraa godhan gara Madiinaatti akka erguuf gaafachuu qaba ture. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Najaashiitti xalayaa lama ergee ture. Amr bin Umayyaan yeroo gabaabaa keessatti Habashaa ga’ee mootii Ashamaa, Najaashii, duratti dhihaate. Duraan xalayaa jalqabaa kenne. Najaashiin teessoo isaa irraa gad bu’ee xalayaa sana kabaja fi jaalala guddaadhaan fudhate. Isa dhungatee, fuula isaatii fi ija isaa irra qaqqabsiisee, banee dubbisiise: “Bismillaahir-rahmaanir-rahiim! Muhammad alayhis-salaam, rasuula Allaahu ta’aalaa irraa, Najaashii Ashamaa, mootii Habashaatti!… Nageenyi warra qajeelfama hordofan irra haa jiraatu!…

“Yaa mootii! Ani Allaahu ta’aalaa, kan fakkaataa fi shariika hin qabne, Isatti amanuu, Isa gabbaruu, na hordofuu fi waan Allaahu ta’aalaan natti erge sanatti amanuuf si affeera. Ani rasuula Allaahu ta’aalaa kana labsuuf ergame ti” Nabiyyii keenya jaalatamaa Muhammad alayhis-salaam

Xalayaalee Sayyida keenya Ergamaa Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam)

moototaaf ergan keessaa tokko

Chaappaa gara gadii bitaa xalayaa irra jiru keessa sarara sadiitiin, gadi irraa gara olitti, jecha “Muhammad, Rasuul, Allaah” jedhu jira. Chaappaan kun dhagaa qubeelaa meetii irratti ciramee, xalayaa affeerraa ergame hunda jalatti maxxanfame. Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) qubeelaa kana chaappaa mootummaatti fayyadamaa, hanga Aakhiraatti deemutti qabatee ture. Booda chaappaa Abuu Bakr, itti aansee Umar, sadaffaa immoo Usmaan, yeroo khaliifummaa isaanii ta’e. Usmaan ji’a jaha qofa itti fayyadame. Guyyaa tokko qubeelaan quba khaliifichaa irraa mucucatee boolla Ariis keessa kufe. Barbaacha hundaa wajjin gonkumaa hin argamne.

Yaa mootii! Ani nagaa fi nageenya siif hawwa; qananii Allaahu ta’aalaan siif kenneef immoo Isa nan faarsa. Isa malee gabbaramaan hin jiru. Inni Maalik dha (uumama hunda irratti abbaa aangoo Isa qofa). Inni Quddus dha (mudaa fi hir’ina hundaa irraa qulqulluu). Inni Salaam dha (garboota Isaa balaa hundaa irraa eegu). Inni Mu’min dha (nageenya kennu). Inni Muhaymin dha (waan hundaa ilaalee kan eegu).

Ani Iisaa (alayhis-salaam) lubbuu (ruuhii) fi dubbii Allaahu ta’aalaa, kan Maryam qulqulluu, kan of eegduu, kan jireenya addunyaa irraa guutummaatti of fageessite keessa kaa’e ta’uu isaatiif ragaa nan ba’a. Akkasitti Iisaadhaan ulfaa’ite. Akkuma Allaahu ta’aalaan Aadam humna Isaatiin uume, Iisaas akkasuma uume.

Yaa mootii! Ani Allaahu ta’aalaa, kan fakkaataa fi shariika hin qabne, Isatti amanuu, Isa gabbaruu, na hordofuu fi waan Allaahu ta’aalaan natti erge sanatti amanuuf si affeera. Ani rasuula Allaahu ta’aalaa kana labsuuf ergame ti. Amma waan barbaachisu sitti himeera; gorsa gammachuu addunyaa kanaa fi Aakhiraa mirkaneessus siif kennee jira. Gorsa koo fudhadhu! Nageenyi warra qajeelfama argatanii, karaa qajeelaa irra ga’an irra haa jiraatu.”

Mootichi Ashamaan xalayaa Rasuula Kabajamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) kabaja fi of gad-qabuu guddaadhaan dhaggeeffate. Battaluma Kalima-i shahaadaa jedhee Muslima ta’e:

“Ash-hadu an laa ilaaha illallaah wa ash-hadu anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh.” Achiis akkana jedhe: “Inni nabiyyii Yahuudonnii fi Kiristaanonni, Ahlul-Kitaabaan, dhufaa isaa eegaa turan, nabiyyii dhufaa isaa nabiyyoonni duraanii oduu gammachiisaatiin himan ta’uu isaa kakadha. Yoo gara isaa deemuuf carraa qabaadhe silaa dhugumaan deema; isa tajaajiluun kabajamuus nan argadha!” Xalayaa sana kabajaan sanduuqa bareedaa keessa kaa’ee: “Hanga xalayaaleen kun as jiranitti, gaarummaan fi barakaan Habashaa hin dhiisan” jedhe.3 Najaashii Ashamaan ajajawwan xalayaa lammaffaa keessatti beeksifaman kabajaan dubbise. Ajaja Nabiyyichaatiin nikaaha haadha teenya Ummu Habiibaa, haadha manaa Nabiyyii keenya jaalatamaa eebbifamtuu, Rasuula Kabajamaa wajjin godhe. Booda haadha teenya Ummu Habiibaa fi Sahaabota achi turan ji’a lama ga’u keessummeessee; achiis doonii irra isaan yaabbachiisee kennaa baay’ee wajjin gara Madiinaatti ergeef. Xalayaa isaan wajjin ergeen immoo amanuu isaa beeksise.

Xalayaa Hiraql, qaysara Ruum

Dihyaa Kalbiin qaysara Ruum Islaamummaatti affeeruuf ajajame. Xalayaa sana Haaris, mootii Ghassaan kan Busraa jiruuf kennuu qaba ture; innis gara qaysara Ruum, Hiraqlitti ni erga ture. Dihyaan xalayaa affeerraa Nabiyyii keenya kabajamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) kabaja guddaadhaan fudhatee gara Busraa ariifate. Haaris wajjin wal argee dhimma sana itti ibse. Haaris Adiyy bin Haatim, kan ammallee Muslima hin taane, hiriyyaa godhee Dihyaa wajjin kenne; Hiraql, kan yeroo sanatti Quds keessa ture, bira isaan erge. Wajjin Quds ga’anii Qaysara wajjin wal arguuf karaa barbaadan. Namoonni Qaysaraa Dihyaatiin akkana jedhan: “Qaysara duratti yeroo dhihaattu mataa gad qabattee deemi; yeroo dhihaattu immoo lafa irratti sujuuda keessa of kuffisi. Hanga inni sujuuda irraa ka’uuf hayyama siif kennutti, mataa kee lafa irraa gonkumaa hin ol kaasin.” Dubbiin kun Dihyaaf baay’ee rakkisaa ta’e; innis akkana isaan jedhe: “Nuti Muslimoonni Allaahu ta’aalaa malee nama tokkoofillee sujuuda hin goonu. Kana malees namni nama biraatti sujuuda gochuun uumama isaa faallessa.” Namoonni Qaysaraa: “Yoos Qaysarni xalayaa ati fide kana gonkumaa hin fudhatu; fuula isaa duraa si ari’a” jedhan. Dihyaan: “Nabiyyiin keenya Muhammad alayhis-salaam nama tokkollee akka isaaf sujuuda godhu hin eeyyamu; isa duratti xiqqoo gad jechuu illee hin eeyyamu. Namni isa wajjin dubbachuu barbaadu, garbicha ta’ullee, xiyyeeffannaa isaa argata. Isa simata, rakkina isaa dhaga’a, ba’aa isaa hambisa, onnee isaas tasgabbeessa. Kanaaf warri isa hordofan hundi bilisa fi ulfina qabeeyyii dha” jedhe.

“Inni nabiyyii Yahuudonnii fi Kiristaanonni, Ahlul-Kitaabaan, dhufaa isaa eegaa turan, nabiyyii dhufaa isaa nabiyyoonni duraanii oduu gammachiisaatiin himan ta’uu isaa kakadha” Najaashii Ashamaa (rahmatullaahi alayhi)

Warra dubbii kana dhaga’an keessaa tokko akkana jedhe: “Qaysaraaf sujuuda gochuu waan hin feeneef, ajaja fudhatte kana raawwachuu akka dandeessuuf karaa biraa siif agarsiisa. Masaraa dura iddoon Qaysarni aara galfatu jira. Guyyaa guyyaan erga guyyaa walakkaa booda oobdii sana keessa ba’ee asii fi achi naanna’a. Achi minbarri tokko jira. Barreeffamni tokko yoo achi irra jiraate, duraan isa fudhatee dubbisa; achiis aara galfata. Ati amma deemiitii xalayaa sana minbara sana irra kaa’iitii alatti eegi. Xalayaa yommuu argu si waama. Yeroo sanatti ajaja kee raawwachuu dandeessa.”

Dihyaan akkasitti xalayaa iddoo agarsiifame sana irra kaa’e. Hiraql xalayaa sana fudhatee, kan Afaan Arabaa beeku hiiktuu tokko gaafate. Hiiktuun sunis xalayaa Sayyida keenya Ergamaa Rabbii dubbisuu jalqabe. Gubbaa xalayaa irra: “Bismillaahir-rahmaanir-rahiim! Muhammad (alayhis-salaam), rasuula Allaahu ta’aalaa irraa, Hiraql, isa Ruumotaa irra guddaa ta’eetti” jedhamee barreeffame ture. Yannaaq, ilmi obboleessa Hiraql, xalayaan akkasitti jalqabamuu isaatiin baay’ee aaree, hiiktuu sana harka hidhataadhaan laphee isaa humnaan rukute. Humna rukuttaa sanaatiin hiiktuun lafatti kufe; xalayaan eebbifamaan sunis harka isaa keessaa kufe. Hiraql: “Maaliif kana gooftee?” jedhee yommuu Yannaaq gaafatu, innis: “Xalayaa sana hin argitu? Inni xalayaa isaa maqaa ofii isaatiin jalqabe; maqaa kee dura, akkasumas mootii ta’uu kee utuu hin jedhin: ‘Hiraql isa Ruumotaa irra guddaa ta’eetti’ jedhee barreesse. Maaliif ‘mootii Ruumotaatti’ jedhee hin barreessine, maaliifis maqaa kee duraan hin jalqabne? Xalayaan isaa har’a hin dubbifamu” jedhe.

Hiraql akkana jedhe: “Wallaahi, ati yookaan baay’ee wallaalaa dha, yookaan gowwaa guddaa dha. Akkas ta’uu kee hin beeku ture. Utuu ani wanta keessa jiru illee hin ilaalin, ciccirtee gatuu barbaaddaa? Jireenya koon kakadha: yoo inni akka jedhetti Ergamaa Rabbii ta’e, maqaa isaa maqaa kootii dura xalayaa irratti barreessuu fi ‘Isa Ruumotaa irra guddaa’ jedhee na waamuuf mirga qaba. Ani itti gaafatamaa isaanii qofa; mootii isaanii miti.” Yannaaq fuula isaa duraa ari’ee baase. Achiis Uskuuf, kan hayyuu Kiristaanotaa isa caalaa beeku, hogganaa isaanii fi gorsaa ofii isaa ta’e, waamsisee xalayaa sana dubbisiise. Itti fufiinsa xalayaa keessatti: “Nageenyi warra qajeelfama Allaahu ta’aalaa hordofan, karaa qajeelaa irra ga’an irra haa jiraatu!” jedhame. Achiis: “(Yaa isa Ruumotaa irra guddaa!) Ani Islaamummaatti si affeera. Islaamummaa fudhadhu, akka nageenya argattuuf. Muslima ta’i, akka Allaahu ta’aalaan mindaa dachaa siif kennuuf. Yoo of fageessite, cubbuun Kiristaanota hundaa kee irra jira. (Yaa Rasuula Koo!) Jedhi: ’Yaa Ahlul-Kitaabaa (Yahuudii fi Kiristaana)! Gara dubbii nu fi isin gidduutti walfakkaatu kottaa: Allaahu ta’aalaa malee homaa hin gabbarru, Isa wajjin waan tokkollee hin qindeessinu; nu keessaa namni tokkollee Allaahu ta’aalaa dhiisee nama tokkollee Rabbii uumaa godhee hin fudhatu. Yoo dubbii kana irraa of deebisan, ‘Nuti Muslimoota dhugaa ta’uu keenyaaf ragaa ta’aa’ jedhaa.’”4

Utuu xalayaan Rasuula Kabajamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) dubbifamaa jiruu, adda Hiraql irraa dafqi yaa’aa ture. Xalayaan guutummaatti erga dubbifameen booda: “Sulaymaan alayhis-salaam booda, xalayaa akkanatti ‘Bismillaahir-rahmaanir-rahiim’tiin jalqabame gonkumaa hin argine” jedhe. Hiraql yommuu Uskuuf dhimma kana irratti yaada isaa gaafatu, Uskuuf akkana jedhe:

“Wallaahi, inni nabiyyii dhufaa isaa Muusaa fi Iisaan (alayhimas-salaam) nuuf oduu gammachiisaatiin himan sana. Nutis dhufaa isaa eegaa turre.”

Hiraql: “Dhimma kana keessatti maal na gorsita, maal sirrii jettee yaadda?” jedhee gaafate. Uskuuf: “Isa hordofuun keessan sirrii natti fakkaata” jedhee deebise. Hiraql: “Wanta ati jettu sirriitti nan beeka. Haa ta’u malee isa hordofee Muslima ta’uuf humna hin qabu. Yoo kana godhe, mootummaa koo nan dhaba; isaanis na ajjeesu” jedhe. Achiis Dihyaa fi Adiyy bin Haatim waamsise. Adiyy: “Yaa mootii! Namni kun, kan Araboota hoolaa fi gaalaa qabanii keessaa ta’ee na cinaa jiru, biyya isaa keessatti taateen dinqisiisaan tokko akka ta’e hima” jedhe. Hiraql: “Taateen biyya keessan keessatti ta’e sun maali?” yommuu jedhee gaafatu, Dihyaan: “Nu gidduutti nama tokko mul’ate. Nabiyyii ta’uu isaa labse. Gartuun ummataa isa hordofti; gartuun biraa immoo isa morma. Mu’minoota fi kaafiroota gidduutti lolli ni ta’a” jedhe.

Achiis Hiraql Nabiyyii keenya kabajamaa irratti qorannoo jalqabe. Bulchaa Shaamitti, nama gosa Rasuula Kabajamaa irraa ta’e barbaadee akka argatu ajaje. Yeroo sanatti hayyuu Roomaa, hiriyyaa isaa kan Afaan Ibraaniyyaa beeku, tokkottis xalayaa barreessee dhimma kanaan isa gaafate. Hiriyyaan isaa Roomaa jiru xalayaa ergee, namni inni dubbate Nabiyyii dhuma zamanaa ta’uu isaa beeksise. Bulchaan Shaamis gama isaatiin garee daldalaa Qurayshootaa, kan daldalaaf imalaa jiru, wajjin wal arge. Isaan keessa Abuu Sufyaan, hogganaa Qurayshootaa, kan ammallee Muslima hin taane, ture. Abuu Sufyaan akkana jedhee hima: “Nuti Ghazzaa keessa turre; yeroo sanatti bulchaan Hiraql kan Shaam akka nu weeraruuf barbaaduutti nutti dhufee: ‘Isin ummata nama Hijaaz sanaa dha moo?’ jedhee gaafate. Nutis: ‘Eeyyee’ jenne. Innis: ‘Kottaa! Isin nu wajjin gara Qaysaraa deemtu!’ jedhe.” Abuu Sufyaan fi warra isa wajjin turan gara Shaamitti fide. Bulchaan Shaam Abuu Sufyaan fi warra isa wajjin turan Hiraql bira geesse. Hiraql yeroo sanatti Quds, Baytul-Maqdis keessa ture. Wazirii isaa wajjin taa’ee, gonfoo mootummaa mataa isaa irra kaa’ee ture. Achitti Abuu Sufyaan fi warra Makkaa gara soddomaa ta’an isa wajjin turan simate.

Hiiktuu waamee isaan gaafate: “Isin keessaa namni nama ‘Nabiyyii dha’ jedhu sanaan hidda dhalootaatiin dhihoo ta’e eenyu?” Abuu Sufyaan: “Ani hidda dhalootaatiin isatti dhihoo dha” jedhee deebise. Hiraql Abuu Sufyaan ofitti dhiheessisee, warri kaan Abuu Sufyaan duubatti akka dhaabatan ajaje. Hiraql: “Dhiheenyi keessan hangam?” yommuu jedhee gaafatu, Abuu Sufyaan: “Inni ilma adeeraa koo dha” jedhe. (Akaakoon Abuu Sufyaan Umayyaa, akaakoon Ergamaa Rabbii immoo Abdulmuxxalib. Akaakoleen isaanii ilmaan adeeraa turan. Kanaafuu: “Inni ilma adeeraa koo dha” jedhe. Hiddi dhalootaa isaanii Abdu Manaaf, akaakoo akaakoo isaanii, irratti walitti dhufa.) Abuu Sufyaan duraan soba dubbatus, doorsisa mootichaatiin sodaatee soba dubbachuu hin dandeenye.

“Wallaahi, inni nabiyyii dhufaa isaa Muusaa fi Iisaan (alayhimas-salaam) nuuf oduu gammachiisaatiin himan sana. Nutis dhufaa isaa eegaa turre” Uskuuf, kan Quds

Achiis isaan gidduutti haasaan armaan gadii ta’e. Hiraql: – Nama nabiyyii ta’uu isaa jedhu sanaa hidda dhalootaa isin biratti akkam? – Inni nama zamana isaa keessatti hidda dhalootaa hundaa caalaa gaarii qabu dha. Hidda dhalootaatiin nu keessaa isa filatamaa dha. – Isa dura isin keessaa namni nabiyyii ta’uu isaa jedhe ture jiraa? – Lakki. – Akaakilee isaa keessaa mootiin tokko jiraatee beekaa? – Lakki. – Ummata isaa keessaa ulfina qabeeyyiin isa hordofu moo hiyyeeyyii fi dadhabdoonni? – Warri isa hordofan hiyyeeyyii, dadhabdoota, dargaggoota fi dubartoota dha. Jaarsolii fi ulfina qabeeyyii ummata isaa keessaa muraasatu isa hordofa. – Warri isa hordofan baay’achaa jiru moo xiqqaachaa? – Baay’achaa jiru. – Namni amantii isaa erga fudhatee booda, jibbee yookaan aaree deebisee dhiise jiraa? – Lakki. – Nabiyyii ta’uu isaa utuu hin jedhin dura, isa soba dubbatu argitanii beektuu? – Lakki. – Nabiyyiin kun waadaa cabsee yookaan dubbii isaa dhiisee beeka? – Lakki, gonkumaa. Haa ta’u malee amma nuti yeroo murtaa’aa tokkoof wal hin lollu jennee isa wajjin waliigaltee galle. Yeroo sana keessa maal akka godhu hin beeknu. – Maal isin ajaja? – Inni Rabbii tokkicha qofa akka gabbarru, Isa wajjin waa tokkollee akka hin qindeessine nu ajaja. Waan akaakileen keenya gabbaran (taabotoota) gabbaruu nu dhorka. Salaata salaachuu, dhugaa dubbachuu, hiyyeeyyii gargaaruu, haraamaa of eeguu, waadaa raawwachuu, amaanaa ganuu dhiisuu, firoota daawwachuu nu ajaja. Haasaan kun Baytul-Maqdis keessatti ta’e; achittis xalayaan Ergamaa Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) eebbifamaan sun dubbifame. Hiraql xalayaa dhungatee, ija isaatti qaqqabsiisee mataa isaa irra yommuu kaa’u, iyyi fi sagaleen Ruumotaa baay’ate.

Qaysarni Abuu Sufyaan fi Qurayshoota isa wajjin turan akka alatti baasan ajaje. Abuu Sufyaan, kan ammallee Muslima hin taane, achitti kakatee, dhimmi Nabiyyii keenya jaalatamaa milkiidhaan akka xumuramu amanuu isaa jedhe ture. Dihyaan Hiraql dura dhaabatee, fuula isaa eebbifamaa bareedaa fi sagalee isaa mi’aawaatiin akkana jedhe: “Yaa Qaysar! Namni Busraa (Haaris) kan si caalu na si bira ergeera. Allaahu ta’aalaan kakadha: namni gara isaatti na erge (Ergamaan Rabbii) isa illee si illee ni caala. Dubbii koo of gad-qabuudhaan dhaggeeffachuu fi gorsa siif kenname fudhachuu qabda! Yoo of gad qabde, gorsa hubatta. Yoo gorsa hin fudhanne, murtii qajeelaa gochuu hin dandeessu!”

Hiraql: “Itti fufi” yommuu jedhu, Dihyaan itti fufe: “Egaa ani Allaahu ta’aalaa, Isa Iisaan alayhis-salaam Isaaf salaate, irratti amanuuf si affeera. Nabiyyii ummii kana, dhufaa isaa duraan Muusaan alayhis-salaam, achiis Iisaan alayhis-salaam oduu gammachiisaatiin himan, irratti amanuuf si affeera. Yoo dhimma kanaan waa beekte, gammachuu addunyaa kanaa fi Aakhiraa argachuu yoo barbaadde, kana yaadadhu. Yoo kana hin taane, gammachuu Aakhiraa dhabda; kufrii fi shirkii keessa turta. Allaahu ta’aalaan, Rabbiin kee, kan cunqurfattoota balleessu fi qananii jijjiiru ta’uu Isaa beeki.”

Hiraql akkana jedhe: “Ani barreeffama harka koo seene utuu hin dubbisin, hayyuu bira koo dhufe immoo waan hin beekne utuu hin gaafatin hin dhiisu. Kana keessatti gaarummaa fi bu’aa malee waa hin argu. Hanga dhugaa argadhutti yaaduuf yeroo naaf kenni.” Booda Hiraql Dihyaa waamee, kophaatti isa wajjin dubbate. Waan onnee isaa keessa jiru akkana beeksise: “Namni si erge sun Nabiyyii dhuma zamanaa, kan dhufaan isaa kitaabota keessatti oduu gammachiisaatiin himame fi eegame ta’uu isaa nan beeka. Haa ta’u malee yoo isa hordofe, Ruumonni na ajjeesu jedhee nan sodaadha. Ani Safaatir bira si nan erga: inni hayyuu isaanii isa caalu, isaan ana caalaa isa kabaju. Kiristaanonni hundi isa hordofu. Yoo inni amane, Ruumonni hundi ni amanu. Yeroo sanatti ani illee waan onnee koo keessa jiru fi waan amanu ifatti beeksisa.”

Booda Hiraql xalayaa barreessee Dihyaaf kenne, Safaatir bira isa erge.

Qeesii Safaatir

Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Safaatiritti illee xalayaa ergee ture. Safaatir xalayaalee kana erga dubbisee fi amala Nabiyyii keenya kabajamaa erga dhaga’een booda, inni Nabiyyii dhuma zamanaa, kan dhufaan isaa Muusaa fi Iisaan labsan, ta’uu isaa irratti shakkiin tokkollee akka hin jirre jedhe, amanes. Mana isaatti galee of cufe; torbaan sadiif lallaba guyyaa Dilbataa hunda godhu sanaaf hin baane. Kiristaanonni: “Safaatir maal ta’e? Nama Arabaa sana wajjin erga dubbatee ala hin ba’u! Nuti isa arguu barbaanna!” jedhan.

Safaatir uffata qeesummaa gurraacha isaa baasee, uffata adii uffate; ulee isaa harka isaa qabatee bataskaana deeme. Namoota magaalaa sanaa walitti waamee erga ka’een booda: “Yaa Kiristaanota! Beekaa, xalayaan Ahmad (alayhis-salaam) irraa nutti dhufeera. Inni amantii dhugaatti nu affeera. Ani isa dhugaa dha jedhee mirkaneessa; inni rasuula dhugaa Allaahu ta’aalaa ta’uu isaattis nan amana” jedhe. Kiristaanonni dubbii kana yommuu dhaga’an Safaatir irratti duulanii rukutanii ajjeesan; akkasiin shahiida ta’e. Dihyaan dhufee Hiraqliif waan ta’e beeksise.

Hiraql: “Ani sitti hin jedhne? Safaatir Kiristaanotaaf ana caalaa jaallatamaa fi gatii qabeessa dha. Yoo isaan dubbii akkasii narraa dhaga’an, akkuma isaa na ajjeesu” jedhe. Haa ta’u malee oduu Bukhaariin “Sahiih” isaa keessatti dhiheesse, kan Zuhriin dabarse keessatti: “Hiraql ulfina qabeeyyii Ruumotaa masaraa isaa kan Himsi keessa jiru keessatti walitti waamee balbala cufsiise. Achiis bakka ol’aanaa tokko ba’ee akkana jedhe: ‘Yaa ummata Ruumotaa! Gammachuu fi nageenya argachuu, mootummaan keessan bara baraan akka jiraatu, waan Iisaan jedhe hordofuu barbaaddanii?’ Ruumonni: ‘Yaa mootii keenya! Kana argachuuf maal goona?’ jedhanii gaafatan. Hiraql: ‘Yaa ummata Ruumotaa! Ani dhimma gaarii tokkoof isin walitti waame. Xalayaan Muhammad irraa natti dhufeera. Inni amantii Islaamaatti na affeera. Wallaahi, inni nabiyyii dhufaa isaa yeroo hunda eegaa turre, kitaabota keenya keessattis ibsamee argine, mallattoolee isaas beekna. Kottaa isa hordofnee addunyaa kana keessattis Aakhiraa keessattis nageenya haa argannu!’ jedhe. Yommuu sana hundi gunguummaa fi dubbii hamaa wajjin baqachuuf gara balbalaatti fiigan. Haa ta’u malee balbalonni cufamanii waan turaniif ba’uu hin dandeenye. Hiraql amala Ruumotaa kana yommuu argu, akkasitti Islaamummaa irraa akka baqatan hubatee lubbuu isaaf sodaatee: ‘Yaa ummata Ruumotaa! Dubbiin ani dubbadhe amanamummaa keessan amantii keessaniif qoruuf ture. Ija koo ofiitiin amanamummaa keessan amantii keessaniif qabdan fi amala keessan, kan na gammachiise, argeera’ jedhe. Achiis Ruumonni Hiraql duratti sujuuda keessa of kuffisan; balbalonni masaraa yommuu banaman, ba’anii deeman.”5 Hiraql Dihyaa waamee waan ta’e itti hime. Kennaawwan gatii guddaa qaban isaaf kenne. Kana malees Nabiyyii keenya kabajamaaf (sallallaahu alayhi wa sallam) xalayaa barreesse. Xalayaa isaa fi kennaa isaaf qopheessise Dihyaa wajjin Nabiyyii keenya jaalatamaa bira erge.

“Inni Nabiyyii dhuma zamanaa, kan dhufaan isaa Muusaa fi Iisaan labsan ta’uu isaa shakkiin tokkollee hin jiru” Qeesii Safaatir

Hiraql Muslima ta’uu barbaadee ture; haa ta’u malee teessoo fi lubbuu isaa dhabuu sodaatee hin amane. Xalayaa Nabiyyii keenya kabajamaaf barreesse keessatti: “Muhammadiif, rasuula Rabbii kan dhufaa isaa Iisaan oduu gammachiisaatiin hime, Qaysar, mootii Ruumotaa irraa! Ergamaan keessan xalayaa keessan wajjin natti dhufe. Isin rasuula Rabbii dhugaa ta’uu keessaniif ragaa nan ba’a. Nuti Injiila keessatti isin ibsamtanii argine; Iisaanis dhufaa keessan nuuf oduu gammachiisaatiin himee ture. Ani Ruumota isinitti amanuuf affeere; isaan garuu hin feene. Utuu isaan na dhaggeeffatanii silaa shakkii malee isaaniif gaarii ta’a ture. Isin bira ta’uu, isin tajaajiluu fi miila keessan dhiquu baay’ee hawwa” jedhe. Dihyaan Hiraql biraa ba’ee Hismaa ga’e. Karaa irratti, sulula Shanaar, sulula Juzaam keessaa tokko keessatti, Hunayd bin Uus, ilmi isaa fi namoonni isaa Dihyaa saaman. Uffata isaa moofaa malee waan qabu hunda irraa fudhatan. Naannoo sana keessa Dubayb bin Rifaa’aa bin Zayd fi ummanni isaa Islaamummaa fudhatanii turan. Dihyaan yeroo isaan bira dhufee waan ta’e himu, Hunayd bin Uus fi gosa isaa irratti duulanii qabeenya hundumaa deebisan.

Booda Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Zayd bin Haarisaa Hunayd bin Uus fi namoota isaa irratti erge. Warri naannoo sana jiraatan hundi amanan. Dihyaan Madiinaa yeroo ga’u, utuu mana isaa hin dhaqin, kallattiin balbala Jaalallee Kabajamaa deeme. Balbala rukute. Nabiyyiin keenya: “Eenyu?” jedhee gaafate. Dihyaan: “Dihyaa Kalbii” jedhe. Sayyidni Aalamootaa: “Seeni” jedhe. Dihyaan seenee waan ta’e hunda, bal’inaan itti hime. Xalayaa Hiraql Nabiyyii keenya kabajamaaf dubbise; innis: “Yeroo muraasaaf ammas (teessoo irra) ni tura. Hanga xalayaan koo isaan bira jiru, mootummaan isaanii ni itti fufa” jedhe.

Hiraql xalayaa isaa keessatti Nabiyyii keenyatti amanuu isaa barreessus, Sayyida keenya Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam): “Inni soba dubbata. Amantii isaa hin dhiifne” jedhe. Hiraql xalayaa Nabiyyii keenya jaalatamaa harreerii siliikii keessa maree, sanduuqa warqee geengoo keessa kaa’e. Maatiin Hiraql xalayaa kana eegan; nama hundumaa irraas dhoksan. Hanga xalayaan kun harka isaanii jiruttis mootummaan isaanii itti fufa jedhanii dubbatan, amananis. Dhugumaan akkasuma ta’e.6

Xalayaa Muqawqis, mootii Masriitti ergame

Rasuula Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) Haaxib bin Abii Balta’aa mootii Masriitti utuu hin ergin dura: “Yaa Sahaabota koo! Isin keessaa eenyutu mindaa Allaahu ta’aalaa abdatee xalayaa kana mootii Masriitti geessa?” jedhee gaafate. Haaxibni iddoo isaa irraa utaalee ka’ee: “Yaa Ergamaa Rabbii! Ani nan geessa!” jedhe. Nabiyyiin keenya: “Yaa Haaxib! Allaahu ta’aalaan hojii kee kana eebbifamaa haa godhu!” jedhe. Haaxib bin Abii Balta’aan xalayaa sana Nabiyyii keenya jaalatamaa irraa fudhate. Nagaatti jedhee mana isaatti gale. Horii isaa kan yaabbatu qopheesse. Maatii isaa wajjin illee nagaatti erga wal jedhanii booda karaa qabate. Haaxibni Muqawqis, mootiin Masrii, Iskindiriyaa keessa akka jiru dhaga’ee masaraa isaa ga’e. Eegduun balbalaa, utuu hin galchin dura kaayyoo dhufaa isaa beekee, Haaxibaaf kabaja guddaa agarsiise; tasumaa hin eegsifne. Muqawqis yeroo sanatti galaana irra, doonii keessa, namoota isaa wajjin haasa’aa ture. Haaxibni doonii xiqqoo tokko yaabbatee iddoo Muqawqis jirutti deeme. Xalayaa Nabiyyii keenyaa isaaf kenne. Muqawqis xalayaa Haaxib irraa fudhatee dubbisuu jalqabe:

“Bismillaahir-rahmaanir-rahiim!

Muhammad, garbicha fi rasuula Allaahu ta’aalaa irraa, Muqawqis, isa Qibxotaa (ummata durii Masrii) irra guddaatti! Nageenyi warra qajeelfama hordofan irra haa jiraatu. Ani Islaamummaatti si affeera, akka nageenya argattuuf. Muslima ta’i, akka nageenya argattuu fi mindaa dachaa Allaahu ta’aalaa argattuuf. Yoo of fageessite, cubbuun Qibxota hundaa kee irra jira! ’(Yaa Rasuula Koo!) Jedhi: Yaa Ahlul-Kitaabaa (Yahuudii fi Kiristaana)! Gara dubbii nu fi isin gidduutti walfakkaatu kottaa: Allaahu ta’aalaa malee homaa hin gabbarru, Isa wajjin waan tokkollee hin qindeessinu; nu keessaa namni tokkollee Allaahu ta’aalaa dhiisee nama tokkollee Rabbii uumaa godhee hin fudhatu. Yoo dubbii kana irraa of deebisan, ‘Nuti Muslimoota dhugaa ta’uu keenyaaf ragaa ta’aa’ jedhaa!’”7

Xalayaan Sulxaana Uumamaa erga dubbifamee booda, Muqawqis Haaxibiin: “Gaarii haa ta’u!” jedhe. Mootiin Masrii ajajoota isaa fi hogganoota mootummaa isaa walitti waamee Haaxib wajjin haasa’uu jalqabe. Innis: “Waan hubachuu barbaadu tokko tokko si gaafadhee isa irratti si wajjin nan haasa’a” jedhe. Haaxib: “Dubbadhu, haasa’uu haa jalqabnu!” yommuu jedhu, Muqawqis gaafate: – Isa isin erge sanaa natti himi. Nabiyyii dhaa? Waa tokko isa irratti natti himi! – Eeyyee, nabiyyii dha. – Yoo dhugumaan nabiyyii ta’e, maaliif ummata isaa, kan biyya isaa keessaa isa baasee iddoo biraa keessatti baqachuuf isa dirqisiise, irratti abaarsa hin goone? – Ati Iisaan ilma Maryam alayhis-salaam nabiyyii akka ta’e ni amantaa, mitii? Yeroo ummanni isaa isa qabee ajjeesuu barbaadu, abaarsa isaan irratti hin goone; Janaab-i Haqqis samii addunyaa kanaatti isa ol baase, mindaas isaaf kenne. Inni ummata isaa balleessuuf Allaahu ta’aalaa kadhachuu hin qabnee? Hin godhne.

“Yaa Haaxib! Allaahu ta’aalaan hojii kee kana eebbifamaa haa godhu!” Hadiisa shariifa

– Baay’ee gaarii deebiteerta. Dhugumaan ati ogeessa nama ogummaa qabu biraa dhufe dha. Halkan kana nu bira buli; boru deebii koo siif kenna.

Haaxibni, Fir’awn bara Muusaa yaadatee, Muqawqisiin akkana jedhe: – Si dura mootiin tokko as ture. Inni ummata isaatiin: “Ani waaqa isa guddaa dha!” jedhee gooftaa isaanii ta’uu isaa labse. Allaahu ta’aalaan adabbii addunyaa kanaa fi Aakhiraatiin isa qabee, isa irraa haaloo ba’e. Isa irraa barumsa fudhadhu; ati ofii kee namoota birootiif barumsa hin ta’in! – Nuti amantii qabna. Hanga amantiin kana caalu hin jiraanne, amantii keenya kana hin dhiifnu. – Amantiin, kan amantii ati itti hidhatamtee ‘hanga kan caalu hin jiraannetti hin dhiisu’ jettu kana caalu, shakkii tokko malee Islaamummaa dha. Nuti Islaamummaa kana, amantii Allaahu ta’aalaa isa dhumaa, irratti si affeera. Allaahu ta’aalaan amantii Isaa isaatiin guutee, ilmaan namaaf gahaa isa godhe; kunis mirkanaa’eera. Nabiyyiin kun si qofa utuu hin taane, namoota hundas amantii Islaamaatti affeere. Namoota hunda keessaa Qurayshoonni isa wajjin akka cimaatti deebii kennan fi akka hamaatti isa wajjin dubbatan, Yahuudonni diinummaa guddaa isaaf agarsiisan, Kiristaanonni immoo isatti dhihoo turan. Allaahu ta’aalaan kakadha: Muusaan alayhis-salaam dhufaa Iisaa alayhis-salaam bishaaressuun isaa, akkuma Iisaan alayhis-salaam dhufaa Muhammad alayhis-salaam bishaaressuu isaa ti. Kanaaf yeroo nuti Qur’aana Kabajamaatti si affeeru, ati Yahuudota Injiilaatti yommuu affeertu wajjin wal fakkaata. Nabiyyiin hunduu ummata isa hubatuu fi hubatee fudhachuu danda’uuf akka ergame, ummatichaafis nabiyyicha ajajamuun waajiba akka ta’e shakkii malee beekta. Egaa ati warra yeroo Nabiyyii kanaa ga’an keessaa tokko dha. Nuti amantii haaraa kanatti si affeera.

Dubbii Haaxib kana booda Muqawqis akkana jedhe: – Haala nabiyyii kanaa ilaaleera. Ajaja isaa fi dhorkaa isaa keessatti waan sammuu faallessu tokkollee hin argine. Akkuman hubadhetti inni falfalaa miti, kaahina miti, sobduu miti.

Ani mallattoolee nabiyyummaa tokko tokko isa keessatti argeera. Waan dhoksaa ifa baasuun mallattoolee kanneen keessaa tokko dha. Nama kana irraa dhoksaa tokko tokkoo ilaalchisee oduun dhufeera. Achiis: “Mee xinnoo dabalataan haan yaadu!” jedhee yeroo dabalataa gaafate.

Halkan Muqawqis Haaxib dammaqsee, Nabiyyii keenya kabajamaa ilaalchisee gaaffii baay’ee gaafachuu akka barbaadu jedhe.

Achiis isaan gidduutti haasaan armaan gadii ta’e:

– Yoo dhugaadhaan naaf deebifte, waa sadii isa ilaalchisee si gaafachuu barbaada.

– Waan barbaaddu gaafadhu! Ani yeroo hunda dhugaa siif nan dubbadha.

– Muhammad namoota maaliif affeera?

– Inni Allaahu ta’aalaa tokkicha gabbaruutti affeera. Salaata guyyaa fi halkanii shan salaachuu, ji’a Ramadaan keessa soomuu fi dubbii kenname raawwachuu ajaja. Foon beeyladoota du’anii nyaachuu dhorka.

“(Yaa Rasuula Koo!) Jedhi: ‘Yaa Ahlul-Kitaabaa (Yahuudii fi Kiristaana)! Gara dubbii nu fi isin gidduutti walfakkaatu kottaa: Allaahu ta’aalaa malee homaa hin gabbarru, Isa wajjin waan tokkollee hin qindeessinu; nu keessaa namni tokkollee Allaahu ta’aalaa dhiisee nama tokkollee Rabbii uumaa godhee hin fudhatu. Yoo dubbii kana irraa of deebisan, ‘Nuti Muslimoota dhugaa ta’uu keenyaaf ragaa ta’aa’ jedhaa!’” Aal Imraan: 64

Achiis Muqawqis gaafate:

– Bifa isaa fi mul’ata isaa (bifa qaama isaa) naaf ibsi! Haaxib gabaabsee isa ibse. Waan baay’ee hin lakkoofsine. Achiis Muqawqis akkana jedhe:

– Waan xiqqoo ati hin himne hafeera: ija isaa keessa diimina xiqqoo jira; dugda isaa irras mallattoo nabiyyummaa baata. Harree yaabbata, suufii (uffata rifeensa hoolaa irraa hojjetame) uffata, timiraa fi nyaata foon xiqqoo qabuun jiraata. Adeeroota isaatiin yookaan ilmaan adeeroota isaatiin eegama. Haaxib: – Kunis amala isaa dha jedhe.

Muqawqis ammas Haaxib Nabiyyii keenya ilaalchisee gaafate: – Kuhlii dibata? – Eeyyee! Daawwitii ilaala, rifeensa isaa ni filata; imala irrattis mana isaattis yeroo hunda daawwitii isaa, qodaa kuhlii isaa, filaa isaa fi miswaaka isaa qaba! – Ani nabiyyiin biraa akka dhufu nan beeka ture; Shaam irraa akka ka’u yaadee ture. Sababni isaas nabiyyoonni duraanii yeroo hunda achi irraa ka’aa turan. Haa ta’u malee kitaabota keessattis nabiyyiin dhumaa Ardii Arabaa keessatti, biyya jabinaa, dhiphinaa fi hiyyummaa keessatti akka ka’u argeera ture. Yeroon nabiyyiin amala isaa kitaabota keessatti ibsame ittiin mul’atu, shakkii malee yeroo kana dha. Nuti ibsa isaa kitaaba keessatti akkana argine: “Obboleettiiwwan lama nikaahaan tokkotti walitti hin qabsiisu; kennaa fudhata, sadaqaa garuu hin fudhatu. Hiyyeeyyii fi rakkattoota wajjin taa’a, wal-qunnama.” Qibxonni yoo isa hordofuuf isaan kadhadhe na hin dhaggeeffatan. Ani mootummaa koo irraa of dhiisuus hin danda’u. Kana keessatti baay’ee sassataa dha. Nabiyyiin sun biyyoota bulcha; booda Sahaabonni isaa biyyoota keenya kanatti dhufanii asitti qubatu. Dhuma irratti warra asii irratti ni mo’u. Ani Qibxota duratti kana irratti dubbii tokkollee hin dubbadhu; namni tokko haasaa keenya kana akka beeku illee hin barbaadu!

Haasaa kana booda Muqawqis barreessaa isaa, kan Arabaa barreessu, waamee, xalayaa Nabiyyii keenyaaf deebii akkana jedhee barreessise: “Muhammad, ilma Abdullaahiif, Muqawqis, isa Qibxotaa irra guddaa irraa! Nageenyi isin irra haa jiraatu. Xalayaa isin ergitan dubbiseera. Waan isin achi keessatti dubbattan fi affeerraa isin gootan hubadheera. Anis nabiyyiin akka dhufu nan beeka ture; garuu Shaam irraa akka ka’u yaadee ture. Ergamaa keessan kabajaan simadheera. Garbittoota lama, kanneen Qibxota biratti kabaja guddaa qaban, fi uffata uffachuuf ergeera. Gaangee dhalaa yaabbachuufis isiniif kenneera.” Muqawqis kana caalaa waa hin goone; Muslimas hin taane. Haaxib guyyoota shan Masrii keessatti keessummeessee, kabaja baay’ee agarsiisee, baay’ee isa kunuunse. Achiis: “Battaluma gara biyya keetii, gara sayyida keetii deebi’i! Garbittoota lama, horii yaabbataa lama, warqee misqaala kuma tokko (misqaalli tokko = 4.8 g), uffata haphii kan Masriitti hojjetame kutaa digdama fi kennaa biraa isaaf erguuf ajajeera. Siif immoo diinaara dhibba tokko fi uffata kutaa shan akka argattu jedheera. Amma ana biraa deemi! Qibxonni dubbii tokkollee afaan kee irraa akka hin dhaga’in of eegi!” jedhe. Kana malees Muqawqis Nabiyyii keenya kabajamaaf kubbaayyaa kiristaalii, damma urgooftuu, imaamaa, huccuu kitaanaa kan Masrii, urgaa gaarii akka muka udii fi miskii, ulee, qodaa kuhlii sanduuqa xiqqoo keessa jiru, zayita wardii, filaa, maqasii, miswaaka, daawwitii, lilmoo fi foo’aa kenne.

Muqawqis Haaxib bin Abii Balta’aa, ergamaa Islaamaa, loltoota eegdota ta’an isa wajjin dabalee isa erge. Yeroo ardii Arabaa irra miila kaa’an, garee imaltootaa gara Madiinaa deemu wajjin wal argan. Haaxibni loltoota Muqawqis deebisee garee sanatti makame.

Haaxib bin Abii Balta’aan kennaa wajjin Madiinaa ga’ee Ergamaa Rabbii duratti dhihaate. Nabiyyiin keenya jaalatamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) kennaa Muqawqis fudhate. Haaxibni yeroo xalayaa Muqawqis kenne fi dubbii isaa geessu, Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Namicha hamaa! Mootummaa isaa irraa of dhiisuu hin dandeenye. Haa ta’u malee mootummaan amanuu irraa isa dhoowwe sun isa biratti hin turu!” jedhe.8

Garbittoonni lamaan, kanneen Muqawqis Nabiyyii keenyaaf kennaa godhee erge, Maariyaa fi obboleettii ishee Siiriin turan. Haaxib bin Abii Balta’aan karaa irratti Islaamummaa isaaniif yommuu dhiheesse, isaan fudhatanii Muslimoota ta’an. Nabiyyiin keenya kabajamaan haadha teenya Maariyaa Muslima ta’uu isheetiin baay’ee gammade; ishee fuudhuudhaanis ishee kabaje. Ishee irraa ilma Ibraahiim jedhamu argate. Siiriin immoo Sahaabota isaa keessaa Hassaan bin Saabitiif, faarfataa Nabiyyii, kenne.

Horii yaabbatamu lamaan, gosa isa filatamaa fi rifeensa daalachaa adiitti baay’ee dhihaatu qaban keessaa, gaangeen maqaa Duldul, harreen immoo maqaa Ufayr yookaan Ya’fuur argate. Hanga guyyaa sanaatti Ardii Arabaa keessatti namni tokkollee gaangee rifeensa adii qabu hin argine. Gaangeen adiin Muslimoonni jalqaba argan Duldul ture. Nabiyyiin keenya kabajamaan kubbaayyaa kiristaalii kenname sanaan bishaan dhuga ture. Muqawqis xalayaa Nabiyyii keenyaaf kabaja guddaa agarsiisee, sanduuqa xiqqoo ilka arbaa irraa hojjetame keessa kaa’e.

Sanduuqa sana chaappaa’ee garbittoota isaa keessaa tokkotti kenne. (Xalayaan kun bara 1267 (1850 A.L.A.) keessa, naannoo Akhmiim kan Masrii, gadaama durii tokko keessatti kitaabota Qibxotaa gidduutti argame; Sulxaana Ottomaanaa khaliifa 96ffaa Abdulmajiid Khaaniin bitamee, Istaanbuul Masaraa Topkapı keessatti Kutaa Amaanotaa Qulqulluu keessa kaa’ame.)

Xalayaa Kisraa Faaris, Khusraw Parwiiz

Abdullaah bin Huzaafaa mootii Faarisitti ergame. Abdullaah xalayaa gatii guddaa Sayyida Aalamootaa Kisraa, shaaha of tuultuu Faaris, duratti yommuu dhiheesse, innis barreessaa isaatti dubbisuuf kenne.

“Bismillaahir-rahmaanir-rahiim!

Muhammad (alayhis-salaam), rasuula Allaahu ta’aalaa irraa, Kisraa, isa Faarisotaa irra guddaatti…”

Barreessaan hanga as qofa dubbisee utuu hin xumurin, dhiigni shaaha of tuultuu mataa isaatti ba’e; ni aare, xalayaa sana fuudhee ciccire. Inni sababa Nabiyyiin keenya kabajamaan xalayaa maqaa isaa eebbifamaatiin jalqabeef baay’ee aaree ture. Kisraan Abdullaah bin Huzaafaa, ergamaa Islaamaa, fuula isaa duraa ari’uu yommuu barbaadu, Abdullaah Kisraa fi warra ibidda gabbaran naannoo isaa walitti qabaman akkana jedhe:

“Yaa Faarisota! Isin nabiyyoota hin amantan, kitaabota hin fudhattan. Lafa jiraattan kana irratti guyyoota lakkaa’aman dabarsitu; jireenya abjuu jiraattu!…

“Yaa Rabbii! Akkuma inni (Kisraan) xalayaa koo qoqqoodee dhiise, isa fi mootummaa isaa akkasuma qoqqoodi!…” Hadiisa shariifa

Yaa Kisraa! Mootonni hammam si dura teessoo kana irra taa’anii bulchan! Warri ajaja Allaahu ta’aalaa raawwatan Aakhiraa isaanii injifatanii addunyaa kana irraa darban; warri hin raawwanne adabbii Rabbii isaan qabee deeman!…

Yaa Kisraa! Xalayaan ani fidee siif dhiheesse kun dhugumatti gammachuu guddaa siif ture. Ati salphifte. Allaahu ta’aalaan kakadha: yeroo amantiin ati salphifte kun as dhufu, iddoo itti baqattu ni barbaadda!…”

Achiis masaraa Kisraa keessaa ba’ee horii isaa yaabbate. Dafee achi irraa deeme. Yommuu Madiinaa ga’ee waan ta’e Sulxaana Uumamaatti hime, innis: “Yaa Rabbii! Akkuma inni xalayaa koo qoqqoodee dhiise, isa fi mootummaa isaa akkasuma qoqqoodi!…” jedhe.

Allaahu ta’aalaan du’aa Rasuula Isaa fudhate: halkan tokko Kisraan ilma ofii isaatiin billaadhaan waraanamee kutaa kutaa godhame. Bara Umar keessattis biyyoonni Faaris hundi injifataman; harka Muslimootaa seenan.9

Xalayaa Haaris bin Abii Shimr, mootii Ghassaanitti ergame

Shujaa’ bin Wahb mootii Ghassaanitti ergame. Shujaa’ (radiyallaahu anhu) duraan eegduu balbalaa mootichaa wajjin dubbate. Isa Islaamummaatti yommuu affeeru, innis fudhatee Sayyida keenya Ergamaa Rabbiif kabaja fi nagaa isaa erge. Utuu hin tursiisin Shujaa’ mootichaa bira geesse. Haaris bin Abii Shimr xalayaa erga dubbiseen booda aaree lafatti darbate. Shujaa’ battaluma Madiinatul-Munawwaraatti deebi’ee Jaalallee Allaahu ta’aalaatti waan ta’e hime. Nabiyyiin keenya jaalatamaan xalayaan isaa lafatti darbatamuu isaatiin gadde; innis: “Mootummaan isaa haa badu!” jedhe. Yeroo gabaabaa booda Haaris bin Abii Shimr du’e; mootummaan isaas qoqqoodame.10

Xalayaa Hawzaa bin Aliyyi, mootii Yamaamaatti ergame

Saliix bin Amr mootii Yamaamaatti ergame. Hawzaan Kiristaana ture. Nabiyyiin keenya kabajamaan xalayaa isaa keessatti: “Bismillaahir-rahmaanir-rahiim! Muhammad (alayhis-salaam), rasuula Allaahu ta’aalaa irraa, Hawzaa bin Aliyyiitti! Nageenyi warra qajeelfama argatanii, karaa qajeelaa irra ga’an irra haa jiraatu! (Yaa Hawzaa!) Beeki, Islaamummaan hanga iddoo gaalaa fi farda ga’uu danda’u fagootti ni babal’ata; amantii hundas ni caala. Atis Islaamummaa fudhadhu, akka nageenya argattuuf. Yoo Muslima taate, bulchiinsa lafa mootummaa kee jala jiru siif deebisa…” jedhee barreesse.

Hawzaan, mootiin Yamaamaa, affeerraa eebbifamaa kana fudhachuu dide. Hawwiin teessoo fi kajeellaan ulfina ija isaa jaamse. Kanaanis du’aa Sulxaana Uumamaa argachuu, gammachuu guddaa sana, dhabe. Saliix bin Amr, ergamaan Islaamaa, isaaf gaddee akkana jedhe:

“Yaa Hawzaa, mootii Yamaamaa! Ati ummata kanaa keessaa guddaa dha! Mootonni ati guddaa jettee yaaddu du’anii biyyee ta’aniiru.

Warri dhugaan guddoon warra ajaja Allaahu ta’aalaa raawwatan, waan Inni dhorke irraa of eegan, akkasiin Jannata argachuu malan ti. Ummanni tokko iimaanaan yoo kabajame, amantii kee badaadhaan karaa isaa qajeelaa irraa isa jallisuu irraa of eegi!… Dhugumatti, ajaja Allaahu ta’aalaa raawwachuu fi waan Inni dhorke irraa of eeguuf si gorsa. Yoo Allaahu ta’aalaatti amante, ajaja Isaas raawwatte, Jannata seenta. Yoo sheyxaana hordofte, Jahannam keessa hafta.

Yoo gorsa koo kana fudhatte, waan sodaattu irraa nageenya argatta; waan abdattus ni argatta. Yoo gorsa koo didde, ani isiniif waan biraa gochuu hin danda’u. Waan hafe ofii kee yaadi!…”

Gorsa bareedaa ergamaa Islaamaa kanas Hawzaan hin dhaggeeffanne. Saliix bin Amr Yamaamaa keessa turuun faayidaa akka hin qabne hubatee, dafee Madiinaatti deebi’e. Bu’aa dhimmichaa Nabiyyii keenya jaalatamaatti hime. Rasuula Kabajamaan, Hawzaan gammachuu Islaamummaa seenuu dhabuu isaatiin, gadde. Yeroo gabaabaa booda oduun du’a Hawzaa dhufe. Hawwiin teessoo fi kajeellaan ulfinaa isaa qabrii isaa, kan boolla Jahannam ta’e, keessatti xumuran.11

Xalayaa Munzir bin Saawii, ameera Bahreenitti ergame

Alaa bin Hadramii xalayaa ameera Bahreenitti geesse. Ameerichi xalayaa eebbifamaa sana jaalalaan dubbisee, qabiyyee isaa hubatee, iimaanaan kabajame.

Innis akka warri kaan (Najaashii Ashamaa malee): “Namoonni biroo kana fi kana naan jedhu, ani immoo teessoo koo dhaba” hin jenne.

“Ash-hadu an laa ilaaha illallaah wa ash-hadu anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh!” jechuudhaan ofii isaa fi ummata isaa keessaa warra isa hordofan ibidda Jahannam irraa baraare. Akkasitti abbaan aangoo biraa tokko, kan xalayaadhaan Muslima ta’uuf affeerame, amanuuf hubannoo agarsiise. Ummata isaa keessaa tokko tokko isa hordofanii Muslima ta’an; warri biroo hin amanne. Munzir haala isaa ibsee oduu Alaa bin Hadramii (radiyallaahu anhu) wajjin Nabiyyii keenya jaalatamaa bira erge. Xalayaan deebii Nabiyyii keenya kabajamaa akkana ture: “Warra si ajajaman Islaamummaan isaaniif barsiifamuu qaba. Warri fincilanii mormii itti cichan jizyaa jala galuu qabu. Waan Majuusonni qalan hin nyaatamu; intala isaanii fuudhuun yookaan isaanitti kennuun hin ta’u.”

Akkasitti ergamtoonni Islaamaa torbaan hojii isaanii raawwatan; mootummoota guguddaa yeroo sanaa Islaamummaan akka jiru isaan beeksisan. Gammachuu dhugaa isaanitti labsan; Guyyaa Qiyaamaa “Nuti hin dhageenye” jechuuf carraa hin hambisne. Gabaabumatti, abbootii aangoo keessaa lama amanan: tokko Najaashii, inni kaan Munzir. Warri hafan kufrii keessa turan. Mootiin Habashaa Ashamaa (rahmatullaahi alayhi) Muslima ta’uu, Sahaabota tokko tokko arguu, du’aa Nabiyyii keenya kabajamaa eebbifamaa argachuu fi nikaaha Ergamaa Rabbii wajjin Ummu Habiibaa (radiyallaahu anhaa) godhuu kabaja argate.

“Yaa Rabbii! Dadhabbii Ummu Ruumaan karaa Kee irratti fi Rasuula Keetiif baate Siif hin dhokatu” Hadiisa shariifa

Hiraql, qaysara Ruum, fi Muqawqis, sulxaana Masrii, Muslima hin taane; haa ta’u malee xalayaalee argatan kabaja guddaa agarsiisan, deebii laafaa kennan, ergamtoota gaarii simatan, Sayyida keenya Ergamaa Rabbiifis kennaa ergan.

Mootonni Ghassaan fi Faaris ergamtoota hamaan simatan; diinummaa isaanii ifatti agarsiisan. Mootiin Yamaamaa garuu ergamaa Islaamaa laafinaan simate.

Taateewwan biroo bara jahaffaa Hijraa

Khawlaa bint Sa’labaa bin Qays bin Maalik Khazrajii fi abbaa manaa ishee Aws bin Saamit bin Ahzam Ansaarii gidduutti zihaar ta’e; Suuraa al-Mujaadalaa buufame. Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) dorgommii fardaa fi gaalaa eeyyame. Gaalli isaa, kan hanga sanaatti gonkumaa hin darbamne, gaala nama Baadiyyaa tokkoon yeroo darbamu fi Sahaabonni sanaan gaddan, innis: “Waan hunduu guutuu ta’e gad-bu’insa qaba, jechuunis ol-ka’umsa hundi gad-bu’uu qaba” jedhe.

Ummu Ruumaan (radiyallaahu anhaa), haati haadha teenya Aa’ishaa (radiyallaahu anhaa), boqotte. Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) salaata janaazaa ishee salaachisee awwaalcha ishee irratti argame. Ergamaan Rabbii ofii isaatii qabrii keessa ishee kaa’e. Nabiyyiin keenya kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) Jannataan ishee bishaaresse: “Namni huuriyyoota Jannataa keessaa tokko ilaaluun isa gammachiisu, Ummu Ruumaan haa ilaalu” jedhe. Achiis isheef dhiifama erga kadhatee booda: “Yaa Rabbii! Dadhabbii Ummu Ruumaan karaa Kee irratti fi Rasuula Keetiif baate Siif hin dhokatu” jedhe.