Nabiyyicha Jaalatamaa

LOLA KHANDAQ

Lolli kun Lola Ahzaab jedhamees waamama. Ahzaab baay’ina jecha hizb jedhuu ti. Hizb jechuun garee, gumii, kutaa jechuu dha. Duula kana keessatti Ergamaa Rabbii wajjin wal loluuf gareewwan garaagaraa walitti makamuu isaaniitiin, Lola Ahzaab jedhame. Bara shanaffaa Hijraa ture. Yahuudonni ilmaan Nadiir, madda fitnaa fi badiinsaa, kanneen Madiinatul-Munawwaraa irraa ari’aman, garee garee addaan ba’anii, tokko tokko Shaam, kaan immoo Khaybar deeman. Haa ta’u malee, Islaamummaa fi Nabiyyii keenya kabajamaaf jibbii fi fedhiin haaloo ba’uu onnee isaanii marsee ture. Hogganaan isaanii Huyayy bin Akhxab, namoota digdama hogganoota ummata isaa keessaa of bira walitti qabe wajjin Makkaa deeme. Abuu Sufyaan wajjin wal argee, qaama eebbifamaa Nabiyyii keenya jaalatamaa dhabamsiisuuf waliigalan. “Hanga hojii kana xumurru isin biraa addaan hin ba’inu, isin wajjin ni jiraanna!” jedhan. Abuu Sufyaan: “Warri diina keenyaaf diina ta’an, nu biratti fudhatama qabu. Garuu isin amanuu akka dandeenyuuf, taabotoota keenya gabbaruu qabdu. Kana booda qofa dhugaa keessan ta’uu fudhannee, abdii qabaachuu dandeenya,” jedhe. Yahuudonni gantoonni, kanneen kaayyoo isaanii argachuuf amantii isaanii illee kennan, taabotoota duratti sujuuda bu’an… Kaafiroota kitaaba qaban turanii, kaafiroota kitaaba hin qabne ta’an. Nabiyyii keenya jaalatamaa dhabamsiisuu fi amantii Islaamaa diiguuf kakatan.

Mushrikoonni battaluma qophii waraanaa jalqaban. Gosoota mushrikootaa ollaa isaanii jiraniittis namoota ergan. Yahuudonnis gosoota garaagaraa amansiisuuf socho’an. Gosoota tokko tokko maallaqaa fi timira abdachiisuudhaan hidhachiisan. Mushrikoonni naannoo Makkaa irraa humna guddaa namoota kuma afur ta’u baasan. Abuu Sufyaan Daarun-Nadwaa keessatti alaabaa hidhee Usmaan bin Xalhaaf kenne. Waraana keessa fardeen dhibba sadii, meeshaan waraanaa baay’ee fi gaalli kuma tokko fi dhibba shan turan.

Waraanni mushrikootaa kuma afur Marr az-Zahraan yommuu ga’u, gosoonni baay’een – ilmaan Sulaym, ilmaan Fazaaraa, Ghaxafaan, ilmaan Murraa, ilmaan Asad – gargaarsa kuma jahaan lakkoofsa waraana mushrikootaa kuma kudhanitti guddisan. Kun yeroo sanaaf humna baay’ee guddaa ture.

Gosti Khuzaa’aa, kan bara dheeraa irraa kaasee Rasuula Kabajamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) wajjin michuu ta’e, battaluma Madiinaatti oduu ergisiise: fardeessi karaa guyyaa kudhanii guyyaa afuriin deemu tokko, Nabiyyii keenya kabajamaaf haala mushrikootaa bal’inaan beeksise.

Nabiyyiin keenya jaalatamaan, kan hojii isaa Sahaabota kabajamoo wajjin mari’achuun raawwatu, battaluma Sahaabota isaa walitti qabee haala sana irratti mari’ate. Lolli eessatti fi akkamitti ta’uu akka qabu Sahaabaan hundi yaada isaa dhiheesse. Gumii kana keessa kan ture Salmaan Faarisii dubbii fudhatee akkana jedhe:

“Yaa Ergamaa Rabbii! Nu biratti mala lolaa tokko jira. Diinni nu haleeluu danda’a jennee yommuu sodaannu, naannoo keenya khandaq (boolla) qotnee of ittisaa turre.” Malli kun Nabiyyii keenya kabajamaa fi Sahaabota kabajamoo gammachiise; akkasiin diina wajjin loluun murtaa’e.1

Nabiyyiin keenya kabajamaan battaluma Sahaabota isaa keessaa tokko tokko fudhatee, boollichi eessatti qotamuu akka qabu sakatta’e. Gamni kibba Madiinaa oddoowwan ta’ee, mukkeen baay’ee walitti siqaniin haguugamee ture. Mushrikoonni asiin walitti dhufanii haleeluuf carraan isaanii xiqqaa ture.

“Bishaaraa siif haa ta’u yaa Aa’ishaa! Haqq ta’aalaan si qulqulleessee ibse. Qulqullummaa keetiif ragaa ba’e” Hadiisa shariifa

Itti dabalees, humni xiqqoon gama kana ittisuu danda’a ture. Gama bahaatiin gosti Yahuudotaa Banii Qurayzaa jedhamu, kan waliigalteen isaan wajjin taasifame, jiraachaa ture. Kanaafuu mushrikoonni dhufanii haleeluu kan danda’an lafa banaa gama dhihaa fi kaaba irraa qofa ture. Gama kana irratti iddoon boollaan itti qotamu murtaa’e. Sahaabaa tokkoon tokkoon isaanii irratti meetira sadii ga’u lafa kufe. Namni hundi qooda isaa kufe dheerina namoota lamaa (meetira 3.5 ga’u) qotee, boollichi bal’inaan fardi baay’ee ariifatee fiigu irra utaalee darbuu hin dandeenyetti (meetira 7–8) bal’aa ta’uu qaba ture. Yeroon gabaabaa ture. Diinni Makkaa ba’ee gara Madiinaatti ka’ee ture. Boollichi yeroo gabaabaa keessatti qotamuu qaba ture.

Nabiyyiin keenya jaalatamaan, ofii isaa dursee, Sahaabota isaa gootota wajjin “Bismillaahir-rahmaanir-rahiim” jedhee, lafa jalqaba qote. Namni hundi humna isaa guutuun boolla sana ariifatee qotuuf carraaqaa ture. Ijoolleen illee ni hirmaatan. Sayyida keenya Ergamaa Rabbiif tulluu Zubaab irratti dunkaanni Turkii qophaa’e.2 Biyyee boolla keessaa baafame gundoodhaan naannoo tulluu kanaa naquu turan; deebi’anii yeroo dhufanitti immoo diina darbachuuf dhagaa tulluu Sal’ irraa harkisanii fidu turan. Warri gundoo hin arganne handaara uffata isaanii keessatti biyyee baatu turan. Nabiyyiin keenya jaalatamaan illee hanga dadhabutti hojjechaa ture. Sahaabonni kabajamoon haala kana arganii ija jabeeffachaa turan; “Lubbuun keenya isiniif wareegamtu haa ta’u, yaa Ergamaa Rabbii! Hojiin keenya ni ga’a. Isin hin hojjetinaa, aara galfadhaa,” jedhanis, innis: “Anis hojjechuudhaan ajrii isin argattan keessatti hirmaachuu barbaada,” jedhee deebisa ture.

Guyyoota sanatti qilleensi baay’ee qabbanaa’aa ture. Itti dabalees waggaa sana gogiinsa irraa kan ka’e beelli bal’aan ture. Nyaata argachuun illee baay’ee rakkisaa ture. Sahaabonni kabajamoon hundi, Sayyida Aalamootaa dabalatee, beela sodaachisaa keessa turan. Humna akka of keessatti dhaga’aniif beelaan garaa isaanii irratti dhagaa hidhatan; garaa isaanii cinqanii fedhii nyaataa gadi qabuuf yaalan. Nabiyyiin keenya jaalatamaan, kan aalama hundaaf rahmata ta’ee ergame, beela ofii hin yaadne; Sahaabonni isaa qorra kana keessa beelaan hojjechuu isaanii fi rakkina isaan dandamatan irratti baay’ee gadde, isaaniif rahmata godhe, akkana jedhee du’aa gochaa ture: “Yaa Rabbii! Jireenya Aakhiraa malee jireenya (kadhatamu) biraa hin jiru. Yaa Rabbii koo! Ansaar fi Muhaajirootaaf dhiifama godhi!” Isaanis Jaalallee Kabajamaaf, kan lubbuu isaanii caalaa jaallatan, akkana jedhanii deebisaa turan: “Hanga dhuma jireenya keenyaatti karaa Allaahu ta’aalaa irratti, amantii Islaamaa babal’isuuf Sayyida keenya Ergamaa Rabbii hordofneerra.” Jaalalli wal-gidduu kun rakkina hedduu akka beelaa fi dheebuu hundee isaatiin buqqisee balleessa ture.

Bakakkaan tokko ife

Boolla qotuun guyyaa hunda ganamaan ganamaan jalqabamee hanga galgalaatti itti fufa ture. Guyyaa tokko yeroo boolla qotanitti Aliyyi bin Hakam miila irraa madaa’e. Farda irra yaabbisanii Nabiyyii keenya kabajamaa bira fidan. Sayyidni Aalamootaa: “Bismillaahir-rahmaanir-rahiim” jedhee miila isaa irra harka isaa dabarse. Akka mu’jizaa Sayyida keenyaatti battalumatti dhiigni miila isaa dhaabbatee, dhukkubbiin isaas dhaabbate. Boolla qotuun itti fufe. Yeroo tokko Sahaabonni iddoo baay’ee jabaa tokko irra ga’an. Achi qotuun hin danda’amne. Rasuula Kabajamaa bira dhufanii haala sana itti beeksisan. Innis dhufee boolla keessa seene. Okkotee xiqqoo bishaan qabu gaafate. Dhugaatii xiqqoo tokko fudhatee deebisee okkotee keessa naqe. Booda bishaan sana iddoo jabaa irratti facaase. Dhaanaa guddaa (meeshaa sibiilaa ulfaataa dhagaa ittiin caccabsan) fudhatee iddoo sana rukuta tokkoon akka cirrachaatti bittinneesse. Iddoon sun salphaatti qotamuu danda’e. Rukuta kana yeroo rukutetti garaan Nabiyyii keenya jaalatamaa eebbifamaan saaxilame; warri achi turan Sayyida keenya beelaan garaa isaa eebbifamaa irratti dhagaa hidhachuu isaa argan. Jaabir bin Abdullaah haala Sayyida keenya Ergamaa Rabbii kana yommuu argu, bira dhaqee hayyama kadhate: “Abbaan koo fi haati koo isiniif haa wareegaman, yaa Ergamaa Rabbii! Yoo hayyama naaf kennitan, mana koo dhaqee haan deebi’u!” Hayyama erga argateen booda waan ta’e Jaabir akkana jedhee dubbate:

“Hayyama erga argadhee booda mana koo dhaqee niitii koo: ‘Ani Rasuula alayhis-salaam biratti beela akkasii argeera; kan dandamatamu miti. Manuma keessa waan nyaatamu tokko jiraa?’ jedhee gaafadhe. Isheenis: ‘Re’ee xiqqoo kana fi garbuu harka guutuu muraasa malee wanti biraa hin jiru,’ jette. Battaluma re’ee xiqqoo sana qale; niitiin koo immoo garbuu sana dhagaa daakuu harkaatiin daakte. Booda bukoo tolchite. Foonicha okkotee keessa kaa’atte, tanduura (boba biyyee) keessatti bilcheessuu jalqabde. Ergamaa Rabbii bira deebi’uuf utuu jiruu, niitiin koo nyaanni xiqqaa ta’uu isaatiin akka hin saalfanneef cimsitee na gorsite. Booda Sayyida keenya Ergamaa Rabbii bira dhaqee: ‘Yaa Ergamaa Rabbii! Nyaanni koo baay’ee xiqqaa dha. Nama tokko yookaan lama of wajjin fudhatanii nu bira nyaachuuf kottaa!’ jedhe.

Sayyida keenya Ergamaan Rabbii: ‘Niitii keetiif hanga ani dhufutti okkotee foonii fi daabboo tanduura keessaa akka hin baasne himi,’ naan jedhe. Booda mujaahidootatti garagalee: ‘Yaa namoota Khandaq! Jaabir nuuf affeerraa qopheesseera; nyaachuuf nu waameera. Nyaanni isaa baay’ee fi gaarii dha. Ka’aa! Affeerraa Jaabir deemna!’ jedhe. Ajaja kanaan Sahaabonni walitti qabamanii Nabiyyii keenya duubaan deemuu jalqaban. Anis battaluma mana koo deebi’ee waan ta’e hundumaa niitii kootti himee: ‘Amma maal goona?’ yommuu jedhu, isheen: ‘Rasuula alayhis-salaam nyaanni hammam akka ta’e hin gaafanne?’ naan jette. Ani: ‘Gaafatee, anis himeera,’ jedhe. Niitiin koo: ‘Sahaabota ati waamte moo Sayyida keenya Ergamaan Rabbii waame?’ jette. ‘Ergamaan Rabbii waame,’ yommuu jedhu: ‘Rasuula alayhis-salaam caalaa beeka,’ jettee na jajjabeesse.

Yeroo muraasa booda fuulli Nabiyyii keenya kabajamaa kan nuura qabu balbala keenya irratti mul’ate. Sahaabota baay’ee ta’aniin: ‘Wal hin dhiibinaa, keessa seenaa,’ jedhe… Obboloonni koo Sahaabonni gareedhaan kudhan kudhaniin taa’an. Nabiyyii Ulfaataan daabboo fi foon akka barakaa qabaatuuf du’aa godhe. Booda okkotee tanduura keessaa utuu hin baasin fal’aanaan wanta keessa jiru daabboo inni fudhate irra kaa’ee Sahaabota isaatiif dhiheesse. Hanga Sahaabonni hundi quufanitti akkasuma itti fufe. Kakadha: namoonni nyaatan kuma tokko caalaa ta’anillee daabboon fi foon akkuma jiru ture. Nutis erga nyaannee booda ollaa keenyaaf qoodne.”3

Salmaan Faarisii boolla qotuu irratti baay’ee ogeessa ture. Inni kophaa isaa hojii namoota kudhanii hojjeta ture. Innis hiriyyoota isaa wajjin iddoo isaaniif ramadame yeroo qotanitti, dhagaa guddaa cimaa fi adii tokkoon walitti bu’an. Cabsuuf baay’ee carraaqan. Garuu hojiin isaanii hundi bu’aa malee hafe. Kana malees dhaanaan, meeshaaleen qotiinsaa fi kan biyyee ittiin baasan isaanii illee cabe. Salmaan Nabiyyii keenya jaalatamaa bira dhaqee haala sana itti beeksise: “Abbaan koo fi haati koo, lubbuun koos isiniif haa wareegaman, yaa Ergamaa Rabbii! Boolla yeroo qotnu dhagaa jabaa tokko wajjin wal-arganne. Meeshaan sibiilaa keenya hundi cabee illee, iddoo isaa irraa hin socho’isne.” Jaalallee Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) ulfinaan achi dhufee dhaanaa gaafate. Sahaabonni kabajamoon achi turan bu’aa isaa fedhii guddaadhaan eeggachaa turan. Sulxaanni Nabiyyootaa gad bu’e. “Bismillaahir-rahmaanir-rahiim” jedhee dhaanaa ol kaasee, dhagaa sana akkasitti rukute; rukuta sanaan bakakkaan Madiinaa ibsu tokko ifee, dhagaa irraa kutaan tokko cabe.

Rasuula Kabajamaan takbiira jedhe: “Allaahu akbar!” Sahaabonni kana dhaga’anii takbiira jedhan. Booda al lammaffaa dhaanaadhaan dhagaa sana rukute. Ammas bakakkaan naannoo hunda ibsu tokko!…

“Anis hojjechuudhaan ajrii isin argattan keessatti hirmaachuu barbaada” Hadiisa shariifa

Kutaawwan dhagaa irraa cabanis… Nabiyyiin keenya jaalatamaan ammas takbiira jedhe: “Allaahu akbar!” Sahaabonni isa hordofanii isaanis takbiira jedhan. Al sadaffaa dhaanaan yeroo gad bu’u bakakkaan naannoo hunda ibsu tokko ammas ifee, dhagaan sun kutaa kutaatti cabe. Sayyidni Aalamootaa ammas takbiira jedhe: “Allaahu akbar!” Sahaabonni isaa ulfina qabeeyyiin isa hordofanii ammas takbiira jedhan.

Salmaan harka isaa dheeresse. Nabiyyiin keenya jaalatamaan boolla keessaa ol ba’e. Salmaan Faarisii: “Abbaan koo fi haati koo, lubbuun koos isiniif haa wareegaman, yaa Ergamaa Rabbii! Amma waan jireenya koo keessatti yeroo tokko illee hin arganne arge. Hikmanni waan kanaa maali?” yommuu jedhu, Nabiyyiin keenya kabajamaan Sahaabota isaatti garagalee: “Wanta Salmaan arge isinis argitanii?” jedhe. Isaanis: “Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii! Yeroo dhaanaadhaan dhagaa rukuttan, bakakkaa cimaan ifuu arganne. Isin takbiira yommuu jettan nutis takbiira jenne,” jedhan. Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Ifa rukuta duraatiin masaraawwan Kisraa (kan Madaa’in keessa jiran) natti mul’atan. Jibriil (alayhis-salaam) dhufee: ‘Ummanni keessan biyyoota sana ni qabata,’ jedhee natti hime. Rukuta lammaffaatiin masaraawwan diimaa naannoo Ruum (Shaam) mul’atan. Jibriil (alayhis-salaam) dhufee: ‘Ummanni keessan biyya sanas ni qabata,’ jedhe. Rukuta sadaffaatiin masaraawwan San’aa (Yaman) mul’atan. Jibriil (alayhis-salaam): ‘Iddoo sanas ummanni keessan ni qabata,’ jedhee natti hime,” jedhe.

Booda Sulxaanni Uumamaa masaraa Kisraa Faaris kan Madaa’in keessa jiru yommuu ibse, Salmaan kan achi dhalate: “Lubbuun koo isiniif haa wareegamtu, yaa Ergamaa Rabbii! Isin amantii dhugaa fi Kitaaba wajjin kan erge Allaahu ta’aalaan kakadha: masaraawwan sun akkuma isin ibsitan ti. Isin Ergamaa Allaahu ta’aalaa ta’uu keessaniif ragaa nan ba’a,” jedhe. Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Yaa Salmaan! Shaam shakkii malee ni injifatama. Hiraql biyya isaa keessaa iddoo hunda caalaa fagoo baqata. Isin Shaam guutuu irratti ni bulchitu. Namni tokkollee isin morkachuu hin danda’u. Yaman shakkii malee ni injifatama. ‘Biyya Bahaa’ kunis shakkii malee ni injifatama, Kisraanis ni ajjeefama. Allaahu ta’aalaan injifannoo kana ana booda isiniif kenna,” jedhe.4

Salmaan Faarisii: “Oduun gammachiisaa Sayyida keenya Ergamaa Rabbii kun hundi akka raawwatame arge,” jedhee oduu hime.

Diinni amma dhufuuf ture. Boollichi ariifannaa guddaadhaan qotamaa, battaluma xumurachuuf carraaqamaa ture. Mujaahidoonni dirqama yeroo ta’e qofa Nabiyyii keenya kabajamaa irraa hayyama fudhatanii hojii dhiisu, fedhii isaanii erga raawwatanii booda deebi’anii gara hojii isaaniitti fiigu turan.

Munaafiqoonni garuu baay’ee laafoo ta’anii hojjetu turan: yeroo fedhan hojiitti dhufu, yeroo fedhan hayyama utuu hin gaafatin dhiisanii deemu turan. Kana malees, haala Sahaabonni hojjetan kanatti qoosan; oduu gammachiisaa Nabiyyiin keenya kabajamaan kennetti illee: “Nuti sodaa diinaa irraa kan ka’e boolla keessa ni dhokanna. Innis masaraawwan Yaman, Ruum fi Faaris nuuf abdachiisa. Haala keessan kanatti ni dinqisiifanna!…” jechuun qoosan.

Kanaaf aayata kabajamaa mujaahidootaaf buufame keessatti hiikaan akkana jedhame: “Mu’minoonni dhugaa isaan qofa warra Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaatti amananii, hojii waliinii tokko (hundumaa kan ilaallatu) irratti isa (Ergamaa Rabbii) wajjin yeroo turan, isarraa hayyama utuu hin fudhatin dhiisanii hin deemne. Kanaafuu (yaa Jaalallee Koo!) warri si irraa hayyama kadhatan, dhugumaan warra Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaatti amanan ti. Mu’minoonni kun hojii isaanii tokko tokkoof si irraa hayyama yeroo kadhatan, ati isaan keessaa nama feeteef hayyama kenni, isaaniifis Allaahu ta’aalaa irraa dhiifama kadhadhu. Shakkii malee Allaahu ta’aalaan Ghafuur-ur-Rahiim ti: baay’ee dhiifama godhu, baay’ee rahmata godhu.”5

Aayatoota kabajamoo munaafiqootaaf buufaman keessatti hiikaan akkana jedhame: “Waamicha Ergamaa Allaahu ta’aalaa gidduu keessanitti wal waamuu keessan wajjin hin fakkeessinaa! Isin keessaa warra wal duuba dhokatanii dhoksaan (suuta of baasanii) baqatan, Allaahu ta’aalaan dhugumaan ni beeka. Warri ajaja Isaa mormu, addunyaa kana keessatti fitnaa, Aakhiraa keessattis adabbii ciniinsu irra bu’uu irraa of haa eegan! Of eeggadhaa! Waan samiiwwan keessa fi lafa irra jiru hundi kan Allaahu ta’aalaa ti. Inni haala isin irra jirtan illee (amala keessan hundaa, kaayyoo keessan, mu’mina yookaan munaafiqa ta’uu keessan) ni beeka. Allaahu ta’aalaan guyyaa Qiyaamaa, guyyaa gara Isaatti deebifamtanitti, waan hojjettan hundumaa isiniif beeksisa. Allaahu ta’aalaan wanta hundumaa beeka.”6

Boolla qotuu jalqabaniin as guyyoonni jaha ta’anii turan. Namni hundi hojii isaa sirnaan xumure. Garuu iddoon tokko yeroon waan hin ga’iniif bal’inaan fi gad fageenyaan hin qotamne. Nabiyyiin keenya kabajamaan iddoo sanaaf yaaddoo isaa ibsee: “Mushrikoonni as irraa malee iddoo biraa darbuu hin danda’an,” jedhe. Achitti eegdota dhaabe.

Allaahu ta’aalaan wakiila isa caalaatti gaarii dha

Waraanni mushrikootaa Madiinaatti baay’ee yommuu dhihaate, Yahuudiin Huyayy, hogganaan ilmaan Nadiir, ajajaa waraana Quraysh bira dhaqee: “Yahuudonni Qurayzaa Madiinaa keessa jiran Muslimoota wajjin waliigaltee jala jiru; garuu hogganaa isaanii Ka’ab bin Asad gowwoomsee gara cinaa keenyatti harkisuu nan danda’a,” jedhee beeksise. Ajajaan: “Yaa Huyayy! Battaluma Ka’ab bin Asad bira deemi. Waliigaltee Muslimoota wajjin godhan haa diiganii nu haa gargaaran,” jedhe. Keewwatoota waliigaltee kanaa keessaa tokko: “Waraanni diinaa Madiinaa yoo haleele, Muslimoota wajjin tokkummaa uumanii diina dura dhaabbachuu” ture.

Yahuudiin Huyayy waraana mushrikootaa irraa addaan ba’ee halkan mana Ka’ab, hogganaa Banii Qurayzaa, dhufe. Balbala rukutee of beeksisee akkana jedhe: “Yaa Ka’ab! Ani waraana Quraysh guutuu fi gosoota baay’ee, akka ilmaan Kinaanaa fi Ghaxafaan, waraana kuma kudhan ta’ee asiin fideera. Amma Muhammad fi Sahaabonni isaa hin baraaraman. Hanga guutummaatti isaan dhabamsiisnutti Quraysh wajjin as irraa hin deemnu jennee kakanneerra!…” Ka’ab yaaddoo isaa ibse: “Yoo Muhammad fi Sahaabonni isaa ajjeefamuu baatan, Quraysh fi Ghaxafaan immoo biyya isaaniitti deebi’anii yoo deeman, asitti nuti qofaa keenya hafna. Dhuma irratti hunda keenya akka ajjeesan sodaadha!…” Huyayy: “Sodaan kun si biraa akka deemuuf, Quraysh fi Ghaxafaan irraa namoota torbaatama wabii gaafadhu. Wabiiwwan kun si biratti hanga jiranitti isaan as irraa deemuu hin danda’an. Yoo mo’atamanii deeman illee, ani isin biraa addaan hin ba’u. Balaan isinitti dhufu anattis dhufa,” jedhee Ka’ab, booda Yahuudota kaan gowwoomse. Waliigaltee Muslimoota wajjin qaban akka ciccirsan godhe. Akkasiin waliigalteen diigame.

Huyayy waraana mushrikootaatti deebi’ee haala sana hime. Banii Qurayzaa Muslimoota duubaan akka haleelan beeksise.

“Yaa namoota Khandaq! Jaabir nuuf affeerraa qopheesseera; nyaachuuf nu waameera. Nyaanni isaa baay’ee fi gaarii dha. Ka’aa! Affeerraa Jaabir deemna!” Hadiisa shariifa

Guyyaa torbaffaa mushrikoonni waraana guddaa kuma kudhan ta’een gama kaabaa fi kaaba-dhihaa Madiinaa dhufanii achitti qubata ijaaran. Qubanni kun gama biraa boolla qotame sanaa ture. Mushrikoonni waraana guddaa kanaan Madiinaa hanga dhumaatti gubanii diiguu, Nabiyyii keenya kabajamaa fi Sahaabota isaa dhabamsiisanii Islaamummaa balleessuu yaadan. Mul’ataan waraana guddaa, kan dura dhaabbachuun rakkisaa ta’e ture. Mushrikoonni danqaa boollaa kan yaada isaanii keessa hin turre yommuu argan, dinqisiifatan; ija jabinni isaanii gadi bu’e. Sababni isaas boollichi hanga fardi gaarii ariifatee fiigu irra utaalee darbuu hin dandeenyetti bal’aa ture. Namni keessa kufe tokkos salphaatti ba’uu hin danda’u; nama uffata sibiilaa uffate immoo ol ba’uun baay’ee rakkisaa ture. Nabiyyiin keenya jaalatamaan mushrikoonni dhufuu isaanii yommuu dhaga’u, battaluma Sahaabota isaa, kanneen guyyaa jahaaf itti fufanii hojjetanii dadhabanii turan, walitti qabee, gama boolla kanaan tulluu Sal’ gaditti qubata ijaare. Duuba isaanii tulluu Sal’ fi Madiinaan, fuula isaanii duratti boollichi, isa booda immoo diinni ture… Ammas Ibn Ummu Maktuum Madiinaa keessatti bakka bu’aa Nabiyyii keenya kabajamaa ta’ee dhiifame. Dubartoonni fi ijoolleen masaraawwan keessa kaa’aman. Loltoonni Islaamaa kuma sadii fardeessota soddomii jaha qabu turan. Alaabaa Zayd bin Haarisaa fi Sa’ad bin Ubaadaa baatan.7 Dunkaanni Sayyida keenya Ergamaa Rabbii kan gogaadhaan hojjetame, tulluu Sal’ jalatti dhaabame. Sahaabonni kabajamoon, kanneen gootummaa baay’ee ammas agarsiisuuf jiran, sochii diinaa of eeggannoodhaan hordofuu jalqaban. Yeroo kana Umar Nabiyyii keenya jaalatamaa bira dhufuun mul’ate. Innis: “Yaa Ergamaa Rabbii! Yahuudonni Qurayzaa waliigaltee nu gidduu jiru akka diigan, nutti waraanaaf akka of qopheessan dhaga’eera!” jedhe. Oduu hin eegamne kanaaf Sayyidni Aalamootaa: “Hasbunallaahu wa ni’mal wakiil (Allaahu ta’aalaan nuuf ga’a. Inni wakiila baay’ee gaarii dha),” jedhee deebise. Baay’ee gadde. Amma loltoonni Islaamaa ibidda lamaa gidduutti hafan: gama kaabaa fi dhihaatiin waraanni mushrikootaa, gama kibba-bahaatiin Yahuudonni turan. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Zubayr bin Awwaam masaraa ilmaan Qurayzaatti erge. Zubayr dhaqee haala sana qorate. Deebi’ee: “Yaa Ergamaa Rabbii! Isaan yeroo masaraawwan isaanii suphanii, leenjii waraanaa fi sochii waraanaa hojjetan arge. Kana malees horii isaanii walitti qabaa turan,” jedhee waan arge hime. Kanaan booda Jaalallee Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) Sa’ad bin Mu’aaz, Sa’ad bin Ubaadaa, Khawwaat bin Jubayr, Amr bin Awf fi Abdullaah bin Rawaahaa ilmaan Qurayzaa gorsuuf fi waliigaltee haaromsuuf erge.8 Sahaabonni shanan, kanneen hojiin kun itti kenname, masaraa Yahuudota Qurayzaa dhaqanii isaan gorsan. Garuu gorsi faayidaa hin qabne. Kana malees isaan salphisuu jalqaban. Dubbii dhumaa taasisanii: “Obboloota keenya ilmaan Nadiir biyya isaanii irraa ari’uudhaan humna keenya cabsitan. Muhammad eenyu isaa? Isa wajjin nu gidduu dubbii fi waliigaltee tokkollee hin jiru. Nabiyyii keessan irratti hundi keenya yeruma tokkotti duulnee ajjeesuuf kakannee jirra. Obboloota keenya ni deggerra, ni gargaarra!…” jedhan. Sa’ad bin Mu’aaz fi hiriyyoonni isaa Sayyida keenya Ergamaa Rabbii bira dhufanii, namni hundi akka hin hubanneef dhoksaadhaan haala sana itti himan. Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Oduu keessan dhoksaa qabadhaa. Namoota beekaniif qofa ibsaa. Sababni isaas waraanni tooftaa fi gowwoomsa irratti hundaa’a,” jedhe.9

Sahaabonni gama boolla kanaan Nabiyyii keenya kabajamaa eeggachaa, akkamitti socho’uu akka qaban yaaddaa turan. Yeroo muraasa booda Sulxaanni Uumamaa Sahaabota isaa gootota bira dhufee: “Allaahu akbar! Allaahu akbar!” jedhee takbiira jedhe. Sahaabonni ulfina qabeeyyiin kana dhaga’anii, afaan tokkoon takbiira jedhanii, maqaa eebbifamaa Janaab-i Haqq ol’aantummaa Isaa labsanii, kaafiroota boolla gamaa akka cirrachaatti walitti guuraman onnee isaanii keessa sodaa buusan. Mushrikoonni takbiiraa yommuu dhaga’an: “Muhammad fi Sahaabota isaatti oduun gammachiisaan tokko ga’eera,” jedhan.

Nabiyyiin keenya kabajamaan Sahaabota isaatiin: “Yaa gumii Muslimootaa! Injifannoo fi gargaarsa Allaahu ta’aalaatiin gammadaa!” jedhee oduu gammachiisaa injifannoo itti hime. Sahaabonni ulfina qabeeyyiin hanga yeroo kanaatti sariyyaa baay’ee keessatti hirmaatanii, Lola Badr fi Uhud illee irratti argamanii turan. Mushrikoota lakkoofsaan fi humnaan caalan, hayyama Allaahu ta’aalaa fi barakaa du’aa Rasuula Kabajamaatiin al hunda mo’atanii turan. Uumamtoota hundaa “Taajii” isaanii mataa isaanii irratti qabanii, hojiin isaan hin dandeenye, rakkoon isaan hin obsine hin jiru ture. Qilleensi qabbanaa’aa, hanqinni nyaataa cimaa, beelli immoo hammaataa ture… Nabiyyii keenya kabajamaa dabalatee, namoonni baay’een garaa isaanii eebbifamaa irratti dhagaa hidhatanii turan. Gama biraan diinni akka cirrachaatti walitti guuramaa ture!… Haa ta’u malee Sahaabota ulfina qabeeyyiif baay’inni diinaa fi dhiphinni isaan irra ga’e bakka hin qabu ture. Allaahu ta’aalaan wakiila isa caalaatti gaarii ture… Isatti hidhaman, Isa irratti hirkatan, Isa irraa eegumsa barbaadan. Ajajoonni beekamoon Quraysh fi hogganoonni gosoota kaan kanneen Quraysh wajjin dhufan, haleellaa waliigalaa raawwachuuf murtii utuu hin murteessin dura, boolla naannoo isaa karaa itti darban barbaaduu jalqaban. Boolla fiixee tokko irraa hanga fiixee biraatti naannaa’an. Dhuma irratti iddoo dhiphaa ariifannaadhaan walakkaa hafe dhaabbatanii, asii haleeluun mijaa’aa ta’uu murteessan. Loltoonni mushrikootaa ajajoota isaanii duubaan deemaa turan; yeroo tokko boolla, yeroo biraa Sahaabota ulfina qabeeyyii ilaalaa dinqisiifatan. “Kakanna, kun malli Araboonni itti fayyadaman miti. Dhugumaan nama Faaris sun kana gorsee jira!” jedhaa turan. Ajajoonni Quraysh iddoo dhiphaa boollichaa loltoota isaaniitti agarsiisanii: “As irraa eenyutu utaalee gama biraa darbuu danda’a?” yommuu jedhan, isaan keessaa fardeessonni shan addaan ba’an. Isaan nama nama wajjin wal-loluuf gama boollichaa biraa darbuuf turan. Sahaabonni ulfina qabeeyyii fi loltoonni mushrikootaa fedhii guddaadhaan sochii fardeessota shan kanaa hordofuu jalqaban. Fardeessonni ariifannaa argachuuf duubatti deebi’an. Booda mataa fardeen isaanii iddoo boollichi hunda caalaa itti dhiphate gara sanaatti deebisanii ariifachiisan. Fardeen gaarii shanan ariitiin fiiganii, utaalcha tokkoon gama boollichaa biraa ga’uu danda’an. Fardeessonni baay’een isaan hordofuu barbaadan; garuu hin danda’anne, gama boollichaa biraa hafan. Warra darban keessaa jabaa baay’ee, dugdi isaa lafa hin tuqne, wal-qabsiisaa Amr bin Abdud jedhamu tokko ture; namni hundi isa sodaata, fuuldura isaa dhaabbachuun hin danda’amu ture. Inni kophaa isaa waraana guutuu wajjin wal-qixa ture. Waraana kuma kudhan keessaa asiin ba’uun isaa kana mul’isa ture. Mataa irraa hanga miillaatti uffata sibiilaa uffatee ture. Farda isaa irra taa’ee ulfina guddaa qaba ture. Namni mul’ata isaatiin onneewwan keessa sodaa buusu kun, mujaahidoota duratti: “Na wajjin wal-lolu kan danda’u yoo jiraate, ba’ee haa dhufu!…” jedhee iyye. Aliyyi mallattoo of-tuultummaa kana yommuu argu, Nabiyyii keenya jaalatamaa bira dhaqee hayyama kadhate: “Lubbuun koo isiniif haa wareegamtu, yaa Ergamaa Rabbii! Isa wajjin ani haan lolu!” Aliyyi uffata sibiilaa illee hin uffanne ture.

“Yaa Salmaan! Shaam shakkii malee ni injifatama. Hiraql biyya isaa keessaa iddoo hunda caalaa fagoo baqata. Isin Shaam guutuu irratti ni bulchitu. Namni tokkollee isin morkachuu hin danda’u. Yaman shakkii malee ni injifatama. ‘Biyya Bahaa’ kunis shakkii malee ni injifatama, Kisraanis ni ajjeefama. Allaahu ta’aalaan injifannoo kana ana booda isiniif kenna” Hadiisa shariifa

Sahaabonni kabajamoon hawwii qulqulluudhaan isa ilaalaa turan. Nabiyyiin keenya jaalatamaan uffata sibiilaa isaa eebbifamaa baasee Aliyyiif uffise. Goraadee isaa isa hidhise. Imaamaa mataa isaa eebbifamaa irraa fudhatee harka ofii isaa eebbifamaatiin mataa Aliyyi irratti maare. Booda kadhachaa du’aa kana godhe: “Yaa Rabbii! Lola Badr keessatti ilmi adeera koo Ubaydaa, Lola Uhud keessatti immoo adeerri koo Hamzaa shahiida ta’an. Anaaf obboleessi koo fi ilmi adeera koo Aliyyi hafe. Ati isa eegi. Gargaarsa Kee isaaf kenni. Na kophaa koo hin dhiisin!” Sahaabonni: “Aamiin!” jedhan. Gidduu du’aa fi takbiiraa keessatti, Leenci Allaahu ta’aalaa miilaan fuulduratti deemee, Amr bin Abdud kan akka bifa guddaa farda isaa irra taa’e duratti dhaabbate. Amr, kan ija isaa malee bakka hundatti uffata sibiilaatiin haguugame, gooticha kana hin beeke; eenyu akka ta’e gaafate. Aliyyi: “Ani Aliyyi bin Abii Xaalib,” jedhee yommuu of beeksisu, Amr akka isaaf rahmata qabutti: “Yaa ilma obboleessa koo! Abbaan kee michuu koo ti. Kanaaf dhiiga kee dhangalaasuu hin barbaadu. Adeeroota kee keessaa fuuldura koo dhaabbatu tokko hin jiruu?” jedhe. Aliyyi garuu: “Yaa Amr! Wallaahi, ani dhiiga kee dhangalaasuu barbaada. Garuu lamaan keenya haala wal-qixa irra jiraachuu hin qabnuu? Kun ulfina gootummaatiif hin mijaa’uu? Ani miilaan jira, ati immoo farda irra jirta!…” jedhee isa kakaase.

Amr kana dhaga’ee, dhiigni gootummaa isaa ho’ee, battaluma farda isaa irraa gadi bu’ee, goraadee isaatiin miila farda isaa muree, dheekkamsaan Aliyyi duratti dhaabbate. Haleeluuf utuu jiruu, Leenci Allaahu ta’aalaa: “Yaa Amr! Nan dhaga’e: ati nama Quraysh keessaa tokko wajjin yommuu wal-argitu, fedhii isaa lamaan keessaa tokko akka raawwattu kakatteerta. Kun dhugaa dhaa?” jedhee gaafate. Innis: “Eeyyee, dhugaa dha,” jedhee yommuu deebisu, Aliyyi: “Yoo akkas ta’e, fedhiin koo jalqabaa ati Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaatti amanuun Muslima ta’uu kee dha!” jedhee iimaanatti isa waame. Amr kana dhaga’ee dheekkamee: “Kana dhiisi! Kun anaaf hin barbaachisu!” jedhe. Aliyyi: “Fedhiin koo lammaffaa ati lola dhiisee gara Makkaatti deebi’uu kee dha. Sababni isaas, yoo Rasuula alayhis-salaam diina mo’ate, ati hojii kanaan isa gargaarteerta!…” jedhe. Amr: “Kanas dhiisi! Ani hanga haaloo hin baafneetti urgaa ofitti hin dibu jedhee kakadheera. Fedhii biraa yoo qabaatte, isa himi!” yommuu jedhu, Aliyyi: “Yaa diina Allaahu ta’aalaa! Amma si wajjin wal-loluu malee wanti hafe hin jiru!” jedhe.

Amr dubbii kana irratti kolfee: “Dinqii dha dhugumaan! Biyya Arabaa keessa gootaan fuuldura koo dhaabbatu jiraata jedhee yaadee hin beeku ture! Yaa ilma obboleessa koo! Kakadha, ani si ajjeesuu hin barbaadu. Sababni isaas abbaan kee michuu koo ture. Ani fuuldura koo, ulfaatoota Quraysh keessaa nama akka Abuu Bakr, akka Umar ta’e tokko barbaada ture,” jedhe. Aliyyi: “Yoo akkas ta’e illee, ani si ajjeesuuf asiin ba’eera,” yommuu jedhu, dhiigni Amr mataa isaatti ol ba’e. Goraadee isaa ol kaasuu fi gad buusuun tokko ture. Leenci Allaahu ta’aalaa Aliyyi (karramallaahu wajhahu), kan wanta akkasii eeggate, akka bakakkaa gama tokkoon utaalee, rukuta sana gaachana isaatiin simate. Garuu Amr gaachana akkanaa baay’ee cabsee ture. Gaachanni cimaan hundi rukuta isaa dandamachuu hin danda’u ture. Yeroo kanas akkasuma ta’e. Gaachanni Aliyyi kutaa kutaatti cabe; kana malees goraadeen mataa isaa qaqqabee madeesse. Amma al Aliyyi haleeluu ture.

Allaahu ta’aalaa irraa eegumsa kadhatee “Yaa Rabbii!..” jedhee Zul-Fiqaar morma Amr irratti buuse. Battaluma sagaleen “Allaahu akbar!.. Allaahu akbar!..” loltoota Islaamaa keessatti lafaa fi samii sagaleessise; loltoota kaafirootaa keessatti immoo iyyi ka’uu jalqabe… Eeyyee, du’aan Sulxaana Nabiyyootaa, Taajii Uumamtootaa fudhatame. Amr guddichi sun lafatti kufee, dhiigni akka ujummoo keessaa qaama isaa irraa dhangala’aa, mataan isaa koofiyyaa sibiilaa isaa wajjin addaan ba’ee fagoo kufee ture. Hiriyyoonni isaa, kan isa irratti baay’ee amanan, Amr kufuu isaa yommuu argan, battaluma Aliyyi irratti duulan. Sahaabonni kana arganii achi fiigan. Zubayr bin Awwaam Nawfal bin Abdullaah madeessee farda isaa wajjin boolla keessa kuffise.

Aliyyi boolla keessa gad bu’ee Nawfal lamatti qoode. Warri kaan rakkoodhaan boolla irra deebi’anii baqatan. Ajajaan olaanaan waraana mushrikootaa jalqaba lolaatti abdii kutachuu guddaa keessa ture.

Amma bifti lolaa murtaa’e. Boollichi lola dhihoo dhihootti dhorke. Xiyyaan wal rukutuudhaan miidhaa wal-irraan geessisuuf yaalan. Kun xumura lolaa dheereessuu malee faayidaa biraa hin qabu ture. Mushrikoonni akkasiin mo’achuu akka hin dandeenye hubatanii, gama boollaa hundumaa irraa haleeluun karaa isa caalaatti mijaa’aa ta’uu murteessanii, haleelan. Waraanni diinaa guddaan kuma kudhan boolla darbuuf carraaqe; waraanni Islaamaa ulfina qabeessi kuma sadii immoo xiyyaa fi dhagaadhaan boolla akka hin darbine dhorkuuf jabaate. Lolli sodaachisaan jalqabe. Lolli kun hanga galgalaatti itti fufe.

Halkan Rasuula Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) iddoowwan garaagaraa boolla irra eegdota dhaabe. Ofii isaa iddoo dhiphaa irratti eegumsa jalqabe. Garee eegumsaa namoota dhibba shan Madiinaatti erge; daandii keessatti sagalee ol’aanaan takbiira akka jedhan ajaje. Akkasiin balaan Yahuudotaa yookaan mushrikoota Qurayshii irraa dhufu yeroo isaatti ittisamee, dubartoonni fi ijoolleen eegamu ture.

Yahuudonni Qurayzaa gama isaaniitiin Huyayy bin Akhxab mushrikoota bira erganii, loltoota kuma lama halkaniin haleeluuf gaafatan. Dubartoota fi ijoollee eegumsa malee hafan halkan haleeluu barbaadan. Garuu mujaahidoonni hanga ganamaatti eegumsaaf naannawanii, “Allaahu akbar!” jedhanii takbiira jechuun isaanii sodaa guddaa itti buuse. Masaraawwan isaanii keessa deebi’anii carraa eeggachuu jalqaban. Yeroo yeroodhaan garee xixiqqoon Madiinaa seenuuf yaalan.

Halkan tokko Ghazzaal, ulfaatoota ilmaan Qurayzaa keessaa tokko, garee namoota kudhan wajjin mana dallaan marfame kan haadha teenya Safiyyaa, adaadaa Nabiyyii keenya kabajamaa, itti jirtu ga’uu danda’e. Keessa dubartoonni fi ijoolleen turan. Of ittisuuf meeshaa waraanaa tokko illee hin qaban ture. Yahuudonni jalqaba mana sanatti xiyya darbachuu, booda keessa seenuuf yaaluu jalqaban. Isaan keessaa tokko oobdii keessa seenuu danda’ee, akkamitti akka seenu naannoo sakatta’uu jalqabe. Yeroo kanatti adaadaan Nabiyyii keenya jaalatamaa gootittiin, warra ishee bira jiran sagalee tokkollee akka hin baafne gorsitee, gad buutee balbala bira dhufte. Huccuudhaan mataa ishee cimsitee marte, bifa dhiiraa of uffifte; booda ulee dheeraa harkatti qabattee billaa mudhii ishee irratti hidhatte. Suuta balbala banattee, duuba Yahuudii sanaa dhihaattee, uleen mataa isaa irratti humnaan rukutte. Yeroo utuu hin balleessin, Yahuudicha lafa kufe ajjeeste. Booda mataa Yahuudii ajjeefame sana Yahuudota alatti xiyya darbachuu irra turaniitti darbatte. Yahuudonni mataa kutame hiriyyaa isaanii miila isaanii jala yommuu argan, sodaa guddaan isaan qabee baqachuu jalqaban.

Isaan baqachaa: “Muslimoonni dhiira mana isaanii keessatti tokko illee utuu hin dhiisin hunda lolatti ergan jedhamee nutti himamee ture!…” jedhaa turan.10 Ganamaan lolli jabina wal-fakkaatuun itti fufe. Xiyyi qilleensa keessa sagalee baasaa balali’aa ture. Sayyidni Aalamootaa (sallallaahu alayhi wa sallam) Sahaabota isaa ulfina qabeeyyiitiin: “Allaahu ta’aalaa, Isa jiraachuun koo harka humna Isaa keessa jiru sanaan kakadha: rakkoon nu mudatu isin irraa shakkii malee ni kaafama; isinis gammachuutti ni geessamtu,” jedhee obsa akka qabaatan isaan gorse; injifannoon mu’minootaa akka ta’e bishaaresse. Sahaabonni gootonni oduu gammachiisaa kana yommuu fudhatan, rakkina akka beelaa fi hanqina nyaataa dagatan.

“Yaa gumii Muslimootaa! Injifannoo fi gargaarsa Allaahu ta’aalaatiin gammadaa!” Hadiisa shariifa

Isaan onnee fi lubbuudhaan carraaqanii, mushrikaa tokko illee boolla akka hin darbine godhan.

Sa’ad bin Mu’aaz, Sahaabota ijoo keessaa tokko, gootummaa guddaadhaan lolaa ture. Lola keessatti xiyya mushrikaa Hibbaan bin Qays bin Araqaa jedhamuun darbatameen harka isaa irratti madaa’e. Xiyyi sun hidda dhiigaa guddaa tuqee dhiiga baay’ee isaa dhabsiise. Sa’ad madaa’aan namoonni naannoo isaa jiran dhiiga dhaabuuf akka carraaqan yommuu argu, haalli isaa cimaa ta’uu hubatee, du’aa kana godhe: “Yaa Rabbii koo! Yoo Quraysh lola itti fufan, umurii naaf kenni. Sababni isaas, mushrikoota Rasuula Kee rakkisan, isa sobsiisan kana wajjin lola gochuu caalaa wanti ani jaalladhu biraa hin jiru. Yoo lolli nu gidduu jiru xumurame, Ati gara sadarkaa shahiidummaatti na ol kaasi. Garuu hanga dhuma Banii Qurayzaa argutti lubbuu koo hin fudhatin.” Du’aan isaa fudhatamee dhiigni dhaabbate. Munaafiqoonni garuu, akka Abdullaah bin Ubayy, kan Sahaabota gidduutti wal-lolaa fakkaatan, hundumaa suuta godhu turan, sarara duraatti hin dhihaatan ture. Kana malees ija jabina mujaahidootaa cabsuuf waan danda’an godhaa, akkana jechuudhaan fitnaa facaasuuf yaalu turan: “Muhammad Qaysar fi Kisraa qabeenya isaanii isiniif abdachiisuu isaa itti fufeera. Amma garuu boolla kana keessatti hidhamne. Sodaadhaan fedhii qaama keenya baasuuf deemuu illee hin dandeenyu. Rabbiin fi Rasuulli Isaa nu gowwoomsuu malee wanti biraa hin godhan; waan addunyaa irraa tokko illee nuuf hin abdachiisan!…” Yeroo dhiphatan, diinni manneen isaanii haleeluu danda’a jedhanii sababa godhatanii, iddoo hojii isaanii dhiisu turan. Hojiin munaafiqootaa kunis of isaatiin dhukkuba addaa fi dhiphina addaa ture. Waraanni mushrikootaa dafee murtii argachuuf humna isaa hundumaa itti fayyadame; garuu ittisa gootummaa Sahaabota ulfaatoo duratti tokkollee milkaa’uu hin dandeenye. Iddoo isaan baay’ee irratti haleelan karaa dhiphaa ture. Nabiyyiin keenya jaalatamaan achi irraa hin sochoone, Sahaabota isaa lolaaf kakaasaa ture. Sahaabonni, kanneen Nabiyyii keenya kabajamaa cinaa loluudhaan ulfina argachuu barbaadan, dirree lolaa irratti gootummaa hin argamne agarsiisaa turan. Yeroo tokko mushrikoonni xiyya akka roobaa cimaa darbachuu jalqabuu isaanii mul’ate. Kaayyoon isaanii tokkicha dunkaana Sulxaanni Uumamaa keessa jiru ture.

Uffanni sibiilaa qaama eebbifamaa Nabiyyii keenya jaalatamaa haguugaa ture; mataa isaa eebbifamaa irras koofiyyaa sibiilaa qaba ture. Dunkaana duratti ol qajeelee dhaabbatee, akkuma adeemsa lolaatti Sahaabota isaatiif ajaja kenna ture. Yeroo tokko tokko mushrikoonni tasa iddoo hunda caalaa laafaa fakkaatutti dhiibaa taasisu turan; Sahaabonni eebbifamoon achi fiigaa, hanga diinota amantii duubatti deebisanitti jaalalaan lolu turan.

“Rukutni goraadee Aliyyi tokko ibaadaa namootaa fi jinnii hundaa caalaa gatii guddaa qaba” Hadiisa shariifa

Lola Khandaq

Lolli akkasii hin argamne kun baay’ee jabaa ture: Sahaabonni gootonni gama tokko ilaaluuf illee yeroo hin qaban ture. Guyyaa sana lolli ganama jalqabe hanga galgala dhumaatti itti fufe. Yeroo salaataa yeroo ga’u hunda Sahaabonni ulfina qabeeyyiin: “Yaa Ergamaa Rabbii! Nuti salaata keenya salaachuu hin dandeenye,” jedhan; Sayyidni Aalamootaa, Sulxaanni Uumamaa, gadda guddaadhaan: “Wallaahi, anis salaachuu hin dandeenye,” jedhe. Yeroo salaata Ishaa’ii dhihaatu, garee mushrikootaa, kan ibaadaa isaanii akka hin raawwanne isaan dhorke, haleellaa baay’ee cimaadhaan duubatti deebisanii bittinneessan. Quraysh fi Ghaxafaan, kanneen bittinnaa’uu kana irraa of baraaruu hin dandeenye, halkan bultuuf gara qubata isaanii deebi’an. Mujaahidoonnis gara dunkaana Nabiyyii keenya jaalatamaa deeman. Yeroo sanatti Boonsi Aalamaa (sallallaahu alayhi wa sallam), kan aalama hundaaf rahmata ta’ee ergame, utuu du’aa hamaa gochuun amala isaa ulfaataa hin ta’in, salaataaf jecha of qabuu dadhabee mushrikoota abaare: “Akkuma isaan hanga aduun lixutti nu rakkisanii salaata keenya irraa nu dhowwan, Allaahu ta’aalaan manneen isaanii, garaa isaanii fi qabrii isaanii ibiddaan haa guutu!” Salaata Zuhrii, Asrii fi Maghribii kan hafan (qadaa’aa) erga salaatee booda, salaata Ishaa’ii imaama ta’ee salaachise.

Yaa Rabbii koo, kaafiroota fashalsiisi

Lola Islaamummaa guutummaatti balleessuuf godhan kana booda, mushrikoonni Muslimoonni guyyaa mo’amuu akka hin dandeenye hubatan. Isaan biratti karaan tokkicha haleellaa halkanii jabina wal-fakkaatuun qopheessuu ture. Muslimoonni akkasiin qofa mo’amuu danda’u. Murtii kana battaluma hojii irra oolchanii Yahuudota ilmaan Qurayzaa wajjin halkan haleeluu jalqaban. Mushrikoonni loltoota isaanii garee garee qoodanii, tokkoon tokkoon isaanii yeroo isaanii eeggatanii haleelu turan. Haalli kun guyyoota hedduuf itti fufe. Nabiyyiin keenya jaalatamaan dursee, Sahaabonni gootonni beelaan, rafuu dhabuu fi dadhabbiin yoo jiraatanillee ittisuu itti fufan. Loltuun diinaa tokkollee boolla gama kanaan akka hin darbine godhan. Ittisni onnee fi lubbuudhaan godhame kun duula duraan godhame hundaa caalaa sodaachisaa, cimaa, rakkisaa fi dadhabsiisaa ture.

Mushrikoota guyyoota hedduuf lolaa turan biratti nyaanni dhumuu jalqabe. Fardeen fi gaalonni isaanii illee, lafa irratti marga goggogaa harka tokko illee argachuu dhabuu irraa kan ka’e, du’uu jalqaban. Kanaaf ajajaan mushrikootaa garee Diraar bin Khaxxaab ajajaa ta’e nyaata fiduuf Yahuudota Qurayzaa bira erge. Yahuudonni, kanneen kaafirootaaf waan hundaa kennan, battaluma qamadii, garbuu, timira fi horiif marga goggogaa baatii gaala digdama fe’anii dabarsanii kennan. Diraar loltoota isaa wajjin gammachuudhaan yeroo deebi’u, Qubaatti dhihootti garee Sahaabotaa tokko wajjin wal-arge. Sahaabonni gootonni battaluma haleelan. Lola dhiigaan guutame erga godhanii booda mushrikoota baqachiisanii gaalota fe’aman Nabiyyii keenya kabajamaaf dabarsanii kennan; du’aa baay’ee argatan.11 Sulxaanni Uumamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) lola cimaa, kan hanga ji’aatti dhihaate kana keessatti, Sahaabota isaa gootota, kanneen haala baay’ee rakkisaa keessa turan, irratti gadde, abbootii isaanii caalaa dachaa baay’eedhaan isaanitti rahmata agarsiise. Carraaqqii dhala namaa caalu Sahaabonni ulfina qabeeyyiin agarsiisan kanaaf, ofii isaa adda isaa eebbifamaa lafatti kaa’ee isaaniif Allaahu ta’aalaa akkana jedhee kadhachaa ture:

“Yaa gargaaraa warra rakkoo keessa jiraniif! Yaa Rabbii, Isa du’aa warra rakkatanii fi gargaarsa dhaban fudhatu! Ati haala koo fi haala Sahaabota koo dhugumaan ni argita, ni beekta. Yaa Rabbii koo! Ati kaafiroota fashalsiisi, gidduu isaanii garaagarummaa buusi, isaan irrattis nu gargaari, injifannoo nuuf kenni!..”

Guyyoota dhumaa keessa Nabiyyiin keenya jaalatamaan du’aa kana yeroo baay’ee irra deddeebi’aa ture. Mushrikoonni dhiphina beelli isaanitti fide irraa kan ka’e, Muslimoota battaluma dhabamsiisuuf humna isaanii hundumaa itti fayyadaman. Galgala tokko isaan akkas wal-lolaa jiranitti, waraana mushrikootaa keessaa namni jaalalli Islaamummaa onnee isaa seene tokko Nabiyyii keenya kabajamaa bira dhufe. Innis Nu’aym bin Mas’uud gosa Ghaxafaan irraa ture. Nabiyyii keenya jaalatamaaf: “Yaa Ergamaa Rabbii! Ani Allaahu ta’aalaan tokko ta’uu Isaa fi isin nabiyyii dhugaa ta’uu keessan mirkaneessuuf dhufeera. Alhamdulillaah, Muslima ta’uudhaan ulfina argadheera. Hanga amma isin irratti lolee ture. Kana booda kaafiroota irratti nan lola. Waan isin na ajajtan hunda raawwachuuf qophaa’aa dha! Yaa Ergamaa Rabbii! Ummanni koo illee Muslima ta’uu koo hin beeku,” jedhe. Rasuula Kabajamaan: “Kaafiroota kana gidduu seenuu, garaagarummaa buusuu fi wal irraa addaan baasuuf yaaluu dandeessaa?” jedhe. Innis: “Yaa Ergamaa Rabbii! Gargaarsa Allaahu ta’aalaatiin isaan wal irraa addaan baasuu nan danda’a. Garuu waan ani barbaadu hundumaa dubbachuuf hayyamni jiraa?” jedhee gaafate. Sayyidni keenya: “Lolli gowwoomsa dha; waan barbaadde dubbachuu dandeessa,” jedhe.

Nu’aym bin Mas’uud jalqaba Yahuudota Qurayzaa bira dhaqee: “Jaalala ani isiniif qabu ni beektu. Garuu wanti nuti haasofnu nu gidduu haa hafu; namni tokkollee hin beekin!” jedhe. Yahuudonni: “Namni tokkollee hin beeku,” jedhanii kakatan. Booda Nu’aym: “Dhimmi nama kanaa (Nabiyyii keenya kabajamaa) shakkii malee balaa dha. Waan ilmaan Nadiir fi ilmaan Qaynuqaa’ irratti godhe ni beektu. Biyya fi mana isaanii irraa akkamitti ari’e hundi keessan argitaniirtu. Amma Quraysh fi Ghaxafaan dhufanii Muslimoota wajjin lolaa jiru; isinis isaan gargaaraa jirtu. Guyyoota hedduuf yoo lolaa turre illee, bu’aa tokkollee hin arganne. Akkasuma yoo itti fufe, marfamni kun dheeraa ta’uuf fakkaata. Qabeenyi, qabiyyeen, biyyi fi ijoolleen Quraysh fi Ghaxafaan, akka kan keessanii as hin jiru. Lola kana keessatti yoo carraa argatanii mo’atan, boojuu walitti qabatanii deemu. Yoo mo’atamanis, ka’anii deemanii Muslimoota wajjin kophaa isin dhiisu. Isin humna fi cimina Muslimoota irratti mo’atu hin qabdan. Haalli lolaa amma jiru Muslimoonni injifannoo akka argatan agarsiisa. Akkuma ani shakkeetti yoo ta’e, Muslimoonni goraadeedhaan isin dhabamsiisuu malee isin hin dhiisan. Kanaaf tarkaanfii ariifataa fudhachuu qabna!…” jedhe.12 Yahuudonni dubbii kana ho’inaa fi sodaadhaan dhaga’anii, Nu’aym isaaniif akkas yaaduu isaatti baay’ee gammadanii: “Michummaa kee guutummaan nu agarsiifteerta. Tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabnus nutti himi,” jedhan. Nu’aym bin Mas’uud, kan kana eeggachaa ture: “Sirrii kana dha: ulfaatota Quraysh fi Ghaxafaan irraa tokko tokko wabii utuu hin fudhatin gonkumaa Muslimoota wajjin lola hin seeninaa! Wabiiwwan hanga isin bira jiranitti, isaan lola irraa baqatanii deemuu hin danda’an!” jedhe. Yahuudonni kanas tarkaanfii baay’ee gaarii ta’uu isaa fudhatanii, isa galateeffatanii, ulfinaa fi keessummaa isaaf kennan. Nu’aym Yahuudota biraa deemee kallattiidhaan qubata Quraysh bira dhaqe. Ajajoota isaaniitiin: “Diinummaa ani Muhammad irratti qabu fi isin hammam akka jaalladhu ni beektu. Wanta tokko dhaga’eera; akka michummaa keenyaa, isinitti himuu dirqama guddaa godhadheera. Garuu waan ani jedhu namni tokko illee akka hin dhaga’iniif waadaa seentanii kakachuu qabdu!” jedhe. Isaanis kakatanii fedhii guddaadhaan: “Dubbadhu, nuti si dhaggeeffanna,” jedhan. “Beekaa: Yahuudonni Qurayzaa isin wajjin tokkummaa uumuu isaaniitti gaabbaniiru; Muhammadiif akkana jedhanii ergaa erganiiru: ‘Ulfaatota Quraysh fi Ghaxafaan irraa mormi isaanii kutamuuf wabii fudhannee siif haa kenninu. Booda si wajjin tokkummaa uumnee, hanga hundee mushrikootaa buqqisnutti haa lollu! Garuu obboloota keenya ilmaan Nadiiriif dhiifama godhii biyya isaanii isaaniif deebisi!’ Muhammad immoo gaaffii Yahuudotaa kana fudhateera! Yahuudonni yoo isin irraa wabii gaafatan, gaaffii isaanii hin fudhatinaa: wabiiwwan hunda ni ajjeesu! Waan ani isinitti hime namni tokko illee akka hin dhaga’in!…” jedhe. Quraysh oduu barbaachisaa kanaaf Nu’aym baay’ee galateeffatanii, ulfina baay’ee itti agarsiisan.

“Allaahu ta’aalaa, Isa jiraachuun koo harka humna Isaa keessa jiru sanaan kakadha: rakkoon nu mudatu isin irraa shakkii malee ni kaafama; isinis gammachuutti ni geessamtu” Hadiisa shariifa

Nu’aym bin Mas’uud (radiyallaahu anhu) achi irraa ka’ee Ghaxafaan bira dhaqe. Waan Qurayshiitti hime isaanittis hime.

Guyyaa tokko booda ajajaan Quraysh ilmaan Qurayzaa bira: “Amma asitti turuun nuuf baay’ee rakkisaa ta’eera, sababni isaas qilleensi qabbanaa’aa dha, horiin keenyas beelaan du’aa jira. Halkan kana gaariitti of qopheessinee, boru hundi keenya walitti dhufnee haleellaa cimaa haa jalqabnu,” jedhee ergaa ergate. Yahuudonni: “Jalqaba, nuti Sanbata irratti hin lollu. Lammaffaa, lola keessatti isin wajjin akka hirmaannuuf, ulfaatota keessan baay’ee nuuf wabii kennuu qabdu. Yoo marfamni dheeratee isin dadhabdanii biyya keessan deemtan, nu Muhammadiif dabarsitanii kennitu. Yoo wabii kennitan, nu hin dhiistan!…” jedhan. Oduun kun ajajaa Quraysh yommuu ga’u: “Egaa dubbiin Nu’aym bin Mas’uud dhugaa ture!” jedhe. Qurayshis Yahuudota irra deebi’anii: “Nuti nama keenya tokko illee wabii isiniif hin kennu. Yoo boru dhuftanii nu wajjin loltan, gaarii dha; yoo kana hin taane, nuti gara biyya keenyaatti deemna; isinis Muhammad fi Sahaabota isaa wajjin kophaa haftu!…” jedhanii beeksisan.

Yahuudonni Qurayzaa kana yommuu dhaga’an, dubbiin Nu’aym raawwatamuu isaa yaadanii: “Yoo akkas ta’e, nutis isin wajjin tokkummaa uumnee Muslimoota wajjin hin lollu…” jedhanii deebisan. Akkasiin gama lamaanuu sodaan seene.13 Jibriil alayhis-salaam Nabiyyii keenya kabajamaa bira dhufee, Allaahu ta’aalaan mushrikoota bubbee jabaadhaan bittinneessuu Isaa bishaaresse. Sayyidni Aalamootaa jilba isaa eebbifamaa irratti gad bu’ee, harka isaa eebbifamaa diriirsee, Allaahu ta’aalaaf galata isaa ibse: “Yaa Rabbii! Ati ana fi Sahaabota koo irratti rahmata gooteef Si galateeffadha,” jedhe. Booda oduu gammachiisaa kana Sahaabota isaa gootootaaf hime. Halkan Sanbataa (halkan Jimaataa gara Sanbataatti) ture. Dukkanni sodaachisaan wanta hundaa haguuge; namni harka isaa fuuldura isaa jiru illee hin argu ture. Booda qorri cimaan dhufee, itti aansee bubbeen jabaan bubbisuu jalqabe.

Huzayfaa bin Yamaan halkan kanaa akkana jedhee hime: “Halkan keessa turre, hanga yeroo sanaatti halkan isa caalaa dukkanaa’e hin argine turre. Dukkana cimaa kanaan wajjin bubbeen sodaachisaan, sagalee kakawwee fakkaatuun, bubbisuu jalqabe. Yeroo kanatti Nabiyyiin keenya kabajamaan waraanni mushrikootaa yaaddoo fi sodaa keessa seenee, gidduu isaanii walitti bu’iinsa uumuu isaanii nutti hime. Nuti qorra cimaa, beelaa fi sodaa halkanii irraa kan ka’e ka’uu hin dandeenye; iddoo keenya turree, wanta tokko of irra kaa’annee eeggachaa turre. Ergamaan Rabbii salaatuuf ka’ee, kutaa halkanii salaata salaatuudhaan dabarse.

Booda gara keenyatti garagalee akkana jedhe: ‘Isin keessaa gara waraana mushrikootaa dhaqee, haala isaanii qorachuun oduu naaf fidu tokko jiraa? Namni oduu kana fide Jannata keessatti hiriyyaa koo akka ta’u Allaahu ta’aalaa kadhadha.’ Warri achi turan beelaa fi qorra cimaa irraa kan ka’e ka’uu hin dandeenye. Booda Sayyida keenya Ergamaan Rabbii gara koo dhufe. Ani jilba koo lamaan irra gad-jedhee qorraa fi beelaan ofitti walitti sassaabamee taa’aa ture. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii na tuqee: ‘Ati eenyu?’ jedhee gaafate. Ani: ‘Ani Huzayfaa dha, yaa Ergamaa Rabbii,’ jedhe. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii: ‘Dhaqiitii namoonni sun maal akka hojjetan ilaali! Hanga gara koo deebitutti isaan irratti xiyyaa fi dhagaa hin darbatin, eeboodhaan yookaan goraadeedhaan hin rukutin. Hanga gara koo deebitutti qorraa fi ho’aa irraa miidhaa hin argattu; hin hidhamtu, hin dararamtus.’

Anis goraadee koo fi iddaa koo fudhadhee deemuuf of qopheesse. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii anaaf du’aa kana godhe: ‘Yaa Rabbii, isa fuuldura isaa fi duuba isaa irraa, mirga isaa fi bitaa isaa irraa, gubbaa isaa fi jala isaa irraa eegi.’

Gara mushrikootaa deemuu jalqabe. Akka mana dhiqannaa ho’aa keessa deemaa jiru natti fakkaate. Wallaahi, anaaf sodaan tokkollee, qorri tokkollee, hollachuun tokkollee hin turre. Dhuma irratti qubata mushrikootaa ga’e. Ajajoonni isaanii fi ulfaatonni isaanii iddoo dhoksaa tokko keessatti ibidda kaasanii ofitti ho’isaa turan. Abuu Sufyaan: ‘Asii ka’annee deemuu qabna,’ jedhe. Battaluma yaadni isa achitti ajjeesuu sammuu koo seene. Xiyya kuusaa xiyya koo keessaa baasee iddaa koo irra kaa’e. Ifa ibiddaa fayyadamee isa rukutuu barbaade. Darbachuuf utuu jiruu, Ergamaan Rabbii: ‘Hanga gara koo deebitutti jeequmsa tokko hin uumin’ akka jedhe yaadadhe, isa ajjeesuu irraas of qabe. Booda ofumaa keessatti ija jabina cimaa argadhe. Mushrikoota gidduu suuta seenee ibidda biratti taa’e. Bubbeen hin argamne cimaan fi loltoonni Allaahu ta’aalaa kan hin mul’anne (maleykonni) waan godhuu qaban isaan irratti godhaa turan. Bubbeedhaan okkoteen fi meeshaan nyaata isaanii garagale, ibiddi fi ifni isaanii dhume, dunkaanonni isaanii mataa isaanii irratti kufan. Yeroo tokko Abuu Sufyaan, ajajaan waraana mushrikootaa, ka’ee: ‘Isin gidduu sakattaa’onni fi basaasonni jiraachuu danda’u; of eeggadhaa! Tokkoon tokkoon keessan nama cinaa isaa taa’e eenyu akka ta’e haa ilaalu! Tokkoon tokkoon keessan harka nama cinaa isaa taa’e haa qabu!’ jedhe. Abuu Sufyaan alagaan tokko gidduu isaanii seenuu isaa hubate fakkaata ture. Battaluma harka koo diriirsee, mirga koo fi bitaa koo namoota lamaan harka isaanii qabadhee, isaan utuu na hin gaafatin dura maqaa isaanii gaafadhe. Akkasiin akka hin beekamneef godhe. Dhuma irratti Abuu Sufyaan waraana isaatiin akkana jedhee dubbate: ’Yaa Quraysh! Kun iddoo turtanii hafuu miti. Fardeen fi gaalonni du’uu jalqaban. Beelli gama hunda irraa nu marse.

Waan bubbeen nutti godhe ni argitu. Battaluma ka’aa ba’aa! Ani amma nan deema!’ – jedhee gaala isaa yaabbate. Waraanni mushrikootaa haala bittinaa’een walitti qabamee, gara Makkaatti deemuu jalqabe. Cirracha fi dhagaa xixiqqaan isaan irratti roobe.14 Waraanni mushrikootaa yommuu deeme, anis gara Sayyida keenya Ergamaa Rabbii deebi’ee deeme. Karaa gidduutti fardeessonni digdama ta’an imaamaa adii qaban (maleykonni) fuuldura koo mul’atan. Isaan: ‘Ergamaa Rabbiif himi: Allaahu ta’aalaan diina bittinneesse…’ naan jedhan. Sayyida keenya Ergamaa Rabbii bira yommuu deebi’u, innis afata irratti salaataa ture. Garuu akkuma deebi’een, qorri fi hollachuun, kan ani utuu hin deemin dura na qabe, ammas jalqabe. Salaata booda Sayyida keenya Ergamaan Rabbii oduu maalii akkan fide gaafate. Ani haala gadda mushrikoonni itti galan fi isaan deemuu isaanii itti hime. Ergamaan Rabbii oduu kanaan baay’ee gammadee seeqate. Nuti guyyoota hedduuf hin rafne turre. Nabiyyiin keenya na of bira fudhatee, kutaa afata irra qabu tokko natti haguuge. Halkan sana akkasiin ganama kaanee. Yeroo seharii Ergamaan Rabbii na dammaqse. Ganama yommuu ta’u waraana mushrikootaa irraa mallattoon tokko illee hin hafne.” Hanga Makkaa dhihaatanitti, bubbeen jabaan isaan duuba bubbisaa, sagalee takbiiraas isaan duuba yeroo hunda dhaga’u turan.

Mushrikoonni Qurayshii qubata isaanii dhiisanii yommuu baqatan, gosoonni mushrikootaa kaan isaan hordofanii dhufan Madiinaa dhiisan. Gadda fi dhiphina mo’atamuu guddaa, kan gonkumaa dagachuu hin dandeenye keessa bu’an. Isaan akkasiin fashalaa’aa jiranitti, Sayyidni Uumamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) fi Sahaabonni isaa ulfina qabeeyyiin (radiyallaahu anhum) Allaahu ta’aalaaf sujuuda galataa bu’an, Isa faarsan, galata isaanii ibsan.

“Yaa Rabbii! Ati ana fi Sahaabota koo irratti rahmata gooteef Si galateeffadha” Hadiisa shariifa

Sagalee “Allaahu akbar! Allaahu akbar!…” gidduutti mujaahidoonni karaa Madiinaa nuura qabeettii qabatan. Ijoolleen Sulxaana Uumamaa fi abbootii isaanii eebbifamoo, adeerota isaanii, eessumoota isaanii fi obboloota isaanii hangafoota simachuuf ba’uun daandiiwwan Madiinaa battalumatti guutaman. Nabiyyiin keenya kabajamaan illee seeqachaa deebii isaaniif kenna ture… Lola Khandaq keessatti shahiidonni jaha kennamanii turan… Waa’ee duula kanaa Allaahu ta’aalaan aayatoota kabajamoo keessatti hiikaan akkana jedhe: “Allaahu ta’aalaan kaafiroota sana (kan Lola Khandaq) dheekkamsa isaaniitiin, gaarummaa yookaan injifannoo tokko illee utuu hin argatin deebise. Akkasitti Allaahu ta’aalaan (maleykotaa fi bubbeedhaan) mu’minootaaf lola keessatti (milkaa’uuf) ga’aa ta’e. Allaahu ta’aalaan wanta hundumaa irratti danda’aa dha. Inni Aziiz ti, wanta hundumaa irratti mo’ataa dha.”15

“Yaa warra amantan! Qananii Allaahu ta’aalaa isin irra jiru yaadadhaa. Yeroo (Lola Khandaq keessatti) waraanonni isin irratti dhufan, Nuti isaan irratti bubbee fi waraana (maleykotaa) isin hin argine ergine…”16

Lola kana booda Nabiyyiin keenya jaalatamaan: “Amma al keessan ti. Kanaan booda Quraysh isin irratti dhufuu hin danda’u,” jedhe.

Lola Banii Qurayzaa