Nabiyyicha Jaalatamaa

LOLA BADR

Duulli kun Badr isa lammaffaa, Badr al-Qitaal fi Badr al-Kubraa jedhamees ni beekama. Milkaa’inni Sahaabonni sariyyoota keessatti argatan kaafiroota sodaachisuu jalqabe. Amma qaafilaan isaanii garee gareedhaan, loltoota wajjin imalaaf ba’u ture. Bara lammaffaa Hijraa, mushrikoonni Makkaa maatii hunda irraa qabeenya walitti qabanii qaafilaa gaala kuma tokkoo gara Shaam ergan. Mataa isaa irra Abuu Sufyaan, bebbeekamoota Makkaa keessaa tokko, kan yeroo sana Muslima hin taane, ture.1 Qaafilaa eeguuf eegdonni gara afurtamaas ramadamanii turan… Erga meeshaaleen gurguramanii booda, maallaqa hundaan meeshaa waraanaa bitatu turan; kunis lola Muslimoota wajjin godhamu keessatti itti fayyadamamuuf ture.

Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) mushrikoonni qaafilaa guddaa daldalaaf gara Shaam erguu isaanii yommuu dhaga’u, haala isaanii qorachuuf Muhaajiroota keessaa namoota muraasa ramade. Isaan bakka Zul-Ushayraa jedhamu yommuu ga’an, qaafilaan darbuu isaa beekanii gara Madiinaatti deebi’an. Yoo meeshaan waraanaa fi qabeenyi warra kufrii harka isaanii irraa fudhatame, warra Islaamaa miidhuu hin danda’an; morkiin isaaniis ni cabe ture. Kanaafuu Sayyida keenya Ergamaan Rabbii haala sana madaalee battaluma qophii lolaa jalqabe.

Bakka isaa salaata salaachisuuf Abdullaah bin Ummu Maktuum dhiise.2 Xalhaa bin Ubaydullaah fi Sa’iid bin Zayd deebi’uu qaafilaa beekuuf basaastota godhee erge.3 Haati manaa Usmaan baay’ee dhukkubsattee waan turteef, Madiinaa akka turu isa ajaje. Achiis namoota afur biraaf hojii kenne. Akkasiin warri hojiin itti kenname nama saddeet ta’an.

Carraan kun kan gatamu hin turre. Nabiyyiin keenya kabajamaan battaluma qophaa’ee, Muhaajirootaa fi Ansaar keessaa Sahaabota dhibba sadii fi shan of wajjin fudhatee, guyyaa kudha lammaffaa Ramadaan ulfaataa gara bakka Badr jedhamuutti imale. Lakkoofsi isaanii, warra hojiin itti kenname wajjin, 313 ga’a ture.4 Isaan keessaa jaatamii afur Muhaajiroota turan.

Badr bakka karaawwan gara Makkaa, Madiinaa fi Sooriyaa deeman itti wal qunnaman ture.

Imala kanatti ba’uuf dargaggoonni amma guddatan, dubartoonni illee, Nabiyyii keenya kabajamaa kadhachaa turan. Ummu Waraqaan Sayyida keenya Ergamaa Rabbii bira dhuftee: “Haati koo fi abbaan koo aarsaa isinii haa ta’an, yaa Ergamaa Rabbii! Yoo naaf hayyamtan, isin wajjin deemuun barbaada. Madaa warra madaa’anii nan hidha, warra dhukkubsatan nan tajaajila. Tarii Allaahu ta’aalaan anaafis shahiidummaa ni kenna ta’a!” jedhnaan, Jaalalleen Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam): “Ati mana keetti taa’ii Qur’aana Kabajamaa dubbisi. Shakkii malee Allaahu ta’aalaan shahiidummaa siif kenna” jedhe.

“Ati (Ummu Waraqaa) mana keetti taa’ii Qur’aana Kabajamaa dubbisi. Shakkii malee Allaahu ta’aalaan shahiidummaa siif kenna” Hadiisa shariifa

Karaa gara Lola Badr

Sa’ad bin Abii Waqqaas akkana jedhee hime: “Sayyida keenya Ergamaan Rabbii ijoollee nu wajjin duulaaf deemuu barbaadan deebisuu yommuu barbaade, obboleessi koo Umayr bakka tokkotti dhokachuu, ija namaa irraa of dhoksuu yaaluu isaa arge. Yeroo sana umuriin isaa waggaa kudha jaha ture. ‘Maal taate, kan akkasitti dhokattu?’ jedheen. ‘Sayyida keenya Ergamaan Rabbii ana illee xiqqaa jedhee akka na deebisu nan sodaadha! Ani garuu duula kana keessatti hirmaadhee Allaahu ta’aalaan shahiidummaa akka naaf kennu nan hawwa’ jedhe. Yeroo kana isa Sayyida keenya Ergamaa Rabbiitti yommuu himan, obboleessa kootiin: ‘Ati deebi’i’ jedhe. Yeroo sana obboleessi koo Umayr booyuu jalqabe. Galaanni rahmataa Jaalalleen Kabajamaan imimmaan isaa dandamachuu dadhabee hayyameef. Goraadee obboleessa koo, inni ofii isaa hidhachuu waan hin dandeenyeef, ani mudhii isaatti hidheen ture.”5 Alaabaa Nabiyyii keenya jaalatamaa, isa Sayyida Aalamootaa ta’e, Mus’ab bin Umayr, Sa’ad bin Mu’aaz fi Aliyyi baatanii turan.6 Sahaabonni farda sadii fi gaala torbaatama qofa qabu turan. Fardeen keessaa tokko kan Miqdaad, tokko kan Zubayr, tokko immoo kan Marsad bin Abii Marsad ture. Namoonni lama yookaan sadii gaala tokko walitti aananii yaabbatu turan. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Aliyyi, Abuu Lubaabaa fi Marsad bin Abii Marsad wajjin walitti aananii yaabbata ture. Garuu isaan hundi, Rasuula alayhis-salaam miilaan utuu hin deemin yeroo hunda gaala irra akka deemuuf: “Lubbuun keenya aarsaa isinii haa taatu, yaa Ergamaa Rabbii! Isin gaala irraa hin bu’inaa. Bakka nama keessan ol’aanaa nuti miilaan deemna” jedhanii kadhatu turan. Sulxaanni Uumamaa garuu of isaan irraa adda hin ilaalle: “Akkuma isin miilaan deemuu keessatti ana caalaa jajjaboo hin taane, anis mindaa fi badhaasa keessatti isin caalaa kan isa hin barbaachifne miti” jedhe. Rasuula Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) fi Sahaabonni isaa ol’aanoon gammoojjii keessa ho’a gubaa jala deemaa turan. Kana malees soomaa turan. Sahaabonni Islaamummaa babal’isuuf rakkina baay’ee dandamatanii, jaalalaa fi hawwiidhaan Nabiyyii keenya kabajamaa duukaa bu’aa turan. Sababni isaas dhuma irratti jaalala Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaa, akkasumas shahiidummaa fi Jannata isaan baay’ee hawwanitu jira ture… Nabiyyiin keenya jaalatamaan haala Sahaabota isaa ilaalee akkana jedhee du’aa godhe: “Yaa Rabbii! Isaan miilaan deemu; Ati yaabbii isaaniif kenni! Yaa Rabbii! Isaan qullaa fi saaxilamoo dha; Ati isaan uffisi! Yaa Rabbii! Isaan beela’oo dha; isaan quubsi. Hiyyeeyyii dha; tola fi arjummaa Keetiin isaan duroomsi!”

Nabiyyiin keenya kabajamaan fi waraanni isaa eebbifamaan ho’a cimaa kana jala gara Badr deemaa utuu jiranii, qaafilaan mushrikootaa kan Shaam irraa dhufaa ture illee Badritti dhihaatee ture. Sahaabonni lamaan, kanneen Nabiyyiin keenya kabajamaan oduu qaafilaa fiduuf erge, qaafilaan guyyaa tokko yookaan lama keessatti Badr ga’uu akka danda’u beekanii dafanii deebi’an. Warri qaafilaa keessa jiran yommuu ganda isaan lamaan oduu itti beekan ga’an, namoota gandaa: “Waa’ee basaastota Muslimootaa oduu qabduu?” jedhanii gaafatan. Isaanis: “Hin beeknu. Garuu namoonni lama dhufanii achi xiqqoo taa’anii, achiis ka’anii deeman” jedhan.

Abuu Sufyaan bakka ibsame dhaqee yommuu qoratu, kosii gaalaa lafa irra jiru caccabsee keessatti sanyii nyaata horii arge; akkanas jedhe: “Kun nyaata horii Madiinaa ti. Namoonni lamaan sun basaastota Muhammad (alayhis-salaam) ta’uu isaanii nan yaada.” Muslimoonni baay’ee dhihoo akka jiran tilmaamee sodaa guddaan isa qabe. Waa’ee dhuma qaafilaa yaaddo’ee, halkanii guyyaa imalee, yeroo utuu hin balleessin qarqara Galaana Diimaa irraan dafee gara Makkaa deemuuf murteesse. Kana malees nama Damdam bin Amr Ghifaarii jedhamu haala sana beeksisuuf ergamaa godhee gara Makkaa erge.7

“Yaa Rabbii! Isaan (Sahaabonni koo) miilaan deemu; Ati yaabbii isaaniif kenni! Yaa Rabbii! Isaan qullaa fi saaxilamoo dha; Ati isaan uffisi! Yaa Rabbii! Isaan beela’oo dha; isaan quubsi. Hiyyeeyyii dha; tola fi arjummaa Keetiin isaan duroomsi!” Hadiisa shariifa

Namni kun yommuu Makkaa ga’u, qamiisa isaa fuulduraa fi duubaan tarsaase. Koorii gaala isaa garagalche. Haala nama dinqisiisuun: “Birmadhaa! Birmadhaa!… Yaa warra Quraysh! Dafaa!… Muhammad fi Sahaabonni isaa qaafilaa keessan, qabeenya keessan kan Abuu Sufyaan bira jiru weeraran. Yoo dafaa geessan, qaafilaa keessan baraaruu ni dandeessu!…” jedhee iyyuu fi wawwaachuu jalqabe.

Warri Makkaa kana yommuu dhaga’an, battaluma walitti qabamanii qophii isaanii godhan. Namoota gaala yaabbatan dhibba torba, loltoota fardaa dhibba tokko fi loltoota miilaa dhibba tokkoo fi shantama walitti qaban. Abuu Lahabiin: “Kottu, atis itti makami!” yommuu jedhan, sodaa isaatiin dhukkuba isaa sababa godhate. Bakka isaa Aas bin Hishaam bakka bu’aa godhee erge. Mushrikni Umayyaa bin Khalaf jedhamu qophii lolaa keessatti baay’ee laafaa ture. Sababni isaas Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Sahaabonni koo Umayyaa ni ajjeesu” jechuu isaa dhaga’ee ture. Nabiyyichi gonkumaa dhugaa irraa akka hin jallanne waan beekuuf sodaachaa ture. Kanaafuu cichoo Abuu Jahl duratti jaarummaa fi furdina isaa sababa godhate. Garuu Abuu Jahl sodaataa jedhee isa himachuu isaatiin deemuuf dirqame.

Waraanni mushrikootaa gara nama kumaa ture. Hundi isaanii uffata lolaa sibiilaa uffatanii turan. Dubartoota sagalee bareedaa qaban of bira qabu turan. Meeshaalee muuziqaa fi dhugaatii fudhachuus hin dagatne. Waraana akkas jabaa kanaan, nama dhibba sadii qofa utuu hin taane, waraana nama kumaa illee yeruma sanatti ni injifanna jedhanii yaadu turan. Utuu karaatti hin ba’in illee nama ajjeesanii fi boojuu argatan kan lakkaa’an illee turan. Garuu hawwiin isaanii hunda caalu Islaamummaa balleessuu ture. Tuutni mushrikootaa daangaa darbe kun dibbee dubartoonni rukutanii fi sirba isaan sirbaniin karaatti ba’e.

Yeroo kanatti Abuu Sufyaan Badr irraa baay’ee fagaatee, gara Makkaatti karaa dheeraa deemee ture. Balaan akka darbe yommuu mirkaneeffatu, nama isaa Qays bin Imri’ul-Qays jedhamu gara Quraysh ergee: “Yaa garee Quraysh! Isin qaafilaa keessan, namoota keessanii fi qabeenya keessan eeguuf Makkaa irraa ka’attanii turtan. Nuti balaa jalaa baraaramneerra. Amma deebi’aa!…” jedhe. Kana malees: “Muslimoota wajjin lolaaf gara Madiinaa deemuu irraa of eeggadhaa!” jedhee gorse.

Qays oduu sana yommuu waraana mushrikootaatti fidu, Abuu Jahl akkana jedhe: “Nan kakadha, Badr dhaqnee guyyaa sadii fi halkan sadii ayyaaneffanna; gaala qallee dhugaatii dhugna. Gosoonni naannoo jiran nu daawwatanii haala keenya hinaafatu; nama tokkollee akka hin sodaanne argu. Kana booda ulfina keenya sodaatanii, namni tokkollee nu weeraruuf ija hin jabaatu. Yaa waraana Quraysh kan hin injifatamne! Deemaa…” Qays, Abuu Jahl gorsa dhaga’uuf haala irra akka hin jirre yommuu argu, deebi’ee haala sana Abuu Sufyaanitti hime. Abuu Sufyaan, nama fuuldura ilaaluu fi of eeggannoo qabu, akkana jechuu irraa of qabuu hin dandeenye: “Wayyoo! Quraysh hoo!… Kun karoora Amr bin Hishaam (Abuu Jahl) ti. Hojii kana dhugumaan fedhii mataa namootaa ta’uutiin hojjete. Garuu of tuulummaan akkanaa yeroo hunda hir’ina guddaa fi milkii-dhabummaa dha. Yoo Muslimoonni isaan qunnaman, wayyoo Quraysh!..”

Abuu Sufyaan qaafilaa dafee Makkaa geessee waraanatti makame. Yeroo kanatti Hogganaan Uumamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) Sahaabota isaa wajjin Badritti dhihaachaa ture. Yeroo tokko mushrikoota Madiinaa keessaa Khubayb bin Yasaaf fi Qays bin Muharris waraana Islaamaa gidduu arge. Khubayb mataa isaa irra gonfoo sibiilaa utuu qabuu isa beekee Sa’ad bin Mu’aaziin: “Kun Khubayb mitii?” jedhe. Innis: “Eeyyee, yaa Ergamaa Rabbii!” jedhe. Khubayb goota humna qabeessa, ogummaa lolaa beeku ture. Qays wajjin Sayyida keenya Ergamaa Rabbii bira dhufan. Nabiyyiin keenya isaaniin: “Isin maaliif nu wajjin dhuftu?” jedhe. Isaanis: “Ati ilma obboleettii keenyaa fi ollaa keenya. Nutis saba keenya wajjin boojuu walitti qabachuuf dhufnaa jirra!” jedhan. Sayyidni keenya Khubaybiin: “Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaatti amanteettaa?” yommuu jedhu, “Lakki” jedhe. Rasuula alayhis-salaam: “Egaa deebi’i! Namni amantii keenya irra hin jirre nu wajjin ta’uu hin danda’u!” jedhe. Khubayb: “Ija jabina koo, gootummaa koo fi goota laphee diinaa madeessu ta’uu koo namni hundi ni beeka. Boojuuf jedhee si bira ta’ee diina kee nan lola” jedhe. Nabiyyiin keenya kabajamaan gargaarsa isaa hin fudhanne.

Yeroo muraasa deemanii booda Khubayb fedhii isaa irra deebi’e; garuu Nabiyyiin keenya hamma Muslima hin taanetti fedhiin isaa fudhatamuu akka hin dandeenye beeksise. Yommuu bakka Rawhaa ga’an, Khubayb Sayyida keenya Ergamaa Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) bira dhufee: “Yaa Ergamaa Rabbii! Allaahu ta’aalaa Rabbii aalamaa ta’uu Isaa fi nabiyyummaa keessanitti amaneera; iimaana fudhadheera” yommuu jedhu, Hogganaan Uumamaa baay’ee gammade. Qaysis erga Madiinaatti deebi’ee booda iimaanaan kabajame (radiyallaahu anhu).

Waraanni Islaamaa yommuu sulula Safraa ga’u, warri Makkaa waraana ijaaranii qaafilaa isaanii baraaruuf gara Badritti deemaa akka jiran oduu dhaga’e. Nabiyyiin keenya kabajamaan Sahaabota isaa walitti qabee haala kana irratti isaan mariisise. Sababni isaas Muslimoonni Madiinaa yeroo Aqabaatti Sayyida keenya Ergamaa Rabbiif waadaa bay’aa godhan: “Yaa Ergamaa Rabbii! Isin gara magaalaa keenyaa kottaa. Achitti diina keessan irraa, lubbuu keenya illee yoo nu baasise, isin eegna; isin hordofnas” jedhanii waadaa galanii turan. Amma garuu Madiinaa irraa ala ba’anii turan. Fuuldura isaanii immoo waraanni diinaa guddaan, lakkoofsaan, meeshaa waraanaatiin fi qabeenyaan isaan caalaa dachaa dachaan baay’atu ture.

Sayyida keenya Ergamaan Rabbii yommuu Sahaabota isaa yaada isaanii gaafatu, Muhaajiroota keessaa Abuu Bakr as-Siddiiq fi Umar al-Faaruuq tokko tokkoon ka’anii waraana diinaa wajjin wal loluun akka barbaachisu beeksisan. Ammas Muhaajiroota keessaa Miqdaad bin Aswad ka’ee akkana jedhe: “Yaa Ergamaa Rabbii! Ajajni Allaahu ta’aalaa maal iyyuu yoo ta’e, isa raawwadhaa. Ajaja Isaatiin deemaa. Yeroo hunda isin wajjin jirra; yeroo tokkollee bira keessanii hin fagaannu. Nuti akka Ilmaan Israa’iil Muusaa alayhis-salaamiin jedhan: ‘Yaa Muusaa! Hamma sabni jabaataa fi miidhaa raawwatu naannoo sana jirutti, nuti achi hin deemnu; magaalaa sanas bara baraan hin seennu. Egaa atii fi Rabbiin kee deemaatii, lamaan keessan isaan lolaa. Nuti asitti teenya…’8 dubbii akkanaa hin dubbannu. Lubbuu fi mataa keenya karaa Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaa irratti aarsaa goona. Allaahu ta’aalaa, Isa isin nabiyyii dhugaa godhee erge sanaan kakanna: utuu gara Habashaa, gama galaanaa jirtuu, nu ergitanii illee ni deemna. Gonkumaa waan xiqqoo illee isin hin morminu. Fedhii keessan hunda raawwachuuf qophii dha. Haati koo, abbaan koo fi lubbuun koo aarsaa isinii haa ta’an, yaa Ergamaa Rabbii…”

“Namni amantii keenya irra hin jirre nu wajjin ta’uu hin danda’u!” Hadiisa shariifa

Lola Badr

Dubbiin Miqdaad kun Nabiyyii keenya jaalatamaa baay’ee gammachiise; du’aa gaarii isaaf godhe.9

Asitti yaadni Muslimoota Madiinaa baay’ee barbaachisaa ture. Sababni isaas lakkoofsaan baay’ee turan; akkasumas Ergamaa Rabbii Madiinaa keessatti eeguuf waadaa galanii turan. Madiinaa irraa alatti loluuf waadaa hin galle. Yaadni kun yommuu hubatamu, Ansaar keessaa Sa’ad bin Mu’aaz ka’ee: “Yaa Ergamaa Rabbii! Yoo naaf hayyamtan, maqaa Ansaariitiin haan dubbadhu” jedhe. Yommuu hayyamameef akkana jedhe: “Yaa Ergamaa Rabbii! Nuti isinitti amanneerra; nabiyyummaa keessan dhugoomsineerra. Wanti isin fiddan hundi dhugaa fi sirrii dha. Waa’ee kanaa, dhaga’uu fi ajajamuuf jecha cimaa isinii kenninee kakanneerra. Gonkumaa jecha keenya sana irraa hin deebinu; bakka isin dhaqxan hundatti ajaja keessan jala jirra. Ajaja keessan mataa keenya irra kaa’anna. Lubbuu fi mataa keenya karaa keessan irratti aarsaa goona. Allaahu ta’aalaa, Isa isin nabiyyii dhugaa godhee erge sanaan kakanna: yoo isin galaana seentan, nutis duuba keessan seenna. Nu keessaa namni tokkollee tarkaanfii tokko illee duubatti hin hafu. Waan onnee keessan eebbifamaa keessa jiru hundumaa ajajaa, nuti ni raawwanna. Qabeenyi keenyas lubbuu keenya wajjin aarsaa haa ta’u. Diina irraa gonkumaa fuula hin garagalchinu. Lola keessatti obsaa dha. Abdiin keenya isin gammachiisuu fi jaalala keessan argachuu dha. Rahmanni Allaahu ta’aalaa isin irra haa jiraatu…” Sahaabonni dubbii kana dhaga’an hamileen isaanii baay’ee ka’e. Hundi isaanii onnee fi lubbuu guutuudhaan dubbii kanatti akka makaman beeksisan. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) baay’ee gammade. Sa’ad fi Sahaabota isaatiif du’aa godhe. Amma shakkiin hundi ka’ee ture… Diinni hammam iyyuu baay’atee fi jabaatus, Sahaabonni ulfina qabeeyyiin ija utuu hin libsin Nabiyyii keenya jaalatamaa duukaa gara shahiidummaatti deemu; jaalala Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaa argatu turan. Sayyidni Uumamaa mataa isaanii irra hamma jirutti, bakki hin deemamne hin turre… Boonsi Aalamaa amanamummaa fi hawwii Sahaabonni isaaf qaban yommuu argu, oduu gammachiisaa akkana jedhee isaaniif kenne: “Kottaa, deemaa! Tola Allaahu ta’aalaatiin gammadaa. Wallaahi, amma akka waan ani bakka namoonni saba Quraysh dirree lolaa irratti rukutamanii kufan ilaalee isaan arguu ti!” Oduu gammachiisaa kana booda Sahaabonni jaalalaan Sayyida keenya Ergamaa Rabbii duukaa bu’an.

Gargaarsaaf dhufuu maleykotaa

Yommuu naannoo Badr ga’an halkan Jimaataa (halkan Kamisaa gara Jimaataatti) ture. Nabiyyiin keenya jaalatamaan Sahaabota isaatiin: “Eela tulluu xiqqaa sana bira jiru irraa odeeffannoo tokko tokko akka argattan nan abdadha” jedhe. Leenca Allaahu ta’aalaa Aliyyi, Sa’ad bin Abii Waqqaas, Zubayr bin Awwaam fi Sahaabota isaa tokko tokko achitti erge. Aliyyii fi hiriyyoonni isaa battaluma eela sana dhaqan. Achitti warra gaala Quraysh oofanii fi warra bishaan baatan argan. Isaan yommuu Muslimoota argan baqatan. Garuu isaan keessaa lama qabaman. Tokko Ashlam, garbicha ilmaan Hajjaaj, inni kaan immoo Ariid Abuu Yasaar, garbicha ilmaan Aas bin Sa’iid ture.

Isaan Nabiyyii keenya kabajamaa bira yommuu fidan, Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) isaaniin: “Quraysh eessa jiru?” jedhe. Isaanis: “Duuba tulluu cirrachaa kan mul’atu sanaa qubatan” jedhanii deebisan. Sayyidni keenya: “Quraysh namoota meeqa?” jedhe. “Hin beeknu” jedhan. Gaaffii “Guyyaatti gaala meeqa qalu?” jedhuuf: “Guyyaa tokko sagal, guyyaa tokko kudhan” deebii jedhu yommuu argatu, Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Kuma tokko gadi, dhibba sagal ol ta’u” jedhe. Ammas: “Bebbeekamoota Quraysh keessaa eenyutu jira?” jedhee gaafate. Isaan: “Utbaa, Shaybaa, Haaris bin Amr, Abul-Bakhtarii, Hakiim bin Hizaam, Abuu Jahl, Umayyaa bin Khalaf…” yommuu jedhan, Sayyida keenya Ergamaan Rabbii gara Sahaabota isaatti garagalee: “Warri Makkaa namoota isaanii jaallatamoo isiniif dhiheessan” jedhe. Achiis namoota lamaan sanaan: “Yeroo dhuftanitti Quraysh keessaa namni deebi’e jiraa?” yommuu jedhu, “Eeyyee. Banii Zuhraa keessaa Akhnas bin Abii Shariiq deebi’e” jedhanii deebisan. Sayyidni keenyas: “Inni ofii isaatii karaa sirrii irra utuu hin jiraatin, Aakhiraa, Allaahu ta’aalaa fi kitaaba utuu hin beekin, Banii Zuhraatti karaa sirrii agarsiise… Isaan malee namni deebi’e jiraa?” yommuu jedhu, “Ilmaan Adiyy bin Ka’ab deebi’an” deebii jedhu argate.10

“Yaa Ergamaa Rabbii! Ajajni Allaahu ta’aalaa maal iyyuu yoo ta’e, isa raawwadhaa. Ajaja Isaatiin deemaa. Yeroo hunda isin wajjin jirra; yeroo tokkollee bira keessanii hin fagaannu” Miqdaad bin Aswad (radiyallaahu anhu)

Nabiyyiin keenya kabajamaan Quraysh si’a dhumaaf akeekkachiisuuf Umar waliigaltee dhiheessuuf isaanitti erge. Umar bin Khaxxaab isaaniin: “Yaa saba mataa jabeessa! Rasuula alayhis-salaam akkana jedha: ‘Namni hundi dhimma kana irraa haa dhaabatu; nagaadhaan haa deebi’u. Sababni isaas isin malee nama biraa wajjin loluun, isin wajjin loluu caalaa natti tola!…’” jedhe.

Dhiheessa kana irratti mushrikoota Quraysh keessaa Hakiim bin Hizaam fuulduratti ba’ee: “Yaa garee Quraysh! Muhammad haqaan isin wajjin dubbate. Waan inni barbaadu battaluma fudhadhaa. Yoo waan inni jedhe hin raawwanne, nan kakadha, kana booda gonkumaa haqaan isin hin ilaalu!…” jedhe. Abuu Jahl dubbii Hakiim kanatti aaree: “Kana gonkumaa hin fudhannu; hamma Muslimoota irraa haaloo hin baafannetti hin deebinu, kana booda namni tokkollee qaafilaa keenya akka hin weerarreef” jedhee karaa araaraa cufe. Umar deebi’e.

Halkan sana Nabiyyiin keenya kabajamaan fi Sahaabonni isaa ulfina qabeeyyiin mushrikoota dura Badr ga’anii bakka eelota bira jirutti qubatan. Nabiyyiin keenya kabajamaan Sahaabota isaa mariisisee, buufanni waraanaa eessatti dhaabbachuu akka qabu yaada isaanii gaafate. Isaan keessaa Hubaab bin Munzir, inni yeroo sana umuriin isaa waggaa soddomii sadii qofa ture, ka’ee dubbachuuf hayyama gaafate. Yommuu hayyamameef: “Yaa Ergamaa Rabbii! Bakki kun bakka Allaahu ta’aalaan buufata waraanaa akka itti dhaabdan isin ajajee fi dhugumaan turuun itti barbaachisuu dha moo? Yookaan yaada dhuunfaatiin, akka tooftaa lolaatti filatame?” jedhee gaafate. Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Lakki! Bakki kun akka tooftaa lolaatti filatame” jedhe.

Kana irratti Hubaab: “Haati koo, abbaan koo fi lubbuun koo aarsaa isinii haa ta’an, yaa Ergamaa Rabbii!

Nuti namoota lolaa ti. Naannoo kanas sirriitti beekna. Eela bakka Qurayshoonni itti qubatan bira jiru keessa bishaan mi’aawaa fi baay’eetu jira. Yoo hayyamtan, achi haa qubannu. Eelota naannoo jiran hunda haa cufnu. Achiis haroo tokko hojjennee bishaaniin haa guutnu. Utuu diina wajjin lolluu, yeroo dheebonnu hunda haroo keenya irraa dhufnee dhugna. Diinni garuu bishaan hin argatu; ni dadhaba” jedhe.11 Yeroo sana Jibriil alayhis-salaam wahyii yaadni kun sirrii ta’uu isaa beeksisu fide. Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Yaa Hubaab! Yaadni sirriin isa ati agarsiifte dha” jedhee ka’e. Hundi isaanii walii wajjin gara eela agarsiifame sanaa dhufan. Eela bishaan mi’aawaa qabu malee eelota hunda cufanii haroo guddaa tokko hojjetan. Bishaaniin guutanii, dhuguuf xuuxoowwan kaa’an.

Yeroo kanatti Sa’ad bin Mu’aaz Nabiyyii keenya kabajamaa bira dhufee: “Yaa Ergamaa Rabbii! Dameewwan timiraa irraa gaaddisa isin jala teessan isinii haa hojjennuu?” jedhee dhiheesse. Boonsi Aalamaa yaada Sa’ad kanatti gammadee du’aa isaaf godhe. Battaluma gaaddisni hojjetame. Sulxaanni Nabiyyootaa Sahaabota isaa ulfaatoo wajjin dirree lolaa naanna’ee qorate. Yeroo yerootti dhaabatee: “Inshaa’allaah, boru ganama bakki namni akkanaa rukutamee itti kufu asi! Inshaa’allaah, boru ganama bakki namni akkanaa rukutamee itti kufu asi! Kunoo asi! Asi…” jedhee harka isaa eebbifamaadhaan bakka mushrikoonni Quraysh itti ajjeefaman tokko tokkoon agarsiise.

Booda Umar kana akkana jedhee hime: “Isaan keessaa tokkoon tokkoon isaanii bakka Rasuula Kabajamaan harka isaa eebbifamaa itti kaa’e sirriitti irratti rukutamanii ajjeefamuu isaanii arge. Isaan keessaa tokkollee xiqqoo illee fuulduratti yookaan duubatti hin turre.”

Sayyidni Aalamootaa (sallallaahu alayhi wa sallam) Sahaabota garee sadiitti qoode. Alaabaa Muhaajirootaa Mus’ab bin Umayritti, kan Aws Sa’ad bin Mu’aazitti, kan Khazraj immoo Hubaab bin Munziritti kenne. Tokkoon tokkoon isaanii alaabaa isaanii jalatti walitti qabaman.12 Sayyidni keenya waraana safaan hiriirsee sirnaan qindeesse.

Utuu waraana qindeessuu, laphee Sawaad bin Ghaziyyaa, kan safa keessaa fuulduratti ba’ee ture, ulee harka isaa eebbifamaa keessa jiruun tuqee: “Sarara keessa gali, yaa Sawaad!” jedhe. Sawaad: “Yaa Ergamaa Rabbii! Uleen harka keessan jiru na miidhe. Allaahu ta’aalaa, Isa amantii dhugaa, Kitaaba fi haqaan isin erge sanaaf jedhee, anis akkasuma ulee kanaan isin tuquu nan barbaada” jedhe. Dubbii isaa kanatti Sahaabonni hundi dinqifatan. Sayyida Uumamaa irraa qisaasa gaafachuun ni ta’aa? Wanti akkasii ni hojjetamaa? Sayyida keenya Ergamaan Rabbii garuu fuuldura qamiisa isaa eebbifamaa banee: “Kottu, qisaasa fudhadhuu mirga kee argadhu” jedhe. Yeroo sana Sawaad gammachuu fi jaalala guddaadhaan laphee eebbifamaa Jaalallee Kabajamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) dhungate.

Namni hundi qisaasa eeggachaa utuu jiruu, waan argan kanatti obboleessa isaanii Sawaaditti dinqifatanii haala isaa hinaafatan. Nabiyyiin keenya jaalatamaan: “Maaliif akkas goote?” jedhee yommuu gaafatu, Sawaad: “Haati koo, abbaan koo fi lubbuun koo aarsaa isinii haa ta’an, yaa Ergamaa Rabbii! Har’a ajaja Allaahu ta’aalaatiin ajalli koo akka dhihaate nan arga; nama keessan ol’aanaa irraa addaan ba’uu nan sodaadha. Kanaafuu daqiiqaa dhumaa kana kan gidduu keenyatti darbu keessatti, hidhiin koo qaama keessan eebbifamaa akka tuqu hawwe. Kana Guyyaa Qiyaamaa akka isin naaf shafaa’aa gootanii, akkasiin adabbii jalaa akkan ba’uuf sababa gochuu barbaade” jedhe. Jaalala isaa kanatti Nabiyyiin keenya kabajamaanis baay’ee raafame; Sawaadiif du’aa godhe.

Garmi mirgaa waraana Islaamaa eebbifamaa mujaahida goota Zubayr bin Awwaam, garmi bitaa immoo Miqdaad bin Aswad ajajuuf ture.13

Sayyida keenya Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) Sahaabota isaa ulfaatoo wajjin lolli akkamitti akka jalqabamu mari’achuu barbaadee: “Akkamitti loltu?” jedhe. Aasim bin Saabit iddaa fi xiyya isaa harkatti qabatee ka’ee yaada isaa akkana jedhee beeksise: “Yaa Ergamaa Rabbii! Yommuu Qurayshoonni gara meetira dhibba tokkoo nutti dhihaatan, xiyyaan isaan haa rukutnu. Achiis yommuu fageenya dhagaan harkaan darbatamu ga’an, dhagaa haa darbannu. Yommuu hamma eeboon isaan ga’utti dhihaatan, hamma cabutti eeboo keenyaan haa lollu. Achiis goraadee keenya luqqifnee haa lollu!” Tooftaan kun Nabiyyii keenya kabajamaa gammachiise. Sahaabota isaatiif qajeelfama kana kenne: “Sarara keessan dhiiftanii hin bahinaa. Bakka keessanitti utuu hin sochoo’in jabaadhaa. Hamma ani ajaja kennutti lola hin jalqabinaa. Xiyya keessan utuu diinni isinitti hin dhihaatin itti fayyadamtanii hin balleessinaa. Yommuu diinni gaachana isaa banu xiyya keessan darbadhaa. Yommuu diinni sirriitti dhihaatu harkaan dhagaa darbadhaa. Yommuu dhihaatan eeboo keessanitti fayyadamaa. Yommuu diina wajjin laphee walitti qabdan immoo goraadee keessaniin lolaa…”

“Inshaa’allaah, boru ganama bakki namni akkanaa rukutamee itti kufu asi! Inshaa’allaah, boru ganama bakki namni akkanaa rukutamee itti kufu asi! Kunoo asi! Asi…” Hadiisa shariifa

Achiis eegdonni ramadamanii Sahaabonni akka aara galfatan godhame. Hikmata Allaahu ta’aalaatiin hirriba gadi fagoo, hamma baallee ijaa isaanii ol kaasuu hin dandeenyetti, keessa seenan. Nabiyyiin keenya kabajamaan yommuu gaaddisa dameewwan timiraatiin hojjetame jala gale, Abuu Bakr, achiis Sa’ad bin Mu’aaz goraadee isaanii luqqifatanii balbala gaaddisaa irratti eegan. Nabiyyiin keenya jaalatamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) harka isaa eebbifamaa ol kaasee gadda guddaa keessatti Allaahu ta’aalaa kadhachuu jalqabe: “Yaa Rabbii koo! Yoo Ati garee harka tokkoo kana balleessite, kana booda lafa irratti gonkumaa hin gabbaramtu…” Du’aan gaddisiisaan kun hanga ganamaatti itti fufe.

Bakki waraanni Islaamaa eebbifamaan itti qubate cirracha ture. Kanaafuu deemuun rakkisaa ture; miilli cirracha keessa liqimfama ture. Kennaa Allaahu ta’aalaatiin, barakaa du’aa Sayyida keenya Ergamaa Rabbiitiin, halkan sana bokkaan dabalaa deemu roobuu jalqabe; lolaan hamma laggeen irraa dhangala’utti yaa’e. Qodaawwan bishaanii guutaman; lafti hamma miilli hin liqimfamnetti jabaate.

Mushrikoonni garuu dhoqqee fi lolaa keessatti hafan.

Erga barii booda Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Sahaabota isaa salaataaf kaase.

Erga salaata Subhii salaachisee booda, diina wajjin jihaada gochuu fi shahiidummaa ulfina isaa dubbachuun lolaaf isaan jajjabeesse. Akkana jedhe: “Dhugumaan Allaahu ta’aalaan waan haqaa fi dhugaa ta’e ajaja. Hojii nama kamii iyyuu kan jaalala Allaahu ta’aalaatiif hin hojjetamne hin fudhatu… Ajaja Rabbiin keenya bakkeewwan kanatti rahmata fi araara Isaa isiniif waadaa gale raawwachuuf carraaqaa; qormaata kana milkaa’aa! Sababni isaas waadaan Isaa dhugaa, dubbiin Isaa haqaa, adabbiin Isaas cimaa dha. Anis isinis Allaahu ta’aalaa, Isa Hayyii fi Qayyuum ta’etti hidhamneerra. Isatti baqanne, Isa qabanne, Isa irratti hirkanne. Deebiin keenya inni dhumaa gara Isaa ti. Allaahu ta’aalaan anaa fi Muslimoota hunda haa araaramu!…”

Guyyaa kudha torbaffaa Ramadaan ulfaataa, aduun guyyaa Jimaataa baate. Yeroo muraasa booda lolli seenaa keessatti isa caalaatti gara-jabeessa, madaala hin qabne, barbaachisaa fi guddaa ta’e jalqabuuf ture…

Gama tokkoon Boonsa Aalamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) fi Sahaabota isaa ulfaatoo harka tokkoo, kanneen lubbuu isaanii aarsaa gochuu irraa xiqqoo illee duubatti hin jenne; gama kaaniin immoo tuuta kaafirootaa daangaa darbee fi of wallaale, kan Islaamummaa bishaan fal’aana tokko keessatti liqimsuu fi nabiyyii habiiba Allaahu ta’aalaa ta’uun kabajame balleessuuf walitti qabame, jira ture. Kan nama gaddisiisu, isaan keessa firoonni Rasuula Kabajamaas turan. Isaanis ilma obboleessa isaanii jaallatamaa wajjin loluuf Badr dhufanii turan.

Nabiyyiin keenya kabajamaan sirna waraana isaa irra deebi’ee ilaalee, qajeelfama kenne irra deebi’e. Yeroo kanatti mushrikoonni Quraysh buufata isaanii keessaa ba’anii gara sulula Badr yaa’uu jalqaban. Baay’een isaanii uffata lolaa sibiilaatiin haguugamanii turan. Boonaa fi of tuulummaa guddaa keessatti waraana Islaamaa haleeluu jalqabanii turan. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii haala mushrikootaa kana yommuu argu, Abuu Bakr wajjin dunkaana seenee harka isaa eebbifamaa ol kaasee Janaab-i Haqq kadhachuu jalqabe: “Yaa Rabbii koo! Kunoo, mushrikoonni Quraysh boonaa fi of tuulummaa isaanii hundaan dhufaa jiru!… Si morkatu, Nabiyyii Kee sobsiisu. Yaa Rabbii! Waadaa gargaarsaa fi injifannoo naaf galte akka raawwattu Si kadhadha!… Yaa Rabbii! Yoo badiinsa Muslimoota harka tokkoo kanaa feete, kana booda namni Si gabbaru hin jiraatu!…”

Akkasiin utuu hin dhaabin, irra deddeebi’ee gargaarsa gaafachaa Allaahu ta’aalaa kadhachaa ture. Kadhannaan Nabiyyii keenya kabajamaa kun, kan baay’ee gaddisiisaa fi garaa nama cabsu, hamma of irraanfatee uffanni gubbaa isaa gatiittii isaa eebbifamaa irraa bu’utti itti fufe. Abuu Bakr, kadhannaa garaa keessaa kana dandamachuu dadhabee, uffata eebbifamaa kabaja guddaadhaan lafa irraa kaasee gatiittii eebbifamaa Sayyida keenyaa irra kaa’aa: “Lubbuun koo aarsaa isinii haa taatu, yaa Ergamaa Rabbii! Kadhannaan hammana isin ga’a!… Rabbii keessan du’aan cichitanii kadhattaniittu! Dhugumaan Allaahu ta’aalaan injifannoo isiniif waadaa gale dhihootti isiniif kenna” jedhee jajjabeesse. Yeroo sana Sayyidni Aalamootaa aayatoota kabajamoo kanneen, kan hiikaan akkana jedhu, dubbisaa dunkaana keessaa ba’e: “Gareen kun (Badr keessa jiru) dhihootti dhugumaan ni caba, ni injifatama; duuba isaanii garagalchanii ni baqatu. Garuu yeroon adabbii isaanii inni dhugaa Qiyaamaa dha. Adabbiin yeroo sanaa isa caalaa sodaachisaa fi hadhaawaa dha.”14

Nabiyyiin keenya jaalatamaan gara mataa waraana isaa dhufe. Sahaabota isaa ulfina qabeeyyiif aayatoota kabajamoo kana dubbise: “Yaa warra amantan! Yommuu garee diinaa tokko wajjin wal qunnamtan, jabaadhaa; akka baraaramtaniif Allaahu ta’aalaa baay’ee yaadadhaa… Akkasiin tarii milkii argattu. Rabbii fi Rasuula Isaatiif ajajamaa. Gidduu keessanitti wal hin dhabinaa; yoo kana gootan ni kuftu, humni (cimina, jabina) harka keessan jiru ni bada. Obsaa; sababni isaas Allaahu ta’aalaan warra obsan wajjin jira.”15

Kun lola waraana guutuudhaan diina wajjin godhamu isa jalqabaa ta’uuf ture. Lolli jalqabuuf ture. Hamileen dhuma ga’ee ture. Yommuu Rasuula Kabajamaan aayata kabajamaa hiikni isaa “Allaahu ta’aalaa baay’ee yaadadhaa…” ta’e dubbisu, Sahaabonni hundi walii wajjin “Allaahu akbar!… Allaahu akbar!…” jechuu fi injifannoo akka kennuuf Janaab-i Haqq kadhachuu jalqaban. Amma mallattoo Nabiyyii keenya kabajamaa qofa eeggachaa turan. Akka aadaa yeroo sanaatti, utuu waraanni lamaan wal hin qunnamin, gama lamaanuu irraa gootonni dirreetti ba’anii wal lolu turan. Walitti bu’iinsa kanaan, gama lamaanuu aariin fi fedhiin lolaa ni dabala; lolaaf ni ho’u, itti ni baratu turan. Mushrikoota keessaa Aamir bin Hadramii seera kana hin eegin, irra ejjetee, waraana Islaamaatti xiyya tokko darbate. Xiyyichi Muhaajiroota keessaa Mihja’itti bu’e; inni shahiida ta’e, lubbuun isaa eebbifamtuunis gara Jannataatti ol baate. Sayyidni Nabiyyootaa shahiida jalqabaa kanaaf: “Mihja’ sayyida shahiidotaa ti” jedhee oduu gammachiisaa kenne. Sahaabonni bakka isaanii irratti turuu hin dandeenye. Garuu ajajni Sayyida keenya irraa utuu hin dhufin sochii xiqqoo tokko illee gochuu hin danda’an ture.

“Yaa Rabbii koo! Kunoo, mushrikoonni Quraysh boonaa fi of tuulummaa isaanii hundaan dhufaa jiru!… Si morkatu, Nabiyyii Kee sobsiisu. Yaa Rabbii! Waadaa gargaarsaa fi injifannoo naaf galte akka raawwattu Si kadhadha!…” Hadiisa shariifa

Keessi tokkoon tokkoon isaanii akka volkaanoo danfuu jalqabe!…

Yeroo kanatti waraana mushrikootaa keessaa namoonni sadii fuulduratti utaaluun isaanii mul’ate. Isaan diinota Islaamummaa jabboo ilmaan Rabii’aa keessaa: Utbaa, obboleessa isaa Shaybaa fi ilma isaa Waliid turan. Gara mujaahidootaatti: “Isin keessa namni nu wajjin wal lolu ni jiraa?” jedhanii iyyan. Sahaabota keessaa jalqaba Abuu Huzayfaan abbaa isaa Utbaa loluuf yommuu fuulduratti ba’u, Sulxaanni Aalamootaa: “Ati dhaabadhu!” jedheen. Achiis mujaahidoota Madiinaa keessaa ilmaan Giiftii Afraa, Mu’aaz fi Mu’awwiz, akkasumas Abdullaah bin Rawaahaa fuulduratti ba’an. Utbaa, Shaybaa fi Waliid fuuldura dhaabatan. Goraadee harkatti qabatanii qophaa’anii eeggatan.

Mushrikoonni: “Isin eenyu?” jedhanii akka of beeksisan gaafatan. Isaanis: “Nuti Muslimoota Madiinaa keessaa ti” yommuu jedhan, mushrikoonni: “Nuti isin wajjin dhimma hin qabnu! Nuti ilmaan Abdulmuxxalib barbaanna. Isaan wajjin loluu barbaanna” jedhanii, gara waraana Islaamaatti garagalanii: “Yaa Muhammad! Saba keenya keessaa warra nuuf qixxee ta’an nutti baasi!” jedhanii iyyan.

Rasuula Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) Sahaabota isaa gootota sadan dirree irra jiraniif du’aa godhee, bakka isaaniitti akka deebi’an ajaje. Achiis Sahaabota isaa gidduu ija naanneessee: “Yaa ilmaan Haashim! Ka’aa! Warra nuura Allaahu ta’aalaa amantii isaanii soba ta’een dhaamsuuf dhufan karaa Haqqaa irratti lolaa; Allaahu ta’aalaan Nabiyyii keessan kanumaaf erge. Ka’i, yaa Ubaydaa! Ka’i, yaa Hamzaa! Ka’i, yaa Aliyyi!” jedhe.

Leenconni Allaahu ta’aalaa, Hamzaa, Aliyyii fi Ubaydaa, gonfoo isaanii uffatanii gara dirree deeman. Yommuu fuuldura isaanii dhaabatan, mushrikoonni: “Isin eenyu? Yoo qixxee keenya taatan isin wajjin ni lollina” jedhan. Isaanis: “Ani Hamzaa dha! Ani Aliyyi dha! Ani Ubaydaa dha!” jedhanii yommuu deebisan, mushrikoonni: “Isinis akka keenya namoota kabaja qabeeyyii dha. Isin wajjin loluu fudhanneerra” jedhan. Mujaahidoonni Islaamaa gootonni jalqaba mushrikoota gara iimaanaatti waaman, garuu hin fudhanne. Kana irratti sadanuu yeruma tokkotti goraadee isaanii luqqifatanii mushrikoota irratti duulan. Hamzaa fi Aliyyi kaafiroota Utbaa fi Waliid haleellaa tokkoon ajjeesan. Ubaydaan Shaybaa madeesse. Shaybaanis Ubaydaa madeesse. Hamzaa fi Aliyyi Ubaydaa gargaaruuf dhaqanii Shaybaa achumatti ajjeesan. Ubaydaa hammatanii Sayyida keenya Ergamaa Rabbii bira fidan.16 Qurruba miilla eebbifamaa Ubaydaa bin Haaris irraa dhiigaa fi dhuka’aan lafee yaa’aa ture. Inni haala isaa kanaaf utuu xiqqoo illee hin yaaddo’in: “Lubbuun koo aarsaa isinii haa taatu, yaa Ergamaa Rabbii! Yoo ani haala kanaan du’e, shahiida mitii?” jedhee gaafate. Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Eeyyee, ati shahiida” jedhee warra Jannataa ta’uu isaa oduu gammachiise. (Ubaydaa radiyallaahu anhu yeroo lola irraa deebi’an, bakka Safraa jedhamutti boqote.) Mushrikoonni, kanneen walitti bu’iinsa kana keessatti namoota isaanii barbaachisoo sadii dhaban, rifatan. Haa ta’u malee Abuu Jahl hamilee waraana isaa sirreessuuf: “Du’a Utbaa, Shaybaa fi Waliid hin ilaalinaa; isaan lola keessatti ariifatanii akkasumaan du’an! Nan kakadha, hamma Muslimoota qabnee funyoon hin hidhinetti hin deebinu!…” jedhee jajjabeessuu yaalaa ture. Sahaabonni gootonni garuu tuuta mushrikootaa kana dafanii goraadee isaaniitiin adabuuf obsa dhabanii turan. Nabiyyiin keenya kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) du’aa arraba isaa eebbifamaa irraa hin buune kana irra deddeebi’aa ture: “Yaa Rabbii! Waadaa naaf galte raawwadhu!.. Yaa Rabbii! Yoo garee Muslimootaa harka tokkoo kana balleessite, kana booda lafa irratti namni Si gabbaru hin jiraatu!…”

Yeroo kanatti safa mushrikootaa keessaa, Quraysh keessaa xiyyattoota isa caalaatti ija jabeessaa fi qara qaban keessaa tokko, ilmi Abuu Bakr kan yeroo sana Muslima hin taane, Abdurrahmaan, dirreetti ba’ee nama wal lolu barbaade. Ho’a guyyaa walakkaa ji’a Adoolessaa kana keessa, safa mujaahidootaa keessaas namni tokko battaluma goraadee isaa qabatee fuulduratti ba’uun isaa mul’ate. Inni goota Abuu Bakr, kan Muslima jalqabaa ta’uu fi sadarkaa Siddiiqummaatiin kabajame, nabiyyoota booda nama hunda caalu, ture… Ilma isaa wajjin loluuf fuulduratti utaale. Garuu Sayyidni Aalamootaa: “Yaa Abuu Bakr! Ati naaf akka ija koo isa argu, gurra koo isa dhaga’uu ta’uu kee hin beektuu? Bira koo hin fagaatin! Rakkinni qaama koo fi onnee koo irra ga’u hundi fuula kee eebbifamaa arguun ni salphata. Siin onneen koo jabaata” jedheen.

Akkasiin lola irraa isa dhowwe. Abuu Bakr as-Siddiiq ilma isaatiin: “Yaa xuraa’aa! Walitti dhufeenyi ati na wajjin qabdu eessa hafe?” jechuu irraa of qabuu hin dandeenye.

Achiis Sulxaanni Nabiyyootaa, Jaalalleen Kabajamaan, gara lafaatti gad jedhee cirracha harka tokko fudhachuun isaa mul’ate. Cirracha kana gara diinaatti facaasee: “Fuulli isaanii haa gurraachaa’u!… Yaa Rabbii! Onnee isaaniitti sodaa buusi, miilla isaaniitti hollannaa kenni!” jedhe; gara Sahaabota isaattis garagalee: “Haleellaaf ka’aa!.. Haleelaa!” jedhee ajaje. Sahaabonni ulfina qabeeyyiin, mallattoo eeggachaa turan, akka qajeelfama duraan kennameetti sochii jalqaban. Iyya “Allaahu akbar!… Allaahu akbar!…” jedhu gidduutti xiyyoonni shuggaa’uu, dhagaawwan bakka itti darbataman rukutuu, eeboowwan uffata lolaa sibiilaa rukutuu jalqaban… Leenconni Allaahu ta’aalaa: Hamzaan goraadee lama harka lamaan qabateen lolaa ture; Aliyyi, Umar, Zubayr bin Awwaam, Sa’ad bin Abii Waqqaas, Abuu Dujaanaa17 fi Abdullaah bin Jahsh safa mushrikootaa gama tokkoon seenanii gama kaaniin ba’aa, kaafiroota rifachiisaa turan. Tokkoon tokkoon isaanii da’annoo jabaa kan hin darbamne ta’anii turan. Iyyi “Allaahu akbar!… Allaahu akbar!…” aalama guute; guddinni ulfina Allaahu ta’aalaa akka martoo guddaatti mataa kaafirootaa irra bu’aa ture. Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Yaa Hayyu! Yaa Qayyuum! Yaa Hayyu! Yaa Qayyuum!” jedhee Allaahu ta’aalaa kadhachaa ture. Aliyyi akkana jedheera: “Badr keessatti nu hunda keessaa inni caalaatti ija jabeessaa fi goota ta’e Rasuula alayhis-salaam ture. Safa mushrikootaatti kan caalaatti dhihaate isa ture. Yommuu dhiphannu isatti baqanna turre.”

Mushrikoonni hogganaa isaanii Abuu Jahl gidduu isaaniitti galchan. Isaan keessaa nama tokko akka Abuu Jahl uffachiisanii isa fakkeessan. Maqaan nama carraa hin qabne kanaa Abdullaah bin Munzir ture. Aliyyi Abdullaah irratti duulee, ija Abuu Jahl duratti mataa isaa mure. Achiis Abuu Qays akkasitti uffachiisan. Isas Hamzaan ajjeese.

Aliyyi mushrika tokko wajjin wal lolaa ture. Mushrikichi goraadee isaa Aliyyitti rukutee, goraadeen gaachana keessa seenee hafee ture. Aliyyi Zul-Fiqaar isaa qaama mushrikichaa kan uffata lolaa uffate irratti rukutee, uffata lolaa isaa wajjin gatiittii irraa hanga laphee yommuu muru, mataa isaa irra goraadee tokko utuu calaqqisuu arge. Dafee mataa isaa gad qabe. Namni goraadee calaqqisiise: “Fudhu! Kun immoo kan Hamzaa bin Abdulmuxxalib irraa ti!” utuu jedhuu, mataan mushrikichaa gonfoo isaa wajjin lafatti kufe. Aliyyi yommuu garagalee ilaalu, adeera isaa Hamzaa goraadee lamaan lolaa arge. Nabiyyiin keenya Sahaabonni isaa akkas gootummaadhaan lolaa jiraachuu isaanii yeroo argu hunda: “Isaan leenca Allaahu ta’aalaa kan lafa irraa ti” jedhee isaan jaje.

“Yaa Rabbii! Waadaa naaf galte raawwadhu!.. Yaa Rabbii! Yoo garee Muslimootaa harka tokkoo kana balleessite, kana booda lafa irratti namni Si gabbaru hin jiraatu!…” Hadiisa shariifa

Yeroo tokko goraadeen Ukkaashaa, inni cinaa Sayyida keenya Ergamaa Rabbii lolaa ture, cabe. Nabiyyiin keenya jaalatamaan kana yommuu argu, ulee lafa irratti arge fudhatee itti dheeressee: “Yaa Ukkaashaa! Kanaan loli!..” jedhe. Akkuma Ukkaashaan ulee fudhateen, uleen sun, mu’jizaa Nabiyyii keenyaatiin, goraadee dheeraa, calaqqisu, kan dugdi isaa gidduutti jabaa fi qarri isaa cimaa ta’etti jijjiirame. Goraadee kanaan hanga dhuma lolaatti mushrikoota baay’ee ajjeese.

Sayyidni Aalamootaa, Rasuula Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam), gama tokkoon lolaa, gama biraatiin immoo hadiisa shariifa eebbifamaa kana, kan Sahaabota isaa hamileedhaan guutu, dubbachaa ture: “Allaahu ta’aalaa, Isa jiraachuun koo harka humna Isaa keessa jiru sanaan kakadha: har’a namoota jaalala Janaab-i Haqq abdatanii, obsaa fi jabinaan lolan, duubatti utuu hin garagalin fuulduratti deemaa ajjeefaman, Haqq ta’aalaan dhugumaan Jannata Isaa ni galcha.” Umayr bin Humaam dubbii eebbifamaa kana yommuu dhaga’u: “Akkam gaarii! Akkam gaarii! Egaa Jannata seenuuf shahiida ta’uu koo malee wanti biraa hin barbaachisu” jedhee haleellaa isaa caalaatti jabeesse. Gama tokkoon diina wajjin rukutaa, gama biraatiin: “Gara Allaahu ta’aalaatti sinqii qaamaatiin utuu hin taane, sodaa Haqq ta’aalaa, hojii Aakhiraa fi jihaada keessatti obsaa fi jabaachuun qofa deemama. Sinqiin kana malee jiru hundi shakkii malee ni dhuma, ni xumurama!…” jedhaa ture. Akkasiin hanga shahiida ta’utti lole.

Lolli baay’ee jabaate!… Sahaabaa tokko irratti yoo xiqqaate mushrikoonni sadii yeruma tokkotti duulaa turan. Sahaabota ulfina qabeeyyii, kanneen tokkoon tokkoon isaaniitti goraadee ga’uuf carraaqan, wanti tokkollee hin sodaachifne. “Allaahu akbar! Allaahu akbar!..” yeroo jedhan hunda humna haaraa argatu; irra deddeebi’anii haleeluu irraa hin dadhabne. Yeroo tokko haleellaan mushrikootaa jabaate. Sahaabonni rakkoo keessa seenan. Yeroo sana Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Abuu Bakr wajjin dunkaana isaa kan dameewwan timiraatiin hojjetame seene. Nabiyyiin keenya ammas Allaahu ta’aalaa kadhachuu jalqabe. “Yaa Rabbii koo! Gargaarsa naaf waadaa galte naaf kenni!…” jedhee kadhachaa ture. Yeroo sana wahyiin dhufe. Keessatti hiikaan akkana jedhame: “Yeroo sana isin Rabbii keessan irraa gargaarsaa fi injifannoo gaafachaa turtan; Innis: ‘Dhugumaan Ani maleykota kuma tokko kan walitti aananii dhufaniin isin gargaara’ jedhee gaaffii keessaniif deebisee du’aa keessan fudhate.”18 Nabiyyiin keenya kabajamaan battaluma ka’ee: “Oduu gammachiisaa, yaa Abuu Bakr! Gargaarsi Allaahu ta’aalaa si ga’eera! Kunoo Jibriil sun. Tulluuwwan cirrachaa irratti luugama farda isaa qabatee, meeshaa waraanaa hidhatee ajaja eeggachaa jira” jedhe. Akkuma Suuraa al-Anfaal keessatti beeksifame, Janaab-i Haqq maleykotaan hiikaan akkana jedhee ture: “Yeroo Rabbiin kee maleykotatti: ’Ani (Muslimootaaf injifannoo fi gargaarsa kennuu keessatti) isin wajjin jira. Kottaa mu’minoota (oduu gammachiisaa injifannootiin) jabeessaa, humnaa fi cimina isaaniif kennaa. Ani amma onnee kaafirootaa keessatti rifaatii fi sodaa nan buusa. Morma isaanii gubbaa rukutaa; quba harkaa fi miilla isaanii, iddoo lafeen walitti qabatu, cabsaa!’ jedhee wahyii godhe. Sababni isaas isaan Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaa morman. Namni Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaa morme (adabbii Isaa argata); adabbiin Allaahu ta’aalaa baay’ee cimaa dha!”19

Ajaja kana irratti Jibriil, Miikaa’iil fi Israafiil alayhimus-salaam tokkoon tokkoon isaanii maleykota kuma tokko of wajjin fudhatanii, walitti aansanii Nabiyyii keenya jaalatamaa bira: cinaa isaa, mirga isaa fi bitaa isaa bakka isaanii qabatan.20

Jibriil alayhis-salaam mataa isaatti imaamaa keelloo maree ture. Maleykonni kaan immoo imaamaa adii mataa isaanii irra qabu turan. Dhuma imaamaa isaanii dugda isaaniitti gad dhiisanii, farda adii yaabbatanii turan. Hogganaan Aalamaa Sahaabota isaatiin: “Maleykonni mallattoo fi beeksisa qabu. Isinis ofii keessaniif mallattoo fi beeksisa godhadhaa!” jedhe.

Zubayr bin Awwaam mataa isaatti huccuu keelloo, Abuu Dujaanaan immoo huccuu diimaa akka imaamaatti maran. Aliyyi rifeensa adii mallattoo godhate; Hamzaan immoo baallee guchii laphee isaatti hidhate. Lola keessa seenuu maleykotaatiin haalli yeruma tokkotti jijjiirame. Utuu Sahaabaan goraadee isaa kaafira fuuldura isaa jiru irratti hin ol kaasin, mataan kaafirichaa qaama isaa irraa addaan ba’ee lafatti kufaa ture. Mirgaa fi bitaa, fuulduraa fi duuba Nabiyyii keenya kabajamaa, namoonni hin beekamne mushrikoota wajjin wal lolaa akka jiran mul’ataa ture.

Sahl akkana jedhee hime: “Lola Badr keessatti, nu keessaa tokkoon tokkoon keenya mataa mushrika tokkootti goraadee keenya yeroo kaafnu, utuu goraadeen bakka itti kaayame hin ga’in, mataan isaa qaama isaa irraa addaan ba’ee lafatti gangalachuu isaa argaa turre!…”

Ajjeefamuu Abuu Jahl

Kan alaabaa mushrikootaa baatu, Abuu Aziiz bin Umayr, boojiidhaan qabame. Ajajaan isaanii Abuu Jahl garuu Qurayshoota jajjabeessuuf utuu hin dhaabin walaloo dubbachaa, hamilee loltoota isaa sirreessuu yaalaa ture. Akka dargaggeessa tokkootti haleelaa: “Haati koo guyyoota akkanaatiif na deesse!…” jedhee of jajaa, dargaggoota kakaasaa ture. Mushrikoota keessaa Ubaydaa bin Sa’iid mataa hanga miilaatti uffata lolaa uffatee ture. Ija isaa qofatu mul’ata ture. Farda isaa irratti gara tokko, gara biraa garagalaa: “Ani Abuu Zaat al-Karish! Ani Abuu Zaat al-Karish!”, jechuunis ani garaa guddaa, abbaa garaa ti jedhee akka ofii isaatti morkii labsaa ture. Mujaahidni gootichi Zubayr bin Awwaam itti dhihaatee eeboo isaa sirriitti ija isaatti kaayatee: “Allaahu akbar!” jedhee darbate. Eeboon bakka itti kaayame rukutee farda isaa irraa lafatti isa kuffise. Zubayr fiigee yommuu bira ga’u, Ubaydaan du’ee ture. Miilla isaa maddii isaa irra kaa’ee humna isaa hundaan yoo harkisus, eeboon rakkinaan ba’e; jallatee ture. Gootummaan Zubayr Lola Badr keessatti agarsiise baay’ee guddaa ture. Qaama isaa irratti bakki hin madaa’in hin hafne. Ilmi isaa Urwaan haala kana akkana jedhee hime: “Abbaan koo rukuttaa goraadee cimaa sadii fudhatee ture. Isaan keessaa tokko morma isaa irra ture. Madaan sun mallattoo gadi fagoo akkasii dhiisee ture, kan ani quba koo keessa galchuu danda’u.” Abdurrahmaan bin Awfis Quraysh wajjin gara-jabinaan lolaa, dhiiga madaa isaa irraa yaa’u utuu hin yaaddo’in, nama fuuldura isaa dhufe hunda kuffisaa ture. Abdurrahmaan taatee inni argeef ragaa ba’e tokko akkana jedhee hime: “Yeroo tokko fuuldura koo namni tokkollee hin hafne. Yommuu mirgaa fi bitaa koo ilaalu, Ansaar keessaa dargaggoota lama arge. Isaan keessaa isa caalaatti jabaa fi rukutuu danda’u wajjin ta’uu barbaade. Dargaggoota lamaan kana keessaa tokko ija isaatiin na ilaalee, achiis gara kootti garagalee: ‘Yaa adeeraa! Abuu Jahl ni beektuu?’ jedhee gaafate. Anis: ‘Eeyyee, nan beeka’ jedhee: ‘Yaa ilma obboleessa koo, Abuu Jahl maal gochuuf barbaadde?’ yommuun jedhu: ‘Akka natti himametti inni Ergamaa Rabbii arrabsa. Allaahu ta’aalaan kakadha, yoo isa arge, hanga isa ajjeesutti yookaan ani ofii koo du’utti gonkumaa isa irraa hin fagaadhu’ jedhe. Dubbii murtaa’aa fi cimaa dargaggeessi tokko hamilee keessatti dubbate kanatti dhugumaan nan dinqifadhe.

“Yaa Abuu Bakr! Ati naaf akka ija koo isa argu, gurra koo isa dhaga’uu ta’uu kee hin beektuu? Bira koo hin fagaatin! Rakkinni qaama koo fi onnee koo irra ga’u hundi fuula kee eebbifamaa arguun ni salphata. Siin onneen koo jabaata” Hadiisa shariifa

Dargaggoota lamaan kana keessaa inni kaanis na ilaalee akkuma isa jalqabaa jedhe. Yeroo kanatti Abuu Jahl arge! Inni loltoota Quraysh gidduutti utuu hin dhaabin as deebi’aa achi deemaa ture. Anis: ‘Yaa dargaggoota! Namni gara asii fi gara achii ariifachaa deemu sun Abuu Jahl dha’ yommuun jedhu, battaluma goraadee isaanii qabatanii gara Abuu Jahl dhaqan.

Isa wajjin wal loluu jalqaban. Dargaggoonni kun ilmaan Giiftii Afraa, obboloota Mu’aaz fi Mu’awwiz turan.” Yeroo kanatti goota Sahaabotaa keessaa tokko kan ta’e Mu’aaz bin Amr, Abuu Jahlitti dhihaachuuf carraa argate. Abuu Jahl, inni farda eegee dheeraa qabu yaabbatee ture, irratti duulee miilla isaa humna isaa hundaan goraadeen rukute. Miilli Abuu Jahl lafatti kufe. Yeroo sana Ikrimaan, inni abbaa isaa gargaaruuf dhufee fi yeroo sana Muslima hin taane, Mu’aaz bin Amr wajjin wal loluu jalqabe.

Yeruma sana obboloonni Mu’aaz fi Mu’awwiz akka culullee (simbirroo adamsituu) fuulduratti utaalan. Nama fuuldura isaanii dhufe kuffisaa Abuu Jahl ga’an. Hanga inni du’e jedhanii yaadanitti goraadee isaaniitiin rukutan.

Mu’aaz bin Amr garuu wal lola Ikrimaa wajjin godhe keessatti harkaa fi irree isaa irraa madaa’ee ture. Harki isaa eebbifamaan qurruba harkaa irraa muramee, gogaa irratti fannifamee hafee ture. Mu’aaz bin Amr, inni lola keessatti of irraanfate, harka isaa wajjin dhimmamuu fi wal’aanuuf hidhuuf yeroo hin qabu ture. Utuma harki isaa mutame gogaa irratti raafamuu illee goota ta’ee lolaa ture.

Allaahu akbar!… Iimaana akkam jabaa!… Mul’ata akkam ilaalamuu malu!… Mu’aaz yeroo muraasaaf akkasitti erga lolee booda, dandeettiin socho’uu isaa akka hir’ate arge. Sababni isaa harka isaa isa mutame ture. Battaluma miilla isaa jala kaa’ee buqqisee darbate…21

Diinota Islaamummaa jabboo keessaa Nawfal bin Khuwaylid gootota Quraysh keessaa isa caalaatti beekamaa ture. Utuu hin dhaabin iyyaa, tuuta mushrikootaa kakaasuu fi hamileedhaan guutuuf carraaqaa ture. Nabiyyiin keenya kabajamaan haala isaa kana yommuu argu: “Yaa Rabbii! Nawfal bin Khuwaylid irratti na gargaari. Isa adabi” jedhee du’aa godhee ture. Leenca Allaahu ta’aalaa Aliyyi, mushrika Nawfal yommuu argu, battaluma itti utaale. Goraadee isaa jabinaan gad buuse; akkas isa rukute kan miillonni isaa, uffata lolaa sibiilaatiin haguugamanii utuu jiranii, lamaanuu yeruma tokkotti muraman. Achiis goraadee isaa morma isaatti rukutee mataa isaa qaama isaa irraa adda baase.22

Umayyaa bin Khalaf, inni Bilaal Habashii cirracha ho’aa irra ciibsee laphee isaa irra dhagaa gurguddaa kaa’e, mushrikoota keessaa isa caalaatti hamaa ture. Diinni Islaamummaa guddaan kun, inni carraa hunda Sayyida keenya Ergamaa Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) dararuuf itti fayyadamu, sulula Badr keessattis mushrikoota walitti qabuu fi nuura Islaamummaa dhaamsuuf carraaqaa ture. Bilaal haala isaa kana yommuu argu, goraadee luqqifatee itti dhihaatee fuuldura isaa dhaabatee: “Yaa Umayyaa bin Khalaf, mataa kufrii!… Yoo ati baraaramte, ani hin baraaramin!” jedhee itti duule. Gama biraatiin: “Yaa obboloota Ansaar! Dafaa, mataan kufrii as jira!” jechuu isaa wajjin, Sahaabonni Umayyaa marsanii battaluma ajjeesan.23

Waraana mushrikootaa keessa amma hogganaan hin hafne. Tokkoon tokkoon isaanii waan godhan hin beekan; akkuma tasaa baqachuu yaalaa turan. Da’annoon kufrii diigamee ture. Sahaabonni ulfina qabeeyyiin hordofuu itti fufan. Mushrikoota keessaa gariin boojiidhaan qabaman. Adeerri Nabiyyii keenya jaalatamaa Abbaasis boojiiwwan keessa ture.24

Injifannoon kan warra amananii ture

Nabiyyiin keenya kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) Sahaabota isaa ulfina qabeeyyiin: “Waa’ee Nawfal bin Khuwaylid namni beeku jiraa?” jedhe. Aliyyi fuulduratti ba’ee: “Yaa Ergamaa Rabbii! Isa ani ajjeese” jedhe. Nabiyyiin keenya jaalatamaan oduu kanatti baay’ee gammadee, “Allaahu akbar!” jedhee takbiira jedhe; akkanas jedhe: “Allaahu ta’aalaan du’aa ani waa’ee isaa godhe fudhate.”

Yommuu Umayyaa bin Khalaf ajjeefamuu isaa itti himan, ammas baay’ee gammadee: “Alhamdulillaah! Galanni Allaahu ta’aalaaf haa ta’u. Rabbiin koo garbicha Isaa dhugoomse, amantii Isaa ol godhe” jedhe.

Rasuula Kabajamaan waa’ee Abuu Jahl: “Abuu Jahl maal godhe laata, maal ta’e? Eenyutu dhaqee ilaala?” jedhee, du’oota keessa akka barbaadamu ajaje. Barbaadanii hin arganne. Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Barbaadaa; waa’ee isaa jecha qaba. Yoo isa beekuu dadhabdan, mallattoo madaa jilba isaa irra jiru ilaalaa. Guyyaa tokko anii fi inni affeerraa Abdullaah bin Jud’aan irra turre. Lamaan keenya dargaggoota turre. Ani isa irra xiqqoo guddaa ture. Yommuu wal dhiibnu isa dhiibe. Jilba isaa irratti kufe. Jilbi isaa tokko madaa’e; mallattoon madaa sanaa jilba isaa irraa hin badne” jedhe.

Kana irratti Abdullaah bin Mas’uud Abuu Jahl barbaaduuf deeme. Madaa’ee isa argee beeke. “Ati Abuu Jahl mitii?” jedhe. Miilla isaa morma isaa irra kaa’e. Areeda isaa qabee harkisee: “Yaa diina Allaahu ta’aalaa! Allaahu ta’aalaan dhuma irratti si salphisee si tuffachiiseeree?” jedhe. Abuu Jahl: “Maaliif na salphisa! Yaa tiksee hoolaa! Rabbiin si haa salphisu. Ati bakka ba’uun isaa baay’ee rakkisaa ta’e ba’teetta! Mee har’a injifannoo fi mo’ichi gama kamitti akka jiru natti himi” jedhe. Ibn Mas’uud: “Injifannoon gama Rabbii fi Rasuula Isaa ti” jedhe. Gonfoo Abuu Jahl mataa isaa irraa baasaa utuu jiruu: “Yaa Abuu Jahl! Si ajjeesuufan jira” jedhe. Abuu Jahl: “Ati nama guddaa saba isaa ajjeese isa jalqabaa miti. Garuu dhugaa dubbachuuf, ati na ajjeesuun baay’ee natti ulfaata. Yoo xiqqaate morma koo laphee kootti dhihaatee muri; akka mataan koo sodaachisaa mul’atuuf!” jedhee kufrii, boonaa fi of tuulummaan isaa hamma itti ol ka’e agarsiise.

Ibn Mas’uud mataa Abuu Jahl goraadee ofii isaatiin muruu waan hin dandeenyeef, goraadee Abuu Jahliitiin mure; meeshaa waraanaa isaa, uffata lolaa isaa, gonfoo isaa fi mataa isaa fidee Nabiyyii keenya kabajamaa fuuldura kaa’ee: “Haati koo fi abbaan koo aarsaa isinii haa ta’an, yaa Ergamaa Rabbii! Kun mataa Abuu Jahl, diina Allaahu ta’aalaa ti” jedhe. Nabiyyiin keenya jaalatamaan: “Inni Rabbii, Isa malee gabbaramaan dhugaa hin jirre sana” jedhe. Achiis ka’ee Sahaabota isaa wajjin hanga reeffa Abuu Jahl biraatti deeme. Achitti: “Faaruun Allaahu ta’aalaaf haa ta’u, Isa si salphisee si tuffachiise.

Yaa diina Rabbii! Ati Fir’awna ummata kanaa turte” jedhe. Achiis: “Yaa Rabbii koo! Waadaa naaf galte raawwatte” jedhee Allaahu ta’aalaa galateeffate. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) madaa Sahaabota madaa’anii hidhachiise. Warra shahiida ta’an adda baasise. Muhaajiroota keessaa jaha, Ansaar keessaa saddeet, walumaa galatti shahiidota kudha afur kennaniiru. Utuu lubbuun isaanii eebbifamtuun hundi gara Jannataatti balali’aa jirtuu, mushrikoota nuura Islaamummaa dhaamsuuf carraaqan keessaa namoonni torbaatama ajjeefaman, torbaatamni immoo boojiidhaan qabaman. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii injifannoo kana beeksisuuf Abdullaah bin Rawaahaa fi Zayd bin Haarisaa gara Madiinaatti erge. Nabiyyiin keenya kabajamaan salaata janaazaa25 shahiidotaaf salaachisee qabrii isaaniitti awwaalchise. Reeffa mushrikootaa keessaa digdamii afur eela gogaa tokkotti, kaan immoo boolla walii galaatti darbatanii biyyoon guutan. Sayyidni Aalamootaa Sahaabota isaa ulfaatoo wajjin qarqara eelaa dhufee: “Yaa warra eela keessatti darbatamtan!” erga jedhee booda, maqaa mushrikoota ajjeefamanii maqaa abbootii isaanii wajjin lakkaa’ee: “Yaa Utbaa bin Rabii’aa! Yaa Umayyaa bin Khalaf! Yaa Abuu Jahl bin Hishaam!.. Isin Nabiyyii keessaniif saba akkam hamaa turtan! Isin na sobsiiftan, warri biroo garuu na dhugoomsanii na amanan. Isin magaalaa koo fi biyya koo keessaa na baaftan; warri biroo garuu balbala isaanii naaf bananii laphee isaaniitti na hammatan. Isin na loltan; warri biroo garuu na gargaaran. Waan Rabbiin koo isiniif waadaa gale argattanii? Ani injifannoo Rabbiin koo naaf waadaa gale argadheera” jedhe.

“(Yaa Sahaabota koo!) Maleykonni mallattoo fi beeksisa qabu. Isinis ofii keessaniif mallattoo fi beeksisa godhadhaa!” Hadiisa shariifa

Umar: “Yaa Ergamaa Rabbii! Namoota reeffa ta’anitti dubbattuu?” jedhee gaafate. Kana irratti Rasuula Kabajamaan: “Rabbii koo, Isa nabiyyii dhugaa godhee na erge sanaan kakadha: isin isaan caalaa na hin dhageessan. Garuu deebisuu hin danda’an” jedhe.

Mushrikoonni lubbuu isaanii baraaruuf dirree lolaa irraa dafanii yommuu baqatan, waan fidan keessaa homaa fudhatanii deemuu hin dandeenye. Hundi isaa harka Muslimootaa gale. Nabiyyiin keenya kabajamaan boojuu Sahaabota isaa warra Lola Badr keessatti hirmaatanii fi hojiin itti kenname hundaaf qoode. Halkan sadii biraa Badr turanii, guyyaa kudha sagal booda Madiinaatti deebi’an. Yeroo kanatti Abdullaah bin Rawaahaa fi Zayd bin Haarisaa, warri oduu gammachiisaa fiduuf ergaman, Madiinaatti dhihaatanii turan. Guyyaa Dilbataa, yeroo duhaa, bakka Aqiiq jedhamu yommuu ga’an addaan ba’an. Abdullaah bin Rawaahaa gama tokkoon, Zayd bin Haarisaa immoo gama biraatiin Madiinaa seenan. Mana manatti naanna’anii injifannoo beeksisaa turan. Abdullaah bin Rawaahaa, walaleessaan Sayyida keenya Ergamaa Rabbii, sagalee ol’aanaan injifannoo akkana jedhee labse:

Yaa garee Ansaar! Oduu gammachiisaa isinii nan fida:
Nabiyyiin Rabbii fayyaa fi nagaa dha.
Mushrikoonni ajjeefamanii boojiidhaan qabaman;
Boojiiwwan keessa namoota baay’ee beekamoo ta’antu jira.
Ilmaan Rabii’aa fi Hajjaaj hundi isaanii guutummaan
Badritti ajjeefaman, Abuu Jahl Amr bin Hishaam illee.

Aasim bin Adiyy: “Yaa Ibn Rawaahaa! Wanti ati jettu dhugaa dhaa?” jedhee gaafate. Abdullaah bin Rawaahaa: “Eeyyee, Wallaahi dhugaa dha! Inshaa’allaah boru Ergamaan Rabbiis boojiiwwan harki isaanii hidhame wajjin ni dhufa!” jedhe.

Boqochuu Ruqayyaa

Guyyaa sana intalli Nabiyyii keenya jaalatamaa, Ruqayyaa (radiyallaahu anhaa), boqottee turte. Abbaan manaa ishee Usmaan salaata janaazaa ishee salaachisee ture. Oduun injifannoo gadda kana booda dhufe xiqqoo isaan jajjabeesse.

Nabiyyiin keenya kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) Sahaabota isaa wajjin Allaahu ta’aalaa, Isa injifannoo Badr isaaf kenne, faarsee sujuuda galataatti erga kufee booda, boojiiwwan wajjin gara Madiinatul-Munawwaraatti karaa qabate.

Abdullaah bin Rawaahaa fi Zayd bin Haarisaa, warri dura oduu gammachiisaa fidan, waan Lola Badr keessatti ta’ee fi eenyu akka shahiida ta’e himanii turan. Ijoolleen, dubartoonni fi warri hojiidhaaf Madiinaa keessa hafan injifannoo kanaan baay’ee gammadanii turan. Nabiyyii keenya kabajamaa simachuuf ba’an. Shahiidota keessa Haarisaa bin Suraaqaas ture. Haati Haarisaa Rubayyi’, ilmi ishee utuu haroo sana irraa bishaan dhuguu xiyya diinaatiin rukutamee shahiida ta’uu isaa dhageessee turte. Haati teenya Rubayyi’ oduu kana yommuu dhageessu: “Hamma Rasuula alayhis-salaam dhufutti ilma kootiif hin boo’u. Yommuu Madiinaa dhufuu isaatiin kabaju, isa nan gaafadha. Yoo ilmi koo Jannata keessa jiraate gonkumaa hin boo’u. Yoo Jahannam keessa jiraate garuu, bakka imimmaanii ija koo irraa dhiiga nan dhangalaasa” jettee turte.

Nabiyyiin keenya jaalatamaan Sahaabota isaa eebbifamoo wajjin Madiinaa dhufuu isaatiin yommuu kabaju, Rubayyi’ bira isaa dhaqxee: “Haati koo fi abbaan koo aarsaa isinii haa ta’an, yaa Ergamaa Rabbii! Jaalala ani ilma koo Haarisaaf qabu ni beektu. Inni shahiida ta’ee Jannata seenee laata? Yoo akkas ta’e nan obsa. Yoo akkas hin taane, ija koo irraa imimmaan dhiigaa nan dhangalaasa” jette. Jaalalleen Kabajamaan: “Yaa Ummu Haarisaa! Ilmi kee Jannata tokko qofa keessa utuu hin taane, Jannatoota baay’ee keessa jira. Bakki isaa Firdawsii dha” jedhee oduu gammachiise. Kana irratti Rubayyi’: “Amma ilma kootiif hin boo’u” jette. Sulxaanni Uumamaa qodaa bishaanii tokko gaafate. Rahmata godhee harka isaa eebbifamaa bishaan keessa galchee baase. Bishaan kana haadha Haarisaa fi obboleettii isaatti dhugsise. Kana malees bishaan kana mataa fi fuula isaaniitti dibe. Guyyaa sanaa kaasee fuulli Rubayyi’ fi intala ishee baay’ee nuuraan ifaa ture. Umuriin isaaniis baay’ee dheeraa ture. Barsiisaan Uumamaa (alayhi afdalus-salawaat) boojiiwwan torbaatama Madiinaatti fidaman Sahaabota isaa gidduutti qoodee akka gaariin ilaalaman ajaje. Waa’ee dhuma boojiiwwanii Allaahu ta’aalaa irraa wahyiin amma iyyuu hin dhufne ture. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Sahaabota isaa wajjin erga mari’atee booda, boojiiwwan maallaqa furii kaffalaniin akka gadhiifaman murteesse.

Hammi furii akka qabeenya boojii tokkoon tokkoon isaaniitti murtaa’e. Warra maallaqa hin qabne keessaa kanneen dubbisuu fi barreessuu beekan, Madiinaa keessatti nama kudhan kanneen dubbisuu fi barreessuu hin beekne barsiisanii, achiis gara Makkaatti deemuu danda’u turan. Nabiyyiin keenya kabajamaan adeera isaa Abbaasiin, inni boojiiwwan keessa ture: “Yaa Abbaas! Ofii keetiif, ilma obboleessa keetii Aqiil bin Abii Xaalibiif fi Nawfal bin Haarisiif maallaqa furii kaffali. Sababni isaas ati dureessa” jedhe. Abbaas: “Yaa Ergamaa Rabbii! Ani Muslima. Qurayshoonni dirqiin Badr na fidan” jedhe. Ergamaan Rabbii: “Muslima ta’uu kee Allaahu ta’aalaatu beeka. Yoo dhugaa dubbatte, Allaahu ta’aalaan mindaa isaa dhugumaan siif kenna. Garuu ati akka mul’atutti nu irratti dhaabatte. Kanaafuu maallaqa furii kee kaffaluun si irra jira” jedhe. Abbaas: “Yaa Ergamaa Rabbii! Dirhama 800 isin boojuu godhattanii na irraa fudhattan malee qabeenya biraa hin qabu” yommuu jedhu, Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Yaa Abbaas! Egaa warqee sana maaliif hin dubbattu?” jedhe. Innis: “Warqee kam?” jedhe. Nabiyyiin keenya jaalatamaan: “Warqee guyyaa ati Makkaa irraa ka’uuf jirtu, haadha manaa kee Ummul-Fadl, intala Haarisiif kennite sana! Yommuu isheef kennitu, isin malee namni biraa bira keessan hin turre. Ati Ummul-Fadliin: ‘Imala kana keessatti waan na irra ga’u hin beeku. Yoo balaan na qunnamee deebi’uu baadhe, kun kan kee ti, kun kan Fadl, kun kan Abdullaah, kun kan Ubaydullaah, kun immoo kan Qusam’ jettee warqee kennite sana” yommuu jedhu, Abbaas dinqifatee: “Nan kakadha, yommuu warqee kana haadha manaa kootiif kennu namni tokkollee bira keenya hin turre. Kana eessaa beektan?” jedhe. Nabiyyiin keenya kabajamaan: “Allaahu ta’aalaatu natti beeksise” yommuu jedhu, Abbaas: “Isin rasuula Allaahu ta’aalaa ta’uu keessanii fi dhugaa dubbachuu keessan nan ragaa ba’a” jedhee Kalima-i shahaadaa jedhe.26 Yommuu Muslima ta’u, Nabiyyiin keenya kabajamaan Abbaas Makkaatti hojii itti kenne. Muslimoota achi jiran akka eegu, waa’ee warra Islaamummaaf diina ta’anii oduu akka ergu ajaje.

“Rabbii koo, Isa nabiyyii dhugaa godhee na erge sanaan kakadha: isin isaan (reeffa mushrikootaa) caalaa na hin dhageessan. Garuu deebisuu hin danda’an” Hadiisa shariifa

Quraysh warra Lola Badr keessatti injifatamaniif, boojiiwwan isaanii furiidhaan fudhachuu akka danda’an oduun ergame. Garuu Nadr bin Haaris, inni Hijraa dura Sayyida Nabiyyootaa baay’ee miidhee dararaa ture, mormi isaa muramee ajjeefame. Akkasumas Uqbaa bin Abii Mu’ayt, gadi-aanaan inni yeroo Rasuula alayhis-salaam Ka’abaa bira salaatu dugda isaa eebbifamaa irra garaacha gaalaa kaa’uuf ija jabaate, ajjeefame. Mataan diina Islaamummaa jabaa kanaa yommuu qaama isaa irraa adda ba’u, Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Allaahu ta’aalaa faarse. Bira isaa dhaqee: “Wallaahi, nama akka kee hamaa, kan Allaahu ta’aalaa, rasuula Isaa fi Qur’aana Kabajamaa waakkatee, nabiyyii isaa dararaa irraa dararaatti galche, hin beeku” jedhe.

Boojiiwwan hanga warri isaanii furii kaffalanii isaan fudhatanitti Sahaabota (alayhimur-ridwaan) bira turan. Sahaabonni hundi boojiiwwan baay’ee gaariin ilaalanii nyaata isaaniitti isaan hirmaachisan.

Abuu Aziiz, obboleessi Mus’ab bin Umayr, boojiiwwan keessa ture. Inni akkana jedhee hime: “Anis mana Muslima Madiinaa tokkoo keessatti boojii ture. Baay’ee gaariin na ilaalu turan: buddeena ganamaa fi galgala nyaatan anaaf kennu; isaan ofii isaanii timira qofa nyaachuuf dirqamu turan. Isaan keessaa namni tokko buddeena kutaa tokko yoo argate, kallattiin naaf fida ture. Saalfannaa kootiin buddeena sana nama fide sanatti deebisa ture. Inni garuu ammas naaf deebisa ture.”

Ammas boojiiwwan keessaa namni Quraysh Yaziid jedhamu akkana jedhee hime: “Muslimoonni Badr irraa gara Madiinaa yommuu dhufan, nu boojiiwwan horii irra nu yaabbachiisan; isaan ofii isaanii miilaan deeman.”

Boojiiwwan keessa Abul-Aas bin Rabii’, ilmi obboleettii Khadiijaa (radiyallaahu anhaa) fi soddaan Nabiyyii keenya kabajamaas ture. Abul-Aas daldaltoota Makkaa keessaa tokko ture; qabeenya baay’ee qaba ture. Amanamummaa fi amantii isaatiin beekamaa ture. Yeroo furiin boojiiwwanii Makkaa irraa ergamu, Zaynab furii guutuuf, callee haati ishee cidha irratti kennaa isheef kennite illee ergitee turte. Yommuu furiin dhufu, Nabiyyiin (sallallaahu alayhi wa sallam) callee sana beekee akkana jedhe: “Yaa Sahaabota koo, yoo isinitti tole, boojii intala koo Zaynab furii ishee wajjin isheef deebisaa.” Sahaabonnis tole jedhan. Zaynab gara Madiinaatti erguu ulaagaa godhachuun, Abul-Aas qabeenya isaa wajjin gara Makkaa deemuuf hayyamameef. Abul-Aas Zaynab fi warra ishee wajjin jiran obboleessa isaa Kinaanaa wajjin geggeesse. Mushrikoonni kana yommuu dhaga’an aaranii namoota isaanii muraasa duuba isaaniitti ergan. Zii Xuwaatti isaan ga’an. Habbaar bin Aswad eeboo isaa yommuu darbatu, gaalli rifatee Zaynab irraa darbatee lafatti kuffise. Kinaanaan xiyya isaa fuuldura isaatti harcaasee, namni Zaynab miidhuu yaale kamiyyuu xiyyaan akka ajjeefamu dubbate. Zaynab Makkaa keessaa baasee bakka buufataatti geesse. Zaynab madaa argatteen dhukkubsatte. Ulfa turte; yommuu Madiinaa geessu daa’ima ishee gatte. Rasuula alayhis-salaam kana yommuu dhaga’u baay’ee gadde.

Mushrikoonni Badritti injifatamanii haala hamaa keessatti dirree lolaa irraa baqachuun isaanii Makkaa keessatti rifaatii guddaa uume. Bu’aan isaan gonkumaa hin eegne, sammuu isaaniitti illee hin dhufne, mul’atee ture. Abuu Lahab fi mushrikoonni kaan dubbii nama oduu jalqaba fide hin amanne. Abuu Sufyaan, inni dirree lolaa irraa baqate, yommuu Makkaa dhufu, battaluma bira isaaniitti isa waaman. Abuu Lahab: “Yaa ilma obboleessa koo! Mee natti himi, akkamitti ta’e?” jedhee gaafate. Abuu Sufyaan achi bakka tokko taa’e. Namoonni baay’een dhaabatanii dhaggeeffachaa turan. Abuu Sufyaan akkana jedhee hime:

“Hin gaafatin; yommuu Muslimoota wajjin wal qunnamnu, akka waan harkii fi irreen keenya hidhameetti ture. Akkuma barbaadanitti nu irratti hojjetan. Gariin keenya ajjeesan, gariin keenya boojiidhaan qabatan. Nan kakadha, ani nama keenya keessaa tokkollee hin komadhu, hin ceephu. Sababni isaas yeroo sana, lafaa fi samii gidduutti, namoota adii uffatanii farda boora yaabbatan wajjin wal qunnamne. Isaan dura wanti dandamatu, namni morkatus hin turre!”

Garbichi Abbaas, Abuu Raafi’, inni bara jalqabaa Islaamummaa Muslima ta’us hamaa mushrikootaa sodaatee Islaamummaa isaa ifatti hin baasin, achi ture. Abuu Raafi’, inni callisee isaan dhaggeeffachaa ture, gammachuu isaatiin waan hunda irraanfatee: “Wallaahi, isaan maleykota!” jedhee itti baase.

Abuu Lahab kabalee cimaa itti dhahee, ol fuudhee lafatti isa dhahe. Baay’ees isa rukute. Kana irratti haati manaa Abbaas Ummul-Fadl, isheen achi turte, of qabuu hin dandeenye. Sababni isaas isheenis duraan Muslima taatee turte. Ummul-Fadl utubaa kutaa keessa jiru keessaa tokko fudhattee: “Namni isaaf dhaabatu waan hin jirreef dadhabaa isa argite mitii?” jettee Abuu Lahabin jabinaan rukutte. Mataan Abuu Lahab caccabe. Dhiigni yaa’aa, salphatee, tuffatamee fi xiqqeeffamee garagalee deeme. Guyyaa torba booda Allaahu ta’aalaan dhukkuba ‘madaa gurraacha’ jedhamu itti kenne. Dhukkuba kanaan du’e. Ilmaan isaa halkan lama yookaan sadii utuu hin awwaalin isa dhiisan. Dhuma irratti ajaa’uu jalqabe. Namni hundi dhukkuba Abuu Lahabin qabe sana irraa akka waan xaa’uunaa irraa baqatanitti baqachaa, ni jibbu turan. Kana irratti namni Quraysh keessaa tokko ilmaan Abuu Lahabiin: “Wayyoo isin! Hin qaanoftanii? Abbaa keessan hamma ajaa’utti mana keessatti dhiiftan. Yoo xiqqaate bakka tokkotti awwaalaatii ija namaa irraa dhoksaa” jedhe. Ilmaan isaa namicha sanaan: “Nuti dhukkuba isa irra jiru sodaanna!” jedhanii deebisan. Kana irratti namichi: “Isin deemaa, anis nan dhufa; isin nan gargaara” jedheen. Achiis sadanuu walitti qabaman. Baatanii bakka fagoo tokkotti dhiisan. Hanga hin mul’anneetti dhagaa irratti darbatan. Akkasiin Abuu Lahab mana bara baraan adabbii fi ibidda keessa turu, qabrii isaa dukkanaa’aa fi boolla Jahannam ta’e seene.

Qurayshoota Badritti boojiidhaan qabaman keessa Waliid bin Waliidis ture. Abdullaah bin Jahsh isa boojiidhaan qabatee ture. Obboloonni Waliid, Hishaam fi Khaalid bin Waliid kan yeroo sana Muslima hin taane, gara Madiinaa dhufan. Abdullaah bin Jahsh hamma fidyaa-i najaat, jechuunis maallaqni furii bilisummaa kaffalamutti isa gadhiisuu hin barbaanne. Obboloota isaa keessaa Khaalid itti walii gale; garuu Hishaam, obboleessi isaa abbaa tokko haadha garaa garaa, hin fudhanne. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii meeshaa waraanaa fi qophii abbaa isaanii akka kennan dhiheesse. Kanatti Hishaam walii gale, garuu Khaalid hin fudhanne. Dhuma irratti goraadee, uffata lolaa fi gonfoo abbaa isaanii, kan gatiin isaa diinaara dhibba tokko ta’e, irratti walii galan. Waliid boojummaa jalaa baasanii gara Makkaa karaa qabatan. Garuu Waliid karaa Makkaa irratti, Zul-Hulayfaa kan Madiinaa irraa maayilii afur fagaatu keessatti isaan irraa addaan ba’ee Nabiyyii keenya kabajamaa bira dhufee, amanee Sahaabota keessaa tokko ta’e. Erga Muslima ta’ee yeroo muraasa booda gara Makkaa obboloota isaa bira deeme. Yeroo sana Khaalid bin Waliid: “Muslima ta’uuf yoo jirte, maaliif furii utuu hin kaffalamin dura hin taane? Yaadannoo abbaa keenya irraa hafe harka keenya keessaa baafte. Maaliif akkas goote?” jedhee yommuu gaafatu: “Qurayshoonni: ‘Boojummaa dandamachuu dadhabee Muhammad alayhis-salaam hordofe’ akka hin jenne sodaadhe” jedhee deebise.

“Yaa Abbaas! Muslima ta’uu kee Allaahu ta’aalaatu beeka. Yoo dhugaa dubbatte, Allaahu ta’aalaan mindaa isaa dhugumaan siif kenna. Garuu ati akka mul’atutti nu irratti dhaabatte. Kanaafuu maallaqa furii kee kaffaluun si irra jira” Hadiisa shariifa

Obboloonni isaa deebii kanatti baay’ee aaranii, ilmaan Makhzuum keessaa Muslimoota tokko tokko, Ayyaash bin Abii Rabii’aa fi Salamaa bin Hishaam (radiyallaahu anhumaa) wajjin mana hidhaa keessatti isa hidhan. Waliid bin Waliid (radiyallaahu anhu) waan amaneef waggoota hedduu mana hidhaa ture. Adeera isaa Hishaam, diinota Islaamummaa jabboo keessaa tokko, fi firoota isaa mushrikoota irraa miidhaa fi dararaa baay’ee arge. Rasuula Kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) Ayyaash bin Abii Rabii’aa, Salamaa bin Hishaam fi Waliid, warra cunqursaa mushrikootaa jala jiraniif akkana jedhee du’aa godhe: “Yaa Rabbii! Waliid bin Waliid, Salamaa bin Hishaam, Ayyaash bin Abii Rabii’aa fi mu’minoota biroo kanneen dadhaboo (harka kaafirootaa keessatti dhiphatanii fi humna dhabeeyyii) ta’anii mul’atan baraari. Yaa Rabbii, Mudar (Quraysh) caalaatti (baay’ee cimaatti) dhiibi. Waggoota kana (isaaniif) akka waggoota Yuusuf godhi.”

Barakaa du’aa Sayyida keenya Ergamaa Rabbiitiin Waliid carraa argatee bakka itti hidhamee ture keessaa baqate. Madiinatul-Munawwaraa dhufee Nabiyyii keenya jaalatamaa ga’e. Habiibullaah haala Ayyaash bin Abii Rabii’aa fi Salamaa bin Hishaam yommuu gaafatu, miilla isaaniitiin walitti hidhamanii adabbii fi dararaa cimaa jalatti akka rakkachaa jiran itti hime.

Sulxaanni Uumamaa haala isaaniitti baay’ee gaddee, karaa isaan itti baraaraman barbaade. Eenyutu isaan baraaruu danda’a jedhee yommuu gaafatu, Waliid, waggoota hedduu dararaa jala turus, ija jabina fi jaalala guddaadhaan: “Yaa Ergamaa Rabbii! Ani isaan baraaree isinitti nan fida” jedhee deebise. Ammas Makkaa dhufee, dubartii nyaata isaaniif geessitu tokko hordofuun bakka Muslimoonni dararamaa jiran beeke. Lamaan isaanii iyyuu mana bantii hin qabne keessatti hidhamanii turan. Waliid halkan, du’a ija keessa ilaalee, ija jabina guddaadhaan dallaa irraa gad bu’ee hiriyyoota isaa bira ga’e. Miidhamtoonni lamaan, kanneen amanuu malee yakka biraa hin qabne, mushrikootaan dhagaa tokkotti hidhamanii, ho’a gubaa qilleensa gammoojjii Ardii Arabaa keessatti miidhaa gosa hundaa argaa turan. Waliid obboloota isaa eebbifamoo kana baraaree gaala isaa irra yaabbachiise. Ofii isaatii immoo miilaan, miila qullaa, gara Madiinatul-Munawwaraa, gara Ergamaa Rabbii isa baay’ee jaallatu dafee ga’uuf karaa qabate. Ho’a gubaa gammoojjii utuu hin taane, jaalala Sayyida Aalamootaa ga’uutu isa gubaa ture.

Beela’ee, dheebotee, miila qullaa guyyaa sadiitti Madiinaa ga’e. Qubbeen miilla isaa dhagaadhaan caccabanii turan. Waliid bin Waliid dhiigaan liqimfamee Habiibullaah isa baay’ee jaallatu ga’e.

Injifannoon Badr Muslimoota gammachuu guddaa keessa galche. Mushrikoonni garuu gaddaa fi kasaaraa guddaa keessa kufan. Najaashiin, mootiin Habashaa, Sayyida keenya Ergamaan Rabbii injifachuu isaa yommuu dhaga’u, battaluma Sahaabota biyya isaa jiran bira dhaqee: “Galanni Allaahu ta’aalaa, Isa Rasuula Isaa Badritti injifachiisee injifannoo isaaf kenneef haa ta’u” jedhee oduu gammachiise.

Wantoota Lola Badr booda ta’an

Nabiyyiin keenya jaalatamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) Madiinaa keessatti Yahuudota wajjin, munaafiqoota akka Abdullaah bin Ubayy kanneen Muslima fakkaatan wajjin, akkasumas mushrikoota wajjin falmachaa ture. Kana malees gosoota mushrikootaa Madiinaa ala jiran gara Islaamummaatti waamaa, akka Muslima ta’uudhaan kabajamaniif carraaqaa ture. Duulonni akka Qarqaraa, Banii Qaynuqaa’, Sawiiq, Ghaxafaan, Bahraan… hundi Lola Badr booda godhaman.

Wantoota bara lammaffaa Hijraa keessa raawwataman tokko tokko

Bara kana zakaan farda (dirqama) ta’uu, sadaqaa fixrii kennamuu, salaanni iidaa salaatamuu fi qalmi qalamuu ajajni dhufe. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii intala isaa Ummu Kulsuum Usmaaniif heerumsiise. Intala Umar Hafsaa fi Zaynab bint Khuzaymaa (radiyallaahu anhumaa) fuudhe. Ilmi Aliyyi Hasan dhalate.

Aa’ishaa fuudhuu isaa

Nabiyyiin keenya kabajamaan utuu Makkaa jiruu Aa’ishaa kadhatee ture, garuu cidhi isaanii amma iyyuu hin taane ture. Guyyaa tokko Abuu Bakr Hogganaa Aalamaatiin: “Yaa Ergamaa Rabbii! Maaltu haadha manaa keessan wajjin walitti dhufuu irraa isin dhowwe?” jedhee gaafate. Ergamaan Rabbii: “Mahrii dha” jedhe. Abuu Bakr maallaqa mahrii Ergamaa Rabbiif erge.27

Kana irratti cidhi haadha teenya Aa’ishaa ta’e. Yeroo sana Nabiyyiin keenya kabajamaan umurii waggaa shantamii shanii ture.28 Haati teenya Aa’ishaa baay’ee qaroo fi dandeettii qabdu turte; wantoota ta’an yeruma sanatti walaloodhaan dubbachuu dandeessi turte. Waan barattee fi qalbiin qabatte gonkumaa hin irraanfattu turte. Baay’ee sammuu qabeettii, qaroo, hayyuu, ogeettii afaanii, qulqulluu fi gaarii turte. Yaadannoon ishee baay’ee cimaa waan tureef, Sahaabonni waan baay’ee ishee gaafatanii barachaa turan. Aayata kabajamaatiin jajamte.

Duula gara Qarqarat al-Kudr

Banii Sulaym fi Ghaxafaan keessaa gareen tokko Qarqaraatti walitti qabamuu isaanii oduun dhufe. Kana irratti Nabiyyiin keenya kabajamaan Muhaajirootaa fi Ansaar keessaa namoota dhibba lama wajjin Madiinaa irraa ka’e. Madiinaatti Ibn Ummu Maktuum bakka bu’aa ta’ee dhiifamee ture. Alaabaa adii Aliyyitu baatee ture. Bakka sana ga’an, garuu nama tokkollee hin arganne; mushrikoonni dhufuu loltoota Islaamaa dhaga’anii bakka sana dhiisanii turan. Sulula keessa deemaa utuu jiranii, nama gaala tiksu tokko qunnaman. Isa Banii Sulaym fi warri Ghaxafaan eessa akka jiran gaafatan. Tiksichi: “Horii isaanii akkan tiksuuf guyyaa shaniif na qacaranii turan. Amma eessa akka jiran hin beeku” jedhe. Gaalli dhibba shan boojuu ta’ee qabame. Tiksee Yasaar jedhamus boojiidhaan qabame. Sulula Qarqarat al-Kudr keessa halkan sadii erga bulanii booda, gaala oofanii gara Madiinaatti ka’an. Nabiyyiin keenya kabajamaan bakka Diraar jedhamutti gaala keessaa harka shan keessaa tokko adda baasee kan hafe qoode. Namni hundi gaala lama argate. Guyyaa itti aanu salaata Subhii salaatanii utuu jiranii, tiksichi Yasaar jedhamu kun isaan wajjin salaatuu isaa argan. Nabiyyiin keenya kabajamaan garbicha sana bilisa baase. Achiis nagaan gara Madiinaatti deebi’an.

“Wallaahi, nama akka kee (Uqbaa bin Abii Mu’ayt) hamaa, kan Allaahu ta’aalaa, rasuula Isaa fi Qur’aana Kabajamaa waakkatee, nabiyyii isaa dararaa irraa dararaatti galche, hin beeku” Hadiisa shariifa

Lubbuun ibidda hawwii daangaa hin qabneetiin gubattu hundi nuura taati;
Onneen dhukkuba jaalalaatiin diigamte immoo deebitee ni ijaaramti.

Duula Banii Qaynuqaa’

Guyyaa tokko Yahuudonni Banii Qaynuqaa’ dubartii Muslimaa tokkotti qoosuu barbaadanii turan; Sahaabota keessaa tokko kana argee battaluma goraadee isaa luqqifatee Yahuudicha sana ajjeese. Yahuudonnis walitti qabamanii Sahaabaa eebbifamaa sana shahiida godhan. Taateen kun Nabiyyii keenya kabajamaatti himame. Rasuula Kabajamaan gabaa Qaynuqaa’tti isaan walitti qabee: “Yaa garee Yahuudotaa! Adabbii Allaahu ta’aalaan Quraysh irratti buuse fakkaatu akka isin hin qabanne sodaadhaa; Muslima ta’aa. Ani nabiyyii Allaahu ta’aalaa biraa ergame ta’uu koo sirriitti ni beektu. Kanas, waadaa Allaahu ta’aalaan isin wajjin gales kitaaba keessan keessatti dubbiftaniittu…” jedhe.

“Galanni Allaahu ta’aalaa, Isa Rasuula Isaa Badritti injifachiisee injifannoo isaaf kenneef haa ta’u” Najaashii Ashamaa (rahmatullaahi alayhi)

Duula Banii Qaynuqaa’

Rahmata kana illee utuu argatanii, Yahuudonni waliigaltee raawwatan cabsanii Sulxaana Aalamootaatiin: “Yaa Muhammad! Saba lola beekuu hin dandeenye injifachuun kee si hin gowwoomsin! Ni kakanna, nuti namoota lolaa ti! Yommuu nu wajjin lola jalqabdu qofa akkamitti gootota akka taane ni hubatta!…” jedhanii morkii labsan. Akkasiin waliigaltee duraa cabsanii morkachuu isaanii ifatti baasan. Kana irratti Jibriil alayhis-salaam wahyii fide; keessatti hiikaan akkana jedhame: “(Yaa Habiiba Koo!) Yoo saba (si wajjin) waliigaltee raawwate tokko irraa ganuu (hojii waliigaltee faallessu) sodaatte, waadaa isaanii akka diddu (utuu lola hin labsin dura) haqaa fi qajeelummaadhaan kallattiin isaanitti beeksisi. Sababni isaas Allaahu ta’aalaan warra ganan hin jaallatu.”29

Aayata kabajamaa biraa keessattis hiikaan akkana jedhame: “Yaa Rasuula Koo! Yahuudota kaafiroota ta’an saniin jedhi: Isin dhugumaan ni injifatamtu; walitti qabamtanii gara Jahannamitti ni harkifamtu; Jahannam sun bakka jireenyaa akkam hamaa dha!”30

Jaalalleen Kabajamaan battaluma, walakkaa ji’a Shawwaal guyyaa Sanbataa, waraana ijaaree gara masaraa Yahuudonni Qaynuqaa’ keessa jiraniitti deeme. Alaabaa adii Hamzaatu baatee ture; Madiinaatti immoo Abuu Lubaabaa bakka bu’aa ta’ee dhiifamee ture.31

Waraanni eebbifamaan masaraa Qaynuqaa’ marse. Yahuudonni, warri “Nuti gootota lolaa akkamii ti!..” jedhan, morkachuu dhiisii, masaraa isaanii keessaa xiyya tokko illee darbachuuf ija hin jabaanne. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii karaa seensaa fi ba’iinsaa to’annaa jala galche. Namni tokkollee ala ba’uu hin dandeenye. Haalli kun guyyaa kudha shan itti fufe.32

Yahuudonni sodaan qabamanii harka kennan. Tokkoon tokkoon isaanii ajjeefamuu utuu qabanii, Nabiyyiin keenya jaalatamaan, inni aalamaaf rahmata ta’ee ergame, rahmata godhee Yahuudonni Qaynuqaa’ gara Shaam akka deeman hayyameef. Namni tokkollee naannoo sana akka turu hin hayyamamne. Akkasiin lafa Madiinaa irraa baafaman.33 Banii Qaynuqaa’ biyya isaanii irraa godaanan. Qabeenyii fi meeshaan waraanaa isaanii Muslimootaaf boojuu ta’e.

Duula Sawiiq

Abuu Sufyaan Lola Badr irraa baqatee yommuu Makkaa ga’u, hamma Muhammad (sallallaahu alayhi wa sallam) irraa haaloo baafatutti “mataa isaa zayitii akka hin dibanne fi haadhota manaa isaa bira akka hin dhaqne” waadaa (nazrii) gale. Bara lammaffaa Hijraa, guyyaa Dilbataa, guyyaa shanaffaa ji’a Zul-Hijjaa, waadaa isaa raawwachuuf loltoota fardaa dhibba lama wajjin gara Madiinaa ka’e. Halkan tokko Madiinaatti mana nama tokkoo dhaqee waa’ee Nabiyyii keenya kabajamaa gaafate. Namni sun isa hin dhaggeeffanne.

Balbala isaa illee isaaf hin banne. Abuu Sufyaan achii ka’ee Sallaam bin Mishkam bira keessummaa ta’e. Guyyaa itti aanu achii ka’ee naannoo Urayd dhufe. Naannoo sanatti Ansaar keessaa Ma’bad bin Amr fi tajaajilaa isaa qunnamee, utuu hojii isaanii irra jiranii ajjeese; isaan shahiida ta’an. Lafa timiraa tokko ibiddaan gube. “Kakuun koo raawwate” jedhee achii deeme.

Taateen kun yommuu Nabiyyii keenya kabajamaaf (sallallaahu alayhi wa sallam) himamu, Abuu Lubaabaa Madiinaatti bakka bu’aa godhee dhiisee, namoota dhibba lama wajjin Abuu Sufyaan duukaa bu’e.

“Isin dhugumaan ni injifatamtu; walitti qabamtanii gara Jahannamitti ni harkifamtu; Jahannam sun bakka jireenyaa akkam hamaa dha!” Aal Imraan: 12

Mushrikoonni kana yommuu dhaga’an baqachuu jalqaban. Of baraaruuf, fe’iisa isaanii fi midhaan gosa “sawiiq” jedhan, okkotee bilcheessuuf fidan wajjin achitti dhiisanii baqatan. Muslimoonni kana argatanii boojuu godhatan. Kanaafuu duulli kun duula Sawiiq jedhama.

Aliyyii fi Faaximaa wal fuudhuu isaanii

Bara lammaffaa Hijraa ture. Intalli Boonsa Uumamaa (sallallaahu alayhi wa sallam), Faaximaan, umurii waggaa kudha shanii geessee turte.

Guyyaa tokko Faaximaan tajaajila tokkoof Rasuula Kabajamaa bira seentee turte. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii intalli isaa umurii heerumaa ga’uu ishee arge. Guyyaa sanaa kaasee namoonni baay’een haadha teenya Faaximat az-Zahraa kadhatan. Rasuula alayhis-salaam isaan hin dhaggeeffanne: “Dhimmi ishee ajaja Haqq ta’aalaa irratti hundaa’a” jedhe.

Guyyaa tokko Abuu Bakr, Umar fi Sa’ad bin Mu’aaz masjiida keessa taa’anii: “Aliyyi malee namni hundi Faaximaa kadhate. Namni tokkollee hin dhaggeeffatamne” jedhanii haasa’an. Siddiiqni: “Aliyyiif akka ta’u nan yaada. Kottaa isa daawwachuu deemnee dhimma kana kaasnaa. Yoo hiyyummaa isaa sababa godhate, haa gargaarru” jedhe. Sa’ad immoo: “Yaa Abuu Bakr! Ati yeroo hunda waan gaarii hojjetta. Ka’i, nutis si wajjin haa deemnu” jedhe. Sadanuu masjiida keessaa ba’anii Aliyyi wajjin dubbachuuf deeman. Aliyyi gaala isaa fudhatee deemee, lafa timiraa nama Ansaar tokkoo bishaan obaasaa ture. Yommuu isaan argu, simatee haala isaanii gaafate. Abuu Bakr: “Yaa Aliyyi! Hojii gaarii hunda keessatti ati dursaa dha; Rasuula Kabajamaa birattis sadarkaa nama biraatiif hin kennamne irra jirta. Namni hundi Faaximaa kadhate. Namni tokkollee hin dhaggeeffatamne. Siif akka ta’u ni yaadna. Maaliif tarkaanfii hin fudhattu?” jedhee gaafate.

Aliyyi kana yommuu dhaga’u, iji isaa eebbifamaan imimmaaniin guutame: “Yaa Abuu Bakr! Baay’ee na gubde. Ishee ana caalaa namni hawwu hin jiru. Garuu harka qallaba ta’uun koo kana dhowwa” jedhe. Abuu Bakr: “Akkas hin jedhin. Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaa biratti addunyaan waan tokkollee miti. Hiyyummaan kanaaf gufuu ta’uu hin danda’u. Deemii kadhadhu” jedhe.

Aliyyi akkana jedha: “Qaanii fi dhiphinaan Ergamaa Rabbii bira seene. Ergamaan Rabbii sodaachisummaa fi ulfina isaa hunda qaba ture. Bira isaa taa’ee dubbachuu hin dandeenye. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii: ‘Maaliif dhufte, wanti si barbaachisu jiraa?’ jedhe. Callise. ‘Faaximaa kadhachuuf dhufte ta’a’ yommuu jedhu, ‘Eeyyee’ jechuu qofan danda’e. (Nabiyyiin keenya kabajamaan Aliyyi ishee kadhachuu isaa Faaximaatti beeksise. Isheenis callifte.) Nabiyyiin keenya kabajamaan: ‘Faaximaaf mahrii godhattee maal kennita?’ jedhe. ‘Waan isheef kennamu tokkollee na bira hin jiru, yaa Ergamaa Rabbii’ jedhe.”

Ammas: “Uffanni lolaa Huxamii ani siif kenne eessa jira, maal ta’e?” jedhe. Aliyyi: “Na bira jira” yommuu jedhu: “Isa gurgurii maallaqa isaa naaf fidi. Mahrii godhachuuf ga’aa dha” jedhe.34 Akka riwaayaa biraatti, Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Aliyyiin: “Maaltu si bira jira?” yommuu jedhu: “Farda koo fi uffata lolaa koo qaba” jedhee deebise; Sayyida keenya Ergamaan Rabbiis: “Fardi kee si barbaachisa, garuu uffata lolaa kee gurguri” jedhe. Akka riwaayaa biraattis: “Yaa Aliyyi, deemii mana ofii keetiif kireeffadhu” jedhe.

Aliyyi hanga fuudhutti Nabiyyii keenya kabajamaa wajjin jiraachaa ture. Ajaja Nabiyyii keenya kabajamaatiin, mana Haarisaa bin Nu’maan kan Masjidun-Nabawii bira, kutaa Aa’ishaa fuuldura jiru kireeffate. Uffata lolaa isaas gabaatti erge. Usmaan (radiyallaahu ta’aalaa anhu) gabaa keessa naanna’aa utuu jiruu uffata lolaa Aliyyi beeke. Labsaa gabaa waamee: “Abbaan uffata lolaa kanaa gatii meeqa barbaada?” jedheen. Labsaan: “Dirhama dhibba afur barbaada” jedhe. Usmaan (radiyallaahu anhu): “Kottu maallaqa kee fudhadhu” jedhe. Achiis gara mana isaa eebbifamaa deeme. Uffata lolaa labsaa irraa fudhatee maallaqa isaa kenne. “Uffanni lolaa kun isa malee nama biraaf hin malu. Maallaqa kanas cidhaaf haa baasu. Dhiifama keenyas haa fudhatu” jedhe. Dirhama dhibba afur kennee, uffata lolaa isa irra kaa’ee, kennaa godhee Aliyyiif erge. Aliyyi uffata lolaa fi dirhamoota fudhatee yommuu Nabiyyii keenya bira dhufu, Nabiyyiin keenya kabajamaan Usmaaniif du’aa gaarii baay’ee godhee: “Usmaan Jannata keessatti hiriyyaa koo ti” jedhe. Achiis Bilaal Habashii waamee maallaqa keessaa garii kennee akkana jedhee ajaje: “Maallaqa kana fudhadhuu gabaa ba’i! Bishaan wardii xiqqoo, maallaqa hafeen immoo damma bitadhuu golee masjiidaa tokkotti qodaa qulqulluu tokko keessatti bishaaniin makaa. Dhugaatii dammaa qopheessaa; erga nikaahni hidhamee booda haa dhugnu. Ansaarii fi Muhaajiroota keessaa Sahaabota koo achi jiran masjiidatti affeeri; nikaahni Faaximaa fi Aliyyi akka hidhamu ummataaf labsi.”

Bilaal Habashii ala ba’ee nikaahni Aliyyii fi Faaximaa akka hidhamu ummataaf labse. Sahaabonni Masjidun-Nabawii dhufanii keessaa fi alaa guutan. Yeroo sana Nabiyyiin keenya kabajamaan ka’ee khuxbaa kana dubbise: “Faaruu fi galanni hundi kan Rabbii aalamaa ti. Inni qananii kennuun faarfamu, humnaa fi cimina Isaa daangaa hin qabneef gabbaramu, adabbii fi herrega Isaa sodaatamu, murtii fi ajajni Isaa lafa fi samiiwwan keessatti mo’u Isa. Inni uumamtoota humna Isaatiin uume, murtii Isaa haqaatiin addaan baase, namoota amantii (Islaamaa) fi nabiyyii Muhammadiin (alayhis-salaam) kabaje Isa… Allaahu ta’aalaan intala koo Faaximaa Aliyyi bin Abii Xaalibiif nikaahaan akkan kennu na ajaje. Amma isin ragaa nan godhadha: ani (ajaja Allaahu ta’aalaatiin) mahrii meetii misqaala 400n Faaximaa Aliyyi bin Abii Xaalibiif nikaahaan kenneera. Rabbiin koo jireenya isaanii walitti haa fidu, kanas isaaniif haa eebbisu. Sanyii isaanii qulqulluu, furtuu rahmataa, albuuda hikmataa fi ummata Muhammadiif madda nagaa haa godhu.

Waan ani jechuu qabu kana. Ofii kootii fi isiniif Rabbii koo irraa araara nan kadhadha.”

Achiis Aliyyis ka’ee khuxbaa gabaabaa kana dubbise: “… Muhammad alayhis-salaam, isa nuti fuuldura isaa jirru, kan intala isaa eebbifamaa Faaximaa mahrii meetii misqaala 400n anaaf nikaahaan kenneef salaataa fi salaama nan buusa. Yaa obboloota koo amantii! Shakkii malee waan Nabiyyiin keenya kabajamaan jedhe dhageessaniittu, ragaas taataniittu. Anis kanaaf ragaa dha, itti nan gammada. Akkuma jirutti nan fudhadha. Allaahu ta’aalaan dubbii hunda keenyaaf ragaa dha, hunda keenyaaf wakiila dha.”35

“Usmaan Jannata keessatti hiriyyaa koo ti” Hadiisa shariifa

Akdi nikaahaa erga xumuramee booda, Nabiyyiin keenya kabajamaan timira jiidhaa fiddisiisee: “Kottaa timira kana irraa fudhadhaa nyaadhaa” jedhe. Namni hundi fudhatee nyaate. Achiis Bilaal dhugaatii dammaa raabse; isas dhugan; Sahaabonni hundi: “Baarakallaahu fiikumaa wa alaykumaa wa jama’a shamlakumaa” jedhanii du’aa godhan. Yeroo nikaahni hidhamu Faaximaan (radiyallaahu anhaa) waggaa kudha shan, Aliyyi (radiyallaahu anhu) immoo waggaa digdamii shan ture.

Nikaahaa booda Faaximaan boossee turte. Nabiyyiin keenya kabajamaan bira ishee dhufee: “Yaa Faaximaa! Maaltu si qabe kan ati boosse? Allaahu ta’aalaan kakadha, ani warra si kadhatan keessaa isa caalaatti beekaa, obsaa fi sammuudhaan isa caalaatti ol’aanaa fi isa Muslima ta’e jalqabaatti nikaahaan si kenneera” jedhe. Faaximaan: “Abbaa! Mahriin intala heerumtu hundaa warqee fi meetiidhaan madaalamee murtaa’a. Yoo mahriin koos akkas murtaa’e, isinii fi warra kaan gidduu garaagarummaan maal jira? Guyyaa Qiyaamaa isin mu’minoota cubbamoota keessaa hammam iyyuu nama shafaa’aa gootaniif, anis haadhota manaa isaaniitiif shafaa’aa gochuun barbaada. Fedhiin koo kana” jette.

Allaahu ta’aalaan fedhiin Faaximaa kun akka fudhatame yommuu beeksisu, Sayyida keenya Ergamaan Rabbii: “Yaa Faaximaa, mucaa nabiyyii ta’uu kee agarsiifte!” jedhe.

Aliyyi akkana jedhe: “Wantoota kanaa booda ji’oonni muraasni darban. Walga’ii keessatti waa’ee kanaa dubbiin hin kaane. Anis hijaaba, jechuunis saalfannaa kootiin afaan koo banuu hin dandeenye. Garuu Sayyida keenya Ergamaan Rabbii yeroo tokko tokko yommuu kophaa koo na argu: ‘Haati manaa kee akkam dubartii gaarii dha! Oduu gammachiisaa siif haa ta’u: isheen sayyidittii dubartoota aalamaa ti’ jedha ture.”

Guyyoota sanatti Aqiil, obboleessi Aliyyi: “Yaa Aliyyi! Akdi heerumaa kanaan gammadneerra. Garuu fedhiin koo namoonni gammadoon lamaan kun walitti akka dhihaatan” yommuu jedhu, Aliyyi: “Fedhiin koos sana; garuu nan qaana’a” jedhe. Aqiil harka Aliyyi qabatee, yommuu mana Nabiyyii keenya kabajamaa ga’an, Ummu Ayman, tajaajiltuu Ergamaa Rabbii, argatan. Dhimma sana itti himan. Ummu Ayman: “Kanaaf dhufuun isin hin barbaachisu. Nuti haadhota manaa qulqulluu wajjin walii galle oduu isinii ergina. Sababni isaas dhimma akkasii keessatti dubbiin dubartootaa dhaggeeffatama” jette.

Ummu Ayman dhimma kana haadhota manaa Ergamaa Rabbiitti himte. Haadhonni manaa qulqulluun kaan mana Aa’ishaa dhufan. Khadiijaa yaadatanii: “Utuu isheen lubbuun jiraattee, yaaddoo hin qabnu turre” jedhan. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii boo’ee akkana jedhe: “Dubartiin akka Khadiijaa eessa jirti? Yeroo namoonni na sobsiisan isheen na dhugoomsite; qabeenya ishee hundas karaa koo irratti baaste. Amantii Islaamaa baay’ee gargaarte. Yeroo isheen lubbuun jirtu, Haqq ta’aalaan: ‘Khadiijaaf oduu gammachiisaa himi: Jannata keessatti isheef masaraan zumurruda irraa ijaarameera’ jedhee na ajaje.” Haadhonni manaa Sayyida keenya Ergamaa Rabbii fedhii Aliyyi dhiheessan. Kana irratti Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Ummu Ayman akka Aliyyi waamtu ajaje. Yommuu Aliyyi dhufu, dubartoonni walga’ii keessa turan ka’anii deeman. Aliyyi mataa isaa gad qabatee taa’e. Ergamaan Rabbii: “Haadha manaa kee barbaaddaa, yaa Aliyyi?” jedhe.

Aliyyi (radiyallaahu anhu): “Eeyyee, yaa Ergamaa Rabbii! Haati koo fi abbaan koo aarsaa isinii haa ta’an” jedhe. Rasuula Kabajamaan Asmaa’ bint Umaysiin: “Deemii mana Faaximaa qopheessi” jedhe. Asmaa’ mana Faaximaan misirroo taatee itti deemtu dhaqxe. Teessoo lallaafaa tokko gogaa haaraa irraa, tokko gogaa irra hodhame irraa, tokko immoo afaa irraa hojjettee, keessa isaanii haphii timiraatiin guutte. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii salaata Ishaa’ii booda mana Faaximaa dhufee waan qophaa’e ilaale.

Nabiyyiin keenya maallaqa Aliyyi fide keessaa harka sadii keessaa lamaan wantoota akka nyaataa, faayaa fi urgooftuu, harka sadii keessaa tokkoon immoo uffata akka bitamu ajajee meeshaa manaa guutchise. Qophii heerumaa fi meeshaa manaa Faaximaa keessa wantoonni kunneen turan: teessoowwan lallaafoo sadan Asmaa’ bint Umays qopheessite, afata handaara qabu tokko, boraatii haphii timiraatiin guutame tokko, dhagaa daakuu harkaa lama, qalqalloo bishaanii tokko, okkotee bishaanii supheedhaan hojjetame tokko, xuuxoo gogaa irraa hojjetame tokko, foota tokko, uffata gadii tokko, gogaa korbeessa hoolaa duuffame tokko, afata Yamanii halluu adda addaa qabu kan dulloomee rifeensi irraa harca’e tokko, teessoo dheeraa baala timiraa irraa hodhame tokko, uffata Yamanii halluu adda addaa qaban lama fi haguuggii viliveetii tokko. Kana booda Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Aliyyiif maallaqa xiqqoo kennee timiraa fi dhadhaa akka bitu itti hime. Aliyyi waan kana booda ta’e akkana jedhee hime:

“Dirhama shaniin timira, dirhama afuriin dhadhaa bite. Ergamaa Rabbii bira fide. Inni maaddii gogaa tokko gaafate. Timira, daakuu, dhadhaa fi itittuu harka isaa eebbifamaan walitti makee nyaata gosa tokko qopheesse; achiis: ‘Yaa Aliyyi! Deemii nama argatte hunda fidi’ jedhe. Ani ala ba’ee namoota baay’ee arge; hunda isaanii affeeree ol seenee: ‘Yaa Ergamaa Rabbii! Namni baay’ee dha’ jedhe.

Sayyidni Aalamootaa, Boonsi Uumamaa: ‘Kudhan kudhaniin ol galchi, nyaata haa nyaatan’ jedhe; akkasumas godhe. Lakkaa’an; dhiiraa fi dubartii namoonni dhibba torba nyaatanii quufanii turan.”

Erga nyaanni cidhaa Aliyyii fi Faaximaa nyaatamee booda, akka Ummu Ayman beeksisetti, Nabiyyiin keenya kabajamaan Aliyyiin: “Yaa Aliyyi, intalli koo Faaximaan misirroo taatee gara mana keessanii deemteetti. Anis salaata Maghribii booda dhufee du’aa nan godha. Na eeggadhaa” jedhe.

Aliyyi mana yommuu dhufu golee tokkotti taa’e. Faaximaanis golee mana keessaa biraatti teesse. Achiis Sayyida keenya Ergamaan Rabbii dhufee balbala rukute. Ummu Ayman balbala banteef.

Ergamaan Rabbii: “Obboleessi koo as jiraa?” jedhe. Ummu Ayman: “Haati koo fi abbaan koo aarsaa isinii haa ta’an, yaa Ergamaa Rabbii! Obboleessi keessan eenyu?” jette. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii: “Aliyyi bin Abii Xaalib” yommuu jedhu, Ummu Ayman: “Intala keessan obboleessa keessaniif heerumsiiftanii?” jette. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii: “Eeyyee” jedhe. Ummu Ayman jecha Ergamaa Rabbii “Obboleessi koo as jiraa?” jedhu irraa nikaahni akka hin hayyamamne yaadde. Sayyida keenya Ergamaan Rabbiis “Eeyyee” jechuudhaan, wanti heeruma dhowwu haadha tokko irraa dhalachuu qofa ta’uu isaa akeeke.

Kana booda Sayyida keenya Ergamaan Rabbii Ummu Aymaniin: “Asmaa’ bint Umaysis as jirtii?” jedhe. “Eeyyee” jettee yommuu deebiftu: “Egaa intala Ergamaa Rabbii tajaajiluuf dhufte” jedhe. Ummu Ayman “Eeyyee” yommuu jettu: “Gaarii haa argattu” jedhee du’aa isheef godhe.

“Yaa Faaximaa! Maaltu si qabe kan ati boosse? Allaahu ta’aalaan kakadha, ani warra si kadhatan keessaa isa caalaatti beekaa, obsaa fi sammuudhaan isa caalaatti ol’aanaa fi isa Muslima ta’e jalqabaatti nikaahaan si kenneera” Hadiisa shariifa

Achiis qodaa bishaanii tokko fiddisiise. Harka isaa eebbifamaa dhiqatee bishaan sana keessa miskii xiqqoo naqe. Achiis Faaximaa waame. Faaximaan saalfannaa isheetiin uffata ishee ilaalaa turte. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii bishaan sana irraa xiqqoo fudhatee laphee, mataa fi dugda Faaximaatti facaasee akkana jedhee du’aa godhe: “Allaahumma innii u’iizuhaa bika wa zurriyyatahaa minash-shayxaanir-rajiim” (Yaa Rabbii koo, isheen fi sanyiin ishee hamaa sheyxaana dhagaan dhahamee ari’ame irraa akka eegamaniif Sitti baqadha). Achiis Aliyyiifis akkasuma godhee: “Allaahumma baarik fiihimaa wa baarik alayhimaa wa baarik lahumaa fii naslihimaa” jedhee du’aa godhe. Suuraa al-Ikhlaas fi al-Mu’awwizatayn dubbisee: “Maqaa fi barakaa Allaahu ta’aalaatiin haadha manaa kee bira seeni” jedhe. Achiis harka isaa eebbifamaan balbala lamaan qabatee barakaaf du’aa godhee achii deeme.36

Aliyyi akkana jedhe: “Cidha keenyaa guyyaa afur booda Sayyida keenya Ergamaan Rabbii mana keenya dhufuu isaatiin kabaje. Dubbii hikmataan guutame, kan onnee namaa hawwatuun nu gorsee: ‘Yaa Aliyyi! Bishaan fidi!’ jedhe. Ka’ee bishaan fide. Aayata kabajamaa tokko dubbisee: ‘Bishaan kana irraa xiqqoo dhugi. Xiqqoon haa hafu’ jedhe. Akkas godhe. Bishaan hafe mataa fi laphee kootti facaase. Ammas: ‘Bishaan fidi’ jedhe. Ammas bishaan fide. Akkuma anaaf godhe Faaximaafis godhe. Achiis ala na erge.”

Aliyyi erga ala ba’ee booda, intala isaa waa’ee Aliyyi gaafate. Faaximaan: “Abbaa, amaloonni guutummaa hundi isa keessa jiru. Garuu dubartoonni Quraysh tokko tokko: ‘Abbaan manaa kee hiyyeessa’ naan jedhu” jedhnaan, Sayyida keenya Ergamaan Rabbii akkana jedhe: “Yaa intala koo! Abbaan kee fi abbaan manaa kee hiyyeeyyii miti. Kuusaan fi qabeenyi lafaa fi samii hundi natti dhihaatan. Hin fudhanne. Waan Allaahu ta’aalaa biratti fudhatamaa ta’e fudhadhe. Yaa intala koo xiqqoo! Utuu ati waan ani beeku beektee, addunyaan ija kee duratti xiqqoo fi gadi aanaa taati turte. Allaahu ta’aalaan kakadha: abbaan manaa kee Sahaabota keessaa isa jalqabaa ti. Islaamummaa keessattis guddaa dha; beekumsaanis isa caalaatti gadi fagoo dha. Yaa intala koo! Allaahu ta’aalaan Ahlul-Bayt keessaa nama lama filate. Tokko abbaa kee, inni kaan abbaa manaa kee ti. Of eeggadhu, isa hin diddin; ajaja isaas hin morkatin.”

Boonsi Uumamaa (alayhi afdalus-salawaat) erga intala isaa gorsee booda Aliyyi waame. Isattis Faaximaa adaraa kennee: “Yaa Aliyyi! Miira Faaximaa eegi. Isheen kutaa koo ti. Gaariin ishee qabi. Yoo ishee gaddisiifte, ana gaddisiifta” jedhe. Lamaan isaaniis Allaahu ta’aalaatti adaraa kenne. Achiis ka’ee deemuuf utuu jiruu, Faaximaan: “Yaa Ergamaa Rabbii! Hojii manaa keessaa ani nan hojjedha. Hojii alaa Aliyyitu hojjeta. Yoo garbittii tokko naaf kennitan, hojii koo tokko tokko keessatti na gargaarti. Na gammachiiftu” jette. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii: “Yaa Faaximaa! Waan tajaajiltuu caalu siif kennuu, moo tajaajiltuu?” jedhe.

Haati teenya Faaximaan: “Waan tajaajiltuu caalu naaf kennaa” jette. Kana irratti Sayyida keenya Ergamaan Rabbii: “Guyyaa guyyaan yeroo ciistu si’a soddomii sadii ‘Subhaanallaah’, si’a soddomii sadii ‘Alhamdulillaah’, si’a soddomii sadii ‘Allaahu akbar’, si’a tokko immoo ‘Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, lahul-mulku wa lahul-hamdu wa huwa alaa kulli shay’in qadiir’ jedhi. Walumaa galatti jecha dhibba tokko dha. Guyyaa Qiyaamaa hasanaa (waan gaarii) kuma tokko argatta. Miizaana irratti hojiin kee gaariin ni ulfaata” jedhe. Achiis Nabiyyiin keenya kabajamaan mana intala isaa irraa ka’ee gara mana isaa eebbifamaa deeme.

Ajjeefamuu Ka’ab bin Ashraf

Injifannoo Badriitiin onnee Yahuudotaa fi mushrikoota taabota gabbaran kanneen Madiinaa keessa jiraniitti sodaan bu’e. Yahuudota keessaa tokko tokko haqaaf of gad qabanii: “Namni amaloota isaa kitaabota keenya keessatti dubbisnu dhugumaan isa kana. Amma isa morkachuun hin danda’amu. Sababni isaas inni yeroo hunda ni injifata” jedhanii Muslima ta’an. Gariin immoo: “Muhammad Quraysh warra waa’ee lolaa hin beekne wajjin lole. Kanaaf injifate. Utuu nu wajjin lolee, lolli akkamitti akka godhamuu fi injifannoon akkamitti akka argamu isatti agarsiifna turre” jedhan.

Yahuudiin Ka’ab bin Ashraf jedhamu tokko, injifannoo waraana Islaamaa Badritti dhaga’ee, jibba Muslimootaaf qabuun Makkaa deeme. Mushrikoota achi jiran walitti qabee, akka Madiinaa weeraraniif walaloo dubbatee isaan kakaase. Nabiyyii keenya kabajamaa wajjin loluuf isaan wajjin walii gale. Nabiyyii keenya jaalatamaa illee dhoksaan ajjeesuuf karoorfate. Allaahu ta’aalaan haala kana Sayyida keenya Ergamaa Rabbiitti beeksisee hiikaan akkana jedhe: “Isaan warra Allaahu ta’aalaan abaare (rahmata Isaa irraa fageesse) dha…”37

Kana irratti Rasuula Kabajamaan Sahaabota isaa ulfaatootiin: “Ka’ab bin Ashraf eenyutu ajjeesa? Sababni isaas inni Allaahu ta’aalaa fi Rasuula Isaa miidheera” jedhe.

Muhammad bin Maslamaa: “Yaa Ergamaa Rabbii! Akkan isa ajjeesu barbaadduu?” jedhee gaafate. Sayyida keenya Ergamaan Rabbii: “Eeyyee, nan barbaada” jedhe. Muhammad bin Maslamaa dhimma kana irratti guyyoota muraasa yaadee karoora baase. Hiriyyoota isaa Abuu Naa’ilaa, Abbaad bin Bishr, Haaris bin Aws fi Abuu Abs bin Jabr bira dhaqee dhimma sana isaanitti ibse. Hundi isaanii itti walii galanii: “Waliin isa ajjeesna” jedhan. Waliin Nabiyyii keenya kabajamaa bira dhufanii: “Yaa Ergamaa Rabbii! Yoo nuuf hayyamtan, utuu isa wajjin haasofnuu, waa’ee keessan dubbii Ka’abitti tolu tokko tokko jechuu ni dandeenyaa?” jedhan. Nabiyyiin keenya kabajamaan waan barbaadan akka jedhan hayyameef.

Kana irratti Muhammad bin Maslamaa hiriyyoota isaa wajjin Ka’ab bin Ashraf bira dhaqe. “Muhammad kun sadaqaa nu gaafate. Gibira baay’ee nu irra kaa’e. Kanaafuu si irraa waa liqeeffachuuf dhufe” jedhe. Ka’ab gammadee, Muhammad bin Maslamaan akka isaa yaada jedhee yaadee: “Inni ammas caalaatti isin dadhabsiisa” jedhe. Muhammad bin Maslamaa: “Kunoo, takkaa isa hordofneerra. Isa hordofuu itti fufna. Mee dhumni isaa maal akka ta’u haa ilaallu. Amma timira xiqqoo nu liqeessi” jedhe. Ka’ab: “Eeyyee nan liqeessa, garuu waan tokko qabdii naaf kennuu qabdu!” jedhe. Muhammad bin Maslamaa fi warri isa wajjin jiran: “Maal barbaadda?” jedhan. Ka’ab: “Dubartoota keessan qabdii nan barbaada” yommuu jedhu, itti hin walii galle. Ka’ab: “Egaa ilmaan keessan qabdii naaf kennaa” jedhe. “Isaanis qabdii kennuu hin dandeenyu. Isaan keessaa tokkoon ‘fe’iisa gaala tokko yookaan lamaa timiraaf qabdii kenname’ jedhama; kunis nuuf mallattoo salphinaa kan hin irraanfatamne ta’a. Garuu meeshaa waraanaa keenyaa fi uffata lolaa keenya qabdii siif kennuu dandeenya” jedhan. Ka’ab dhiheessa kana fudhate. Yeroo itti dhufan illee itti hime.38

“Yaa Aliyyi! Miira Faaximaa eegi. Isheen kutaa koo ti. Gaariin ishee qabi. Yoo ishee gaddisiifte, ana gaddisiifta” Hadiisa shariifa

Halkan tokko Muhammad bin Maslamaa Ka’ab bira dhufe. Abuu Naa’ilaanis isa wajjin ture. Ka’ab gara masaraatti isaan waame; ofii isaatii isaan simachuuf gad bu’e. Haati manaa Ka’ab: “Sa’aatii kana eessa deemta?” jette. Ka’ab: “Warri dhufan Muhammad bin Maslamaa fi obboleessa koo Abuu Naa’ilaa dha” jedhe. Haati manaa isaa: “Sagaleen ani dhaga’u kun natti hin tolu. Akka waan dhiigni isa irraa coccobuu ti” jette. Ka’ab: “Lakki, isaan Muhammad bin Maslamaa fi obboleessa koo harmaa Abuu Naa’ilaa dha. Inni dargaggeessa gaarii dha. Halkan lola goraadeetiif yoo waamame illee, utuu hin shakkin dhufa. Nama akkasii ti” jedhe. Muhammad bin Maslamaa nama lama, akka riwaayaa tokkootti immoo nama sadii, of wajjin masaraa galche. Isaanis Abuu Abs bin Jabr, Haaris bin Aws fi Abbaad bin Bishr turan.39 Muhammad bin Maslamaa hiriyyoota isaatiin: “Yommuu Ka’ab dhufu, rifeensa isaa akkan urgeeffadhu itti hima; mataa isaa qabadhee nan urgeeffadha. Yommuu ani mataa Ka’ab sirriitti qabachuu koo argitan, goraadee keessaniin rukutaa” jedhe. Ka’ab bin Ashraf bareedaa uffatee, urgaa bareedaa facaasaa bira isaanii dhufe. Ibn Maslamaa: “Hanga ammaatti urgaa akkanaa bareedaa hin urgeeffanne” jedhee Ka’abitti dhihaate. Ka’ab: “Dubartoonni Arabaa kanneen urgaa caalaatti bareedaa qaban bira koo jiru” jedhee of jaje. Muhammad bin Maslamaa: “Mataa kee akkan urgeeffadhu naaf hayyamtaa?” jedhe. Ka’ab akka hayyame itti hime. Ibn Maslamaan urgeeffate. Hiriyyoota isaattis urgeeffachiise. Achiis ammas urgeeffachuu akka barbaadu itti hime. Yeroo kana Muhammad bin Maslamaa mataa isaa qabatee, hiriyyoota isaatti goraadee isaaniitiin akka rukutan mallattoo kenne.

Rukuttaa goraadee jalqabaatiin Ka’ab jabeessee iyye, garuu hin duune. Kana irratti Muhammad bin Maslamaa billaa isaatiin isa ajjeese. Mujaahidoonni Ka’ab ajjeesan battaluma bakka sana dhiisanii Madiinaa ga’an. Yommuu Sayyida keenya Ergamaa Rabbiitti oduu gammachiisaa kennan, Nabiyyiin keenya Allaahu ta’aalaa faarsee mujaahidootaaf du’aa godhe. Ajjeefamuun kaafira Ka’ab bin Ashraf Yahuudota sodaa guddaa keessa galche. Sababni isaas erga hogganaan beekamaan akka Ka’ab ajjeefamee booda, ajjeefamuun isaanii dhimma yeroo qofa ture. Ganama walitti qabamanii Nabiyyii keenya kabajamaa bira dhufan. Waan halkan ta’e irratti komatan. Rasuula Kabajamaan: “Inni yeroo hunda nu rakkisaa, walaloo nu irratti dubbachaa ture. Isin keessaa namni akkas godhu kamiyyuu, adabbiin isaa goraadee ta’uu isaa haa beeku” jedhe. Doorsisa kana irratti Yahuudonni sodaa isaaniitiin Sayyida keenya Ergamaa Rabbii wajjin irra deebi’anii waliigaltee raawwatan.40

Duula gara Ghaxafaan

Duulli kun “duula gara Anmaar” fi “duula gara Zii Amr” jedhamees ni beekama. Banii Sa’labaa fi Banii Muhaarib keessaa gareen tokko bakka Zii Amr jedhamutti walitti qabamanii, waan naannoo Madiinaa argatan hunda saamuuf murteessanii turan. Hogganaan isaanii nama Da’suur bin Haaris bin Muhaarib jedhamu, kan Ghawras jedhamuun beekamu ture. Nabiyyiin keenya kabajamaan (sallallaahu alayhi wa sallam) Usmaan bin Affaan (radiyallaahu anhu) Madiinaatti bakka bu’aa godhee dhiisee, humna nama dhibba afurii fi shantamaa wajjin Madiinaa irraa ka’e. Karaa irratti nama Jabbaar jedhamu tokko qunnaman. Waa’ee diinaa isa gaafatan. Namichi: “Isaan isin wajjin loluu hin barbaadan. Yommuu isin argan gara tulluuwwaniitti baqatan” jedhe. Ergamaan Rabbii Islaamummaa isatti dhiheesse. Innis fudhatee Muslima ta’e.

Utuu waraanni Islaamaa gara sululaatti deemaa jiruu roobni roobuu jalqabe. Yeroo muraasaaf humna isaa guutuudhaan itti fufee, achiis laafee dhaabbate. Mujaahidoonni, Nabiyyii keenya kabajamaa irraa jalqabee, mataa hanga miillaatti bishaaniin jiidhanii turan. Namni hundi bakka tokkotti uffata isaa gogsaa ture. Ergamaan Rabbiis bakka namni hin jirre tokkotti uffata isaa gogsuuf baafatee muka tokko irra diriirse. Utuu muka jala aara galfachaa jiruu, kaafiroonni, kanneen waraana Islaamaa basaasaa turan, Ergamaa Rabbii kophaa isaa arganii Da’suur bin Haarisitti himan. Innis Ergamaa Rabbii ajjeesuuf, bakka inni itti aara galfachaa ture callisee itti dhihaate; goraadee isaa luqqifatee: “Harka koo jalaa eenyutu si baraaruu danda’a?” jedhe. Ergamaan Rabbii: “Allaahu ta’aalaatu na baraara” jedhe. Yeroo sana Jibriil alayhis-salaam dhufee qoma Da’suur rukutee lafatti isa darbate; goraadeen harka isaa jalaa bu’e. Ergamaan Rabbii (sallallaahu alayhi wa sallam) goraadee Da’suur fudhatee: “Harka koo jalaa eenyutu si baraara?” jedhe. Da’suur: “Namni tokkollee na baraaruu hin danda’u” jedhee, Kalima-i shahaadaa jechuudhaan Muslima ta’e. Namoonni hedduun akka iimaana fudhataniif sababa ta’e.41 Kana booda lolaaf gonkumaa loltoota walitti akka hin qabne waadaa gale. Walitti bu’iinsa meeshaa waraanaa malee gara Madiinaatti deebi’ame. Duula irra guyyaa kudha tokko turame.

Duula gara Bahraan

Duulli kun “Banii Sulaym” yookaan “duula gara Najraan” jedhamees ni beekama. Mushrikoonni baay’een, kanneen Banii Sulaym bira walitti qabaman, Madiinaa akka haleelan oduun dhufe. Ibn Ummu Maktuum bakka bu’aa godhamee hafe. Ergamaan Rabbii humna nama dhibba sadii wajjin diinatti duule. Diinni, waraanni Islaamaa dhufaa akka jiru dhaga’ee, gara tulluuwwaniitti baqate. Kanaafuu walitti dhufuun hin danda’amne. Duulli guyyaa kudha lama fudhate.

“Inni (Ka’ab bin Ashraf) yeroo hunda nu rakkisaa, walaloo nu irratti dubbachaa ture. Isin keessaa namni akkas godhu kamiyyuu, adabbiin isaa goraadee ta’uu isaa haa beeku” Hadiisa shariifa

Jaalalli Kee ana of irraa na fudhate;
Yaa Rabbii koo, Si nan jaalladha!
Jaalalli Kee akkam mi’aawaa dha;
Yaa Rabbii koo, Si nan jaalladha!
Qabeenyaan hin gammadu,
Hiyyummaanis hin gaddu.
Jaalala Keetiin nan gammada;
Yaa Rabbii koo, Si nan jaalladha!
Ibaadaawwan ajajde,
Haala gaarii jajje,
Qananii dhuma hin qabne kennite;
Yaa Rabbii koo, Si nan jaalladha!
Nafsiin koo akkam galata hin beektu:
Mi’aa isheetiif yeroo hunda ana aarsaa godhatti!
Ani garuu mi’aa dhugaa argadheera;
Yaa Rabbii koo, Si nan jaalladha!
Ibaadaa bareechee raawwachuu,
Addunyaafis hojjechuu –
Halkanii guyyaa hojiin koo kana, sababni isaas
Yaa Rabbii koo, Si nan jaalladha!
Jaalalli dubbiidhaan hin ta’u, Hilmi!
Rabbiin kee akka hojjennu nu ajaje.
Haala kee irraas haa beekamu:
Yaa Rabbii koo, Si nan jaalladha!
Diinonni Islaamummaa hedduun
Amantii dhoksaan haleelaa jiru;
Ati yoo callistee teessu, sirrii ta’aa?
Yaa Rabbii koo, Si nan jaalladha!
Namni jaallatu dadhabee ni taa’aa?
Jaallatamaa isaa irratti awwaarri akka qubatu ni dhiisaa?
Diina callisiisiitii akkana jedhi:
“Yaa Rabbii koo, Si nan jaalladha!”