DUBBII DURSAA
Allaahu ta’aalaa, Isa lubbu-qabeeyyii hunda uume, wanta jiru hunda yeroo hundumaa jiraachisee eegu, hunda isaanii sodaa fi rifaatuu irraa tiksu, ni faarsina. Nabiyyii Isaa jaalatamaa, ilmaan namaa keessaa isa karaa hundaan caalaatti bareedaa, caalaatti gaarii fi caalaatti ol’aanaa ta’e Muhammad alayhis-salaam irratti; maatii isaa (Aal) kan beekumsa, ogummaa fi amala gaarii facaasu irratti, firoota isaa irratti; akkasumas Sahaabota isaa1 (radiyallaahu ta’aalaa anhum / Allaahu ta’aalaa isaan irraa haa jaallatu) hunda irratti – warra fuula isaa bareedaa, kan lubbuuwwaniif fayyaa ta’e, arguu fi dubbii isaa bu’aa qabeessa dhaga’uun kabajamanii, akkasiin ilmaan namaa hunda keessaa warra caalaatti gatii qaban ta’an –, warra faana isaanii hordofan irrattis salaata (du’aa) fi salaama keenya ni buusna.
Allaahu ta’aalaan addunyaa kana keessatti ilmaan namaa hundaaf garaa laafee, waan isaaniif bu’aa qabu uumee isaanitti erga. Aakhiraatti immoo Inni2 tola Isaatiin mu’minoota Jahannam seenuu qabaniif illee dhiifama godhee Jannatatti isaan ga’a. Muhammad alayhis-salaam nabiyyii3, rasuula fi habiiba (jaalallee) Allaahu ta’aalaa ti; sayyida (hogganaa) ilmaan Aadam ti. Warri Nabiyyii akkanaa ulfaataatti amananii karaa isaa hordofan, dhugumaan ummatoota keessaa warra caalaatti gaarii ta’an.
Janaab-i Haqq rahmata Isaatiin ummata isaa nu gochuudhaan qananiiwwan Isaa keessaa isa hunda caalu nu ga’e.4 Isa hordofuu fi isaaf ajajamuun akka barbaachisu ifatti beeksise. Qananii guddaa kanaaf Rabbii keenya hammam faarsinee galateeffannus xiqqaa dha. Allaahu ta’aalaan wanta tokkollee utuu hin uumin dura ifa eebbifamaa (nuura) Hogganaa Aalamaa (sallallaahu alayhi wa sallam) uume. Qur’aana Kabajamaa keessatti, Nabiyyii keenya kabajamaatti haasa’amee: “Nuti aalama hundaaf rahmata godhinee si ergine” jedhame. Hadiisa qudsii5 keessattis: “Utuu ati hin jiraanne, utuu ati hin jiraanne, Ani uumamtoota hin uumu ture” jedhame.
Ulaagaan hundee iimaanaa (amantii) “Hubb-i fillaah wa bughd-i fillaah”, jechuunis michoota Allaahu ta’aalaa jaallachuu, diinota Isaa immoo jaallachuu dhiisuu dha. Kun hanga hin jirretti ibaadaan tokkollee hin fudhatamu; fuula abbaa isaatti deebi’ee darbatama. Kanaafuu “Sayyida Aalamootaa” jaallachuun nurratti farda ta’e; jaalala isaa eebbifamaa onnee keenya keessa kaa’uu fi amala isaa gaariidhaan of miidhagsuun nu ajajame. Jaalalli kun akka itti fufuuf, jaarraa hedduudhaa kaasee kitaabonni jireenya eebbifamaa Nabiyyii keenya kabajamaa himan barreeffamaniiru; ammas ni barreeffamu. Dhugaa dubbachuuf, maqaa isaa eebbifamaatiin barakaan argama. Nutis barakaa kana irraa fayyadamuuf, jaalalli isaa akka onnee keenya guutee irraa dhangala’uuf, jireenya eebbifamaa Sulxaana Uumamaa, Sayyida keenya Ergamaa Rabbii – kan kitaabota hayyoota Ahl as-Sunnaa irraa qorannoo dheeraadhaan qophaa’e – akka dubbistan isin gorsina. Warra itti dadhaban hunda irraa Allaahu ta’aalaan haa jaallatu. Janaab-i Haqq onnee hunda keenyaa jaalala Nabiyyii keenya kabajamaatiin guutee, karaa qajeelaa hayyoonni Ahl as-Sunnaa ibsan irra nu haa tursiisu! Aamiin.
Dr. Enver Ören
Ka’abaa Mu’azzamaa fi Masjidul-Haraam Makkatul-Mukarramaa
